Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 23.17K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 4

2023-06-09 17:14:48
Bilbila Osoo Hin Bitin Wantoota Gurguddoo Beekuu Qabnu 6:

➛ Bilbilootni akka Android fi iphone ulaagaa garaa garaa irratti hundaa’uun gosa hedduutu gabaa irra jira. Akkasumaas gatiin isaanii garaa garaadha. Yeroo kanatti bilbiloota akkasii bitachuuf baay’een keenya guddina/size/ fi gatii isaa qofa ilaaluun mobaayila gaarii hin taane yookiin tajaajila nuti barbaanne nuuf kennuu hin dandeenye bituu dandeenya ta’a.
Odeeffannoo guutuu waa'ee bilbilootaa argachuuf link kana fayyadamaa!

https://cutt.ly/Fwem1AER
https://cutt.ly/Fwem1AER
6.6K viewsGetu Abera✟, edited  14:14
Open / Comment
2023-06-09 00:11:35 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐢𝐥𝐞𝐞 𝐃𝐢𝐧𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐨𝐨
𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐚
┃𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐫𝐮┃
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊ "Yeroo namoota baay'ee arginu keessa jirra, garuu namummaa gahaa miti."

➋ "Yeroo namni sooressi daa'imman caalaa kutaa manaa baay'ee qabuu fi hiyyeessi immoo kutaa manaa caalaa daa'imman baay'ee qabu keessa jirra."

➌ "Yeroo bilbilli (smart phones) carraa addunyaa waliin wal argisiisuu uumanii, garuu warra cina kee (sitti dhiyoo) jiran irraa si fageessan keessa jirra.

➍ "Yeroo haati tokkittiin daa'imman 10f kunuunsa gootu, garuu daa'imman 10 haadha tokkittii isaaniif kunuunsa hin goone keessa jirra."

➎ "Yeroo sooressi nyaata bulleessuuf maayila tokko deemuu fi hiyyeessi immoo nyaata barbaachaaf maayila tokko deemu keessa jirra."

➏ "Yeroo maqaa namootaa baay'ee bilbila irraa qabnuu fi walitti dhufeenyi garuu dhiphaa ta'e keessa jirra."

➐ "Yeroo anummaan baay'atee, gammachuun dhabame keessa jirra."

➑ "Yeroo itti akkaataa jireenya gaarii jiraachuu beeknee, garuu akkamitti jireenya gaarii jiraachuun dagatame keessa jirra."

➒ "Yeroo itti baay'een gatii wanta hundumaa beekanii, garuu bu'aa isaa wallaalan keessa jirra."

➓ "Yeroo namoonni aangoo argatanii, garuu wal hoogganuu dadhaban keessa jirra."

Dhugumatti, Yeroon nuti keessa jiraannu yeroo walfaallesse dha. Haala yeroo kanaa irratti hubannoon akka jiraannu Waaqayyo nu haa gargaaru! Kan hiike Geetuu Abarraa

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
3.8K viewsGetu Abera✟, edited  21:11
Open / Comment
2023-06-08 23:55:45 ❏ 𝖸𝖾𝗋𝗈𝗈 𝗂𝗍𝗍𝗂 𝖻𝗂𝗅𝖻𝗂𝗅𝗅𝗂 (𝗌𝗆𝖺𝗋𝗍-𝗉𝗁𝗈𝗇𝖾) 𝖼𝖺𝗋𝗋𝖺𝖺 𝖺𝖽𝖽𝗎𝗇𝗒𝖺𝖺 𝗐𝖺𝗅𝗂𝗂𝗇 𝗐𝖺𝗅𝗊𝗎𝗇𝗇𝖺𝗆𝗌𝗂𝗂𝗌𝗎𝗎 𝗎𝗎𝗆𝖺𝗇𝗂𝗂, 𝗀𝖺𝗋𝗎𝗎, 𝗐𝖺𝗋𝗋𝖺 𝗌𝗂𝖻𝗂𝗋𝖺 (𝖼𝗂𝗇𝖺 𝗄𝖾𝖾) 𝗃𝗂𝗋𝖺𝗇 𝗂𝗋𝗋𝖺𝖺 𝗌𝗂 𝖿𝖺𝗀𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺𝗇 𝗄𝖾𝖾𝗌𝗌𝖺 𝗃𝗂𝗋𝗋𝖺! 𝖭𝖺𝗆𝗈𝗈𝗍𝖺 𝖼𝗂𝗇𝖺 𝗄𝖾𝖾𝗍𝗂𝗂𝖿 𝖽𝗎𝗋𝗌𝖺 𝗄𝖾𝗇𝗇𝗂!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
3.3K viewsGetu Abera✟, 20:55
Open / Comment
2023-06-08 17:49:41
1. Eeggannoolee Gaa'elaaf Godhamuu Qaban 10:
1.1. Gorsa Abbaan Intala Isaa Gorse!
1.2. Dargaggoonni; Ijoolleen Shamarranii Gaa'elaaf Ofeeggannoo Akkamii Taasisuu Qabu?
1.3. Abbootiin ijoollee shamarraniif Gorsa Akkamii Kennuu Qabu?

Gorsi cimaan kuni warra hin fuuneef/heerumneef baay'ee gargaara. Gaa'ela keessa kanneen jiran immoo ittiin ijoollee isaaniif gorsa laachuuf jajjabeessa

Guutummaatti Dubbisuuf Link kana fayyadamaa! Obbolootaaf share taasisuu hin dagatinaa!

https://cutt.ly/uwekQE3Z
https://cutt.ly/uwekQE3Z
8.1K viewsGetu Abera✟, 14:49
Open / Comment
2023-06-08 12:11:58 Wantoota 10 kan Lukkuu irraa Barachuu Dandeenyu:
@Nan_Baradha
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Utuu killee ishii irra oolmaa hin taa'in duratti killee gahaa hanqaaqxi/buusti.
⁃ KAROORA GAARII QABAACHUU/GOOD PLANNING

➋. Erga killee irra oolmaa taa'uu eegaltee, sosochii ni xiqqeessiti!
⁃ NAAMUSA/DISCIPLINE

➌. Yeroo Killee irra teessu sana kiiloo/ulfaatina ni hir'ifti. Sababni isaatiis nyaata ni xiqqeessiti.
⁃ WAREEGAMA KAFALUU FI FEDHII OFII DHIISUU

➍. Killee lukkuun biraa hanqaaqxe irra oolmaa hin teessu!
⁃ LOOGII DALAGUU DHABUU fi ARJUMMAA

➎. Guyyaa 21f obsaan eegdee killee irra teessi! Yoo killee san irraa ilmooleen uumamuu baatanis ammas deebitee killee hanqaaqxi.
⁃ AMANTII, ABDII FI JAGNUMMAA

➏. Killee ilmoo ta'uuf hin adeemne adda baaftee keessaa darbiti.
⁃ SALPHAATTI WAA HUBACHUU

➐. Killee tortore/shame dhiiftee, kunuunsa killee gara cuuciitti jijjiiramteef gooti.
⁃ OGUMMAA, DAMMAQIINSA FI QABATAMA JIRUU HORDOFUU

➑. Abbaan fedhe ilmoo ishii tuquu hin danda'u!
⁃ JAALALA EEGUMSAA FI GAGGEESSUMMAA

➒. Ilmoolee ishii hanga gurguddatanii of danda'anitti hin dhiiftu!
⁃ GORSA KENNUU/BARSIISUU

➓. Ilmaan ishii hunda walitti qabdee deemtiini!
⁃ TOKKUMMAA KAAYYOO

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
4.2K viewsGetu Abera✟, 09:11
Open / Comment
2023-06-08 10:43:12 𝐌𝐮𝐥'𝐚𝐭𝐚 | 𝐕𝐢𝐬𝐢𝐨𝐧 𝐎𝐟𝐢𝐢 𝐆𝐮𝐝𝐝𝐢𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐃𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮𝐮
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❐ Nama guddaa ta'uuf waan guddaa irraa eegaluu hin qabdu.
❐ Ol baatee Mul'achuuf dirqama gaara irratti Dhalachuu hin qabdu.
❐ Gaggeessaa biyyaa ta'uu dhaaf abbaan kee yookiin haati kee gaggeessaa ta'uu hin qaban.
❐ Fageessitee arguu dhaaf dirqama biyya fagootti dhalachuu hin qabdu.
❐ Dursuu dhaaf dirqama dura jalqabuu hin qabdu.
❐ Beekaa ta'uu dhaaf beekumsa irraa jalqabuu hin qabdu.

𝐌𝐚𝐚𝐥 𝐆𝐨𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐝𝐚𝐫𝐞𝐞?

➊. 𝙼𝚞𝚕'𝚊𝚝𝚊 𝚜𝚒 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚞 𝚐𝚞𝚍𝚍𝚒𝚏𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚞𝚞!
➋. 𝙳𝚊𝚗𝚍𝚎𝚎𝚝𝚝𝚒𝚒 𝚊𝚍𝚍𝚊𝚊 𝚜𝚒 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚞 𝚋𝚊𝚊𝚏𝚝𝚎𝚎 𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚏𝚊𝚢𝚢𝚊𝚍𝚊𝚖𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚞𝚞!
➌. 𝙺𝚊𝚊𝚢𝚢𝚘𝚘 𝚞𝚞𝚖𝚊𝚖𝚝𝚎𝚎𝚏 𝚜𝚒𝚛𝚛𝚒𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚑𝚞𝚋𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚞𝚞!
➍. 𝙾𝚏𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚊𝚖𝚊𝚗𝚊𝚖𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚌𝚒𝚖𝚜𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚞𝚞!
➎. 𝙺𝚊𝚛𝚘𝚘𝚛𝚊 𝚖𝚊𝚝𝚊𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚝𝚒𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚞𝚞 𝚍𝚑𝚊!

Share share Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN
3.9K viewsGetu Abera✟, 07:43
Open / Comment
2023-06-08 01:34:03 WANTOOTA SADAN JIRUU NAMAA MURTEESSAN:
┏━━━━━━━━━┓
┃ ➊. Yeroo ║
┗━━━━━━━━━┛
• #Yeroon jireenya kee keessatti eenyu waliin akka walqunnamtu murteessa!
┏━━━━━━━━━┓
┃ ➋. Onnee ║
┗━━━━━━━━━┛
• #Onneen kee jireenya kee keessatti eenyu akka barbaaddu murteessa!
┏━━━━━━━━━┓
┃ ➌. Amala ║
┗━━━━━━━━━┛
• #Amalli kee jireenya kee keessatti eenyu waliin akka turtu murteessa!


JOIN CHANNEL HERE!
►JOIN ►
►JOIN ►
►JOIN ►
3.2K viewsGetu Abera✟, 22:34
Open / Comment
2023-06-07 17:02:46 DHEEBUU MILKAA'INAA fi TATTAAFFII GODHAMUU QABU
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ "... Addunyaa kana irraa namoonni biliyoona 7.86 gammachuu hin qabani! Sababni isaa milkaa'ina amma irra jiran kana caalatti waan haaraa ta'e fiduuf dheebotu. Namoota furmaata haaraa addunyaadhaaf argamsiisanis amaloonni walfakkaatoo isaan taasisu kanneen armaan gadiiti:
➲ Dheebuun isaanii guddina,
➲ Jireenya gaarii jiraachuu,
➲ Jijjiiramaaf dhimmuu,
➲ Milkaa'ina yaaduu, gonfachuu.
➲ Namootatti abdii horuu.
➲ Miidhaan yoo jiraate faayidaan jira jedhanii amanuu,
➲ Warra dhaban gargaaruu,
➲ Warra gaddan jajjabeessuu dha.

❏ Karaalee Namoonni Baay'een Kallattii Sirriitti Ittiin Dhufan:

✧️ Gahuumsaan hojjachuu, (Efficiency)
✧️ Iftoomina qabaachuu, (Transparency and Accountablity)
✧️ Itti Gaafatamummaa ofii bahuudha. (Responsiblity)

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
4.4K viewsGetu Abera✟, 14:02
Open / Comment
2023-06-07 15:53:30
1. Gaa'ela Gaarii fi Haadha Manaa

1.1. HAADHA MANAA

⁃ Haati Manaa Kennaadha Malee Filannoo Miti!

⁃ Bara jireenya kee guutuu hamma lubbuun lafa irra jiraattutti kan si bira jiraachuu danda'u, mudaa kee fi hir'ina kee sitti dhihoo ta'ee qooddatu, haadha manaa kee qofa. Maatii kee hammam yoo jaalatte iyyuu guyyaa tokko dhiistee deemta. Bakka adeemtu kamiyyuu garuu si waliin ta'ee, si biratti kan hafu haadha manaa keeti!
Guutummaa isaa argadhaa linkii gadii cuqaasuudhaan! Dubbisaa!

https://gracemedia.kbibleverse.com/gaaela-gaarii-fi-haadha-manaa/
https://gracemedia.kbibleverse.com/gaaela-gaarii-fi-haadha-manaa/
8.6K viewsGetu Abera✟, 12:53
Open / Comment
2023-06-06 21:51:01 GORSA GABAABAA
▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Hin yaadin akka malee!
2. Hin aarin obsi malee!
3. Hin abaarin gorsi malee!
4. Hin boo'in kolfi malee!
5. Hin jarjarin hubadhu malee!
6. Hin jaallatin qorattu malee!
7. Hin amanin jaaladhu malee!
8. Hin jibbin sababa malee!
9. Hin barreessin beektu malee!
10. Hin odeessin argitu malee!
11. Hin sodaatin dubbadhu malee!
12. Hin sobin dhugaa malee!
13. Hin taa'in hojjedhu malee!
14. Hin dhabin argadhu malee!
15. Dubbiftee hin dhiisin share gootu malee!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
5.9K viewsGetu Abera✟, 18:51
Open / Comment