Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 23.17K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 57

2021-01-21 10:05:22
●❯─ Democracy is not government, democracy is not political party, rather it is all about independent institutions and systems like that fires Trump and gave power to Biden.

●❯─ Deemokraasiin dhaabbataa fi sirna siyaasa irraa of danda'ee siyaasa hoogganu malee kan siyaasan hoogganamu miti!!!
─ Joe Biden

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
9.6K viewsGetu Abera✟, edited  07:05
Open / Comment
2021-01-20 22:27:44 JAALALA
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Jireenya rakkoon itti baay'ate keessatti gufuuwwan mudatan jaalalaan tarkaanfachiisuun ni ulfaata.
Haa ta'u malee dhugaan jaalalaan waliif gallaan gaarri fi barri ati ce'uu hin dandeenye hin jiru.

■ Namoonni wal jaallatan amala armaan gadii qabu:-

彡• Wal kabaju.
彡• Badii dhiifamaan bira darbu.
彡• Yeroo wal yaadan waliif bilbiluu caalaa qaamaan wal arguu filatu.
彡• Rakkoon gidduu isaanii seennaan marii isaan lameen qofaatiin furatu qaama sadaffaa malee.
彡• Akka haati ilmoof rifattuutti rakkoo walii rifatu.
彡• Jecha nama biraa caalaa jecha walii filatu.
彡• Haasaa namaatiif iddoo hin qaban.
彡• Gammachuun isaanii wal argachuu qofa.
彡• Jaalallee guyyaa har'aa haadha manaa yookiin abbaa manaa guyyaa borii jedhanii wal abdatu.
彡• Yeroo hunda jechoota siin jaalladha jedhutti fayyadamu.
彡• Maatii walii isaanii kabaju.
彡• Wal argachuuf jecha tulluu yookiin gaarri isaan gara hin galchine hin jiru.
彡• Yoo walitti dubbatanii fi yoo nama biraatti dubbatan wal adda jechuun kan waliin haasa'an ijaa fi bifa jaalalaati.
彡• Gonkumaa akka adda hin baane irra deddeebiin waliif himu.
彡• Utuma hanga fedhe wal lolanii deemi si hin jaalladhu waliin hin jedhan.
Kanaa fi kan kana fakkaatan ni raawwatu faallaa wantoota amma dubbannee irraa fagaatu

■ Jaalallee akkasii Waaqni isiniif haa kennu.

➦ ωααи ᴅυввιfтαиιιf Gαℓαтσσмαα! #Ѕнαʀє Gσ¢нυυи σввσℓσσтααf qσσ∂αα!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
10.1K viewsGetu Abera✟, edited  19:27
Open / Comment
2021-01-19 16:42:12 WAA'EE JAALALAA IRRATTI JECHOOTA HAYYOOTAA MURAASA
▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. "Daraaraan jireenyi irraa damma qopheeffatu JAALALA jedhama. Jechuun, jaalalli jireenyaaf madda dammaati!"
— (Victor Hugo)

➋. "Jaalala baruu kan dandeenyu jaallachuudhaan qofa!"
— ( Iris Murdoch)

➌. "Jaalallee keetiin akkas jedhiin: Nuyi baalawwan damee tokkooti, daraaraawwan ooyruu tokkooti, copha/bishaan Galaana tokkooti!"
— (Lacordaire)

➍. "Waanan bareedduu/daa ta'eef na jaallattemoo waan na jaallatteefan sitti bareede?"
— (Oscar Hammerstein II)

➎. "Uumamuu gaa'ela gammachuu fi nagaa hin qabneetiif sababni guddaan rakkoo jaalalaa osoo hin taane rakkoo walitti dhufeenya uumuuti!"

➏. "Jaallachuufis ta'ee jaallatamuun dura of ta'ii argami! aangoo guddaan ati qabdu of ta'uudha. Maalif yoo jette, homtuu si ta'uu hin danda'u!"

➐. "Mallattoon jaalala jalqabaa (Foonqaan) dargaggeessa tokko irratti mul'tu ofitti amanamummaa dhabuu yemmuu ta'u kan shamarranii ammoo ofitti amanamummaa guddaa horachuudha."
(The firs symptom of love in a young man is timidity, in a girl boldness)
— (Victor Hugo)

➑. "Hariiroo jaalalaa keessattis ta'ee qixa kamittuu yartuun dhiifama gochuu hin dandeessu, dhiifama gochuun amala nama jabaati!"
— (Mahtma Gandhi)

➒. "Seenaan jaalalaa inni dhugaan dhuma/xumura hin qabu."
— (Rickard Batch)

➓. "Hundumaa jaalladhu, garuu muraasa amani!"
— (William Shakespeare)

➊➊. "Hariiroo Jaalalaa keessattis ta'ee qixa kamittuu dhiifama gochuu jechuun nama si yakke sana mana hidhaatii baaftee kaatee hidhamee kan ture si'i akka ta'e beekuudha! Jechuun, dhiifama hin gootu taanaan hidhamtee jirta dafii bilisa of baasikaa!"
— (Louis B. Smedes)

➊➋ "Jaalalli gubaa akka giimii abiddaati eega naan jettanii, jaalalli keessan dukkana keessatti haa ifu, warra kaaniifis fakkeenya gaarii ta'aa!"
— (Jane Austen)

➦ ωααи ᴅυввιfтαиιιf Gαℓαтσσмαα! #Ѕнαʀє Gσ¢нυυи σввσℓσσтααf qσσ∂αα!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
10.0K viewsGetu Abera✟, 13:42
Open / Comment