Get Mystery Box with random crypto!

Warri Waaqayyoon qaban xiqqoo kennanii guddaa fudhatu. Eebbisa | Getu Official

Warri Waaqayyoon qaban xiqqoo kennanii guddaa fudhatu. Eebbisanii eebbifamu.

Namni waanuma facaase haammata. Qajeelonni Gaarummaa harka guuttatanii facaasu, gatii isaa immoo dachaadhaan irraa galfatu. Yoo gadi bahan ni eebbifamu. Yoo galan ni eebbifamu. Nama hundumaaf akka namummaa isaatti gaarii yaadufi. Gaarummaanis isaaniif ta'a.

"Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganamaan facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin! Inni kun yookiis inni sun yookiis immoo lachanuu in tolu ta'a."
— Lal. 11:6


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ