🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

❏ 'Nuti karoora hin qabnu taanaan namoota karoora qabanitu nu | Getu Official

❏ "Nuti karoora hin qabnu taanaan namoota karoora qabanitu nu irratti hojjata."
@Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
๛ MUL'ATA MATAA KEE,
๛ KAROORA MATAA KEE,
๛ KAAYYOO MATAA KEE QABAADHU!

❍ Namni karoora cimaa karoorsee karoora isaa sana hojii irra hin oolchinee fi namni karoora hin qabne tokkuma.

❍ Karoorsuun qofti immoo bu'aa hin qabu. Karoora karoorsaniif amanamaa ta'uun, waan nama irraa barbaachisu hundumaaf aarsaa kanfaluun hojiirra oolchuu barbaachisa.

Kana gochuu baannaan garuu umurii harka namaa eeggachuu hin qabnetti harka namaa eeggachuu, yeroo ergachuu qabanitti ergamuu, yeroo hogganuu qabanitti hogganamuu, iddoo kabajamuu qabanitti xiqqeeffamuu namatti fiduu danda'a.

❍ Utuu akka namaa gaarii uffatanii, nyaatanii, dhuganii gammaduu hawwanuu, hamilee qofaan darbuu, utuu humna ofiitti fayyadamuun mul'ataa fi kaayyoo ofii hin dhugoomsin, utuma kan namaa ilaalanii hawwanii jireenya ofii gadi qabuun, addunyaa irraa darbuu Waaqni nama haa baasu!

Karoorsanii karoora ofiis hojiin miidhaksuudha. Nama tahuu barbaannaan akkasumas galma gahuu barbaadaniif hojjechuuf karoora ofiitiif amanamaa tahuun hunda caalatti nama milkeessa!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa