Get Mystery Box with random crypto!

#Sahl Ibn Abdullah akkana jedha: 'Wanta irraa dhoowwaman hojja | Al-risala-tube

#Sahl Ibn Abdullah akkana jedha: "Wanta irraa dhoowwaman hojjachuu caalaa wanta itti ajajaman dhiisuun Rabbiin biratti badiin isaa guddaadha.

Sababni isaas, Aadam muka nyaachu irraa ni dhoowwame, garuu ni nyaate. Ergasii Rabbiin akka tawbatu isa taasisee tawbaa isaa isarraa qeebale. Ibliis immoo Aadamiif akka sujuudu ni ajajame, garuu sujuudu ni dide, Rabbiin akka tawbatu isa hin taasisne."

Kuni dhimma baay'ee barbaachisaa ta'eedha. Wanta Rabbiin dhoowwe dhiisu caalaa wanta Inni ajaje dhiisun Isa biratti badii guddaadha.

Kunis karaa adda addaatin mirkaanaa'u danda'a:

-Dhimma Aadamii fi Iblis ilaalchisee wanta Sahl dubbateedha.

-Yeroo baay'ee maddi wanta Rabbiin dhoowwe hojjachuu fedhii lubbuu fi haajaadha. Wanta Inni itti ajaje dhiisun yeroo baay'ee maddi isaa of-tuulu fi of-guddisuudhaWanta itti ajajaman hojjachuun soorata, faaya, qananii fi gammachuu qalbiiti.

Wanta itti ajajaman osoo hin hojjatin wanta irraa dhoowwaman dhiisu qofaan homaa hin argamu.


#sammuban.com