Get Mystery Box with random crypto!

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 13

2021-12-08 12:05:58
Kitaab yookaa barruu gabaabduu, Maqaan isiidhaa 'Musiibaa Guddoo Ummatta Nabii Mudatte [s.a.w.]' jettu, tan seenaa du'a nabiyyii nama yaadachiiftu takka isinii qopheessineerra, akka dubbiftanis isin affeerra.

"Ummata Muhammad irratti Musiibaan hanga du’a Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam guddattu buutee hin beeytu."


Link: https://t.me/risalaTube/1526
296 viewsedited  09:05
Open / Comment
2021-12-08 08:52:50 Manni Marii Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa marii guyyaa 28/3/2014 geggeesseen ibsa ijjannoo  armaan gadii baafatee jira.

https://telegra.ph/Ibsa-ijjannoo-Majlisa-Oromiyaa-12-08
322 views05:52
Open / Comment
2021-12-07 10:46:53
#Sagada Sunnaa:

#Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wa sallam guyyaa hunda sagada fardii hin ta’in raka’aa kudha lama sagadaa akka turan mirkanaa’ee jira. Isaanis:

#Raka’aan lama sagada subhii dura.
Raka’aan afur zuhrii dura, lama ammoo zuhrii booda.

#Raka’aa lama maghriiba booda,

#Raka’aan lama ishaa’ii booda.

#Salaatonni sunnaa kan biraas isaan irraa
argameera.

#Isaan keessaa raka’aa afur zuhrii, asrii fi jum’aa dura; afur ammoo
zuhrii, maghriiba fi Ishaa’ii booda;

#Raka’aa lama azaana maghriibaa booda;
raka’aa lama witrii booda.

Maddi : #tafseer.com
Rabbi nuu haa laaffisu.
442 views07:46
Open / Comment
2021-12-06 09:01:14 ☆Gaaffiif deebii marsaa 102ƒƒαa ☆ Dhibee fi Dawaa Sammuu kutaa 2ffaa irraa. ____ [1] Sababa cubbuutin adabbiin cimaan namni tokko addunyaa tana keessatti dhandhamu qalbiin isaa cufamu fi sammuun isaa hadoodudhu. #A| dhugaa #B| lakki [2] salaanni halkanii…
305 views06:01
Open / Comment
2021-12-05 14:00:09 ☆Gaaffiif deebii marsaa 102ƒƒαa
☆ Dhibee fi Dawaa Sammuu kutaa 2ffaa irraa.
____
[1] Sababa cubbuutin adabbiin cimaan namni tokko addunyaa tana keessatti dhandhamu qalbiin isaa cufamu fi sammuun isaa hadoodudhu.

#A| dhugaa #B| lakki

[2] salaanni halkanii faaydaa guddaa akka qabu ni barra, ....... akkana jedha: Halkan irraa salaata salaataa osoo hanga elmu hoolaa ta’eeyyu.”

#A| Hasan #B| Axaa’a #C| Wahb #D| munabbih

Kannneen "A" jala jiran Kan "B" jalaatiin firoomsi.
"A"
[3] mooraa sheyxaanaa badii, cinqii, jeequmsa fi kan kana fakkaataniin guuttame erga seenanii booda gara mooraa Rabbii kan nageenya, tasgabbii fi gammachuun guuttame keessa seenudha.

[4] Ajaja Rabbiitti buluu diduu fi daangaa Isaa darbuu irraa gara Isaa ajajamuutti deebi’u.

[5] Rabbiin irraa araarama barbaadu, Rabbiin cubbuu darbee akka namaa dhoksuu ykn haguugu fi haaqu kadhachuu.
"B"
#A | Tawbaa #C| Qalbiin
#B | Istighfaari #D| Salaata halkani

[6] İstighfaarri karaalee meeqaan adeemsifama isaanis.....

[7] karaalee sammuu ittiin qaran muraasa...

maqaa hin irraanfatinaa!!
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .

※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
376 viewsedited  11:00
Open / Comment
2021-12-05 08:44:52
Qabxiilee faaydaa qaban

Jaalalli nabiyyii [s.a.w] dirqama akka ta’e beeki. Jaalalli qofti hin ga’u, mataa kee dabalatee waa hunda caalaa si biratti jaallatamuu qaba. Namni waan tokko jaallate, waan hundarra isa caalchisa. Fedhii isaas fedha ufii irra caalchisa.

Kanaaf namni dhugaan jaalallee nabiyyiiti jedhamu isa mallattoon kun irraa calaqqisu. Kana jechuun waan hunda keessatti isaan faana bu'uu, jechaanis ta’e dalagaan sunnaa isaanii hordofuu, ajaja isaanii fudhachuu, waan isaan irraa dhorkanirraa fagaachuu, rakkinaa fi bal’ina keessattis ta'e, gammachuu fi gadda keessattis naamusa isaaniitti buluu, Ibaadaafi hordoffiin bu’aa jaalalaati, kanaan ala jaalalli hin argamu.

Haa ta'uuti namni Afaan isaa hadhaa bara maraa hin dhabamu, dur warra akka farnjii fi yahuudaatu nabiin arrabsaa dhageenya amma Afaanuma keennaan kan nabiin arrabsu dhageenne, waan namichaan sun dubbate yoo dhagayan, keessa namaatu gubata. Rabbiin Afaan isaa sana adaba itti haa godhu.

Lubbuun teenna Fidaa kee haa taatu yaa rasuulallaah.
385 views05:44
Open / Comment
2021-12-03 14:14:17 : Shek Alii jimmaa

Osoo ganda duniyaa babbarichifannu, ganda dhugaa akka qullaa nu hin eegne.


daqiiqaa 3:00

size xiqqaa MB 1 gadi
871 views11:14
Open / Comment
2021-12-02 11:00:59 karaalee sammuu keenya itti qarruu muraasa.

#Istighfaara baay’isuu, Istighfaara jechuun maali? Tawbaan hoo?

Dhugumatti qalbii ofii qulqulleessuf tattaafachun sammuu qaruudha.

Yommuu ati qalbii tee qulqulleessuf tattaafattu, Rabbiin sammuu fi qalbii tee siif bana. Seenaa keessatti namoota sammuun isaanii garmalee qara taate mee ilaali.

Cubbuu irraa fi dhukkuboota qalbii kanneen akka oftuulu, waanyu, jibba, shirkii fi kkf irraa of qulqulleessuf waan tattaafataniif sammuun isaanii akkasitti qara taate.

#bal'inaan haa ilaallu https://t.me/iv?url=https%3A%2F%2Frss.bestbot.me%2Ftdil%2Fposts%2F24466288&rhash=27521eb450c138
294 views08:00
Open / Comment
2021-12-01 08:34:08
Jecha Hayyoota.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

Namni hiriyyaa hanqina homaatu hin qabne barbaadu, tasumaa hin argatu.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩


Tarii nama tokko sababa bareedina uffannaa isaa itti saahiboomu dandessu, wanti adda baahiinsaaf sababaa tayu garuu fokkinna uffata osoo hin taanee yaadaa fi ilaalcha inni agarsiisuni.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩


Namni yeroo ijoollummaa iddoo qalbiin isaa ceem'itu [mana barumsaa] obse hin taa'in, gaafa guddaadhaa iddoo kabajaa bakka qalbiin isaa barbaaddu taa'u hin danda'u.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
734 views05:34
Open / Comment
2021-11-29 10:07:38
#Dubbiin nama beekhu dhibdi

Imaamu Ahmad Bin Hambaliin namni tokko: Akkam bulte? Jennaan, Imaamu Ahmadiis akkana je'een:

"Namni Rabbiin isaa akka dirqama raawwatuuf isa barbaadu.

Nibiyyiin Isaa sunnaa isaatiin dhaabbatuuf isa barbaadu.

Malaykonni lameen dalagaa sirreysuuf isa barbaadan,

Lubbuun isaatis fedhiif isa barbaaddu,

Sheyxaannis badii akka hojjatuuf isa barbaadu,

Malakul mawtiinis ruuhii isaa fuudhuuf isa barbaadan,

Maatiin isaatiis baasii jirenyaatiif isa barbaadan, akkamitti waa bule!"

#
ustaaz_shafi_Fb
281 views07:07
Open / Comment