🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Sujuuda Tilaawaa/Sajadaa. #sajdaan, Qur'aana keessa iddoo 15 | Al-risala-tube

#Sujuuda Tilaawaa/Sajadaa.

#sajdaan, Qur'aana keessa iddoo 15 jira. Isiin sujuuduun sunnaadha.

#Sajadaan gosa lama

#Gosti tokko kan Rabbiin waa'ee sujuuda Umamtootaa isaa dimshaashaafi kophaan ibsuudha, kanaaf ammoo namni qara'aa jiru kunis isaanitti fakkaachuuf jecha sujuuda gochuu qaba. #Fkn:
‏( ﻭَﻟِﻠَّﻪِ ﻳَﺴﺠُﺪُ ﻣَﻦ ﻓِﻲ ﺍﻟﺴَّﻤﺎﻭﺍﺕِ ﻭَﺍﻷَﺭﺽ

#Gosti lammaffaa ammoo Aayaata Akka Rabbiif sujuudan ajajjuudha, Namni qara'u kunis Rabbii isaatiif ajajameera jechuun sujuuda. #Fkn:
( ﻳَﺎ ﺃَﻳُّﻬَﺎ ﺍﻟَّﺬِﻳﻦَ ﺁﻣَﻨُﻮﺍ ﺍﺭْﻛَﻌُﻮﺍ ﻭَﺍﺳْﺠُﺪُﻭﺍ

#Hoggaa imaamni salaata keessa sajadaa bu'e, namni duubaan itti hidhatee salaatu sunis imaamicha hordofuu qaba.

#Yoo kan imaamni salaata keessa sujuuda tilaawaa/sajadaa bu'e, namni itti hidhatee salaatu sun ammoo rukuu'a sehee bu'e, hogguma imaamni "Allaahu akbar" jedhu dhagahe. maal gochuu qaba?

#iddoma jiru irraa imaamticha hordofuu qaba, yoo rukuu'a irra ture ol deebi'ee bakkuma imaamni jiruu itti fufuu qaba, sujuuda sahwii wanni bu'uufis hin jiru.

Maddi keenya.
1 , 2