Get Mystery Box with random crypto!

Sirni Hajjii Bara kanaa Namoota Talaallii COVID-19 fudhatan qo | Al-risala-tube

Sirni Hajjii Bara kanaa Namoota Talaallii COVID-19 fudhatan qofaaf kan hayyamamu tahuu ibsame

#Ministeerri Fayyaaa Sa’uudii muslimoonni sirna Hajjii bara kanaa irratti hirmaachuuf hawwii qaban, dirqama talaallii COVID-19’ fudhachuun kan isaan irraa eeggamu tahuu beeksise jechuun gaazeexxaan biyyattii Okaz jedhamu gabaase.

#Akka gabaasa kanaatti, Ministeerri fayyaa biyyattii Tofiiq Al Raabiyaa ibsa wixata dheengaddaa sirna hajjii bara kanaa ilaalchisee keennen “muslimoonni sirna Hajjii baranaa irratti hirmaachuuf karoora qaban hundi isaanii dirqama  talaallii COVID-19 fudhachuu  qabanii”jedhe.

Sirna hajjii bara kanaa irratti immoo namoonni hagam akka hirmaataniif fi akkasumas biyyoota addunyaa garagaraa irraa akka hirmaataniif hayyamuu fi dhiisuu ilaalchisee Mootummaa Sa’uudii irraa wanti ibsame hin jiru.

Sirni hajjii bara kanaa July 17,2021 jalqabamee July 22 xumurama jedhamee tilmaamama, Itoophiyaan immoo talaallii COVID-19 marsaa duraa sirni hajjii jalqabuu ji’a tokko dura akka alaa galfattu ibsite.
#Nh