Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 23.17K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 3

2023-06-12 16:22:10 𝖠𝗆𝖺𝗅𝖺 | 𝖭𝖺𝖺𝗆𝗎𝗌𝖺 𝖦𝖺𝖺𝗋𝗂𝗂 𝖰𝖺𝖻𝖺𝖺𝖼𝗁𝗎𝗎
╔═════════╗
║ 𝐀𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐆𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 ║
╚═════════╝
༄ #𝐐𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐡𝐢𝐫𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐛𝐮'𝐚𝐚 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐚𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐦𝐮 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐟𝐢𝐝𝐚.
༄ #𝐁𝐚𝐫𝐞𝐞𝐝𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐫𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐟𝐞𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐚𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐦𝐮 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐟𝐢𝐝𝐚.
༄ #𝐀𝐦𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐫𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐮𝐮 𝐠𝐮𝐮𝐭𝐮𝐮 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐟𝐢𝐝𝐚.

𝗡𝗮𝗮𝗺𝘂𝘀𝗮 𝗚𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗶𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝘁𝘂𝗾𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 7 | @Gaggeessummaa

➊. Naamusni nama milkeessa!
➋. Naamusni kabajamaa nama taasisa!
➌. Naamusni waliin jireenya hawaasaa naga qabeessa taasisa!
➍. Naamusni gaariin ofirra darbanii nama biroo akka qajeelchan nama taasisa!
➎. Naamusni burqaa walitti dhufeenyaa fi waliin jireenya ilma namaa lalisiisuudha!
➏. Naamusni gaariin galaa dhalootaati!
➐. Naamusa gaarii irraa maqaa gaariin argama!
maqaa gaariin immoo siidaa onnee namaa keessa dhaabbatee dhaloonni irraa baratuudha.

𝐉𝐨𝐢𝐧 𝐔𝐬
𝐆𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚
𝐆𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚
1.6K viewsGetu Abera✟, 13:22
Open / Comment
2023-06-12 11:36:19
1. Email Akkamitti Banamaa?
2. Faayidaalee Email Qabaachuu
2.1. Get Online Free Storage
2.2. YouTube Subscribing/Doing On Youtube
➛ Email warri hin qabne  salphaadhumatti bilbila keessan yookiin komputera keessan fayyadamuun akkamitti akka banuu dandeessan baruuf duraa duuba armaan gadii hordofaa!!

https://cutt.ly/awe0iVx5
https://cutt.ly/awe0iVx5
2.6K viewsGetu Abera✟, 08:36
Open / Comment
2023-06-11 22:39:39 Channel Hafuuraa

Channel hafuuraa kana meeqaa keessantu qaba. Barnootaa fi leenjiilee hafuuraa walitti fufiinsaan qindaa'ee isiniif dhiyaata! Namoonni kitaabilee adda addaa kan hafuuraa argachuu barbaaddanis nutti dabalamaa!

JOIN THE CHANNEL
«JOIN»
«JOIN»
«JOIN»
«JOIN»
1.6K viewsGetu Abera✟, 19:39
Open / Comment
2023-06-11 21:09:41 Dhiphachuu║Jeeqamuu
(Stress)
Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Dhiphinni dhukkuba sammuu irraan miidhaa geessisuu danda'uu dha. Dandeettii hanga namni yaaduu danda'uu ni hir'isa.

❏ Namni yeroo hundumaa dhiphatu mallattoolee kanneen akka:
➊ Kophaa ta'uu!
➋ Hojii sirnaan hojjechuu dhabuu yookiin karaa miidhaa geessisuun hojjechuu!
➌ Walitti dhufeenya yookiin hariiroo namootaa waliin qabu dhaabuu!
➍ Hirriiba nagaa dhabuu!

❏ Yaadoleen Dhiphina Namatti Fidan Kanneen akka:
⁃ Bakka yaadan hanqachuu,
⁃ Dhiibbaa hiriyaa,
⁃ Qusannaa dhabuu,
⁃ Odeeffannoo sobaa,
⁃ Ofitti amanuu dhabuu,

➎ Dhiphinaan namni miidhame dandeettiin, haamileen yookiin anniisaan waan tokko hojjechuu isaa gadi bu'aa adeema.
➏ Waan tokko itti fufee hojjechuuf sababa dhabsiisa. Jireenya akka hiika hin qabneetti itti mul'ata.

Dhiibbaan kuni walitti dabalamee yaada sammuu isa gaarii yaaduu fi xiinxaluu danda'u irraan miidhaa geessisa!

❏ Dhiphina Ooluudhaaf Maal Gochuu Barbaachisa?
⁃ Wanta hojjetan ija gaarummaatiin ilaalanii hojjechuu fi itti gammaduu!
⁃ Wanta keessa ofiitti yaadan baasanii dubbachuu!
⁃ Ofitti amanuu!
⁃ Guyyaa guyyaadhaan waan haaraadhaan of dammaksuu! (Motivate yourself daily)
⁃ Faaruu, muuziqaa, yookiin wanta jaalatan dhaggeeffachuu!
#Share

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.4K viewsGetu Abera✟, 18:09
Open / Comment
2023-06-11 13:58:46 1. Gaa'ela Gaarii fi Haadha Manaa

1.1. HAADHA MANAA

⁃ Haati Manaa Kennaadha Malee Filannoo Miti!

⁃ Bara jireenya kee guutuu hamma lubbuun lafa irra jiraattutti kan si bira jiraachuu danda'u, mudaa kee fi hir'ina kee sitti dhihoo ta'ee qooddatu, haadha manaa kee qofa. Maatii kee hammam yoo jaalatte iyyuu guyyaa tokko dhiistee deemta. Bakka adeemtu kamiyyuu garuu si waliin ta'ee, si biratti kan hafu haadha manaa keeti!
Guutummaa isaa argadhaa linkii gadii cuqaasuudhaan! Dubbisaa!

https://gracemedia.kbibleverse.com/gaaela-gaarii-fi-haadha-manaa/
https://gracemedia.kbibleverse.com/gaaela-gaarii-fi-haadha-manaa/
2.8K viewsGetu Abera✟, 10:58
Open / Comment
2023-06-10 17:19:42 Waa'ee Sammuu keenyaa kanneen kana ni beektuu?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Sammuun nama tokkoo odeeffannoowwan dhugaa ta'an #Tiriliyoona 100 kuusuu ni danda'a.

❏ Sammuun keenya Sekondii tokko keessaatti murtoowwaan adda addaa 15,000 kennuu ni danda'a. (Kitaaba The purpose Driven life)

❏ Namni tokko yeroo du’u sammuun isaa daqiiqaa torbaaf (7) yaadannoowwan yeroo lubbuun jiruu qabu tartiibaan bifa abjuun ni arga
(Psychology facts)

❏ Namni nuyi abjuu keessan arginu kamiyyuu dirqamaan nama ija keenyaan arginee beeknu dha. Sammuun keenya ofii isaatiif fuula yookiin suuraa nama haaraa tokko uumuu hin danda'u.

❏ Ulfaatinni Sammuu nama ga’eessa tokkoo giraama 1200 hanga giraama 1400 ni ta’a.

❏ Umuriin nama tokkoo yeroo 30 darbaa adeemu Sammuun isaa Ulfaatina isaa hir’isaa adeema.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
3.5K viewsGetu Abera✟, 14:19
Open / Comment
2023-06-10 16:21:37 Bututtii Sammuu (Burnout) Maaltu Fida?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➨ Hojii ofii irraa bu'aa gar-malee guddaa eeguu yookiin karoora ifa ta'e dhabuu!
➨ Jireenya yookiin hojii ofii irratti to'annaa dhabuu fi Jireenya ofiitiif madaala dhabuu..... hojii, bashannana, hariiroo maatii fi namootaa fi kan kana fakkaatan wal madaalsisuu dhabuu.
➨ Haala hojii namaaf hin mijanne, burjaajjii ta'e keessa hojjechuu.
➨ Deeggarsa maatii, hiriyaa fi kan kana fakkaatan dhabuu.
➨ Hojii walfakkaataa, kan jijjiirama/dorgommii hin qabne hojjechuu.
➨ Nama mara gammachiisuuf yaaluu!
➨ Hojiin namatti baayyachuu, Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu.
➨ Waan hin dandeenye, garmalee nama muddutti waadaa galuu!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
3.2K viewsGetu Abera✟, 13:21
Open / Comment
2023-06-09 23:36:33 SI QOFATU AKKA OFIIF TA'UU QABU TA'A
▬▬▬▬▬▬▬▬
➠ Namoonni baay'een akka fedha isaanii keessatti qofa akka jiraattu barbaadu. Gaafa ati akka fedha keetti jiraachuu eegaltu garuu, dhagaa hedduu sitti darbatu. Jechaan si madeessu, jibbaan sirraa dheessu. Atillee "namni akkuma koo naaf ta'a" jettee itti of kennite taanaan dogoggora eegalte jechuudha. Atis nama keessatti of ittisuun, namni daangaa ofii fedhe keessatti si tiksuunis seera miti.

➠ SI QOFATU AKKA OFIIF TA'UU QABU TA'UU DANDA'A. Namni yeroo hunda waan ofii fedhu qofa akka isaaf mijatutti sirraa eega. Waan sirraa eegu dhabnaan gatee sibiraa sokka. Maqaa biraa sitti moggaasa. Ilaalcha ofii qabu sirratti biqilcha. Kanaafi kan ati humna si utubu, ofitti amanamummaa sibaatuf humna ofta'uu sirra jiru daran cimsuun kan si barbaachisuuf!

➠ Kanaaf ati hunda dursitee akka ofiif ta'uu qabdu ta'uun kan si barbaachisuuf. Gaafa sana kan si dhiiseef jeeqamuun, kan si darbate sin madeessun, jechiif ilaalchi sin raasun hin jiru.

➠ Gaafa humna kana ofirratti moosifte immoo of kee qofa miti, uumaamaan waliigaltee, jaalalan dhangaashee sooratta.

➠ Boqonnaan sammuus achi keessaa argatta. Daangaa ofii sararatte keessatti addunyaa kee bocatta. Hunda haalaaf karoora ittiin raawwattu cimsitee beekta. Dhufee darbaan amala namaa si hin yaaddessu. Akka dhufetti keessummeessita, akka deemetti gaggeessita. Isa nagaa kee goolutti ulaa miira kee cufatta.

➠ Akka namaa miti, akka ofiif ta'uu qabdu taata. Ati qofti ilaalcha xiqqaa ofummaa kee irratti biqilchite buqqisii, humna ofitti amanamummaa kee cimsadhu! Bashaasha ta'i; guddaa dhiphinaan sitti dhufe, seeqa xiqqoon gaggeessi. Maaf dhiphatta? Eenyumtuu bakka kee bu'ee daqiiqaa takkaaf jireenya kee hin jiraatu hoo?

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
3.4K viewsGetu Abera✟, 20:36
Open / Comment
2023-06-09 21:31:08 22K MEMBERS
THANK YOU!
GALATOOMAA !!!

══════════════
@Gaggeessummaa
══════════════
3.0K viewsGetbot, 18:31
Open / Comment
2023-06-09 21:23:46 Iddoon Ati Har'a Jirtu, Bakka Ati Boru Itti Argamtu Miti.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Guyyaan hundumtuu carraa guddaa fi sadarkaa guddina koo kan dabalaniidha jedhii yaadi! Kisaaraa yaadaa keessa hin seenin. Salphina akka ulfinaatti hin fudhatin! Hin yaadda'in; dukkanni kee har'aa itti hin fufu. Namoonni abdii si kutachiisan baay'ee ta'uu danda'u. Ati garuu yoomillee ofii keetiif ilaalcha gaarii qabaadhu! Harka hin kennin! Ija hin laafiin hunda hin sodaatin!

⁃ Gadda boodatti si deebisu keessa hin seenin! Nama borii akka taate hin dagatin! Guyyaan borii ulfina baatee si eegaa jira. Ati nama abdii kutatee lafa har'a jirutti hafuu hin dandeenye akka taate hubadhu! Baga addunyaan nama akka keetii qabaatte. Si malee addunyaan guutuu miti. Hir'inni kee addunyaa kana baay'ee boodatti hambisa. IDDOON ATI HAR'A JIRTU, BAKKA ATI BORI ITTI ARGAMTU MITI!

⁃ Namni cimaan yeroo hunda cimina namaa dhugaa ba'a; fakkeenya godhata; namni dadhabaan garuu yeroo hunda dogoggora xiqqoo nama irra barbaaduu fi dadhabina namaa haasa’uun yeroo isaa guba. Ati isa kam keessa jirta?
#Yaa namana! Waa'ee namaa haasa’uun jireenya kee keessaa daqiiqaa tokko gubuu irra waa'ee kee sekondii tokko yaaduutu bu'aa siif qaba.''
➦ ωααи ᴅυввιfтαиιιf Gαℓαтσσмαα!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
3.2K viewsGetu Abera✟, 18:23
Open / Comment