🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

AMALA MANCA'AAF SABABNI BARSIISA MANCA'AADHA. NA KOFALCHIISTE | Hundee Amantoota Wangeelaa

AMALA MANCA'AAF SABABNI BARSIISA MANCA'AADHA.

NA KOFALCHIISTE DHUGA!

ISAAN NU KEESSAA BA'AN MALEE KAN KEENYA MITI!

Taatee dhugaa!

Obboleettii koo kan taate faarfattuu tokkotu faarfannan hojjedhaa mana faarfannaan itti waraabamu(Studio) tti na geessi naan jennaan tole jedhee mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessaa baanee gara bakka faarfannaan itti waraabamuutti qajeelle. Bakka faarfannaan itti waraabamu ga'uuf daqiiqaa muraasni kan nuuf hafutti, obboleessi tokkoo fi obboleettiin tokko Magaalaa Jimmaa keessa naannoo leenca afuriitti(Arat-Anbasa) dhaaabbatanii barruulee fi kitaabota hafuuraa dubbifamu danuu baadhatanii ijaajju. Ani ofii kootii barruulee dubbifaman arginan bira darbuu hin jaalladhu waanan ta'eef itti goree gaafan isaan keessaa obboleessa sana dubbisu haasaa armaan gadii waliin haasofne

Ana: Barruleen kun nii gurguramuu?

Isa: Lakki hin gurguraman tola fudhachuu dandeessa.

Ana: Garuu maaf tola hirtu isin tola maxxansiiftan moo?

Isa: Lakki dhugaa gama keenya jiru namoonni hubatanii akka dhuga baatonni akka keenyaa baayyataniifi.

Ana: Maal jechuu keedha Kristiyaanota warra kaan irraa wanta adda isin godhutu jira moo?

Isa: Eeyyee! Akka fakkenyatti waan sitti himaa na dhageeffadhu.

Ana: Tole; itti fufi.

Isa: Barsiisa Kristiyaannonni warri kaan itti amanan keessaa waa'ee barsiisa sadan tokkummaa dhuga jirun siif himaa na dhageeffadhu; Barsiisni waa'ee sadan tokkummaa hundee ergamootni kaa'ani fi waldoota jalqabaa osoo hin taane,seexana irraa kan dhufeedha. Akkasumas Kristiyaanootnii waaqolee garaagaraa saditti amanu,kanaafuu tarree warra waaqa tolfamaa waaqessaniitti ramadamuu danda‟uu. Waa‟ee sadan tokkumaa sammuun hubatamuu waan hin danda‟amneef sirri miti. Sababni isaa waaqni waaqa waliin nama dhahu miti; inni maqaa aangoo hedduu qabaatus maqaa dhuunfaa garuu tokkitti qaba.innis "yehowwa‟ isa jedhamudha jechuun Seera Ba‟uu 6:3 aka wabitti naaf dhiyeesse.

Ana: Obboleesso hin dogoggorin; Luqqisii tokko namatti luqqifachuun waqtii gannaa qorran of irraa dhowwa jedhanii gaabii keessaa kirrii tokkitti luqifatanii gatiittii irra buufachuudhaa. Sababni isaa Kristiyaanotni macaafa qulqulluuun bulan waaqolee gargaraa sadiitti kan amanan osoo hin taane, waaqa tokkicha garuu qaama sadii kan qabutti amanu kun immoo barsiisa falaasama namaa ossoo hin taane guutummaan macaafaa kan dhugaa ba‟uudha. akkasumas barsiisni waa'ee sadan waaqa tokkoo hundee ergamootni kaa'aniidha akkasumas
barsiisa Yesuus Kristosidha. Mat 28:19. Itti dabalee waldootni gara jalqabaa kan itti amanaa turanii fi caalaadhumattiyyuu barsiisa
kanaan barsiisa mormu ittiin mormuuf Yeroo adda addaatti ibsa amanatii baafachuun isaani raga eenyullee haaluu hin dandeenyeedha. Fakkeenyaaf Ibsa amantii Atenaawoos fi Niqiyaa.

Isa: Inni illee haa ta'uu; Lafti kun bara baraan dhaabbattee waan haftuuf gara jannataatti akka isheen jijjiiramtu beektaa jannati lafuma kana irra akka ta'e?

Ana: Ha ha ha amma reefuu Na kofalchiiste dhugaa! Laftii baqxee ,gubatte,maramtee baddee,haaraadhaan bakka akka buutu luqqisii armaan gadii kana hin dubbifannee ati
2Phex 3:7,10,12, Mul 21;1;20;11.

Isa: Tole haa ta'u akka macaafa qulqulluutti dhiiga kennuu fi fudhachuun sirriidha jettee yaaddaa ammati?

Ana: Macaafa qulqulluu keenya keessa foon dhiiga qabu nyaachutu dhorkame malee dhiiga waliif kennaniin du'a foonii wal baraaruun hin dhorkamne.

Isa: Guyyoota ayyaanaa kabajuun hoo?

Ana: Macaafni qulqulluun ayyaaneeffachuu hin deggaaru hin mormus. Kutaan macaafaa Qol 2:16 kan inni dubatu waa‟ee ayyaana guyyaa yadannoo dhaloota gooftaa fi du'aa ka'uu oso hin taane ayyannota kakuu moofa keessaa kennamaniidha. Kanaaf guyyoota ayyaana kabajuu akka cubbuutti ilaaluu hin dandeenyu.

Isa: Tole egaan gara dhumaatti waan si gaafadha; Waaqni waaqa jaalalaa waan ta'eef ,abiddaan nama gubuun haa hafuu waa'ee abiddaayyuu isa suukanneessa kanaaf egaa si'ool bakka du'ootni itti walitti qabamanidha malee abidda bara baraa wanti jedhamu akka hin jirre hin amantuu?