Get Mystery Box with random crypto!

Qur’aana Qofarratti hundoofnee Sunnaa Nabiyyichaa [s.a.w] Irra | Al-risala-tube

Qur’aana Qofarratti hundoofnee Sunnaa Nabiyyichaa [s.a.w] Irraa Duroomuu ni Dandeenyaa?

Kun hin danda’amu. Waan Rabbiin sunnaatti dalaguu nu ajajeef. Innis jecha Isaa kan “waan ergamaan kiyya isinitti fide fudhaa, waan inni irraa isin dhorgerraa fagaadhaa” jedhu keessatti kana nu ajaje. Sunnaan kan dhufte qur’aana hiikuu qofaafi. Isaan malee tokko tokkoon waa’ee amantii kan akka sagadaa hin beekamu.

Ergamaan Rabbii [s.a.w] akkana jedhu:-

“Dhaga’aa! Ani kitaabni naaf kennameera; fakkaatan isaas waliin naaf kennameera. Dhaga’aa! namichi quufaan boraatitti (makaddatti) irkatee fi ‘qur’aana kana qofa qabadhaa, waan isa keessatti halaala ta’ee argitan halaala godhaa, waan isa keessatti haraama ta’ee argitan haraama godhaa jedhu ni dhufa. Innis sunnaa diduuf akkas godha.” (Abuu Daawud) 17