Get Mystery Box with random crypto!

{ Salaata taraawiihaa } #Salaanni taraawiiha salaata halkan r | Al-risala-tube

{ Salaata taraawiihaa }

#Salaanni taraawiiha salaata halkan ramadaanaa hunda salaata ishaa'iidhaa booda, witrii dura salaatamu salaanni taraawiihaa dhiirafii dhala'aaf ni barbaadama, nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akkaan salaatuu ture.

Ammalle nama itti kaasuu ture asaabotaafii warri Sahaaba dhaqqabe hundi jabeessanii salaatuu turan.

Taraawiihni asxaa ramadaana barakaa qabuuti. Isiin nama biratti kabajaa qabdi Rabbi biratti sawaaba guddaa qabdi.

halkan Ramadaanaa maaliin dabarsan.

salaatafii zikri'iin qur'aana qara'uudhan jiraachisudha.

waan Rabbiin je'u dhugo'oomsanii sawaaba Rabbii argatu'uu jecha waan kanniin yoo dalagan diliin cubbuun dabarte namaaf dhiifamti. Akkuma Hadiisaan dabre

"ﻣﻦ ﻗﺎﻡ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﺍﻳﻤﺎﻧﺎ ﻭﺍﺣﺘﺴﺒﺎ ، ﻏﻔﺮ ﻟﻪ ﻣﺎ ﺗﻘﺪﻡ ﻣﻦ ﺫﻧﺒﻪ"
“Namni Ramadaana dhaabbate dhugo'oomsaa abdachaa badiin isaa ta dabarte araarama godhamtiif.’’