🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Kitaabni madrasaa eebbifame Wiirtuun (Markaza) Daarul Hijrata | Al-risala-tube

Kitaabni madrasaa eebbifame

Wiirtuun (Markaza) Daarul Hijratayinii kitaaba madrasaa kutaa 1ffaa kan hanga kutaa 1-4tti barsiisuuf tajaajilu guyyaa har'aa 14/05/14 hoteela Ummaatti eebbisiisee jira.

Eebba kana irratti ulamaa'ii gurguddoo akkasumas daa'iwwan fi ustaazonni fi hedduu argamanii jiru.

Kitaaba madrasaa kutaa 1-4tti tajaajilu qopheessuun kun adeemsa barnoota Islaamummaaf tarkaanfii isa guddaa fi jalqabaa dha.

Markaza kana keessatti kitaaba kana qopheessuun kan dadhabdan hundi miindaa keessan Rabbi jannata haa taasisu.

Markazni kitaaba kutaa 2ffaa kan kutaa 5-8tti tajaajiluu yeroo gabaaba keessatti akka qooheessanii ummata keenyaaf dhiheessan deeggarsaan qaamni hundi cina isaanii akka dhaabbattan majlisni dhaaamsa dabarsa.