🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Hubadhu Sababa shakkiin carraa argame of hin dabarsiin; carr | JECHOOTA GAMNAA ✪

Hubadhu

Sababa shakkiin carraa argame of hin dabarsiin; carraan akka qoosatti har'a of dabarsite bor deebi'ee dhufuu dhiisuu mala waan taheef! Jireenya kee jijjiruuf hin sussukiin; ariifadhu! Guyyoonni akka milkaa'ina siif fidaniif teessee hin eegiin; guyyaa keessaatti milkaa'ina uumuuf tattafadhu! Addunyaa gama hundaan fiigaa jirtu keessa taa'uun, wallaalummaa yoo ta'e malee beekumsa miti. Keesumaa dargaggoonni yeroo humna jabaa qabnu kanatti yoo fiigne nurraa bareeda! Haa tattafannu, fedhii jijjiramaa, fedhii guddachuu, fedhii nama dhiibbaa gaarii uumu ta'uu haa qabaannu! Jireenyi filannoodha malee dirqii miti. Dirqiin kan rakkoo keessa gad si teesisu hin jiru, yoo si ta'e malee! Ati ofirratti dammaqnaan kan deebi'ee si raffisuu danda'u Suma mata keeti. Atimmoo maaf of raffiftaree? Maaf of gufattaree? Maaf diina ofitti taataree? Lakki kun hin ta'u! Fira ofiif taatee waan siif malu argachuu qabda; jireenya siif malu jiraachuu qabda!... Hubaadhu ati kan duutu, gaafa dhaabbanniis ta'e, mootummaan si qacaruu dhiisu utuu hin taane gaafa ofii Kee irratti abdi kutattuudha! Amma abdi qabdutti hojii qabda!....Waan kamiyyuu Dhabi, abdi ofirraa hin kutiin...rakkoo hin qabu hiriyyaa, maatiif, namoota kan biroo irraa abdi kutadhu garuu matumaa Uumaaf ofii Kee irraa abdi kutachuu hin qabdu! Sababni isaa Your are boss of your life!

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa