🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

【TORTORI!】 ▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Eeyyee har'a akka ati tortortuufin si | Getu Official

TORTORI!
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Eeyyee har'a akka ati tortortuufin si jajjabeessa!

❏ Sanyiin biqilaa tokko gaafa facaafamu biyyee fi kosii keessatti darbatama. Darbatamuu qofa miti biyyeen itti deebi'ee awwaalama! Erga awwaalamees gogaan isaa biyyeen nyaatamee tortora. Sana booda erga dhaqni isaa dhumee micireen keessaa quqquuquu jalqabdi! Quqquuqxees mataa baafattee biyyee isa dhaqna ishee ajjeese sana saaqxee ol baati. Ni guddatti! Sanyii tokko taatee awwaalamtee heddummattee biqilti. Awwaalamuun in daangessine! Gogaan ishee nyaatamee du'uunis ulfaataa ture garuu, micireen sun akka dhiphinatti bartu godhe. Gogaan ishee yeroo du'u akka micireen sun daftee biqiltuuf xaa'oo ta'e.

⁃ Argitee, utuu gogaan midhaan kanaa in tortorin micireen tasa biqiluu hin dandeessu! Atis sanyiidha. Micireen sammuu keeti. Haaloti hedduun yeroo yeroon dhufanii waraanuun si madeessaa oolu. Madeessanii si dirmammeessu. Gaafa damdamadheera jettu, ammas akka madaa jaldeessaa tuttuqanii kulkula kee boossisu.

⁃ Hubadhu, ati kana hunda ciniinnattee darbuu qabda. Yoo bifti kee xuuxamee jijjiiramu, namummaan kee gadi adeemu, micireen kee mataa baafachaa jirti! Kanaaf jabaadhuutii TORTORATTI of kenni! Eeyyee tortori! Sana booda xaa'oo argattee miciree keetiin biqilta. Kan biqiluu danda'u gogaa miti, qola miti. Micireedha.

╔══════╗
Miciree!√√
╚══════╝

⁃ Qolli akka ati hin biqilleef danqaa sitti ta'aa ture sun gaafa du'u xaa'oo ta'ee guddina kee saffisiisa. Kanaaf gogaa keetiif hin boo'in haa tortoru. Biqiltee argamuuf imalarra jirta waan ta'eef abdii hin dhabin! Aggaammii kee isa eegalte harkaan qabattu malee hin aboottifatin! Tortoruu in barbaaddu taanaan, biqiluus hin yaadin! Biqiluuf Tortori!

STAY CONNECTED!
┃┃┃@Gaggeessummaa
┃┃@Gaggeessummaa
┃@Gaggeessummaa
╚══════════════