🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.82K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 16

2022-11-08 19:38:33 BILCHINA SAMMUU
Dubbisa 17FFAA

▬▬▬▬▬▬▬▬▬

161.️ Dorgommii gaafa seentu cimina dorgomtoota kee ilaalta taanaan salphaatti mo'amta!

162.️ Cimina garee faallaa kee dhiisi; humna dorgommii kee si injifachiisu horadhuu dirree seeni!

163.️ Dorgommii seentee mo'achuuf wabiin kee qabaachuuf dhabuu kee osoo hin taane ilaacha keeti, kanaafuu ilaalcha sirrii qabaadhu!

164.️ Duumessaa'uun samii siif roobuuf malee sitti qorruuf miti, duumessaa'u malee hin roobu waan ta'eef!

165.️ Milkaa'ina keef bu'uurri ilaacha keeti, ilaalcha kee qajeelfadhu!

166.️ Dirree dorgommii seentee moo'uu waan qabduuf moo'atta malee, gareen faallaa kee cimaa yookiin laafaa waan ta'aniif miti!

167. Ilaalchi gaariin salphina kee gara ulfinaatti akka jijjiirtuuf humna siif ta'a!

168.️ Boolla akka ati kuftuuf siif qotame duuchuuf hin rakkatiin, biqiltuu dhalooota dhufuuf gaaddisa ta'uu danda'u keessa dhaabi malee!

169. ️Ilaalchi gaariin tiksee cimaa barbaada, cimsii eeggadhu!

170.️ Sammuun kee qabeenya qaalii ati qabdudha, Kanaafuu faalama irraa eeggadhu! Yaadni hamaan sammuu faala!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.2K viewsGetu Abera✟, 16:38
Open / Comment
2022-10-13 11:34:21 BILCHINA SAMMUU
┃• Dubbisa 16FFAA•┃

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Barruulee darbe dubbisuuf link kana fayyadamaa!
⁃ Bilchina Sammuu - dubbisa 1FFAA hanga dubbisa 15FFAA

HAR'A dubbisa 16FFAA
• Kunooti •
• SHARE •
• GODHAA •



151. Mul’ata ofii arguun dandeettii ija sammuuti. Kanaafis Hellen Keler ragaa addunyaa taatee darbite.

152. Qaamaan miidhamuun sammuu miidhamuu miti.

153. Wanti nama gaddisiisu ija dhabuu osoo hin taane osoo ija qabanii mul’ata dhabuudha.

154. Namoonni osoo ija hin qabaatiin mul’ata qaban akkuma jiran namoonni osoo ija argu qabanii mul’ata hin qabnes danuudha.

155. Namni mul’ata hin qabne galma hin qabu; galmi immoo firii carraaqqii mul’ataati.

156. Namni damma baafatee nyaachuu barbaadu tokko hiddaa kanniisaa obsuu qaba! Hiddaa kanniisaa malee damma nyaachuuf yaaluun mul’ata malee milkaa’uuf yaaluu waliin wal fakkaata waan ta'eef.

157. Namoonni har'a addunyaa kana irraa nama guddaa jedhaman namoota aarsaa gurguddaa kaffalan ta'uu isaanii hin dagatin!

158. Wanti taa'anii salphaatti argatan hiyyummaa, garbummaa fi doofummaa qofa.

159. Hayyummaan aarsaa malee argamu harrummaa dha!

160. Digrii bitachuu dandeessa; beekumsa dhaloota fayyadu garuu mana ciisanii argachuun hin danda'amu.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
349 viewsGetu Abera✟, 08:34
Open / Comment
2022-09-24 18:51:11 ❏ "Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba hin ari'u; jaalalatu jibba ari'a!"
— Maartiin Luuter Kiingi.
═══════════════
Jibbaaf jibba deebista yoo ta'e, raawwattee jibba balleessuu hin dandeessu.
➥ Jibba balleessuudhaaf meeshaan fayyadamuu qabdu tokkichi JAALALA dha.


@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
183 viewsGetu Abera✟, 15:51
Open / Comment
2022-09-24 18:43:49 Daa'imman haala Gaariin Guddisuuf maaltu Godhamuu qaba?

❍ Kutaa ─ 4ffaa


Daa'ima yoo jennu waggaa 4 fi isaa gadi kanneen ta'an jechuudha.

• Daa'ima - waggaa =<4

• Ijoollee - waggaa >=12 && =<18

• Dargaggeessa - Waggaa >=18 && =<35

• Ga'eessa - waggaa >=35 && =<65

• Jaarsa - Waggaa >=65

╔════════════╗
║@Gaggeessummaa√
╚════════════╝

❏ Maatiin hojiidhaaf iddoo adda addaatti dabarsanii fi daa'ima isaanitiif iddoo hin laanne baay'een ni jiru.

Daa'imni yoo xiqqaate guyyaa tokko (24hr) keessatti si'a sadi maatii waliin wal arguun taphachuun, haasa'uun faayidaa akkamii qabaaf?

➛ Jaalala cimaa maatii waliin akka qabaatu taasisa.
➛ Maatii isaa irraa hubannoo jireenyaa akka qooddatu taasisa.
➛ Amala maatii isaa sirnaan hubata.
➛ Haasa'a gaarii fi gadhee adda baafata.
➛ Dandeettii dafee yaaduu fi haasa'a jalqabuu horata.

╔════════════╗
║@Gaggeessummaa√
╚════════════╝

❏ "Umrii baruumsaatiin duratti, guddinnii fi baruumsi tokkoon tokkoon daa’immanii xiyyeeffannoon itti kennamuu qaba."

➛ Akka guddisaatti, daa’ima, garee daa’ima keetii eenyu akka ta’anii fi guddistoonni hiriyoota daa'ima keetii eenyu akka ta’an beekuu ni dandeessa. Akkasumas waa’ee garee waliigalaa odeeffannoo barbaachisoo argachuu ni
dandeessa.
➛ Ati, guddistoonnii fi barsiisonni (hiriyoonni) garee daa’immaniitiif hirmaattota ciccimoo fi haala gaariin itti gaafatamummaa isaanii kan bahan ta'uu qabu. Kuni immoo barumsaa fi guddina daa’ima keetii kan mana barumsaatiin dura ta'u irratti ka'uumsa guddinaa jalqabaa ti. Hiriyoonni daa'imni waliin ooluu fi waliin taphatu, tapha gaarii kan taphatanii fi kan wal hin miine ta'uutu irra jiraata.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
249 viewsGetu Abera✟, edited  15:43
Open / Comment
2022-09-24 18:33:40 BILCHINA SAMMUU ┃• Dubbisa 13FFAA•┃ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Barruulee darbe dubbisuuf link kana fayyadamaa! ⁃ Bilchina Sammuu - dubbisa 1FFAA hanga dubbisa 12FFAA HAR'A dubbisa 13FFAA • Kunooti • • SHARE • 121. Nama waan ta'uu qabu ta'uu danda'u…
279 viewsGetu Abera✟, edited  15:33
Open / Comment
2022-09-24 18:28:56
#Kutannoo 32ffaa
✧ "JIREENYI QORMAATA BAAY'EE CIMAADHA. Namoonni baay'een waan nama biroo irraa garagalchaniif (copy) taasisaniif kufan! Namni hundinuu waraqaa gaaffii adda addaa qaba."
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

#Decision 31th
✧ "LIFE IS A VERY DIFFICULT TEST. Many people fail because they copy something from someone else! Everyone has a different question paper!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
314 viewsGetu Abera✟, edited  15:28
Open / Comment
2022-09-23 19:21:33 AKKAATAA GUDDISA DAA'IMMANII

❍ Kutaa ─ 3ffaa

┃• Karaa Xinsammuu •┃
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Yaadota ijoollee keetti dubbattuuf ofeeggannoo godhi! Hammam yoo balleessan illee daa'immaniif eeggannoo xinsammuu godhamuufii qabu ni jira. Sababni isaa yaadni ati har'a ijoollee keetti baaftee dubbattu jireenya isaanii egeree murteessa. Ijoollee keetti gonkumaa yaada gadhee hin dubbatin! Yaada badaa hamilee isaanii cabsu itti hin dubbatin! Daa'ima keetiin, "ati badaa dha" jetta taanan, daa'imichi gara fuulduraatti mataa isaatiif ilaalcha badaa akka qabaatu gochaa jirta jechuudha. Yoo daa'imni kee gocha badaa raawwate illee, "Ati daa'ima amala badaa qabudha" ittiin jechuu irra, "Daa'imni amala gaarii qabu, gocha akkanaa hin raawwatu" jedhi!
Tooftaa kana yoo fayyadamte, amala daa'imichaa sirreessuu dandeessa. Kana jechuun sammuu daa'ima keetii keessa yaada gaarii dhaabde jechuudha. Kanaaf gaafa guddatus nama amala gaarii qabu ta'a.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.7K viewsGetu Abera✟, 16:21
Open / Comment
2022-09-23 19:19:12 BILCHINA SAMMUU ┃• Dubbisa 12FFAA•┃ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Barruulee darbe dubbisuuf link kana fayyadamaa! ⁃ Bilchina Sammuu - dubbisa 1FFAA hanga dubbisa 11FFAA HAR'A dubbisa 12FFAA • Kunooti • • SHARE • 111. Gatiin kee sababa namootni arguu…
1.6K viewsGetu Abera✟, 16:19
Open / Comment
2022-09-23 19:13:14
#Kutannoo 31ffaa
✧ "DHIIFAMA Gochuun Balbala NAGAA Banachuudha!"
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

#Decision 31th
✧ "FORGIVENESS Opens the Door to PEACE!"
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.6K viewsGetu Abera✟, edited  16:13
Open / Comment
2022-09-21 20:04:08 Yommuu hiriyoota keessaniif share taasiftan yookiin channel mataa keessanii irratti hordoftoota keessaniif qooddan channel isin barsiisuuf carraaqu kana akka wabeeffattan kabajaan isin gaafadha!
GALATOOMAA!

Link keenya kanadha: @Gaggeessummaa
3.0K viewsGetu Abera✟, 17:04
Open / Comment