Get Mystery Box with random crypto!

#Guyyaa Arafaa. #Warri hajjii irra jiru, Guyyaa 9ffaa aduun | Al-risala-tube

#Guyyaa Arafaa.

#Warri hajjii irra jiru, Guyyaa 9ffaa aduun
bahuurraa kaasee Gara Arafaa deemee sagada zuhuriifi asrii walitti cimdeessee gaggabaabsee erga sagadee booda hang aduun seentutti du'aa'ii kadhata.

Erga aduun seentee booda Gara muzdalifaa deemee achitti maghribaa fi ishaa'ii walitti qabee gabaabsee sagadee, achuma bulee hanga lafti bari'utti tura yoo erga walakkaan halkanii darbee boda achirraa deema yookaa ni bula.

#Guyyaan Arafaa nama hajjirra jiruufi kaanifis.

• Guyyaa diliin namarraa haqamtu.

• Guyyaa gabroottan Rabbii hedduminaan
ibiddarraa bilisoomani.

•Guyyaa du'aa'iin isa keessaa hunda caaltu. Irra caalaan du'aa'ii (laa ilaaha illallahu wahdahuu, laa sharika lahuu, lahulmulku wa lahulhamdu, wahuwa ala kulli shey'in qadir).

•Guyyaa isa keessatti Rabbiin diin islaamaa nuu guute.

•Soomanni isaa badii waggaa lamaa tan
dabarteefii tandhuftu namarraa haqa (warra
hajitti hinjirreef barbaachisaadha).

• Guyyaa Rabbiin gabroottan isaatiin
malaaykatti dhaadatu.