Get Mystery Box with random crypto!

#Rakkoon sitti heddumaataa? Gaddii fi rakkoon har'a keessa ji | Al-risala-tube

#Rakkoon sitti heddumaataa?

Gaddii fi rakkoon har'a keessa jirtu boru jabeenyaa fi muxannoo siif ta'aa abdii hin kutin. Namni rakkoon waxalamu akka warqii ibiddaan waddamuuti.

Warqiin yommuu lafa keessaa baafamu akka qulqullaa'u fi jabaatu ibidda keessatti gubama. Ibidda keessatti erga gubame booda xuriin irraa bahuun qulqullaa'a, akkasumas ni jabaata.

Haaluma kanaan, namni rakkoo adda addaa argus qalbiin isaa ni qulqulloofti, keessi isaa jabaa ta'a. Kanaafi, Nabiyyoonni namoota hunda caalaa rakkoon isaanitti rooba. Kunis isaan qulqulleessuu fi jabeessufi. Yaa jarana osoo rakkoon homaatu nu qunnamu baate, silaa nuuf dhumatte.

Rakkoolee ciccimoo keessa darbuun jabeenya akka sibiilaa arganna. Garuu kana yommuu jedhu, rakkoo hawwuu qabna jechuu miti. Eeyyeen, hanga danda'ameen rakkoo irraa dheessun wanta barbaadamudha.
Yommuu rakkoon nama qunnamu immoo gadi dhaabbanaa (sabaata), obsaa fi abdiiin barbaachisadha
.