🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

MILKAA'INA WALMADAALE '...Nuyi abdii amanamaadhaa fi cimaa qa | Getu Official

MILKAA'INA WALMADAALE

"...Nuyi abdii amanamaadhaa fi cimaa qabna;"
— Ibr. 6:19

Lafa kana irratti namni akeeka uumameef beekee jiraatu akkuma muraasa ta'e namoonni kaayyoo jiraataniif beekanii galma barbaadan gahanis muraasa. Asitti kan waliin ilaallu milkaa'ina barbaadan bira gahuuf dursanii maal gochuu akka barbaachisudha.

Milkaa'inni lafa kana irraa ija hafuuraatiin gaafa ilaalamu, milkaa'ina walmadaale ta'uutu irra jiraata. Milkaa'ina walmadaale jechuun jireenya fooniif kan barbaachisu hundi jireenya hafuuraa akka hin miinetti eeggachuu jechuudha. Luqaas. 9:25 irratti "...namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, Iubbuu isaatti yoo hir'ise, yoo of balleesses, bu'aan isaa maaliree?" akkuma jedhu, akka ta'utti yoo itti hin fayyadamne biyyi lafaa wantoota lubbuu keenya miidhaniin kan guutamtee dha!

Biyya lafaa kana irra hamma jirrutti jireenya foonii fi hafuuraatti milkaa'uuf akka ta'utti irratti hojjechuun nuuf kennameera!

Lafa kana irratti inni tokko milkaa’aa ta’ee inni kan biroo immoo waan yaadetti utuu hin milkaa’in kan hafuuf sababni yoo jiraate:
➛ Dandeettii kaka’uumsa milkaa’inaaf qabu,
➛ Tattaaffii waan tokko fiixan baasuuf godhu,
➛ Mul’ata qabaachuu,
➛ Abdii kutachuu dhiisuu,
➛ Akkaataa itti fayyadama yeroo fi kan kana fakkaatan murteessuu fi irratti hojjechuuni.

Dhalli namaa hundumtuu walqixa kennaa adda addaatiin badhaafameera. Kunis sammuu ittiin yaadu, harka ittiin hojjetu, yeroon isaaf kennames wal qixxeedha.

Har'a Gaaffilee Kanneen of gaafachuun kutaa Jireenya kee isa murteessaatti akka adeemtuuf sin jajjabeessa!
➛ Maalifan uumame?
➛ Jireenya koo irraa faayidaa akkamii argachuun qaba?
➛ Namni jireenya koo irraa maal barata?
➛ Fakkeenya gaarii dhalootaaf ta'uudhaaf maal gochuun qaba?
➛ Karooraa fi mul’ata kee irratti hojjechuuf maal gochuu akka si barbaachisu tarreeffadhu?

@Getu_Official
@Getu_Official