Get Mystery Box with random crypto!

#Waajjira Muummee Ministeeraatti Muummeen Ministeeraa Dr.Abiyy | Al-risala-tube

#Waajjira Muummee Ministeeraatti Muummeen Ministeeraa Dr.Abiyyi Ahmad waltajjicha hoogganuudhaan mariin geggeeffamee ture.

Hirmaattonni: Koree hojii raawwachiiftuu haarawa seeraan yaa'ii waliigalaatiin filatame, hooggantoota Majilisaa duraanii, koree saglan duraanii, pirezidaantota majilisoota naannolee
hundaa, Afayaa'ii mana maree bakka bu'oota ummataa(Paarlaamaa), hoogganaa paartii badhaadhinaa fi itti aanaa muummee ministeeraa, ministeera nageenyaa, komishinii
poolisa federaalaa, dhimma tikaa fi nageenyaa fi kkf.

Marii fi wol mormii cimaa booda kallattiin kaayame:-

1. Sh/Hajjii Ibiraahiim Tufaa fi H/Umar Zallaqaa walgargaaranii torbaan lamaaf Majilisa Federaalaa akka hoogganan.

2. Eida booda guyyaa 10 osoo hincaalle yaa'iin waliigalaa Sharaaton miseensota 300 of keessaa qabu akka waamamu.

3. Salaata Eidaa irratti salaata dura H/Umar akka du'aa'iin banan, salaata booda Sh/Hajjiin akka du'aa'iin cufanii fi Sh/Xaahaan akka salaachisu, Majilisni Finfinnee akka haala
mijeessuu fi hoogganu.

#Gazali Abafira