🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

KADHATICHA! Namicha waggoota dheeraadhaaf karaa irra taa'ee k | JECHOOTA GAMNAA ✪

KADHATICHA!

Namicha waggoota dheeraadhaaf karaa irra taa'ee kadhatu tokkotu ture. Umurii isaas, aduu dhiitee bariitu, karaa sana irra taa'ee waan tokko gochuun dabarsa ture. Innis namoota daandii sanarra isa bira darbaa oolan qarshii kadhachuudha. Guyyaa tokko akkuma yeroo kaanii namichi kara-deemaan tokko isa bira darbuu yoo dhufu, "Adaraa na gargaari. Rabbi irraa argattaa" jedhee moofaa ciccituu isa fuuldura jirturra akkuma inni saantima muraasallee buuseefii darbuuf harka isaa raasee kadhate. Namichis, "Ani homaa waan siif kennu hin qabu. Waaqni siif haa kennu" ittiin jedhe. Itti dabalees, "Kan ati irra teessee jirtu kun maaliidha?" jedhee miira shakkiin kadhataa sana gaafate. Kadhatichis, "Homaayyuu miti. Saanduqa xiqqoodha. Ergan gaafa asitti argee eegalee waggoota dheeraadhaaf kanuma irra taa'een kadhataa ture" ittiin jedhe.
"Bantee ilaaltee beektaa?" namicha kara-deemaa santu gaafata.
"Lakki."
"Maaliif hin banne?"
"Homtuu keessa hin jiru nan beeka. Maaliifan bana?"
Kara-deemtichis, "Mee har'a banii ilaali!" ittiin jedhe.
Kadhatichis irraa ol ka'ee saanduqa xiqqoo sana bane. Yoo keessa saanduqichaa ilaalu garuu ija isaa amanuu dadhabe. Saanduqichi warqeen guutee jira. Namichi waggaa afurtamaa oliif warqee gatii mi'aa irra taa'ee saantima muraasa kadhataa ture.


Seenaan kun kitaaba 'The Power Of Now' jedhu kan Eckhart Tolle barreesse irraa fudhatame.
Barreessichis dhaamsa seenaa kanaa akkasiin kaa'e: "Anis namicha kara-deemaa homaa waan siif kennullee hin qabneedha. Garuu akka ati gara keessaa ilaaltuuf sittin hima. Gara keessaa yeroon jedhu keessa saanduqaa kan warqee barbaachaaf gootu miti. Keessa isa isa caalu, kan sitti dhihoo jiru, keessa ofiikeeti. Keessa ofiikee ilaali. Gaafas 'ani kana booda kadhataa miti.' ofiin jetta."

Isin hoo maal irraa hubattu?


@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa