🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸 F
Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸
Channel address: @a4mulaa_jireenyaa
Categories: Animals , Automobiles
Language: English
Subscribers: 20.24K
Description from channel

Seenaawwan gaggabaaboo
Walaloo
Ergaa
Gaaffii fi deebii
Yaadota mo'atoo fi kanneen biroos argachuuf. Miseensa chaanaalii keenyaa ta'aa.

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 15

2023-03-02 21:01:53
Ay #itiyoophiyaa anii fi ati kun walii maalii? Maaliif yeroo maqaan kee ka'u biyya koo natti fakkaachuu diddaa? Ana moo situ raajii qaba laata? Wallaahii naaf galuu dideem.
Waraana #adawaa dhaadannoo biyyaa ta'e kanarrattillee kan dursee dhaabbatee loles ta'ee kan duubaan goree deeggarsa cimsee ciche abboota koo kanneen akka sheek xalhaa, sulxaan abbaa jifaar, ..... fi kanneen akka jaraati. Guyyuma sanallee ta'u; duulaan booda jarri intinaa reeffa maatii jaraa guurratee kan maatii kootii dirreerratti dhiise. Maatiin koos hanga danda'e qabaratee booda isaaf gamnaan dirreedhumarratti itti salaatee foon allaattiidhaaf gumaachee biraa gale. Ayi #itiyoophiyaa ati anaafis biyya mitii? Kan isa har'aa ijji argaa jiruuf gurri dhagahaa jiru haa himu.



@tulu_dawo
@tulu_dawo
@tulu_dawo
637 views18:01
Open / Comment
2023-03-01 21:53:17 "Maqaan Baduu mannaa
Mataan Baduu wayya
"
Jette mixiin

@A4mulaa_jireenyaa
720 views18:53
Open / Comment
2023-03-01 14:33:58 Gaafa gaarreen Aduwaa
Gaafa maqalee sanii

Nuun miti farda keenya
Ni beeku bareechanii


#Hacee Gaaga Xiiqii

@A4mulaa_jireenyaa
1.4K views11:33
Open / Comment
2023-03-01 14:28:09 Kan Nama Jijjiiru,
Sammuu fi Ilalcha malee,
Wayyaa (Uffata) bareedaa miti.


@A4mulaa_jireenyaa
1.4K views11:28
Open / Comment
2023-03-01 08:10:04 Gɑrɑɑ Dhiifɑmɑɑ
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Jɑɑlɑlli kɑn ibsɑmu gɑrɑɑ dhiifɑmɑɑ qɑbɑɑchuu dhɑɑn!

❍ Gɑrɑɑ dhiifɑmɑɑ qɑbɑɑchuun gufɑnnɑɑ bɑɑy'ee irrɑɑ nɑmɑ hɑmbisɑ.

❍ Siif dhiise jechuunis eenyummɑɑ nɑmɑɑtti kɑbɑjɑ olɑɑnɑɑ horɑ.

❍ Dhiifɑmɑ gochuun hubɑtɑɑ nɑmɑ tɑɑsisɑ.

❍ Gɑrɑɑ Dhiifɑmɑɑ Qɑbɑɑchuun wɑntɑ hundumɑɑ obsɑɑn birɑ dɑrbuu gɑɑfɑtɑ. Dɑndeettiin hubɑnnoo nɑmɑɑtiis obsɑ qɑbɑɑchuu isɑɑtiin ibsɑmɑ.

❍ Nɑmni dhiifɑmɑ godhu gɑrɑɑ qulqulluu qɑbɑɑchuu isɑɑtiif rɑgɑɑ bɑ'ɑ.
  Dhiifama Waliif Haa Goonu!!!

 

   ➦ @A4mulaa_jireenyaa
566 views05:10
Open / Comment
2023-02-28 18:06:29
Maqaa jaraa Comment jalatti Barreessaa.
333 views15:06
Open / Comment
2023-02-26 23:45:55
Dur dur jedhan dur dur
abbootiin nutti himuu
Arbaaf Hantuutatu
wajjiniin adeemu

Utuma wajjiniin
imalaa jiranuu
riqicha wa'iirra
yeruma ga'anu

Riqichi bal'aa ture
lachuu ni ga’aanii
kanaafuu al-tokkicha
itti ol-ba'ani
utuma irra deeman
gidduma kanaani
riqichi xixxiixxe
itti ulfaannaani
“yaa Rabbii koo” jette
achumaan Hantuunni
san booda lamaanuu
erga dabarfatanii
akka kana jette
hantuunni arbaani

“Riqichattii ammaa
bar cabsinee oollee
an yeruma wajjiniin
yaabnu natti hin tolle
Alhamdulillaahii
ammallee offollee”
achumaan Arbisuu
kolfaan of wallaale
Hantunnis aariidhaan
ol fuutee sagalee
“maaltu si kolfisiise
mali naaf hin galle”
Jennaan Arbis jedhe
hantuuta ilaalee
“an maalan dubbadha
ati haasa'i malee

Erguma riqichi
si baachuu dadhabdee
‘an maalan dubbadha’
jedheen afaan qabadhe”
Jedhee Arbi achumaaan
kolfatti gad jedhe

@tulu_dawo
@tulu_dawo
@tulu_dawo
@tulu_dawo
478 views20:45
Open / Comment
2023-02-26 21:43:04
Yeroo ammaa kana Amantaalee fuula dachee kanarratti argaman keessaa, Amantaan saffisa ola'aanaan babal'achaa jirtuu fi namoonni bay'innaan fudhuchuutti jiran Amantaa Islaamaati. Sababni kun ta'uu danda'eenis Islaamummaan Amantaa ragaa, beekkumsaa fi jaalalaa waan taateefi.

Kuni Qeeysii guddaa kaatoolik biyya Ameerikaa Hilarion Heagy kan jedhamu yemmuu ta'u erga Islaamummaa waggaa 20 oli qoratee booda, Islaamummaa fudhate.

Allaahu Akbar

@seyfal_islaam2nd
779 viewsedited  18:43
Open / Comment
2023-02-26 20:31:33
#remedia

Ramaddiin sagantaa sirreeffamaa ifoomeera.

Bara barnootaa 2014tti barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa sagantaa sirreeffamaaf qabxii darbiinsaa argattanii yunivarsiitiiwwan mootummaa Ministeera Barnootaa jala jiran irratti hirmaachuuf filannoo taassistanii turtan ramaddii keessan karaawwan armaan gaditti tarreeffamaniin ilaaluu akka dandeessan isin beeksifna.

Dabalataan sagantaa sirreeffamaa irratti akkaataa waamicha dhaabbilee barnootaa itti ramadamtaniin barnoota eegaltu.

Hubachiisa :-
Gaaffii dhaabbilee jijjiiruuf dhiyaatu kamiyyuu hin keessummeessinu.

Dhaabbata itti ramadamte ilaaluuf filannoowwan kanniin fayyadamaa

Marsariitii:

https://placement.ethernet.edu.et
Ergaa gabaabaa: 9444

Ministeera Barnootaa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA
@ABDII_SABAA1
706 views17:31
Open / Comment
2023-02-26 18:56:00 Irra haraama jechoota
Janaajjanaa keessaa
; "
Bakkan si dhabu bilbilli
koo kaardii haa dhabu ".

'Kitaabul Janaajjanaa'
keessatti jecha kana arge.


@A4mulaa_jireenyaa
990 views15:56
Open / Comment