🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Tasgabbii Onneedhaa. #Onnee haara baafachiisun, gammachiisun | Al-risala-tube

#Tasgabbii Onneedhaa.

#Onnee haara baafachiisun, gammachiisuni fi akka hin yaaddofne gochuun fedha hundaa ti. Jireenyi gaariin sanaan argama. Kun argamuuf sababaawwan amantiin, uumamaani fi dalagaan wal qabatantu jira.

#Sababaawwan kanniin mu’umina malee namni biraa walitti qabachuu hin
danda’u. Sababaawwa kanniin keessaa gariin:

•Rabbitti amanuu, Wanta ajajaman hojjachuu fi wanta dhoorgaman irraa fagaachuu.

•Jechaan, hojiini fi waan gaarii hunda gochuunif uumamatti tola ooluu, Hojii fi barnoota amantii fi duniyaa kan bu’a-qabeessa ta’een qabamuu.

•Hojii fuula duraa dhufuu fi isa dabretti yaadda’uu dhiisanii kan yeroo irra jiranii hojjachuu, Zikrii Rabbii baay’isuu;

•Ni’imaa Rabbii, isa ifaati fi dhokataas, irraa haasa’uu.

•Waa'ee duniyaa keessatti nama ofii olii ilaaluu dhiisanii nama ofii gadii ilaaluu.

•Sababaawwan yaaddoo fidan dhabamsiisuu fi isaan gammachuu
fidan argamsiisuuf yaalii gochuu.

•Du’aa’iwwan ergamaan Rabbii [s.a.w]
yaaddoo dhabamsiisuf itti fayyadamaniin Rabbiin kadhachuu.