Get Mystery Box with random crypto!

#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda? •Nama dalagaa isaa | Al-risala-tube

#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda?

•Nama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu,

inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e.

•Ammoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti.

*Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu.


Yaa rabbi nu milkeessi.