Get Mystery Box with random crypto!

Maqaan koo Bizuunesh Dammerewun jedhama. Kanan eebbifame yuuni | Lersha App

Maqaan koo Bizuunesh Dammerewun jedhama. Kanan eebbifame yuuniversiitii Arba Minci irraa bara 2011 digiriin gosa barnoota mahaandisummaa bishaanii fi haayidirooliksiin. Kanan jiraadhu magaalaa Hurataa, ganda Goondee Qorcaasaa jedhamuu dha. Ijoollummaa koo irraa eegalee maatii koo oyiruu qonnaa irratti hojii qonnaan gargaara. Yuuniversiitiin Arba Minci yuuniversiitii muummee barnoota mahaandisummaa bishaaniin baay'ee beekamaa kan ta'ee fi carraa qorannoo faayidaawwan maddi bishaanii jal'isiif qabu argachuu kootti gammachuutu natti dhaga'ama. Haa ta'u malee eebba booda hojii argachuu kanan hin dandeenyee fi rakkina qonnaan bultoota lafa xiqqoo qabanii akkan barbaadetti irraa bilisa gochuu hin dandeenyen ture. Garuu amma bakka bu'iinsa lershatti kanan gammaduu dha. Kaayyoon koo karaa lersha jabaadhee hojjedhee qonnaan bultoota tajaajiluu fi abjuu koo qonnaan bultoota lafa xiqqoo qaban gargaaruu jalqabatti galmaan ga'uu dha.

@Lershaapp