🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

HUBADHU! ▬▬▬▬▬▬ ❏ Guyyaatti umuriin namaa ni hir'ata. Namni ga | Getu Official

HUBADHU!
▬▬▬▬▬▬
❏ Guyyaatti umuriin namaa ni hir'ata. Namni garuu umuriin isaa hir'achuun kun isa hin yaachisu hin yaadatus. Qabeenyi isaa yoo hir'ate ni rifata. Qabeenyi ni argama kan deebi'ee hin argamne umurii ture.

❏ Mee Sirriitti Dubbisi!
➛ Yoo kubbaa miilaa ilaaluu ta'e, daqiiqaa 60 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo fiilmii ilaaluu ta'e, daqiiqaa 250 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo facebook goroggoruu
ta'es, sa'aatii 24 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo barreeffama waatsaappii ta'e, 60 ol dubbisuu danda'a.

❍ Garuu nama baay'eetti karaa jireenya bara baraa galuuf ittiin of qopheessu shaakaluun, qajeelinaaf jiraachuuf dhimmanii yaaduun, Waaqayyoon kadhachuun, Macaafa Qulqulluu dubbisuun baay'ee itti ulfaata.

❍ Mee akkuma jireenya foonii kee cimsachuuf fiigdu, jireenya hafuuraatiinis guddachuudhaaf of qopheessi!

"Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qoqopheessuun garuu, wanta baay'eedhaaf nama gargaara; jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira."
— 1Ximotewos. 4:8

➊. Kaleessa jiraannee dabarree jirra, hin deebi'u.
➋. Har'i ni darba; garuu seenaadhaaf ta'a.
➌. Boru itti gahuu keenya hin beeknu.

Anis, atis, isaanis karaa jirra! Deemutti jirra. Daandii irra adeemnu ammuma irraa jalqabnee bareechinee haa hubannu.

❏ Kanaafuu nama hundumaa waliin nagaa dhaan jiraadhu! Dhiifama namaa godhi! Waaqayyos dhiifama siif godha.

@Getu_Official
@Getu_Official