Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 23.17K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 2

2023-07-20 10:29:39
Cooming Very Soon!

@Getu_Official
@Getu_Official
2.4K viewsGetu Abera✟, 07:29
Open / Comment
2023-07-20 09:13:18 KOMII | Yeroo 2ffaa
▱▱▱▱▱▱▱▱▱
Please Copy-Paste hin godhinaa! #Share #Forward gochuun tajaajila channel kanaa bira dhaabadhaa!

Ani ofii kootii waanan itti hin dadhabin isiniif hin dhiheessu!

Channel kana guddisuu yoo barbaaddan, "Ergaa karaa channel kanaan isiniif dhihaatu akkuma jirutti "copy paste" gochuu dhiiftanii utuu #wabeeffattanii yookiin #forward godhattanii natti tola! Linkin keenya @Gaggeessummaa dha! Share waliif gochuun keessan baay'ee natti tola; garuu maqaa / link channel keenyaa yoo biraa hambiftan channel kana galata dhoowwattan jechuudha.

▱ Keessumaayyuu channel waliin beeksisa / promotion hojjennu, akkasumas channel jaaladhu tokko tokko, adminonni channel biraas adaraa wabeeffadhaa! Isin argaan jira!

▱ (Namoota channel dhuunfaa isaanii qaban tokko tokkoofan barreesse!)
▱ Namoonni nu cinaa jirtan baay'een jirtu! Isin cimina keenyaaf, kaka'uumsa nuuf taatanii jirtu! Walumaan jirra! Itti fufna! Galatoomaa!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
3.3K viewsGetu Abera✟, edited  06:13
Open / Comment
2023-07-19 22:16:31 Caqasοοta┃Sοοrata Sammuu
@Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ “Yaadni kee wiixata ganamaa torban kee guutuuf sagalee kaa’a. Of jabaachaa akka jirtu, jireenya gammachuu fi fayyaa ta’e jiraachuu kee ilaali!”
   – Jarman Keent

❏ “Argannoon dhaloota koo inni guddaan ilmi namaa ilaalcha isaa jijjiiruun jireenya isaa jijjiiruu danda’uu isaati.”  
— Wiliyaam Jeems

❏ “Namoota milkaa’oo fi hin milkoofne tokko tokkoo garaagarummaa qaban keessaa tokko gareen tokko raawwattootaan kan guutame yoo ta’u, inni kaan immoo hawwattootaan kan guutame ta’uu isaati.” 
  — Eedmoondi Mbiyaakaa

❏ “Wanta hin hojjennetti gaabbuu irra waanan hojjedheef gaabbuun naaf wayya.” 
  — Luusiliin Baal

❏ "Maasii sammuu kee keessatti garagalchuudhaan qotuu hin dandeessu. Jalqabuuf jalqabi!" 
  ― Gordon B. Hinckley

❏ “Ganama yeroo kaatu lubbuun jiraachuun, yaaduun, gammaduun, jaallachuun...”
  – Marcus Aurelius

❏ “Guyyan wiixataa jalqaba torban hojii kan waggaatti yeroo 52 jalqaba haaraa dhiyeessanidha!“
  – David Dweck

❏ “Ta’i gaddii! Yookaan of kakaasi! Wanti godhamuu qabu, yeroo hunda filannoo kee ti.” 
  – Wayne Dyer

❏ “Yaadni kee ganama ganama guyyaa kee guutuuf sagalee kaa’a! Ofiif jabaachaa akka jirtu, jireenya gammachuu fi fayyaa ta’e jiraachuu kee ilaali.” 
 – Jarman Keent

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

Facebook Page: https://www.facebook.com/Gaggeessummaa?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
3.8K viewsGetu Abera✟, edited  19:16
Open / Comment
2023-07-19 20:15:28 HUMNA KUTANNOO
@Kutannoo_123

❏ Milkaa'ina keenyaaf wanti kutannoo bakka bu'uu danda'u tokkoyyuu hin jiru. Dandeettii ol'aanaa caalaa kutannootu barbaachisadha.

Namootni dandeettii ol'aanaa qaban garuu immoo milkaa'ina hin gonfanne addunyaa kana irra guutanii jiru. Akkasumas namootni sadarkaa barnoota ol'aanaa qabanis addunyaa kana irra guutanii jiru. Garuu namootni milkaa'ina gonfatan, namoota kutannoo qabanii fi hojii isaaniitti cichanii hojjetan qofaadha.

❏ Imalli daandii milkaa'inaa baay'ee ulfaataadha. Daandii milkaa'ina irratti gufuulee hedduutu si mudata. Gufuulee kanniin injifachuuf kutannoo qabaachuu qabda.

❏ Daandii milkaa'inaa irratti wayita kuftu, kaatee xiiqiidhaan fuulduratti tarkaanfachuu qabda. Injifattoonni dandeettii gufuulee jireenya keessatti isaan mudatan injifachuuf, dandeettii kufanii ka'uu qabu. Atis akkas goonaan ni injifatta.

⩩ Wayita rakkoon sitti baay'atu,
⩩ Wayita karoorri kee akka ati yaaddetti deemuu didu,
⩩ Wayita daandiin jireenya kee gaara sitti fakkaatu,
⩩ Wayita galiin kee gadi bu'ee baasiin kee olka'u,
⩩ Wayita kolfuu barbaaddu garuu waan si kofalchiisu dhabdu,
⩩ Wayita jireenyi qabdee boodatti si harkiftu,
⩩ Wayita waan gootu dhabdee qalbiin kee muddamu,

Yoo dadhabde xiqqoo boqodhu malee gonkumaa hojii kee hin dhaabin!

❏ Amalli jireenyaa beekamaa miti! Jireenyi gaafa feete ol si kaasti; gaafa feete immoo boollati si darbiti; sababa kanaan kufaatiilee biroon wal guuranii sitti dhufu!

❏ Jabaattee hojjennaan garuu akkanatti hin hafu. Wayita waan injifatamte sitti fakkaatu, addunyaan kun sitti dukkanooftu, gonkumaa abdii hin kutatiin!

» Jabaadhuu furmaata barbaadi!
» Shakkiin daandii milkaa'inaa dukkaneessa,
» Waan dhihoo fagoo fakkeessaa,
» Waan salphaa guddisee si yaaddessa,
» Kanaaf, wayita hojiin sitti ulfaatu,
» Jireenyi kee gaara sitti fakkaatu,
» Xiiqii qabadhuu loli malee, natti ulfaate jettee gonkumaa hin dhiisiin!

♡   ❍ㅤ   ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ

ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

Facebook page: https://www.facebook.com/Gaggeessummaa?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v
3.8K viewsGetu Abera✟, edited  17:15
Open / Comment
2023-07-19 14:17:43 DUBBIILEE HAYYOOTAA 21 | @Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬
1) Ati of daangesitee teenyaan eenyutu daangaa si ceesisa?

2) Osoo nama hin ta'in, namaaf ta'uun hin jiru!

3) Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan; of beektees murtoo hin murteessitu!

4) Barachuun beekuu miti. beekuun garuu barachuudha.

5)Gadaantummaa × Hirkattummaa × Of awwaaluu = Of wallaaluu!
Of wallaaluun of awwaaluudha.

6) Qabeenyi bakka malee kufee fi dagatame ilma namaati!

7) Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru. Lakkoofsa guutuu ta'ee dhalata malee.

8) Addunyaa keessa jirramoo addunyaatu nu keessa jira?

9) Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggattuudha!

10) Jaarraan kun jaarraa mul'ataan injifatan malee; jaarraa mufachuun injifatanii miti!

11) Addunyaan sammuu kee fi jecha ati waa'ee keef qabdu keessa jirti!

12) Nama jechuun bu'aa yaada isaati. Namni waanuma yaadu fakkaata.

13) Barrisuu kan dandeessu; hanga barrisuu dandeessu yoo amante qofa!

14) Of hin shakkin, inni namni biraa si shakku iyyuu si ga'aa!

15) Dirree injifatamtetti lubbuun jiraachuu caalaa; dirree injifatte keessatti duutee awwaalamuu wayya!

16) Meeshaa ammayyaa caalaa; sammuu
injifannoo qabaadhuutii gara dirree seeni!

17) Tulluun ofiin beekee si duraa kufu hin jiru. Tulluun ati dhiibdee si duraa kufuu didus hin jiru!

18) Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun rakkisaadha.

19) Sammuu hidhamaan addunyaa hiikamaa keessa jiraachuu irra qaamaan hidhamanii sammuu hiikkamaa qabaachuu wayya!

20) Rakkina kaleessa sirra ga'e har'as rakkina jettee dubbatta taanaan, har'a iyyuu namatu si hin argine malee ati rakkina kaleessa caalu keessa jirta!

21) Of booda hin ilaaliin! Borii kee namni siif ilaalu hin jiru.

♡   ❍ㅤ   ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ

ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
4.5K viewsGetu Abera✟, edited  11:17
Open / Comment
2023-07-19 12:15:54
Namoonni Baay'een
@Kutannoo_123

⩩ "Ati hin dandeessu! Waan kanaaf gahaa miti, si mitii abaluuniyyuu ni dadhabe, Qarshii hin qabdu, hin dandeessu! Fira hin qabdu haala kamiin sadarkaa kanarra geessa?" jedhanii nutti hasaasu!

⩩ Namni mul'ata qabu garuu, waan haallii fi namni isaan jedhu otuu hin taane, mul'ata isa borii bira gahuuf utuu arguu akka hin arginee, utuu dhaga'uu akka hin dhageenyee ta'ee mul'ata isaa irratti xiyyeeffachuun galma yaade sana ga'uuf tattaaffata. Gaafas inni "Ati hin dandeessu" jechaa ture, milkaa'ina kee hojiin gaafa argisiistu deebi'ee harka siif rukuta.

⩩ Si mitiitii Yesuus Kiristoosiin iyyuu "maal kun mucaa Yooseef isa muka soofaa ture mitii?..." jechuun salphisuu yaalanii turani! Booda garuu gooftummaa isaaf jilbeenfataniiru. Walumaa galatti nama si tuffatutti "Ani akkasi!..." jettee faana hin haasa'in! Hojii kee ilaalee inniyyuu eenyu akka taate si baruuf jira, ati garuu galma yaadde irratti xiyyeeffadhu!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
4.0K viewsGetu Abera✟, edited  09:15
Open / Comment
2023-07-19 09:04:37 Ethio Telen (Thankyou Gift Package) Arjoome!
▬▬▬▬▬▬▬▬
⩩ Kabajamtootaa fi jaallatamtoota hordoftoota keenyaa teeleen boonasii (gift) package 1GB, 25Min fi 50SMS waan kennee jiruuf torbee tokkoof itti fayyadamaa galatoomaa!

Waliifis Share Godhaa!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
6.2K viewsGetbot, 06:04
Open / Comment
2023-07-19 00:15:41 HIN ARIIFATIN | @Gaggeessummaa

» Dubbiin dogoggoraa ariifattee dubbatte, sekondii tokko keessatti waan guddaa si dhabsiisuu danda'a waan ta'eef HIN ARIIFATIN! Suuta jedhi!
» Calm Down! »
Join ❒┃❏ Share

Facebook page keenya
https://www.facebook.com/Gaggeessummaa
4.0K viewsGetu Abera✟, 21:15
Open / Comment
2023-07-18 21:53:43 DUBBISII | HUBADHU!
@Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
» ️Namoonni hubatoon nagaaf jedhanii dhiifama gochuu hin sodaatan.
» Namoonni dadhaboonni garuu hiika nagaa waan hin beekneef dhiifama gochuu hin beekan.
» ️Namni waan siin jedhutti hin dhiphatin!
» Waan hamaa akka hin gooneef garuu of eeggadhu!
» ️Anummaa kee hubachiisuuf baay'ee hin yaaliin!
» Namni akka si hubate osoo hin taane ati akka siif gale, akka si gammachiisutti jiraadhu.
» ️Eenyummaan kee kan madaalamu tilmaama namoonni siif kennaniin miti.
» Eenyummaan kee si keessa qofadha.
» Dafnee abdii kutachuu keenya irraa kan ka'e kaayyoo gurguddaa baay'ee karaatti ganne.
» Qofaa ta'uu malta.
» Namni si bira dhaabatee kallattii si argisiisu dhibuu danda'a.
» Deddeebitee mucucaachuun kufaatii sitti fakkaatee abdii kutatte ta'a.
» Yeroo dheeraa ati karaa irra turte si gaddisiisuu danda'a.
» Waan hin dabarre sitti fakkaatee dhiphaachuu dandeessa.
» Gorsan siif qaba. Eeyyee gorsa.
» Ittuma fufii yaali!
» Yaalii, yaalii, yaali, ammas yaali!
» Matumaa matumaa matumaa abdii hin kutatin!
» Jireenyi Gara-bal'ina si gaafatti.
» Garaa bal'attee irra deddeebitee hin yaaltu taanaan na amani galma kee hin geessu.
» Gatii osoo itti hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru.
» Yoom iyyuu kaayyoon kee gatii baasuu akka si gaafatu dursii beeki.
» Kufuun jira; ammas kufuun jira; amma illee kufuun jira.
» Kufaatii hedduu booda immoo mo'achuun ni jira. Eeyyee ni jira.
» Si'a tokko kuftee abdii kuttee dhiistee deemta taanaan yoom iyyuu hin mo'attu. Kun immoo adeemsuma uumamaati.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
4.4K viewsGetu Abera✟, 18:53
Open / Comment
2023-07-18 17:05:55 #Dubbisa 52ffaa | Dhukkuba Faayidaaf Qofa Walbarbaaduu irraa Fayyuu | @Getu_Official

"የጥቅም ሰውና ነጭ ልብስ የአንድ ቀን ቢሆን ነው"።

⩩ "Namni faayidaa qofa barbaaduu fi uffanni adiin guyyuma tokkoof yoo ta'edha".

❒ Namni faayidaa qofaaf nama barbaadu:
⁃ Qaroo har'aa malee mul'ata borii hin qabu;
⁃ Fira hin qabu;
⁃ Wanta yaadetti milkaa'uuf yeroo dheeraa itti fudhachuu danda'a.
⁃ Firaa fi hiriyoota yeroo dheeraaf isa cinaa dhaabbatan of dhabsiisa.

➱ Lafa kana irratti hundi keenya walcina dhaabbannee hir'uu walii guutudhaan waliif jiraachuu hin dandeenyu yoo ta'ee fi faayidaaf qofa wal barbaadna yoo ta'e, dhugaadha jireenyatti milkaa'uu hin dandeenyu!

Galma bira gahuu fi qabachuun nutti ulfaateef falli guddaan yeroo hundumaa:
➛ Waliin ta'uu!
➛ Wal tumsuu!
➛ Harka wal qabachuu!
➛ Wal jajjabeessuu!
➛ Wal gargaaruu ta'a.

❏ Kaayyoon wal bira jiraachuu keenyaa inni guddaanis yeroo hunda waliinii fi waliif jiraachuudha. Hamma kana hin taanetti guyyuma nutti bade yookiin nutti tole qofa walbarbaadna taanan hiika dhabeessa ta'a. Warra wal ta'ee waliif ta'u haa taanu! Yoos, ani siif, atis anaafi!

➱ Namni yookiin biyyi kophaa isaa guddatu hin jiru. Dhukkuba faayidaadhaaf qofa walbarbaaduu, yookiin guyyaa rakkina keenya ittiin ooluuf qofa walbarbaaduu irraa of haa ittifnu! Galatoomaa!

@Getu_Official
@Getu_Official
4.0K viewsGetu Abera✟, 14:05
Open / Comment