Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 23.17K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 5

2023-05-18 10:55:20 Seenaa Namootaa irraa Maal Barannaa?
Getu Abera
━━━━•═•═•━━━
Atis Seenaa Jiraatu Hundeessii Darbi?

Obboloota keessaniif #share taasisaa!

Afaan Oromoo PDF
Fuula-33║Hanga-768kb
share share share
     @Getu_Official
     @Getu_Official
        ᴊᴏɪɴ
     @Reading_pdf
     @Reading_pdf
         ᴊᴏɪɴ
1.7K viewsGetu Abera✟, 07:55
Open / Comment
2023-05-17 14:07:05 Robert Mugaabee
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Yeroo tokko Robert Mugaaben dubbii dinqisiisaa waa'ee sirna Bulchiinsa Afrikaa irratti dubbatee ture!

➛ Barattoonni ciccimoon Sadarkaa 1ffaa irratti argaman qabxii olaanaa warri qaban ogeessa fayyaa fi enginera ta'u!

➛ Barattoonni jiddu galeessi sadarkaa 2ffaa irratti argaman immoo seera baratanii warra sadarkaa tokkoffaa bulchu!

➛ Sadarkaa 3ffaa irratti kan argaman kanneen kutaa 8 baratanii, poolisii dorgomuun warra sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa jiran kan bulchanii dha. Yoo barbaadan ni reebu! Qaama hir'isu! Yoo barbaadan ni ajjeesu!

➛ Sadarkaa dhumaa irra kanneen jiran kanneen homaa hin baratin immoo qaalluu fi xonqaayii ta'uun namoota hundumaaf fala himu! jedhee ture!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
3.2K viewsGetu Abera✟, 11:07
Open / Comment
2023-05-16 19:47:03 ODUU GAMMACHIISAA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Shamarran Biyyoota Arabaa Deemanii Karaa Seera Qabeessaan Hojjechuu Barbaadan Hundaaf

Dhaabbata: Dhuunfaa
Hojiin: Mana Keessa, Hoteela keessa, Dukkaana (Suuqii) Keessaa fi kan kana fakkaatan
Mindaan: Waliigaltee Mootummaa Itoophiyaa fi Biyyoota Arabaa Wajjin Taasifameen

❏ Dhaabbanni keenya beekamtii argateen kana duras shamarran gara Biyyoota Arabaa deemanii hojjechuu barbaadaniif carraa milkaa'inaa ta'eera.

Carraan gara biyyoota Arabaa deemuu bara kana baay'ee baldhaa akkasumas ijoolleen kana dura deemuu hin dandeenye, afaan Arabaa hin beekne carraa kanatti fayyadamtanii gara biyya Arabaa barbaaddan, yeroo gabaabaa keessatti kaffaltii salphaan deemuu akka dandeessan isin beeksifna.

❏ Biyyoonni Deemsaaf Hayyamame Kanneen Armaan Gadiiti.
❶. Dubayii
❷. Kuwatar
❸. Jordaan
❹. Saudi Arabia

Hubachiisa: Ijoolleen passport hin qabnes nu dubbisaa! Haala isiniif mijeessina.

Qaamaan nu bira dhufuun dirqama miti! Ulaagaa barbaachisu isinitti himuuf yeroo hundumaa sarara irra jirra. Bakkuma jirtan irraa bilbilaan yookiin online nu qunnamuun qophii keessan xumurachuu ni dandeessu.

Odeeffannoo Dabalataaf:
Lakk. bilb 0907792030
Telegram: @same1842


Share @Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
3.6K viewsGetu Abera✟, 16:47
Open / Comment
2023-05-15 10:21:09 ❏ Channel keenya kanneen armaan gadii hundinuu tajaajila isaanii kana dura turee fi fooyya'oo ta'an qabatanii dhihaataniiru! Maatii channel keenyaa waan taataniif galatoomaa!

➊━━━━━ ● ━━━━━
 @Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa ◈

➋━━━━━ ● ━━━━━
 @Reading_PDF
 @Reading_PDF  ◈

➌━━━━━ ● ━━━━━
@Nan_Baradha
@Nan_Baradha ◈

➍━━━━━ ● ━━━━━
 @Getu_Official
@Getu_Official ◈

➎━━━━━ ● ━━━━━
  @Hope_promo
  @Hope_promo ◈

Group:
➏━━━━━ ● ━━━━━
 @Daandii_Guddinaa
@Daandii_Guddinaa


Contact me: 
➐━━━━━ ● ━━━━━
Telegram: @Getu_Abera 
Email: getuabera041@gmail.com
4.3K viewsGetu Abera✟, 07:21
Open / Comment
2023-05-15 10:03:45 Akkam jirtu jaalatamoo maatii channel keenyaa

Yeroodhaaf tajaajilli channel keenyaa adda cituu isaatiif nu oofkalchaa!

Amma irraa eegallee sagantaalee kana dura turanii fi fooyya'oo ta'an qabannee deebinee jirra.

Waan nu waliin jirtaniif galatoomaa!!!

@Gaggeessummaa
4.0K viewsGetu Abera✟, 07:03
Open / Comment
2023-03-09 20:59:21 WANTOOTA ABJUU DHALOOTAA AJJEESAN!
▬▬▬▬▬▬▬▬
1) Abdii kutannaa: Namni abdii kutate har'a qofatu itti mul'ata; fuuldurri isaa dukkana. Kanaafuu egereen kee borii akka hin dukkanoofneef abdii kutachuun barbaachisaa miti. Dhaloota abdiidhan jiraatu haa taanu.

2) Gabaabsanii yaaduu: Egeree ofii gabaabsanii yaaduun doofummatti nama gata. Daandii nu milkeessuu fi nu kuffisuu danda'u sirriitti kan nuti adda baafannu; fageessinee yeroo yaadnudha. Kanaafuu dhaloota fageessee yaadu haa taanu.

3) Sirna Addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabu: Sirnootni addunyaa kana keessa jiran kan nama fayyadan akkuma jiran faallaa isaa immoo kan baay'ee nama miidhanis sirriitti jiru. Kanneen kana adda hin baafannu yoo ta'e abjuun keenya kufuuf lakkoofsa tokko irra jira. Abjuu keenyaa fi kaayyoo keenya milkeessuuf sirnootni addunyaa kana keessa jiru adda baafachuun barbaachisaadha.

4) Jijjiiramaaf qaama biroo eeguu: Jijjiiramaaf qaama biroo eegna yoo ta'e hirkattummaa jalatti kufna; abjuu keenyatu maseena. Kanaafuu abjuun keenya akka hin maseenneef jijjiiramaaf hojjechuun barbaachisaadha. Dhaloonni qubee dhaloota jijjiirama fidu malee dhaloota jijjiiramaaf qaama biroo irraa eegu miti.

5) Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu: Abjuu keenya milkeessuu keessatti yeroon nuti qabnu baay'ee murteessadha. Yeroon warqeedha. Itti fayyadamnaan boollaa nama baasa; itti hin fayyadamnu yoo ta'e garuu bool'a nama buusa. Yeroo duukaa fiiguun galma keenya qaqqabuuf hojjechuun abjuu keenya milkeessuu keessatti ga'ee ol aanaa qaba.

6) Of tuffachuu: Dhalli namaa beekaas haa ta'u wallaalaa karoora mataa isaa ni qabaata. Akkasuma haa guddatu, haa xiqqaatu abjuu mataa isaa ni qabaata. Yeroo kallattii garagaraatiin teenyee yaadnu wantoonni haamilee nu buusanii abjuu keenya doomsan jiraachuu malu. Nuti garuu abjuu qabanne galmaan gahuuf hojii tokko keessatti of tuffachuun hin barbaachisu.

7) Hiyyummaa kunuunsuu: Abjuu ofii kunuunsuu keessatti hiyyummaa kunuunsuun hin barbaachisu. Hiyyummaa kunuunsuun, karoora keenya karaatti hambisa, abjuu keenya dukkaneessa. Kanaafuu dhaloota hiyyummaa balleessu ta'uu qabna malee dhaloota hiyyummaa kunuunsu ta'uu hin qabnu.

8) Itti gaafatamummaa sirriitti hubachuu dhabuu: Hojii hojjennu keessatti itti gaafatamummaa qabnu sirnaan hin baanu yoo ta'e abjuu keenya irra dabarree abjuu dhalootaa dukkaneessuu dandeenya. Hojii hojjettu keessatti itti gaafatamummaa ofii beekuun mirga osoo hin taane dirqama.

9) Mul'ata qabaachuu dhabuu: Mul'atni hin bitamu. Mul'atni bifa hin filatu, kutannoo fi obsaan galma ga'uu gaafata malee!

Kanaaf egaa humnaa fi jabinaan akkasumas garaa guutudhaan kallattii ittiin abjuu keenya dhugoomsinu duukaa bu'uun nu irra jiraata.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
872 viewsGetu Abera✟, 17:59
Open / Comment
2023-02-07 20:03:09 Yeroo hunda namni irra deddeebi'ee wanta isa gargaaru dubbisu beekumsa gonfata. Baay'eenis utuma dubbisanii iddoo jiran baranii, iddoo GAHUU qaban murteessanii, fiigicha eegalani! Qaroomanii kan fagaatanis jiru! Kanaaf ittuma fufii dubbisi! Kallattiidhaan jireenya keetti firoomsi! Of qaroomsi! Yeroo dhiyootti atis karaa #inbox keenyaan yaada gammachiisaa akka nuuf barreessitu abdii qabna!

AMMAS DUBBISI!!!
.
.
.
NAMOONNI JIREENYATTI MILKAA'AN:
▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Yeroo hundaa waan haarawa yoo baran mul’atu.
Mudannoo fi oolmaa guyyaa guyyaa keessatti muuxxannoo haaraa baruu fi yeroo hunda waa dubbisuun nama guddisa, dirree hiree fi milkaa'ina namaaf bal'isa.

➋. Hir’inaa fi cimina isaanii addaan baafatu yookiin bareechanii beeku.
Namoota jireenyatti milkaa'anii sadarkaa guddaa irra gahan, CIMINAA fi DADHABINA isaanii qajeelchanii beekuu isaaniiti. Waakkachuu irra, namoonni kunniin, hir’ina qaban hubatu yoo itti himames gammachuudhaan simatu.

➌. Dhimmoota kamiif dursi akka laatamuu qabu hubatu.
Jireenya bu'aa bahiin itti heddummate kana keessatti, wanti hojjetamuu qabu yookiin rakkoon furamuu qabu hedduu dha. Dhugaan jiru garuu, hangamuu cimaa taanu, rakkoo nama mudatu hundaaf yeroo tokkotti deebii kennuun tasa waan hin danda’amneedha. Isa hunda irra xiyyeeffannaan guddaan kan barbaachisuuf dursi laatamuu qaba. Namoonni ciccimoon jireenya isaanii keessatti milkaa'ina guddaa galmeessisan kan godhan kanuma.

➲ Hedduun keenya garuu, waan cufa al tokko raawwachuuf carraaqna; akkas gochuu keenyaan dhoqqee keessaa hin baaneen qabamna. Al tokko waan dursi laatamuuf tokko!

➍. Maallaqa isaaniitti sirnaan fayyadamu.
Waa’ee mallaqaan walqabatee dhugaan yeroo hunda ka’u tokko hanga argattu qofa osoo hin taane waan argattu akka itti qabattuudha kan si duroomsu. Hangamuu haa baay’atuu, maallaqa argattu faffacaasta, bubbeef kennita taanaan ati yoomuu rakkataa fi liqii kadhataadha.

➎. Yeroodhaan hirribaa ka’u
Amalli namoonni barnootaan, daldalaanis ta’ee waan biraatiin cimina yookiin milkii guddaa argisiisan ittiin beekaman tokko yoo jiraate simbira ganamaa ta’uu isaaniiti.

➏. Kaayyoo fi Galmi isaanii Ifa
Maaliidhaaf jiraatta? Essa ga'uudhaaf tiratta jettanii yoo gaafattan namoota kanniin irraa kan argattan deebii gabaabaa fi ifa ta’e tokko. Maaliidhaaf akka hojjatan, eessa ga'uudhaaf akka tarkaanfatan yoo gaafataman bifa wal hin dhoofneen deebii isaanii lafa kaa'u.

➐. Hawaasaa fi hiriyyoota wajjin hariiroo cimaa uummatu.
Milkaa'inni, kallattii kamiinuu ta’uu danda’a, jireenya hawaasummaatiin hedduu walitti hidhata qaba. Kophaatti ba'anii jiraachuunis ta’ee milkiin kophaatti galmeessisan waan hin yaadamne ta’uu waan beekaniif hawaasummaa fi hariiroo gaariidhaaf iddoo guddaa laatu.

➑. Amala gaariidhaan ummata biratti mul’atu.
Ummata biraa jibbaa fi tuffii horachuun gufuu imala gara milkiitti godhamu gatantarsan keessaa isa tokko.

➲ Hawwuu qofa miti jireenyi. Kanniin milkaa'an irraa barachuudhaan nutis waan hawwinu harkatti galfachuu ni dandeenya. Gufuuleen hawwii keenya bira akka hin geenyeef danqaa ta’an hedduutu jira. Gufuun guddaan garuu nuti ofii keenyaa amalaa fi aadaa milkiitti nu geessu dhabuu keenya. Ammuma irraa eegaluun amalaa fi aadaa gara milkaa'inaatti nu geessu simachuudhaan hawwii milkaa'inaaf qabnu haa dhugoomsinu.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.9K viewsGetu Abera✟, 17:03
Open / Comment
2023-02-06 22:15:37 KENNAA UUMAMAA
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Uumaan, uumama adda addaaf kennaa addaa arjoomeera;
Adurreef qeensa kenne; ittiin moccorti! Gafarsaaf gaafa kenne; diina ittiin horfa! Kennaa isaa, hundumaaf hin waakkanne. Kaan, yeroo gaabaabaa keessatti fageenya ajaa'ibaa kaata. Kaanis, uffata malee cabbii keessa jiraata; kaan immoo, xiyyaara mataa isaatiin samii irra barrisa; sanuu boba'aa osoo hin bitiin! Kaaniif jagnummaa; kaaniif gamnummaa; kaaniif humna..... kaman himee fixa?

๏ Walumaa galatti kan lubbuu qabu kamuu, yoo of jalaa dhokseen achi, kennaa dhabe hin qabu!

➲ Namaaf hoo? kan jedhu gaaffii hundaa ta'uu qaba.

๏ Namaaf, meeshaa hunda caalu, kan uumama hundaayyuu ittiin to'atu, sammuu kenne.
๏ Sammuun namaa kun neuroonii Biliyoona dhibba (100,000,000,000) akkasumas
๏ Narvii gargaartuu (glial cells) Tiriliyoona kudhan (10,000,000,000,000) kan qabuu fi
๏ Diyaamenshiinii 1450cm³ qabaachuun, uumama "uggum" nama jechisiisudha; Uggum!

๏ Ammas baay'ee isin hin ajaa'ibiin malee, sammuun namaa gurra lamaan gidduu jiru sun, yaadannoo (memory) miliyoona 2.5GB ol kuusuu kan danda'uu fi aangoon isaa (power) 20W dha.

➲ Kun ta'ee osoo jiruu, haa ta'u malee, namni meeshaa isaa kana walqixa itti hin fayyadamne; gareen tokko sammuu isaatti fayyadamuun argannoo addaa uumee, waan amanuufuu nama rakkisu kalaqee, addunyaan kun namaaf mijattuu akka taatuuf gahee isaa bahe; biyya isaas jijjiire.

๏ Faallaa kanaan, gareen biraa immoo kutaa sammuu isaa kana keessatti maal akka hojjetu erga taa'ee xinxalee booda, yaadaa fi qaamaan olii gadi gulufee, jibba, tuffii, hinaaffaa gadaantummaa, haaloo, hin danda'uu, dhibaa'ummaa, dhiphina, tuffii, hamii fi kan kana fakkaatan walitti funaanuun gara sammuu isaa geessee, mana hidhaa guddaa tokko ittiin ijaare. Balbalas itti tolchuun, ol seenee marmaratee keessa taa'e.

Kutaa mana hidhichaa keessa barreeffamni inni barreesse, baay'eetu jiru. Barreeffamoota sana keessaa gariin akkana jedhu:
๏ ..." Maafan gabaabadhee?/ dheeradhee?
๏ ... har'a abalu maal naan jedhee?
๏ ... Nama hundumaa gammachiisuu wayyaa?
๏ ... Har'a sa'aatii koo eessattan gubaa?
๏ ... Ciisi, ka'i, nyaadhu;
kanuma sadan irra deddeebi'aa jiraadhu"...
kan jedhuu fi kan kana fakkaatan argitu!

➲ Mee of haa ilaallu! meeshaa Waaqni nuuf kenne kana, mana hidhaa gochuu dhiisnee, mana kalaqaa haa taasisnu;

Ilaamee,
➲ Bakkuma jirtu irraa ka'ii kutannoo horadhu; kutannoo dhaabbataa! Beekumsa dheebodhu; Dubbisii dhugi! dhugi, ammas hin quufin dhugi;
karoorsi hojiitti hiiki; yoo kufe irra deebi'ii yaali; irra deddeebi'ii yaali! Yoo kufte awwaara kee hurgufadhuu ka'i; fuulduratti deemi! Mudannoon kee muuxannoo malee gaabbii akka siif hin taane dursii toobbadhu!

๏ Na amani! Ati shaakaluu hin nuffin malee, guyyaa tokko isa sitti ulfaate sana, qullaa dhaabda! Yoom akka kuftu beektaa? Gaafa yaaluu dhiistedha.

๏ Kutannoon kaanan, bakka hin yaadamne ni geessa!
Eeyyeen, ni dandeessa!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
3.6K viewsGetu Abera✟, 19:15
Open / Comment
2023-02-06 22:14:37 𝗠𝗜𝗜𝗗𝗛𝗔A 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔 𝗠𝗢𝗢𝗙𝗔A
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Jireenya keenya keessatti wanti nama gaddisiisu tokko jira. Innis, yaadolee haaraadhaan yaada moofaa gatanii jireenya haaraa nu jiraachisanii fi akkasumas nu milkeessan meeqa osoo jiranii, yaadicha moofaa kan nu miidhu malee bu'aa nuuf hin buufne akkasumas darbee/itti fufee dhala namaaf bu'aa hin buufne hordofuu fi namootni ilaalcha gaarii sammuu isaanii keessaa dhala namaaf qaban muraasa ta'uu isaanii, baay'een namootaa immoo hiriyoota warra ilaalcha badaa qabanii fi
deeggartoota isaanii ta'uu isaaniiti. Wanti gaddisiisaan kun, wal jijjiiruu guyyootaa arguu fi of jijjiiruu dhiisuu akkasumas babaldhachuu yaada moofaati.

✪ Namoota michuu yaada haaraa ilaalcha qajeelaa ta'ee ta'aa bulan irra, michuu yaada moofaa ilaalcha badaa namoota ta'aa bulantu
baay'eedha.

✪ Baay'ee keenyatti tulluu gufannaa gara milkaa'ina
keenyaatti geessu kan nutti ta'e tokko, yaada haaraa nu jijjiiruuf osoo hin taane, yaada moofaa
nu hin jijjiirreef jaalala qabaachuu fi raawwiin argisiisuu keenya.

✪ Baay'een michuu yaada gaarii jireenya isaaf ta'uu osoo hin taane, michuu yaada
moofaa jireenya isaa miidhuuti.

✪ Baay'een namaa michuu yaada moofaa, garba ilaalcha
badaati. Michuu yaada moofaa fi garba ilaalcha badaa ta'aniii nama namaaf ta'uu mitii nama ofiif ta'u iyyuu hin ta'an. Namni ofiif ta'ee dhala namaaf ta'u, faallaa yaada moofaa kan ta'e,
ilaalcha qajeelaa nama qabudha. Yaadni moofaan amala ofittummaa isa, "Ana malee" jedhu of keessaa qaba. Ilaalchi qajeelaan immoo namaaf akka mataa ofiitti yaaduudha.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.9K viewsGetu Abera✟, 19:14
Open / Comment
2023-02-06 17:39:54 SAMMUU OFII Misoomsuu
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ "Jireenya keessatti wanti gaddisiisaan dafnee dulloomuu keenyaa fi turree immoo ogeessota ta'uu keenya"
─ Beenjaanii Firaankiliin

✧ Dargaggummaatti ogeessota ta'uu kan qabnu yeroo humni keenya dhume/yeroo dulloomne warra yaada hubatan taana! Kanaaf yeroo dargaggummaatti ogeessota ta'uudhaaf SAMMUU OFII MISOOMSUUN karaa milkaa'ina keenya jalqabaati.

✧ Yeroo dargaggummaa keenyaa kanatti bakka nuuf hin malle, bakka ogeessota nu hin taasifne, bakka kaayyoo fi galma keenyaan wal hin qabannetti humna keenya fixuu hin qabnu. Waanuma bara dargaggummaatti facaafne, bara dullumaatti haammanna. Eeyyeen, "Ijoollummaan lafa qotamee bullaa'e, dargaggummaan yeroo itti facaasanii, dullumni immoo yeroo itti haammatanii dha."

✧ Ogummaan jiraatanii darbuu caala, wanti nama gammachiisu hin jiru!

✧ Namoota dullooman irraa yaada fudhachuun immoo caalatti gaariidha nama cimsas.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
558 viewsGetu Abera✟, 14:39
Open / Comment