Get Mystery Box with random crypto!

#Gidiraan Guddaan Ilma Namaa Mudatu Kami? Nabiyyiin [s.a.w] | Al-risala-tube

#Gidiraan Guddaan Ilma Namaa Mudatu Kami?

Nabiyyiin [s.a.w] akkana jedhu:- “Uumama Aadam irraa jalqabee hanga guyyaa qiyaamaatti gidiraa guddaan
Dajjaaliin caalu hin jiru.” (Muslim)

Namichi kun ilma namaa kan dhiira irraa ta’e yoo ta’u, yeroo qiyaamaan dhihaatte bara maayessaa keessa dhufa.

Gidduu ija isaattis (kfr) ykn “kaafir” kan jedhu katabameera. Mu’uminni hundi kana ni qara’a. Ijji isaa kan mirgaa kalaamsuudha akka inabii coollibee fakkaatti.

Jalqaba nama waan gaarii hojjetu ta'ee dhiyaata. Ergasii nabiyyummaa himata. Ergasii Rabbummaa himata (ani rabbii natti amanaa jedha).

Namoota bira deemee waamicha godhaaf. Isaan garuu ni kijibsiisu. Jecha isaa fudhachuu didu. Isaanirraa deebi’a. Qabeenyi isaanii isa waliin deemee harka duwwaatti hafu.

Ergasii gara namoota biraa deeme waamicha isaanif godha. owwataniifii isa
dhugoomsu. Samii ajajee roobsisa, dachiis ajajee biqilchiisa. Yeroo gara
namootaa dhufu isaa wajjin bishaaniifi ibiddatu jira. Ibiddi isaa bishaan
qabbanaa'aadha, bishaan isaammoo ibidda. Mu’uminni hundi xumura sagada
isaa hunda irratti gidiraa isaa irraa Rabbitti maganfachuu qaba.

Yoo beeke keewwatoota jalqaba suuraa Kahaf irra jiran haa qara’u, ykn fitnaa isaa sodaatee isaan wal qunnamuu irraa haa maganfatu. Nabiyyiin [s.a.w] akkana jedhu:- “Namni Dajjaalin dhaga’e isarraa uf haa eegu. Rabbitti kakadhee! namichi mu’umina uf see'ee isatti dhufa, boodarra kanuma harka isaa keessa seene of arga.” (Abuu Daawud)

#Dachii gubbaa guyyoota afurtama jiraata. Guyyaan tokko akka waggaati,
guyyaan tokkommoo akka ji’aa ti, guyyaan tokko akka jum’aati, guyyoonni
hafan akkuma guyyaa amma jiraniiti. Makkaa fi Madiinaa malee biyya ykn
dachii tokkollee odoo hin seenne hin hafu, ergasii Iisaan (A.s) bu’ee isa ajjeesa.