Get Mystery Box with random crypto!

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 15

2021-11-21 10:56:03 Assalaamu Aleeykum wa rahmatullaahi wa barakaatuhuu.

Inshaa'allaah Sagantaan gaafiif deebii marsaan 100ffaadha, salaata zuhrii booda sa'aa 8:00 irratti ni dhihaata. Barruu gadii kanarraa qofa.
299 views07:56
Open / Comment
2021-11-20 09:24:16 Oromo Quran | المصحف الأرومي

#Appicha Telegram gubbaan buufachuuf kinooti, tarii ammoo split ta'ee bilbila keessaniin walgituu dhabuu mala, osoo playstore irraa buufattannii filatama, playstore irra size isaas xiqqoo ni hir'ata.

Size isaa MB 70
Android version: 4.4
CPU: armeabi-v7a
755 views06:24
Open / Comment
2021-11-20 09:24:04
Oromo Quran | المصحف الأرومي

#Appii Tafsiira Qur'aanaa Afaan Oromotti hiikuu juza 30 guutuu.

Haala suuraa olii irratti ilaaltan kanaan isinii hiika, inshaa'allaah haalaan jaalattu.

#Appichi waan hedduun appiwwan biroo irra akkaan fooyya'aadha, sanirraa waan akka instant translate ni qaba, kana jechuun appicha bantanii osoo qur'aana qara'aa jirtan aayaata tokko yoo hiikaa isaa beekuu barbaaddan, aayaticha gadi qabdu ergasi translate/hiikaa yoo tuqxan Afaan Oromoon isinii fida.

Version: 1.0.0(1)
Updated: Oct 24, 2021

Linki playstore irraa ittiin buufattan akka bilbila keessanii ta'utti.
https://play.google.com/store/apps/details?id=com.almaalem_ye.OromoQuran


#From Telegram : https://t.me/risalaTube/1502
896 viewsedited  06:24
Open / Comment
2021-11-19 09:40:34
#Nabiin [ sallallaahu aleeyhi wa sallam ] Akki Jedhe : Nama salawaata takka narratti buuse, Rabbiin :

: Rahmata 10 isarratti buusa.
: Cubbuu 10 isarraa haqa.
: Sadarkaa 10 isaaf ol fuudha.

#ﻓﻲ ﺻﺤﻴﺢ ﺳﻨﻦ ﺍﻟﻨﺴﺎﺋﻲ ﻣﻦ ﺣﺪﻳﺚ ﺃﻧﺲ - ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ - ﺃﻥ ﺍﻟﻨﺒﻲ - ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ - ﻗﺎﻝ : ﻣﻦ ﺻﻠﻰ ﻋﻠﻲَّ ﺻﻼﺓ ﻭﺍﺣﺪﺓ، ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠَّﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻋﺸﺮ ﺻﻠﻮﺍﺕ، ﻭﺣُﻄﺖ ﻋﻨﻪ ﻋﺸﺮ ﺧﻄﻴﺌﺎﺕ، ﻭﺭُﻓﻌﺖ ﻟﻪ ﻋﺸﺮ ﺩﺭﺟﺎﺕ

https://islamweb.net/ar/fatwa/410140/فضائل-الصلاة-على-رسول-الله-صلى-الله-عليه-وسلم
956 viewsedited  06:40
Open / Comment
2021-11-18 10:31:14 Namni tokko fedhii lubbuu hordofuu yookiin hordofuu dhiisu isaa akkamitti beekaa?

Yeroo baay’ee namtichi fedhii lubbuu hordofuu, yommuu gocha fedhiin isaa itti ajajju raawwatu fedhii lubbuu hordofuu hin beeku.

Kan inni beeku yommuu miidhaa wanta raawwate sanii arguudha.

Mallattoolee fedhii lubbuu hordofuu agarsiisan maal fa’aa?

https://t.me/iv?url=https%3A%2F%2Frss.bestbot.me%2Ftdil%2Fposts%2F24160759&rhash=27521eb450c138
226 views07:31
Open / Comment
2021-11-18 10:31:01
#Alhamdulillaah kitaaba kana yeroo dheeraa booda, amma gara goolabnee isinii dhiheessuutti jirra,

#Akkami hawwii isaa qabduu?
231 views07:31
Open / Comment
2021-11-17 22:27:11
زكريا بطرس بي-شتم الرسول عليه السلام !!

#Diina/xilaata 1ffaa muslimoota yeroo ammaa jedhamuun nama moggaasni kennameef.

#Jallaataa namaati Zakariyaa_pexros jedhama

#Zakariyyaan Qeesii qibxi warra Ortodoksii yoo ta'u, nama ganna 87 lammummaa masrii fi USA qabu ta'uutu himama, tv mataasaa kan jibba islaamummaa ittiin leellisu 'Al-fady' jedhamu qaba.

#Namni kun yeroo hedduu midiyaa irratti islaamummaa jechoota hin taaneen xurreessuun beekama, inumaa bira darbee, Nabiyyii keenya kan kaafirri yeroo jaahiliyyaatu naamusa gariin ragaa bayeef sana, Namni kun tibba kana kallatiin sagantaa karaa tivitiin darbu irratti Afaan isaa hadhaa sanaan Nabiyyii keenya salallaahu aleeyhi wa sallama arrabse.

#kanaanis midiyaaleen hawaasa muslimaa hedduun gocha isaa kana balaaleffachuun zakariyaan seeraaf nuu haa dhiyaatu jechaa jiru.

#takkaa namni rasuula tuqee milkaaye hin jiru, ka hongaayee kasaare malee.

#fidaaka abii wa ummii yaa rasuulallaah.
523 viewsedited  19:27
Open / Comment
2021-11-17 12:33:29
#Namni kuni uumama laafaa eeggumsatti haajamu, Rabbiin nama hunda maleykaa isa eegdu itti ramade.

#malaaykaa balaa namarraa eeydu.

#Yeroo garaa haadhaa jiran, Yeroo ijoollummaa fi Yeroo hirribaa, akkasuma yeroo mara, maleykaa nama eegduutu namaan wajji jira.

#Ammas malaaykaa dalagaa namaa eydu, tan gaarii fi hamtuu katabduutu, nama maraa wajji jira.

#Wanni Rabbiin malaa'ikaa nama eegdu nama hundaa godheef, namaatu uumama laafaa tikatti haajamu jechaafi.

#Mee gaafa inni garaa haadhaa keessa jiru laalaa isaatu waan isa miidhu ifirraa dhoowwee?

#Gaafa inni joollee yookaa hoggaa rafu isaatu of tiysee? dhugaa yoo laalle namni laafa.

#Namni laafina ifii baruu fedhe akkaataa itti uumame haa laaluu waan irraa uumame haa laaluu, achiraa laafina ifitifi, jabeenya Rabbii isaa hubata. Rabbiin akki je'e suura tariq [4-6]

ilImi namaa, waan irraa uumame qalbiin haa laaluu, hoggaa san gorfamaa.

إِن كُلُّ نَفۡسٍ لَّمَّا عَلَيۡهَا حَافِظٌ

فَلۡيَنظُرِٱلۡإِنسَٰنُ مِمَّ خُلِقَ | خُلِقَ مِن مَّآءٍ دَافِقٍ
1.1K views09:33
Open / Comment
2021-11-16 23:25:05
#suuraan kun, barreeffama olitti dubbata

#Yaa Rabb! Yaa rahmaan! Rahmata keetiin as geenye, Ammas rahmatuma kee abdanna, abdiin teenya suma yaa arjaa hundaa olii. Aamiin
719 viewsedited  20:25
Open / Comment