Kitaabni madrasaa eebbifame Wiirtuun (Markaza) Daarul Hijratayinii kitaaba madrasaa kutaa 1ffaa kan hanga kutaa 1-4tti barsiisuuf tajaajilu guyyaa haraa 14/05/14 hoteela Ummaatti eebbisiisee jira. Eebba kana irratti ulamaaii gurguddoo akkasumas daaiwwan fi ustaazonni fi hedduu argamanii jiru. Kitaaba madrasaa kutaa 1-4tti tajaajilu qopheessuun kun adeemsa barnoota Islaamummaaf tarkaanfii isa guddaa fi jalqabaa dha. Markaza kana keessatti kitaaba kana qopheessuun kan dadhabdan hundi miindaa keessan Rabbi jannata haa taasisu. Markazni kitaaba kutaa 2ffaa kan kutaa 5-8tti tajaajiluu yeroo gabaaba keessatti akka qooheessanii ummata keenyaaf dhiheessan deeggarsaan qaamni hundi cina isaanii akka dhaabbattan majlisni dhaaamsa dabarsa. 674 views14:39