Get Mystery Box with random crypto!

Umar ' Takkaa callisuu kiyyattii gaabbee hin beeku, garuu guyy | Al-risala-tube

Umar " Takkaa callisuu kiyyattii gaabbee hin beeku, garuu guyyaa hedduu dubbachuu koottii sheenawe"

#IDDOO 10 tti CALDHISI

1. Yeroo Qur'aanni Qara'amu Caldhisi. Yeroo Kan Si Uume Sitti Haasa'u Caldhisuun Milkaa'ina.

2. Dhibee Kee Dubbattee Nama Si Hubachuu Hin Dandeenye Biratti Caldhisi.

3. Waan Haasoftu Irratti Beekkumsa Yoo Hin Qabaanne Caldhisi.

4. Wollaalaa Akka Wollaalaa Ta'e Wollaale Biratti Caldhisi.

5. Haasofni Kee Sababa Waa Diiguu Akka Ta'e Gaaf Hubatte Caldhisi.

6. Yeroo Arrabni Kee Hammeenya Nama Biroo Dubbachuuf Jarjaru Hin Dubbatinii Caldhisi.

7. Yeroo Nama Aaree Sitti Fiigu Bira Geette Caldhisi. Wanti Nama San Qabbaneessu Caldhisuu Kee Qofa.

8. Yeroo Namni Gaarii Fi Yaadni Isaa Si Caalu Haasa'u Caldhisi.

9. Yeroo Namni Waa Si Barsiisu Caldhisi. Afaan Jecha Dhangalaasuun Jechi Hin Seenu Waan Ta'eef.

10. Bakka Caldhisuun Haasa'uu Caala Gatii Qabutti Caldhisi.
#A.Nasir fb