Get Mystery Box with random crypto!

#Alert Albama Maalii Mallisaa keessa sirbi mata dureen isaa | Robale Tube

#Alert

Albama Maalii Mallisaa keessa sirbi mata dureen isaa "Ilma namaa" jedhu heyyamaa maatii malee seeran alaa yuutubii irratti fe'ame.

Sirbootaa Artist Hacaaluu Hundeessaa osoo lubbuun jiru hojjatee fi CD'dhaan uummataa biraan gahuuf yaadamee qindeeffamaa ture keessa sirbi 'Ilma Namaa' jedhu heyyamaa maatii malee yuutubii irratti fe'ame mul'ate.

Sirbi kun daqiiqaa muraasa duraa 'ITunes' irratti karaa onlaayinii akka gurguramuu fi dhaggeeffatamuuf fedhaa maatiin ergaa gadhifamee booda haala hin eegamne fi qaama biraan haatamee yuutubii irratti fe'ame argame.

Furmaanni isaa maalii?

Egaa sirbi kun qaaniif sodaa tokko malee chaanalota yuutubii namoota dhuunfaa garaagaraatti fe'ame jira. Namoonni hedduun itti dammaquun REPORT gochuun sirbichi akka haqamuu taasifama jira. Duulli REPORT gochuu cime itti fufu qaba.

Albamni kun hojii fi dadhaabbii dhuma Haacaaluun uummataa isaaf gumaache darbee waan ta'eef qaamni sirbicha yuutubii irratti fe'e jiru hatattamaan balleessuu qaba.

@Gadamagazine
@Gadamagazine