Get Mystery Box with random crypto!

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 17

2021-11-07 07:56:18
#Rabbii kee galatoomfadhu.

Gammachuu inni sii kenne saniif jalqaba isa yaadadhu. Wanti hundi heeyyama isaatiin ta’uu isaa sirritti hubadhu. Waan ati dandeettee ofii kennitee miti. Osoo silaa akkas ta’ee haga guyyaa harraatuu hin eegdu ture. Gaafuma barbaaddu san ofii kennita.

Garuu amma Rabbi yeroon isaa geennaan siif kenne. Sababaan ati geessite jiraatus heeyyamni ka isaati.

#Yeroo gaddaatis Rabbumatti deebi’i.

Rakkoo san ati ofii jaalattee ofirra hin kenne. Osoo taatee silaa duruma ofirraa deebista. Namnis abadan si miidhuu hin danda’u. Osoo akkas taatee silaa haga guyyaa harraatuu hin eegu. Amma akka carraa ta’ee si mudatee jira. kun ammoo tarii mallattoo Rabbi karatti ittiin si deebisuuf sitti erge ta’uu mala. Kanaafuu, rakkoon na tuyxe jettee abdii hin muratin. Yeroo hunda Rabbii kee yaadadhu. Rakkoo si mudate isatti himadhu, balloo argatteefis isa galatoomfadhu.

[فَٱذۡكُرُونِىٓ أَذۡكُرۡكُمۡ وَٱشۡكُرُوا۟ لِى وَلَا تَكۡفُرُونِ]

Yaa Rabbi nama yeroo hunda si yaadatee si galatoomfatu nu taasisi
777 views04:56
Open / Comment
2021-11-05 13:37:11 : Shek Nuuruu Muhammed ergaa gaarii dhaggeeffadhaa.

Namni maaluma isa godhe?

sheeyxaanni jalqabumarraa maaliif xilaata ilma namaa tahe? Yoommirra eegale?

daqiiqaa 5:41

size xiqqaa MB 1 gadi.
836 views10:37
Open / Comment
2021-11-04 16:10:53 #Ilmii namaa yeroo baay’ee daangaa ofii waan hin beekneef daangaa darbuun ofii fi ilmoo namaa miidha. Jecha Arabiffaa “hawaa” jedhu gara Afaan Oromootti guutumatti hiikun ni ulfaata. Ammaaf hawwii, fedhii lubbuu jechuun itti fayyadamna.

#Salafoonni gariin akkana jedhu, “wantoonni lama yoo wal si harkaa dhayan, kamtu qajeela akka ta’e yoo wallaalte, fedhii lubbuu teetitti kan dhiyaatu dhiisi, dogongorri fedhii lubbuu hordofuu keessa waan jiruuf.”

Bal'inaan rakkoo fedhii lubbuu hordofuun qaqqabsiisu haa ilaallu.

https://t.me/iv?url=https%3A%2F%2Frss.bestbot.me%2Ftdil%2Fposts%2F23855683&rhash=27521eb450c138
485 views13:10
Open / Comment
2021-11-04 16:10:23
#Sagantaa #Obsa:Furtuu Milkaa’innaa fi Gammachuu jedhu kutaalee sadiin goolbnee jirra

#inshaa'allaah ammas sagantaan keenya itti fufa, sammubani.com irraa qophii tokko isiniif dhiheessina.

#Xinnoo hanqinni spoonsara waan nu mudateef badhaafmtoot 10 kan ture, gara 3 deebifne hanga rabbi nu mijeessu, Dursa kan deebise 15, 2ffaa 10, 3ffaa 5. Akka rabbi nuu laffisu du'aa'ii nuuf godhaa.

Asumaanis namni rabbi isinii laaffise sponsara nuuf tayaa. hirmaadhaa wal hirmaachisaa isiniin jenna, hedduu galatoomaa.

Yaadaas ta'e gaafii nuuf ergaa.
@Al_risala_tube_bot
491 views13:10
Open / Comment
2021-11-03 10:54:39
Fazakkir / yaadachiisi
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Du'aa'ii fi barbaachisummaa isaa.

#Uumamni hundi gara Rabbii isaa ni kajeela, waan Rabbii Isaa bira jiru fedhu.

#Rabbiin of ga’aadha umaama isaatti hin haajamu. Kanaaf Rabbiin du’aa’ii gabroota Isaa irratti dirqama godhe.

#Nakadhaa isiniif awwaadhaa jedhees gabroottan isaati waadaa gale, Nama kadhaa isaa irraa boone ammoo haala salphataa ta’een jahannam seenuf akka jirus ibse.

#Nabiinis [s.a.w] akka yoo namni kadhaa Rabbii isaa dhiise akka Rabbi itti dallanu nuuf himan.

#Kana malees Rabbiin yeroo gabrichi Isaa Isa kadhatu ni gammada.

#Namoota yeroo hunda Isa kadhatan ni jaalata; gara ofiittis isaan dhiheessa.

Sahaabonni nabiyyii [s.a.w] waan xiqqaa fi guddallee Isa kadhachuu irraa duubatti hin jedhan ture, Waan tokkos Rabbiin dhiisanii Uumama biroo hin kadhatan ture.

#Kadhaa rabbi haa jabeessinu.

وَقَالَ رَبُّكُمُ ٱدۡعُونِىٓ أَسۡتَجِبۡ لَكُمۡۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَسۡتَكۡبِرُونَ عَنۡ عِبَادَتِى سَيَدۡخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ
837 views07:54
Open / Comment
2021-11-02 00:37:52 Dhimma obbolaa keenyaa Hidhaa Sa'uudiitti dararamaa jiranii.

#Raachi mana ibiddaan gubattu jiruuf iyye, silaa bishaan keessa jiraa maaf iyya seetan?

Mee du'aa'ii kana aamiin jedhaa, waa hedduuf tolti, abbaa irraa qeebalu rabbumaatu beeka.
1.7K viewsedited  21:37
Open / Comment
2021-11-01 07:44:43 ~~~~~~~~~~~~~
Deebi gaaffi guyyaa har'aaf.
~~~~~~~~~~~~~
1-》"A" 2-》"B" 3-》"C" 4-》"D" 5-》"B"


6》•Hurgufiwwan (qormaata sheyxaana) keessaa muraasni.

-1. Shakkii qalbii kee irratti darbuun imaana kee hurgufa (sochoosa)– Waa’ee Rabbii, waa'ee Qur’aana, waa'ee Guyyaa Qiyaama fi kkf ilaalchise shakkii qalbii kee irratti darba.

Dhugaa soba sitti fakkeessa., soba immoo dhugaa sitti fakkeessa. Dhama’iinsi fi dukkanni si muudata. Ni hurgufamta. Rabbiin nu haa eegu.

-2. Salaata irraa duubatti si harkisuudha. Sheyxaanni akkanumatti lafa olka’ee nama tokko gabra hin godhatu namticha keessatti dadhabinna yoo arge malee. Namtichi jalqaba salaata dhiisa yookiin sirnaan hin salaatu. Ergasii fedhii ofii hordofa. San booda harka sheyxaanatitti kufa.

7》•Yeroo sheeyxanni qalbii namaa hurgufee, shakki namatti facaasu, furmaanni.

a.Sheyxaana Rabbitti mangafachuu
Sheyxaanni dukkanaa, shakkii fi dhama’iinsa namatti buusun qajeelinna irraa nama dabsa.

Yommuu sheyxaanni gaafiwwanii fi shakkii adda addaatin ilaalcha kee dukaneessu, Rabbitti isa mangafadhu.

b. Beekumsa barbaaduu’. Beekumsi wantee (gaashaa) namaati. Wallaalummaan immoo diina fi badii ilma namaati. Sababa beekumsa sirrii dhabuu fi karaa qajeela hordofuu dhiisutin ilmi nama daraara keessaa hin baane keessa jiraataa jira.

C. Gaafiwwan hin fayyyanee gaafachuu dhiisu fi mormii irraa dheessu- Yommuu jireenya kee keessatti gaafiwwan si hin fayyanne gaafattu fi mormii baay’istu dukkana irratti dukkana ofitti dabalta.

D.Salaata sirnaan salaatun furmaata guddaa qormaata sheyxaana jalaa itti baatudha. Salaanni siif jabeenya fi wantee si ta’a. Salaata akkuma argite yoo salaatte yookiin hundemaa dhiiste, sheyxaanni si qabachuun daandii haqaa irraa si jallisaa.

E.Qormaata sheyxaana jala imaana kee baraaruf falli biraa ‘Du’aayi fi zikrii’ baay’isuudha.

F. Badii fi cubbuu irraa dheessi– akkuma cubbuu fi baditti dabartuun imaanni kee dadhabaa adeema. Akkuma badii irraa dheessituun imaanni kee cimaa adeema.
_
stats Hanga yeroon xumuuramutti.
_
Deebii guutuu kan deebisan.


Halime Sultan Osman Bey Abdurehman urgessoo Mustajaab Ahmad Qamar huseen Kadir iliyaas Tuujii Abdurahmaan issaa yuusuf Bilal Muktar Barii koo Muhammed Alparslan Abdulhaakim Hasan Abdii Mohammed Abi kurfaa A/jabbaar Aadam Muhaaz hikam Firomsa Adam Mammad yassin Nesriyou esmael Ifa Mohammed Husen Hawwii biyyaa Saabit haaji Aadam Tashoo Nizaamii Murata usman Sulxaan Jamaal
_
Deebii 6/7 kan deebisan.

Aasiyaa Saanoo Ibrahim Ayele Araarsoo
_
Deebii 2/3/4/5/7 kan deebisan.

Du le jamaal huseen
__
Kan dursa guutuu deebisuudhaan injifatan fi yeroo itti deebisan.

①-Halime Sultan 8:27
2-Osman Bey 8:28
3-Abdurehman urgessoo 8:28
4-Mustajaab Ahmad 8:28
5-Qamar huseen 8:29
6-Kadir iliyaas 8:30
7-Tuujii Abdurahmaan 8:31
8-issaa yuusuf 8:32
9-Bilal Muktar 8:33
10-Barii koo 8:38
Maqaa fi lakk nuu ergaa.

Hirmaattonni keenya hunduu jazaakumullaahu keeyran, hedduu galatoomaa.

sponsara gaafiif deebii har'aa rabbiin isinirraa haa jaalatu. yoo niyyattanii badhaasicha ol guddisuufi waan beeksiffattan kan akka chaanaalaafi biroos qabaannaan nu qunnamaa Jazaakumullaah.
1.2K viewsedited  04:44
Open / Comment
2021-10-31 14:21:48 ☆Gaaffiif deebii marsaa 98ƒƒαa
☆ Obsa:Furtuu Milkaa’innaa fi Gammachuu-Kutaa 3ffaa
________

[1] Muuxannoo Obsaa jabeefachuuf beekumsii fi gochi barbaachisadha.

#A| dhugaa #B| lakki beekkumsu gahaadha.

[2] Beekumsi sheyxaana ittiin moo’atan.

#A| filoosofii fi saayinsii ammayyaa.
#B| Qur’aana fi Sunnaah
#C| loojikaa fi xiinxallaa
#D| Deebiin hin jiru.

[3] Qormaata sheyxaanni salaata irraa duubatti si harkisuuf fayyadamurra milkaayuuf hunduu sirri tokko malee.

#A| Gara masjiida fiigu fi jama’aan salaatu.

#B| Yommuu azaanni azaanamu hojii dhiisanii gara salaata fiigu.

#C| Erga gara salaata deemnii, salaata dhiisun yaada addunyaa irratti xiyyeefachuu.

#D| Erga salaata xumuranii booda fiignii ba’uu osoo hin ta’iin du’aayi baay’isu.

[4] Sheyxaanni akkanumatti lafaa olka’ee nama tokko gabra hin godhatu namticha keessatti dadhabinna akkamii yoo arge malee.

#A| Gaafa salaata sirnaan hin salaanne.
#B| Gaafa Namtichi salaata dhiise.
#C| Gaafa fedhii ofii hordofe.
#D| Hunduu deebii.

[5] .... jechuun wanta gaarii lubbuun tee hin jaalanne irratti gadi qabuu yookiin wanta si miidhu garuu lubbuun feetu irraa of qabu jechuudha.

#A| baaxila #B| Obsa #C| hawaa
#D| fedhii lubbuu hordofuu

[6] Qormaata sheyxaana yookaa tooftaalee isaa keessaa muraasa .......

[7] Yeroo sheeyxanni qalbii namaa hurgufee, shakki namatti facaasu, furmaanni.....

maqaa hin irraanfatinaa!!
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .

※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

Gaafileen hundumtuu instantview gadii qofarra baye.https://telegra.ph/Obsa-furtuu-milkaainna-fi-Gammachuu-kutaa-3ffaa-10-28

Deebii asirraan @Al_risala_tube_bot
1.2K viewsedited  11:21
Open / Comment
2021-10-29 13:14:59 : Shek Alii jimmaa ergaa gaarii dhaggeeffadhaa.

Abadan rabbiin nama hin zallamu.

daqiiqaa 0:04

size xiqqaa MB 1 gadi.
1.7K views10:14
Open / Comment
2021-10-29 07:25:57
#Yeroon kee amma!

Yeroo addaa hin eegin. Gaafa duroome, gaafa mana ijaaradhe, gaafa akkas ta’e… akkana godha jechaa yeroo yaadaa hin eegin. Jiraatu innuu dhufa. Yeroon kee amma qofa. Yeroo kanatti ammoo fayyadamuu qabda. Waan uumamteef beeki. Sunis ibaadaadha.

Xiyyeeffannaa duraa argatuu kan qabus isuma. Karoorri kee kan harraa ibaadaa ta’uu qaba. Waajibni Rabbi nurra kaaye ammoo yeroo muraasa qofa nu gaafata. San tasgabbiin raawwattee yeroo siif hafte dalagaa kee irratti bobba’uu dandeetta. Wayta yeroon waajibaa dhufe ammoo garas deemuu si barbaachisa. Xiyyeeffannaa duraa kan argatuu qabu yeroo hunda ibaadaadha. Yoos addunyaa kanatti gammaddee, aakhiratti ammoo milkoofta.

Guyyaan guyyaa Jum’aati. Salawaata heddummeessaa, du’aa’ii baay’isaa, wal ziyaaraa wal gammachiisaa.

Allaahumma salli wassalim alaa sayyidinaa Muhaammed!

Rabbi guyyaa milkii isinii haa godhu.
1.4K views04:25
Open / Comment