Get Mystery Box with random crypto!

Soomana Arrabaa. #Qaamman Ramadaana keessaa haalaan soomanu q | Al-risala-tube

Soomana Arrabaa.

#Qaamman Ramadaana keessaa haalaan soomanu qaban keessaa tokko Arraba teenya.

Ergamaan Rabbii ﷺ namoonni heddu sababa Arrabaatiin ibidda seenuu isaanii nutti himanii jiran.

#Kanaafuu Arrabni keenya hammeenya akka hin dubbinne eeguu qabna.

#Namni Arraba isaatiin Rabbii isaa yaadatee, zikrii ittiin godhee, tola Rabbi isatti oole ittiin galatoomfatee, toltuu namaa haasawe, nama karaa qajeelatti waame, ee waa milkaaye.

Namni Arraba isaatiin hammeenya dubbatee, kijibee, ittiin hamate, kasaaraa guddoo kasaare.

#Kanaafuu Arraba keenya bishaan dhabuun goggoge daran
dubbii jibbima ittiin dubbannee isa goggossuu irraa haa fagaannu.

Sanirra zikrii Rabbii ittiin goonee isa haa jiisnu.

#Allaahumma salli wa sallim Alaa sayyidinaa Muhammed.

#Yaa Rabbi Arraba gaarii dubbatu
Qalbii gaarii yaaddu Nuu badhaasi.