Get Mystery Box with random crypto!

Yaa Rabbii balaa tasaa irraa nu eegi. guyyaa kaleessaa konkol | Al-risala-tube

Yaa Rabbii balaa tasaa irraa nu eegi.

guyyaa kaleessaa konkolaataan Isuzi barattoota diinii (Darasoota) 20 fe'attee godina Arsii lixaa magaalaa kofalee irraa osoo deebi'aa jirtuu naannoo Dodolaatti riqicha irraa gara galuun battalumatti barattoota diinii afurii (4) fi dargaggoo tokko lubbuu galaafachuun, namoota kaan irra ammoo miidhaa cimaaf salphaa dhaqqabsiisuun hospitaalatti kan yaalamaa jiran tahuun beekkame.

Barattootni diinii kuni sagantaa sirna deeggarsa Sh Zubeeyrii kan magaalaa saaguretti dhukkubsataa jiraniif godhame irra kan turaniifi yeroo saganticha xummuranii galiinsaaf karaa bu'an balaan hadhaawaan kuni kan mudatee dha.

Warroota lubbuun isaanii gama RABBII godaanteef dhangaan araarama RABBII isaaniif haa tahu,isaan wal'aanamaa jiran fayyaa isaanii yeroo gabaabaa keessatti akka isaaniif deebisu deeggarsaafii du'aa'iin bira dhaabbanna.