🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Ganama kee akkamitti jalqabda? Qulqullinni guyyaa keenyaa haa | JECHOOTA GAMNAA ✪

Ganama kee akkamitti jalqabda?

Qulqullinni guyyaa keenyaa haaloota guyyaa sana nu mudatan hammam akka dandamanne irratti hundaʼa. Guyyaa keenyaan walitti hidhamuudhaan sammuu keenya deebisnee kaasaa, tasgabbii fi yaada gaggaarii ishee keessatti uumaa dandeettii qaamaa fi sammuu keenya guddisuun waan layyoo miti.

Namoonni baay'een guyyaa isaanii qunnamtii elektirooniksiitiin jalqabu. Jeequmsi addunyaa sammuu jeequmsa, osoo ati guyyaa kee hin jalqabin sammuu kee jeequudha. Sammuu jeeqamte kan to’achuufi irra aanuun rakkisaa ta’a.

Jeequmsa addunyaa kanaan sammuun kee jeeqamnaan ni mufatta, ni gaddita, gammachuu hin argattu kuniis hariiroo namoota biroo wajjin qabdu irratti dhiibbaa qaba.

Guyyaa kee galateeffachuun jalqabi, jireenya guyyaa biraatiif galateeffadhu. Kadhannaa fi xiinxaluudhaan sammuu kee tasgabbeessi.

Deeminsa kee uumama waliin wal qunnamaa karoora guyyaa keetiif uumi. Guyyaan kee caalaatti bu’aa qabeessaa fi jeequmsa xiqqaata jechuudha!!!!!

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa