Get Mystery Box with random crypto!

Ana: Obboleesso waaqayyoo jaalaladha jechuun waaqni waaqa haqa | Hundee Amantoota Wangeelaa

Ana: Obboleesso waaqayyoo jaalaladha jechuun waaqni waaqa haqaa miti jechuu miti kanaafuu abiddi bara baraa akka jiru sirriitti amanuu qabda; Sababni isaa kutaa macaafaa kanatu nutti hima waan ta'eef: Mat 5:22,13:42,49-50,Mul 20:10.

Isa: Yesuus mee kan inni du'aa ka'e foonin utuu hin ta'in hafuuraan akka ka'e nii amanta mitii garuu?

Ana: Yesuus kan inni du'aa ka'e dhagna du'aa ka'uu uffatee fooniin malee hafuuraan qofa miti Luq 24:39 hin dubbifannee ati!

Isa: Garuu obboleesso ati maalif akkas mataa jabaatta?

Ana: Ha ha ha Kun mataa jabaachuu koo argisiisaa? Mee gaaffilee armaan gadii kana naaf deebisuu dandeessaa?

Maqaan inni sirrin waaqnii museetti hime ‟YHWEH‟ ta‟ee osoo jiruu maliif "Jehovah‟ jettanii of waamtan?

Amantootni jaarraa jalqabaa „dhuga baatota yehowaa‟ jedhamuurraa,maaliif "Kristiyaanoota" jedhamanii?

Maqaan "Yehowaa‟ jedhu hunda waaqa ibsa akkasumas maqa waaqaatis taanan maliif guutummaa kakuu haaraa afaan Girikiitiin isa barreeffame keessaatti argamuu hafee?

Isa: Obboleesso kitaaba koo lafa keessee na biraa deemuu dandeessaa?

Ana: Tole; Nagaatti.

Obboleettii faarfattuu na faana jirtuu wajjin gara Studio tti qajeelle.
Egaan obboloota ko
2Phe. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Akkuma raajonni sobduun saba sana gidduu turan, akkasuma barsiisonni sobduun isin gidduu in jiraatu. Isaan warra utuu irratti hin beekamin, barsiisa wanta amaname irraa kaachisee nama balleessu fidanii, goofticha isa isaan fure iyyuu gananii, ofii isaanii irrattis badiisa ariifachiisaa fidanii dha.
² Namoonni baay'eenis gad-dhiisatti jiraachuu isaanii kana duukaa bu'u; sababii isaaniitiifis karaan dhugaa sun maqaa gadhee in argata.
³ Sassata isaaniitiin immoo dubbii mataa keessaa fuudhanii odeessaniin isin irraa nyaatu; firdiin bara duriitii jalqabee isaan irratti kenname hojjechuu hin dhiifne, badiisi isaaniis dhibaa'ee hin rafne.
⁴ Waaqayyo ergamoota iyyuu warra cubbuu hojjetan gad darbatee, boolla dukkanaa keessatti funyoo sibiilaatiin hidhamanii guyyaa firdiitiif akka kaa'aman godhe malee, isaan hin qusanne.
⁵ Bara biyya lafaa isa kan warra Waaqayyo malee jiraatanii, bishaan irra lolaases, Nohin isa qajeelina lallabu, namoota biraa torbaa wajjin oolche malee, biyya lafaa isa bara durii sana hin qusanne.
⁶ Inni mandaroota Sodoomii fi Gomoraatti faradee, ibiddaan balleessee daaraa gochuu isaatiin, warra Waaqayyo malee jiraatanitti wanta dhufuuf jiru fakkeenya isaanii irraa akka argan godheera.
⁷ Looxin nama qajeelaa, isa gad-dhiisatti jiraachuu warra jal'ootaatti yaadaan rakkachaa ture immoo in oolche.
⁸ Namichi qajeelaan sun yeroo isaan gidduu jiraatu waan arguu fi waan dhaga'uun, lubbuun isaa isheen qajeeltuun sababii hojii isaanii isa seeraan walii hin galleef guyyaa guyyaatti isa keessatti in rakkatti turte.

Ayyaanni isiniif haa baayyatu! Yoo ta'ii dhugaa kana irraa barattaniittu ta'e hiriyoota keessaniif qoodaa!

Fuula fb Amantii Tasfaa irraa