Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 23.17K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 6

2023-02-06 17:37:54 KANA BEEKTUU?
▬▬▬▬▬▬▬▬
➶️ Milkaa'inni ida'ama kufaatiwwanii fi gufuuwwan baay'eeti.
➶️ Milkaa'ina hedduu duuba seenaawwan ajaa'ibsiisoo hanga abdii kutannaa geessan baay'eetu jiru.
➶️ Kanaafuu,
• Karoora kee karoorsi!
• Kaayyoo kee sirriitti tarreessi!
• Galma kaayyoo keetii adda baasi!
• Tarsiimoo ittiin milkooftu qopheessi!
➶️ Sana booda ati hojii kee hojjadhu! Waaqa irra immoo abdii kaa'adhu! Ni milkoofta.

Stay Tuned!
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
565 viewsGetu Abera✟, 14:37
Open / Comment
2023-02-04 09:32:45 BADHAASA UUMAMAAN KENNAME ║ ITTI FAYYADAMUU
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Uumama isaatiin dhalli namaa, dandeettii gosa garaa garaa akkasumas ogummaa garaa garaa badhaafamee dhalata.

✧ Tulluu inni tokko hin baane tokko ni ba'a. Wanta inni tokko hin hojjenne inni tokko immoo ni hojjeta. Kana keessatti sakatta'ee osoo of keessatti hin argatiin kennaa isaa utuu hin barin, namni ukkaamamee du'aan du'ee dhumee michuu warra du'anii ta'e kumaa fi kitila.

✧ Du'a ooluuf yaaluu utuu hin taane du'a booda dhalootni waan ittiin nu yaadatu hojjechuudha. Har'a michuu warra lubbuun jiranii ta'uun kee bor michuu warra du'anii ta'uu
dhabuu kee miti.

Eenyu akka ta'e osoo of hin barin dhalli namaa addunyaa kana irraa dhume, eenyu akka ta'e nama of baree du'e dachaa meeqaan caala.

➲ Jireenya keessatti dhala namaa wanti bakka guddaan ga'u, guyyaa gara guyyaatti yaada haaraa isa faallaa yaada moofaa ta'e, kan jireenyaa fi ilaalcha gaariitti nama geessu,
sammuu isaa keessatti oomishee, wanta gaarii sammuu isaa keessatti argate gara kaayyoo, karoora, akkasumas galma isaatti jijjiiree irra adeemuudha.

➲ Daandiin milkaa'inaa tokko jedhee kan eegalu, yaada moofaa jireenya gaariitti nama hin baasne sammuu ofii keessaa gatuu fi sanyii gaarummaa keessatti facaasudha.

Araddaa guddaan ati qabeenya hundumaa caalaa dhuunfaa keetti qabdu SAMMUU keeti. Waan feete filattee irratti facaasuu dandeessa. Itti gaafatamummaa isaa kan mataa keetiti. Sammuu si miidhu baattee sammuu si fayyadu qabaachuu hin dandeessu. Ilaalchi badaa fi qajeelaan walii galanii
sammuu tokko keessa hin jiraatan. Michuu isa tokkoo ta'uu dandeessa. Bu'a qabeessi sammuu, sammuu yaada qajeelaa faallaa yaada moofaa ta'edha.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.8K viewsGetu Abera✟, 06:32
Open / Comment
2023-02-03 21:02:27 OF IRRATTI HOJJEDHU!

OF BARBAADUU DHABUU KEETIIN ADDUNYAAN ATI KEESSAA DHABAMTU JIRA!
▬▬▬▬▬▬▬
• Ofirratti hojjechuuf dursa barbaadanii of argachuun ni dursa!

➛ Jecha "of barbaadi!" jedhu kana irra deddeebi'ee nan dubbadha! Of barbaaduun yaadota armaan gadii of keessaa qaba.

①. Dandeettii ofii beekuu! Ani maal yoon hojjedhen milkaa'a jechuun of gaafachuu.

②. Mul'ata / kaayyoo adeemaniif adda baafachuu fi irratti hojjechuu! Fiixan ba'iinsa ofiitiif yaada qulqulluu qabaachudha.

③. Wanta hojjetan yookiin gaarummaa isaa of amansiisuun jalqaban garaa guutudhaan hojjechuu dha.

➛ Addunyaan kun nama waan jiraatuuf beekuun osoo hin taane, waan jiraatuuf nama hin beekneen guutuudha.

➛ Osoo of hin barbaadiin, addunyaan ati keessatti of argattu dhibus, OF BARBAADUU DHABUU KEETIIN ADDUNYAAN ATI KEESSAA DHABAMTU JIRA!

➛ Amma ati carraa guddaa tokko qabda. Namni baay'een guyyaa har'aa kana osoo hin argiin du'eera. Tarii atis guyyaa borii dhufaa jiru arguu dhabuu dandeessa. Namni hedduun nama borii ta'uu dadhabee nama kaleessaa ta'e. Namni nama kaleessaa ta'e nama biraa gargaaruu mitii ofii of hin gargaaru.

➛ Namni kaleessaa nama borii akka hin taane beeknus, namni har'aa nama borii akka ta'u beekamaadha.
Of barbaaddee of argannaan carraa guddaan nama guyyaa har'aa fi borii kan ta'u si'i! Kana hin ta'u taanaan carraan si eeggatu tokko jira.

➛ Wanta si eeggatu kana jalaa humnaa fi beekumsa qabdutti gargaaramtee guyyaa har'aa jalaa hinbaatu taanaan, jalaa
ba'uuf humnaas ta'e jabina hin qabdu. Itti jabaadhuu amala isaa akka ati of hin barbaanne si taasisu jalaa of baasi! Dunkaana wallaalummaa ofitti hin xaxin! Godoo beekumsaa keessa of jiraachisi!

ʀᴇᴀᴅᴇʀ ɪs ʟᴇᴀᴅᴇʀ! ᴄʜᴀɴɴᴇʟ ᴋᴇᴇssᴀɴ xɪɴ-sᴀᴍᴍᴜ ᴀᴋᴋᴀ ɪʀᴀᴀ ʙᴀʀᴀᴄʜᴀ ᴊɪɪʀᴛᴀᴀɴ ʜᴏᴍᴀ sʜᴀᴋᴋɪ ʜɪɴ ǫᴀʙɴᴜ.

#sʜᴀʀᴇ #ᴊᴏɪɴ ɢᴏᴅʜᴀᴀ
ᴊᴏɪɴ ɢᴏᴄʜᴜᴜғ

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.6K viewsGetu Abera✟, 18:02
Open / Comment
2023-02-02 21:36:21 DARGAGGUMMAA
"Ergaa dargaggoota gargaaru kana #share waliif godhaa!

"... Yaadni galgala dhufa, humni ganama dhuma!"
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ "Jireenya keessatti wanti gaddisiisaan dafnee dulloomuu keenyaafii turree immoo ogeessota ta'uu keenya" ─ Beenjaanii Firaankiliin

๛ Dhugaa dubbachuuf jechi beekaan kun dubbate baay'ee nu ilaallata. Maaliif yoo jenne dargaggoonni keenya baay'een isaanii yeroo dargaggummaa wantoota baay'eetti humna isaanii fixu. Kunis lafa itti ogeessota ta'an miti.
Lafti yeroo dulloomtu teessu, lafa yeroo dargaggummaa turteedha.

๛ Dargaggummaatti ogeessota ta'uu kan qabnu yeroo humni keenya dhume/yeroo dulloomne warra yaada hubatan taana! Kanaaf yeroo dargaggummaatti ogeessota ta'uudhaaf yeroo hunduma dubbisuun sammuu ofii misoomsuun karaa milkaa'ina keenya jalqabaati.
Akkasuma namoota dullooman yaada irraa fudhachuun caalatti gaariidha. Wanta hojjechuu qaban yeroo hojjetamuu qabutti hojjechuu dadhabanis eenyu hojjetee milkeessuu akka danda'u in beeku. Gorsa fudhachuun eenyuufuu gaariidha.

๛ OGUMMAAN JIRAATANII DARBUU CAALA, WANTI NAMA GAMMACHIISU HIN JIRU!

Namoota ogummaa isaanii fi yaadni isaan keessaa burqu ajab nama jechisiisu, nama umurii isaa 36 keessatti kitaabota 89 barreesse Felix B. Carter link kana tuquun dubbisaa! ─> https://t.me/NAN_BARADHA/11

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.0K viewsGetu Abera✟, 18:36
Open / Comment
2023-02-02 21:31:13 DUBBII HAYYOOTAA
@Nan_Baradha
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ “Yeroon kee daangeeffamee jira; kanaafuu jireenya namni biraa jiraatuun yeroo kee hin
qisaasessin! (Your time is limited, so don’t waste it living someone else’s life)”
─ Steve Jobs

❏ “Ani hiyyeessa qarshii argadhuunis kitaaba bitadha; kan irraa hafeen uffataa fi nyaataan bitadha.” ─ Erasmaas

❏ “Ati ifa qofa ibsi; dukkanni yeroo isaatti ni bada.”
─ Erasmaas

❏ ️“Namni dogoggora hin uumne, waan haaraa uumuu hin danda’u.” ─ Albert Aayinistaayin

❏ “Injifannoon guddaan jireenya keessatti gonkumaa kufuu osoo hin taane yeroo kufan
hunda bakka kufanii ka’uu dha.” ─ Nelson Mandela

❏ ️“Yoo wanta ati qabdu ilaalta ta’e yeroo hunda isa caalaa qabaatta; garuu yoo wanta ati
hin qabne ilaalta ta’e isaa gadi qabaatta.” ─ Ooppraah Wiinfreey

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.3K viewsGetu Abera✟, 18:31
Open / Comment
2023-02-01 21:32:50 TOOFTAALEE SIRRII ITTIIN MUL'ATA OFII BIRA GAHUU DANDA'AN
━━━━━━━━━━━━
❏ Dhalli namaa eenyummaa guutuu fi namummaa guutuudhaan yommuu dhalatu addunyaa kanatti dhufa. Nama waan ittin jedhan hin qabnee fi waan namaan jedhu hin beeknetu gadameessa haadhaa keessaa gara addunyaa oduun gadhee fi gaariin guutamte kanatti gadi ba'a.

❏ Namni nama hamaa ta'ee dhalatu hin jiru, erga dhalatee booda hammeenya baratee of keessatti guddisaa deema malee.

❏ Dhalli namaa yommuu dhalatu wantoota barbaachisoo fi murteessoo ta'an sadan armaan gadii wajjin dhalate.
⁃ Sammuu qulqulluu wajjiin dhalata.
⁃ Onnee qulqulluu wajjiin dhalata.
⁃ Yaada garaa qulqulluu wajjin dhalata.

Namni erga guddatee karaa qajeelaa irra jireenya isaa gaggeeffachuu kan danda'u tootaalee bu'uuraa armaan gadii kanatu jira:
➊) Yaada qajeelaa qabaachuu fi yaaduu!
➋) Namoota yaada qajeeltoo qaban waliin dabarsuu!
➌) Yeroo hundumaa gaarummaa yaaduu fi karoorsuu!
➍) Hammeenya irraa fagaachuu!
➎) Waa'ee mataa ofii irratti xiyyeeffachuu fi jireenya ofii guyyuu sakkata'uu!

❏ Namni wantoota kana hundumaa yoo raawwate kaayyoo lafa kana irratti dhalateef guutummaatti raawwatee itti gammadee jireenya isaa gaggeeffachuu danda'a.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.3K viewsGetu Abera✟, 18:32
Open / Comment
2023-02-01 21:32:17 HUBADHU!
═══════════
• Osoo fiiguu hin jalqabiniin dura kallattii kam akka fiigdu adda baafadhu!

• Osoo waan tokko hin murteessin dura, murtii booda waan dhufu tilmaami!

• Amaloota sadi dhiisuu qabda:
➝ Abdii kutachuu,
➝ Hammeenya hojjachuu fi
➝ Nama tuffachuu dhiisuu qabda.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.2K viewsGetu Abera✟, 18:32
Open / Comment
2023-01-30 18:06:30 OF QABI!┃OF EEGI!┃OF KUNUUNSI!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Of qaban malee wanta yaadan hin qaban. Of eegan malee egere hin gahan! Of kunuunsanii ofiif ta'an malee nama hin ta'an.
Waa qabachuuf of qabuun ni dursa!
➋. Wantoota hanga ammaatti jireenya kee keessatti ta'an ilaalchisee hin gaabbiin irraa baradhu malee!
➌. Amala gadhee hin kunuunsin!
➍. Yeroo hundumaa abdii kutannaa hin dubbatin!
➎. Akka waan sanyiin abbaa keetii maqaan isaa obbo kufaatii jedhamuutti yeroo hundumaa kufaatii hin tarreessin!
➏. ɪɴᴊɪꜰᴀɴɴᴏᴏɴ ᴀᴛɪ ʜᴀɴɢᴀ ʜᴀʀ'ᴀᴀᴛᴛɪ ᴀʀɢᴀᴛᴛᴇ sɪ ɢᴀ'ᴀᴀ? ɪᴅᴅᴏᴏɴ ᴀᴛɪ ɢᴇᴇssᴇ ɪsᴀ ᴅʜᴜᴍᴀᴀᴛɪɪ? ᴇᴇʏʏᴇᴇ ᴅᴇᴇʙɪɪ ᴊᴇᴅʜᴀᴍᴜ ǫᴀʙᴅᴀ ᴛᴀᴀɴᴀᴀɴ ʟᴀᴋᴋᴏᴏꜰsᴀɴ ᴡᴀʀʀᴀ ʟᴜʙʙᴜᴜɴ ᴊɪʀᴀɴ ᴋᴇᴇssᴀ ᴊɪʀᴛᴀ ᴍᴀʟᴇᴇ sᴀᴍᴍᴜᴜɴ ᴋᴇᴇ ᴡᴀʀʀᴀ ᴅᴜ'ᴀɴ ᴋᴇᴇssᴀᴛᴛɪ ʀᴀᴍᴀᴅᴀᴍᴀ!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.4K viewsGetu Abera✟, 15:06
Open / Comment
2023-01-30 13:15:39 CARRAA / HIREE KEE KOMATTEE BEEKTAA?

"Guyyoota boo'ichaa obsaan dabarsi!"
▬▬▬▬▬▬▬
■ Ofitti aartee, of komattee, of jibbitee beektaa? Carraa/hiree kee komattee, namaa gad of ilaaltee, furmaata dhabdee bitaa si galee beekaa? Kun hundi maalif akka sirratti ta'e yaaddee dadhabdeettaa? Akka tuffatamtetti sitti dhagahamee boquu cabdee beektaa?

…. Yoos qofaa kee miti. Ani naannoo koo dukkannii fi gadadoon qofti kan na marse natti fakkaatee beeka. Karaan irra deemuu malu wallaalee ofiif gadda taa'ee beeka. Of arrabsee, of jibbee, jireenya jibbee… waa biyya lafaa kana maras jibbee beeka. Jireenyi koo hiikkaa natti dhabee burjaajjahee beeka. Gadi ilaalamee gad ilaalamuu koon keessi koo na madaahee beeka…

Yeroo akkasii akkasan godha, bakka namni na hin agarre deemeen of waliin haasahuu eegala, dhokadheen boohee baafadha, boo'ee boo'een homaa mitii ofiin jedha. Homaa miti kunis ni darbaan jedha." homaa miti, homaa miti, homaa miti, homaa miti…."

Yeroo baay'ee irra deddeebi'een jedha.
➲ "Homaa miti, ati kanaa oli, ati isa amma boossu kanaa oli!
➲ Dogoggorteetta ta'a, garuu ati dogoggora kee har'aa miti nama dogoggora kee irraa barattu malee.
➲ Kufteetta ta'a, kufuu keef nama salphaa miti, nama kufaatii keen irree jabeeffatee ka'u malee.
➲ Waan si hin beeknef gadi si ilaalu,
➲ Waan si hin barreef si tuffatu.
➲ Mul'ata ati fuuldura keetti agartu ijaa hin agarreef gadi si qabu. Ijaa gaarummaa kee gowwaa si sehu, ijaa isaanii dursa kenniteef waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.
➲ Ati garuu ofitti hin aariin, of hin komatiin, of hin jibbiin, gadis of hin ilaaliin.
➲ Namni si jibbeef of hin ganiin, of hin gatiin.
➲ Yeroo bitaa si galetti tasgabbaa'uu baradhu, waan dandeessuuf waan sitti fakkaate hamma gootetti, hamma humna kee hamma dhamaatetti isa kaaniif hin dhiphatin.
➲ Bu'aa dhamaatii kee tokko tokkoon argaa deemta, wanti sirra gahe marti maalif akka ta'e hubachaa deemta, 'edaa waan gaariif ta'ee' jetta. 'Edaa dhiibee asiin na gahuuf turee' jetta. 'Edaa dukkanni sun marti ifa arguuf akkan dhama'uuf ture, edaa dukkanni sun marti ifa fuuldura koo jiru yennaan argu akkan itti gammaduuf ture!' jetta. Qofaa teessee karaa irra deemtee dhufte yaaddee yeroo as teessee boosse kanatti kofalta. Kolfa gammachuuf galataa kofalta. Kolfi kee namootaaf ifa, kolfi kee namoota gaddaniif soorata ta'a. Namoota karaa ati irra deemtee as geesserra jiraniif jabina taata. Namni si argee kolfa, namni si argee abdii horata, siin argee jabaata, siin argee barata. Kolfitee kolfitee hin dadhabdu, ergasii yennaa aartus, yennaa bitaa si galus, yennaa arrabsamtus kolfita. Ati hojiin kee kolfuu qofa, kolfitee mo'atta. Mee yennas akkam naa kolfita?" ofiin jedha.
.
.
.
Gaddi koos ni bada.
.
.
.
Garaa koo guutuun kolfa.
.
.
.
Dabalee daddabaleen kolfa!
.
.
.
Kolfa koo boruu sana dhugoomsuuf kutadheen bakkan dhokadhee taa'ee ka'a. Boruu koo ifaa sana hamman gahutti guyyoota boo'ichaa na quunnaman fuulduratti ilaalaan boquu ol qabachaa kolfaa adeema.
.
.
.
Atihoo?

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.1K viewsGetu Abera✟, 10:15
Open / Comment
2023-01-30 11:33:22 DUBARA AKKA KANAA HIN TA'IN!
▬▬▬▬▬▬▬
1. Telegramiin 'Hi!' siin jedhe!
2. Deebii utuu hin deebisiniif profile isaa ilaalte!
3. Uffanni isaas ta'ee, hojjaan isaa ni miidhaga.
4. Irra deebi'ee Hi! jedhe.
5. Amma garuu gammachuun deebifteefi.
6. Yaada waljijjiiruun jalqabame.
7. Qaaman walarguuf beellamni qabame.
8. Uffata gaarii uffattee, urgooftuu dibattee qophooftee dhaqxe!
9. Bakka bashannanaa gaariitti si fudhatee qajeele.
10. Yeroo gaarii dabarsuu jalqabdan!
11. Harka kee jaalalaan qaqqabe. Qoosadhaan si kofalchiise!
12. Ija kee ija jaalalaatiin ilaalee gammachuu si soora.
13. Wal beekumsa cimaa qabaachuun sitti dhaga'ame.
14. Kutaa akka qabattanif sitti hime, waliif galte!
15. Gammachuun akka sitti dhaga'amu godhe!
16. Jaalalaan hidhii kee dhungachuu jalqabe!
17. Sirrii akka hin taane yoo siif gale illee gammachuun sitti dhaga'ame.
18. Kabajaan gara sireetti si fudhate!
19. Mormuuf humna dhabde!
20. Wanti biraa haa hafu, karaa ittisaa fayyadamuuf yaada dhiheessite.
21. Xoofoo fedhiitiin waan guutamteef sitti dhaga'amuu hin dandeenye.
22. Ni Jaalatte, gammachuus argatte.
23. Qabbaneessituu keessaa bishaan qorraa siif fidee ofiisaatii si obaase.
24. Kabajni siif kennu baay'ee si booji'e.
25. Akka carra qabeettiiitti of lakkoofte.
26. Dhiira barbaaddu akka argatteetti sitti dhaga'ame.
27. Uffata kee uffatte!
28. Gara manaatti hammatee si gaggeesse!
29. Boqoo kee dhungatee yeroo gaarii akka dabarsitan sitti hime.
30. Adeemsaaf maallaqa harka keessa si kaa'e.
31. Fuula ifaadhaan boru walhaa arginu bareedaakoo jetteen!
32. Inni garuu deebii siif hin kennine!
33. Gammachuun akkuma fuulli kee ifetti deemtee mana geesse.
34. Gammachuun akkuma mana geesseen #message ergiteefi.
35. Online ta'us deebii siif hin deebifne.
36. Bitaa sitti galee irra deebiin barreessiteefi!
37. Ammas deebiin hin jiru.
38. Daqiiqaa booda yoo ilaaltu Telegram irratti #block taatee jirta.
39. Block akka taate sitti beekame!
40. Guyyaa, torban, jiini darbe!
41. Miidhamni sitti dhaga'amuu jalqabe. Dadhabbiin, hir'inni ulfaatinaa...
42. Gara hospitaalaa deemuun qorannoo taasifte.
43. Turtii booda ogeettiin fayyaa bu'aa qorannoo qabattee dhufte.
44. HIV +ve fi ulfa akka taate sitti himte!
45. Akkamitti???
46. Dhugaa waliin morkatte!
47. Dhiphinni sirratti moo'e! Sodaan si liqimse!
48. Fedhiin abdii dhabummaa sitti dhaga'ame!
49. Duuti akka sitti dhihaate sitti dhaga'ame.
50. Haalonni duubatti deebi'amee utuu sirreeffamee hawwite!
51. Garuu maal gatii qabaree, barfateera!
52. Gara Waaqaatti iyyitee kadhata goote.
⁃ Dubara akkanaa hin ta'in!
⁃ Fedhiin hin gaggeeffamin!
⁃ Qabeenyaan nama hin madaalin!
⁃ Mucaan kee isheen dubaraa waan utuu siif taatee si gammachiisuu fi ilmoo keetif waan hawwitu atis akkasuma ta'i!
Waaqni hunduma keenyaaf obsa haa kennu!

Gara Afaan Oromootti hiikeen dhiheesse. (Geetuu Abarraa ti.)

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.0K viewsGetu Abera✟, 08:33
Open / Comment