🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Akka Nabi Muhammed [s.a.w] haa tanu. •Nabi Muhammed [s.a.w] | Al-risala-tube

#Akka Nabi Muhammed [s.a.w] haa tanu.

•Nabi Muhammed [s.a.w] Amaanaa tiiksa, Nama hin sobu nama ganees waadaa hin diigu.

•Nabi Muhammed [s.a.w] Nama hin hamatu, Naamuusa hawaasaa hin tuqu, gurraa namaas hin balleessu.

•Nabi Muhammed [s.a.w] Nama qaamaa qalbiin isaa jiidhaati, rakkataa rahmata godha, nama galata beeku, Halkan osoo dhaabbatuu miilli isaa babaqaqe.

•Nabi Muhammed [s.a.w] Rahima sufa, Nama gurguddaa ni kabaja joollee xixxiqqoofis rahmata godha.

•Nabi Muhammed [s.a.w] Ollaa hin rakkisu namattis hin boonu.

•Nabi Muhammed [s.a.w] (Qadara) waan guyyaa keessa nama mudatu Keeyrii taatu sharrii taatuu rabbi biraayi jedhee fudhata.

•Nabi Muhammed [s.a.w] Nama isatti balleesse irra darbaaf, Nama wal dhabe haqaan walitti araarsee gidduu namaa tolcha.

•Walumaa galatti Nabi Muhaammed [s.a.w] Nama amala gaarii fi Naamusa guddaati Haala isaani rabbis ragaa bayeef.
[القلم : (٤) وإنك لعلى خلق عظيم ]

"Dhugumatti, ati amala (naamusa) guddaa irra jirta."

#Sifa Nabi Muhaammed [s.a.w] haa qabaannu.