Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.90K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 49

2021-04-27 08:12:20 Chaanali keenya Join gochuun tajaajila kanneen armaan gaditti argachuu dandeessu!
Barnoota teeknolojii
Hacking tutorials
Hack facebook account
Hack Telegram account
Create Email account
Create Automated Telegram bot!

Akkasumas tajaajila Dabalataa mata dureewwan armaan gadii irratti yaadrimee isaa gadi fageenyaan ni argattu!

⁃ New Technology
⁃ Computer Graphics
⁃ Arts and promotions
⁃ Hacking tutorials
⁃ Get Business Online
⁃ Education Websites

❏ Join Us & Stay Connected
237 viewsGetu Abera✟, 05:12
Open / Comment
2021-04-25 10:51:49 EMAIL AKKAMITTI BANAMAA?
▬▬▬▬
▬▬▬▬▬
➛ Email warri hin qabne salphaadhumatti bilbila keessan yookiin komputera keessan fayyadamuun akkamitti akka banuu dandeessan baruuf duraa duuba armaan gadii hordofaa!!!

→→→→↓↓↓↓↓

➊. Google irratti gmail jedhaa barreessaa... search godhaa!

➋. Sana booda erga search (mallattoo barbaadduu erga tuqxanii booddee) filannoo baay'ee isiniif fida... Isaan keessaa (Gmail sign in) kan jedhu xuqaa!

➌. Sana booda (Create account) kan jedhu tuqaa! Yeroo kana xuqxan filannoowwan armaan gadii lama isiniif fida.
➛ For my self fi
➛ To manage my business
Isaan kana keessaa isa Jalqabaa (For my self) kan jedhu xuqaa!

➍. Sana booda enter your name kan jedhutu isiniif dhufa. Inni kunis qabiyye lama qabda
➛ First name iddoo jedhutti maqaa keessan,
➛ Last name iddoo jedhutti maqaa abbaa keessanii barreessaa...
Sana booda NEXT ishee jettu tuqaa.

➎. Next erga jettanii booddee hima Enter your birth day & Gender jedhu aragattu. Kunis qabiyyee lama qaba.
➛ enter your birthday (guyyaa dhaloota keessan) iddoo jedhurratti... Ji'asaa, guyyasaa fi bara isaa guutaa!

➛ Gender Iddoo jedhurratti immoo saala keessan guutaa! Isa kana guutudhaaf mallattoon xiyyaa fakkaattu tokko box sana cinaa gadi garagaltee jirti. Ishee gadi yoo qabdan inniyyuu isin filachiisa. Yoo dhiira ta'e (Male ) isa jedhu yoo Durba taatemmoo (Female) isa jedhu filattu!

Sana booda NEXT ishee jettu xuqaa!!

➏. Erga next jettanii booda hima (Creat your own gmail address) jedhutu isiniif dhufa. Isa kana gadi tuqaa! Sana booda maqaa email keessanii kana booda itti fayyadamuu barbaaddan itti galchaa!
Fakkenyaaf... Maqaan kee Jabeessaa yoo ta'e,

Jabeessaa@gmail.com jettee barreessuu dandeessa.

Sana booda NEXT ishee jettu xuqaa!

➐. Erga next jettanii booddee
➛ Password isa jedhu irratti password salphaatti yaadachuu dandeessan garuu kan namni biraa qabachuu hin dandeenye galchaa! Password Lakkoofsotaa fi qubee keessaa makaa... Character 8 utuu gootani filatamaadha.

➛ Confirm iddoo jedhurratti isuma password keessatti guuttan irra deebi'aa guutaa!

Sana booda Next jedhaa!

➑. Sana booda barreeffama dheeraa tokko argattu. Barreffamicha asi gadi scroll yeroo gootan (gadii ooftan) jecha ( I agree) kan jedhu argattu. Isa gadi tuqaa!

Sana booda email keessan fayyadamuu dandeessu jechuudha.


FAAYIDAALEE EMAIL QABAACHUU

➛ Storage isaa 25GB dha. (iddoo kuusaa) guddaa qaba. Kana jechuun storage bilbilli keenya qabuu ol qabaachuu danda'a jechuudha. Kanaaf yoo bilbilli keenya storage isaa guute gara sanatti send gochuu dandeenya.

➛ Lafa internet jiru hundumaatti salphaatti hojjeta.

➛ Yeroo baay'ee akka tasaa bilbilli keenya yookiin computer keenya nu jalaa hatamuu yookiin format ta'uu danda'a.

Wanti kun nu qaqqabuu isaatin dura data achirraa qabnu gara email keenyatti erguu dandeenya. Yeroo barbaanne email kenya irraa buufachuu dandeenya. Bilbila namootaa bilbila keenya irraa qabnus gara sanatti erguu dandeenya. Keessattuu warra research hojettaniif sirritti barbaachisaa dha.

➛ Data barbaanne waliif erguudhaaf ni fayyada. Data storage isaanii gurguddaa ta'an kan telegram imo fi kan kana fakkaataniin erguu hin dandeenye karaa email namaaf erguu dandeenya. Fakkeenyaaf video GB guddaa ta'e erguuf...

➛ YouTube SUBSCRIBE godhachuudhaaf dirqama email qabaachuu barbaachisa. YouTube channel barbaaddan subscribe, comment fi share gochuudhaaf email qabaachuu qabdu. Kanaaf wanta akka salphaatti banamuu danda'u kanaaf jecha odeeffannoo irraa fagaachuu hin qabdan.

YouTube channel koos SUBSCRIBE gochuudhaan ergaalee fi barnoota isiniif darbu salphumatti argachuuf isin gargaara.

Hub:
lakkofsa bilbilaa tokkoon email baay'ee banachuu ni dandeessu.

➛ Duraa duuba kana hordofuudhan amma banadhaa!!!

➦ Gaaffii dhimma moobaayilaa fi komputaraa irratti yoo qabaattan @getpostbot nu gaafachuu dandeessu!

Share gochuu hin dagatinaa! Waan beeknuun wal haa barsiifnu!

@getpostbot

Computer Solution
@Computers_soln
@Computers_soln
2.1K viewsGetu Abera✟, 07:51
Open / Comment
2021-04-24 23:29:33 NAMNI MAALIIF JAALALAAN QABAMAA? SABABOOTNI GURGUDDOON NAMNI
JAALALAAN QABAMUUF:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Walfakkeenya:
Amala, akkaataa yaaduu, ilaalchaa fi mul'ata walfakkaataa qabaachuu. "Haadha manaaf abbaa manaa
laga tokkoo waraaban" jedha Oromoon, edaa kanaaf natti fakkaata.

2. Walitti Dhiyeenya: Bakka hojii, mana jireenyaa, mana barumsaa fi kan kana fakkaatan. Erga yeroo dheeraaf waliin nama oolchee booda,
walyaaduutu dhufa, walii yaaduutu itti fufa, onneetu walitti kufa. Sana booda isinuu beektu.

3. Amala yookiin Bifa Akka Ulaagaatti Qabaatan Argachuu: Kuni immoo "ija isheetu onnee na galaafate, rifeensa isheetu garaa na nyaate, ijaan seentee onneen na baate" kan mucaan jedhe sana. Amalas ta'uu danda'a. "Amalaa fi qalbii isaa irraa hafuun dadhabe, kabaja inni namaaf qabu ilaaleen gaggabe..." kan intalli jette sana...

4. Erga Jaallatamanii Deebisanii Jaallachuu: Kun immoo erga isheen isa jaalattee yookiin inni ishee jaalatee booda isa deebisanii jaalatan sanadha. Erga na jaalattee anis kan keeti, homtuu si irraa adda nan baasu... kan
jedhan sana...

5. Dhiibbaa Hawaasummaa: Kan maatiin yookiin hawaasni naannoo sammuu namaa keessa kaa'an jechuudha. Ilmi
abbaan isaa "intala magaalaa kan waan hunda beektu, asiin seentee achiin baatu,... fuudhi!"
jedhee guddise yoo intala akkasii arge akka jaalatu beekamaadha. "Intala baadiyyaa, kan naamusaa fi qalbiin kuulamte, kan aadaadhaan guutamte,
kan safuudhaan guddatte fuudhuutu nama gammachiisa" kan jedhamaa guddate
immoo harka isheetti kufuun isaa hin oolu.

6. Hir'ina Waliif Guutuudhaan. Barbaacha (hir'ina/fedhii hin guutamiin isheef yoo guute isa jaallachuun ishee hin oolu, isheenis yoo guutteef inni
jaalachuun isaa hin oolu. "Utuu inni hin jiru ta'ee bineensatu na nyaata ture" jetti... "Utuu isheen naaf hin qaqqabnee yoona
qofummaan na gaalafate lubbuun hin jiru" jedha innis!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
2.2K viewsGetu Abera✟, 20:29
Open / Comment
2021-04-24 23:11:25 #Sammuun_Irreen_Oli!
Qaamaan bilisa ta'anii sammuun gabroomuurra sammuun bilisoomanii qaamaan qabamuu wayya. Baay'een qaamaan qabamee sammuun garuu qabaadhaa oli. Kaanimmoo, qaamaan iddoo fedhe ooluu danda'ullee, yaadaan saanduqa namni biraan hojjeteefii keessa jiraata. Akkanaan gabrummmaa bilisummaa fakkaatu weeddisaa bara lakkaawwata. Hidhaan qaamaa irree keessa; kan sammuus sammuumarraati. Hamma abbaan hineenyamnettis, namni sammuu ofii nama jalaa akka fedhe godhatu hinjiru. Sababnisaas eenyuyyuu hidhaa ittiin sammuu nama biraa hidhu ofharkaa hinqabu.
Abbaan irree/humnaa, humnasaan nama reebuu danda'a; qabees iddoo barbaade nama geessa ta'a, garuu sammuu namaa ofharka galfachuunsaa waan hinyaadamne. Sammuun irreen oli! Humnaan jabaachuun yaadaan fagaachuu miti; yaadni kan sammuu qofaati! Kanaafuu, qaamakee tikfachuuf yookaan faayidaa yeroof, bilisummaa sammuukee nama biraaf hinkenniin. Sammuun bilisa bahe, qoricha waan hundaati. Warreen qaamaan qabamanii jiranis sammuun qabaman jechuu miti. Sammuun irreen oli! Harka hinkenniin!

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
~~~
@Orobook
@gaggeessummaa
@gaggeessummaa
2.3K viewsIftisiin Fayyumaa, edited  20:11
Open / Comment
2021-04-23 12:18:29 Af-gaaffii, Gaafannoo (Interview) Hojiif Mindeeffamuuf Irra Deddeebiin Taasifamu bifa PDF tiin argachuuf link armaan gadii fayyadamaa!!!

➜ https://t.me/Reading_pdf/727
3.3K viewsGetu Abera✟, 09:18
Open / Comment
2021-04-23 12:16:27 #2
Af-gaaffii, Gaafannoo (Interview) Hojiif Mindeeffamuuf Irra Deddeebiin Taasifamu:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➎. Dhaabbatichaaf maal gumaachuuf itti amantu (If you will employed, what role do you believe that may pay for company?):
➾ Yoon hojjetaa dhaabbatichaa ta’e gurmiidhaan hojjechuu keessatti tokkummaa garichaa(team work) cimsuu, dandeettii hojii cimsachuuf (Skill building) sochii taasifamu jajjabeessuu, waljijjiirraa muuxannoo hojii (Experience sharing) qorannoo fi projeektii (research and project) adda addaa hojii koo cinaatti hojjechuu, maammiltoota kabajuu fi haala ta’uun keessummeessuu (Respect and legality for customers) guddina dhaabbatichaatiif gahee isaanii akka bahan dubbachuu.

➏. Ciminni Keessan Maalidha? (What is your strength):
➾ Cimina keessan isa dhugaa ta’e ragaa bahaa! (waan ta’uudhaaf hawwitan utuu hin ta’in dandeettii qabdan himaa!) Hojii dorgomuuf jirtan irratti walqabsiisuun dandeettii qabdan dursitanii yoo ibsitan filatamaa dha.

➐. Ergamaa fi Mul’ata Dhaabbata Kanaa Beektuu (What are the Vision and Mission of this Organization?):
➾ Gaaffii kana deebisuuf dursanii itti qophaa’uu barbaachisa. Hojii itti dorgoman mul’ataa fi ergama isaa dursanii sirriitti beekuu qabu. Odeeffannoo kana argachuuf toora hawaasummaa yookiin marsariitii dhaabbatichaa irraa, beeksisa keenyaan dhaabbatichaa irratti maxxanfan irraa argachuun waan danda’amuuf utuu waa'ee waajjirichaa homaa hin barin akka hin galle ni gorfama. Odeeffannoo homaa illee argachuu yoo dadhaban ofiin deebisuu irra caalatti namoota naannootti dhiyoo irraa gaafachuun seenuun barbaachisaa dha.

➑. Maal Qabattee Gara Dhaabbata kanaa dhufte?
➾ Gaaffii kana yoo gaafatamte, Gaafataan seenaa kee qorachuuf barbaade miti. Rakkinaa fi mudannoo hojiirratti si mudatan akkamiin akka hoogganuu dandeessuu fi akka hojjetaa dhaabbatichaatti socho'uuf illaalcha akkamii akka qabdu baruufi.

➒. Maalif Si Qacarra? (Why We Hire You?):
➾ Gaaffiin kuni kan qaxxaamuraa (sodaachisuuf) gaafatamu miti. Garuu yoo gaafatamte gara carraatti dhufuu kee argisiisa. Yoomiyyuu of gurguruuf yookiin dandeettii kee nama mindessutti gurguruuf qindaa'insi barbaachisaan hin jiru. Hojiin kee deebii amansiisaa 3 (sadiin) walqabachuu qaba. Hojii itti qacaramte qofa hin hojjettu, bu'aa guddaa galmeesuuf, dandeettii ati hojjettoota waliin gareen ta'uun yookiin aadaa hojichaa kabajuun isaanii waliin hojjettuu fi mindeeffamaa warra kaadhimmaman kan ittiin caaluu dandeessu akka taatu akka ibsituufidha.

➓. Kana Dura Dandeettii Keessaniin Hojii Maal Hojjettan? (What Role Do You Have Payed Before with Your Profession?):
➾ Dandeettii amma ittiin qacaramuuf jirtaniin hojjettanii bu'aa akkamii dursitanii akka galmeessitan?

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
3.4K viewsGetu Abera✟, 09:16
Open / Comment
2021-04-23 12:12:51 #1
Af-gaaffii, Gaafannoo (Interview) Hojiif Mindeeffamuuf Irra Deddeebiin Taasifamu:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬

Ji’a waxabajjii yuuniversitii fi koollejjiin adda addaa humna nama baratee yeroo itti eebbisanii uummata akka tajaajilaniif gara uummataatti bobbaasuu isaanii itti beeksisaniidha. Akkasumas dhaabbanni adda addaa ji’a kana irraa jalqabee beeksisa qacarrii hojii ni baasa.

Addunyaan kuni kan waldorgommiiti. Gahee sirraa eegamu ciminaan bahuun dorgomaa cimaa ta’uuf of qopheessi! Kana ilaalchisuun immoo af-gaaffii (interview) qacarrii hojiif yeroo baay’ee irra deddeebi’uudhaan gaafataman akka armaan gadiitti isiniif dhiheesseera.

Yeroo Baay’ee Gaaffileen Gaafannoof (Interview) Dhiyaatan:
➊. Waa’ee kee nuuf ibsi! (Please introduce yourself to know who you are?):
➾ Gaaffiin gaafannoof (interview) dhaaf dhihaatu kuni yeroo baay’ee salphaa fakkaata malee namoonni baay’een kan jalqaba irratti dogoggorri irratti mul’atuu dha. "Waa’ee kee ibsi jedhamee yoo gaafatamu namni baay’een seenaa isaa tokko tokkoon ibsuudhaaf yaala! Akka ilaalcha gaaffichaatti garuu deebiin deebifamuun irra jiraatu, haala turtii barnootaa, muuxannoo hojii yoo qabaateef, kana dura hojii gaarummaa hojjete, yeroo jalqabaaf kan mindeeffamu yoo ta’e immoo haala sochii yuuniversitii keessa ture maal akka fakkaatu, qorannoo (research) fi projeektii (project) hojjete kaasee of yoo beeksise filatamaa ta’a. Haasa’a keessatti nama gaafatuuf (interviewer) odeeffannoo barbaachisoo ta’an dursuudhaan dubbii barbaachisoo ta’an irratti xiyyeeffadhu! Bakka dhalootaa odeessuun, qomoo fi sanyii lakkaa’uun af-gaaffii akka hin kufne ofeeggadhu! (Keessumaa immoo addunyaa sanyummaan walqooddu kanatti hirmaatanii sanyii lakkaa’uun barbaachisaa miti.)

➋. Kanaafuu beeksisa hojichaa akkamitti odeeffannoo argattan? (How did you got an information about this vacancy?):
➾ Kunis irra deddeebiin ni gaafatama. Kaayyoon gaaffii kanaa dhaabbaticha hammam akka jaalatanii fi hangam akka barbaadan beekuu dabalateeti. Ta’us deebiin isaanii "fuul-barruu dhaabbata isaanii irraa argachuu yookiin gaazexaan kan bahe yoo ta’e, “gaazexaa irraa,” “fuula beeksisaa irraa” jechuun deebii sirrii deebisuu. Gaaffii miidhaksuuf jecha bakka itti hin beeksifamne dubbachuun sobduu taasisa.

➌. Waa’ee Waajjirichaa Hangam Beektu? (Have any know how about this organization?):
➾ Utuu afgaaffiitti hin dhihaatin waa’ee dhaabbatichaa hangam beeku? Bara dhaabbate, ergamaa (mission) fi mul’ata (vision) dhaabbatichaa kaayyoo fi baldhina (scope and objective) bu’aa dhaabbatichaa beekuu fi isaanimmoo kaayyoo kana milkeessuuf gaheen isaanii maal akka ta’e hubannoo keessa galchuun ibsuuf yaaluu. Odeeffanoo kanas immoo fuul-barruu dhaabbatichaa fi beeksisa hojii isaaniitiif maxxansa maxxanfaman irraa argachuun ni danda’ama. Gaaffii kanaaf deebiin kennamu hojichaaf xiyyeeffannoo kennan argisiisa.

➍. Maaliif Asitti Qacaramuu Barbaaddan? (Why did you employee in this company?):
➾ Beekumsa kan qabu nama barbaadamu waan ta’eef of qopheessaa. Sababa kamiiniyyuu haa ta’u, "carraan hojii waan naaf uumameef, hojii dhabee waanan jiruuf, qarshii argachuuf" kanneen jedhan jettanii gonkumaa deebisuuf hin yaalinaa! "Iddoo hojii kanatti yoon hirmaadhe bu’aa olaanaa akkan fidu waanan itti amanuuf, dhaabbatichi guddina ariifachiisaa galmeessaa waan jiruuf anis qaama hojii kanaa ta’ee biyyaa fi kutaa hojii kanaa guddisuu waanan barbaaduuf, maqaa dhaabbatichaa dhahuun, iddoo kanatti yoon hirmaadhe waan baay’ee na gammachiisuuf." jechuun deebisaa.


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
3.2K viewsGetu Abera✟, 09:12
Open / Comment
2021-04-23 00:31:22 Interview Question (Afgaaffii, gaafannoo qacarrii hojiif taasifaman)
Getu Abera

April, 2021

ᴀꜰᴀᴀɴ ᴏʀᴏᴍᴏᴏ ᴘᴅꜰ
1.0MB
sʜᴀʀᴇ sʜᴀʀᴇ sʜᴀʀᴇ
@Reading_PDF
@Reading_PDF
2.7K viewsGetu Abera✟, 21:31
Open / Comment
2021-04-21 22:14:04 HUBADHU!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➜ Taajjabbii addunyaa kana irraa qabnuu fi dinqisiifannaa oolmaa keenya guyyaa guyyaa, kan dandeenyu yoo barreessine kan hin barraa’in immoo dubbisuu ni dandeenya.

➜ Barruu isa barraa’e dubbisuun isa hin barraa’in barreessuuf akka tolu isinittii himuuf miti. Inni barraa’e isa hin barraa’in keessa akka jiru, kan hin barraa’in immoo isa barraa’e keessatti akka dubbifamu lameen isaanii waliin deemu.

➜ Bariin ganamaa dhiha galgalaa keessaa madda.
Yoo hin dhihiin wayi bari’aaree? Erga galgalaa’ee halkan citee fulla’ee bariin dhufee bakka qabata. Dukkanni ifaaf bakka gad lakkisee bada. Nutis hirriiba keenyarraa dammaqna. Osoo hin rafin dammaquun hin jiraatu. Bakka homtuu hin turre amma wanti hundi jira. Wanti hundinuu (everthing) kan argame wanta duwwaa (nothing) irraayi!!!

➛ Nageenyi lola keessaa,
➛ Amantiin shakkii keessaa utaalee baha.
➛ Osoo hin shakkiin amanuun,
➛ Osoo hin kolfin boo’uun,
➛ Osoo hin kufin ka’uunis hin jiru. Kun ammoo hariiroo walxaxaa uumamni walii isaa waliin qabu (natural relationship with nature) yoo ta’u, deemsa kana hubachuun immoo dhalli namaa gartokkee fedhii isaatiin fiiguu dhiisee waltajjii fiixee lameeniirra yoo taa’e murtoo kennuuf itti tola.

➛ Namni hin gaddine tasumayyuu hin gammadu,
➛ Namni hin aarre tasumayyuu hin tasgabbaa’u.
Dhalli namaa garuu dhugaa kana hubachuun gaafa itti cimu,
➛ Inni boo’u boo’ichi isaa bor gammachuu akka qabu yaaduu caala boo’icha isaa itti fufeera.
➛ Inni kolfu boru boo’uu akka danda’u hin beeku,
➛ Inni utaalu boru okkoluu akka danda’u hin beeku,
➛ Inni jiraatu boru akka du’u,
➛ Gammachuu keessa gaddi,
➛ Rakkina keessa qananiin,
➛ Argachuu keessa dhabuun akka jiru hin hubatu!!!

➲ Gammachuu fi gaddi qaama walfakkatoo fuula garaagaraa akka ta’an waan hin hubanneef yeroo hundumaa gammadee
jiraachuu hawwa. Gaafa gammachuun isaa gaddaan bakka bu’u immoo gadda isaa irraa dandamachuuf ni rakkata.

➲ Kanaafidha kanan isa hin barraa’in keessaa barruu isa barraa’e arganna, isa barraa’e
dubbisuun isa hin barraa’in hubachuuf nu gargaara kanan isiniin jedheef. Anis kunoo isa barraa’erraa kanan dubbise, bu’aa bahii jiruu kootii isa hin barraa’in hubachuuf na
gargaareera.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
4.1K viewsGetu Abera✟, 19:14
Open / Comment
2021-04-21 22:00:37 HOJII FI DUBBII
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Gaggeessaan dubbii fi hojiin isaa wal hin fakkaanne namicha mataa moluu, kan qoricha rifeensa biqilchu gurguru ta'a. Daldaltichi ofii mataan isaa moluu dha. Garuu qoricha moluu mataa namaatti rifeensa biqilchu gurguruu barbaada.
❏ Namni kuni maammiltoota horachuu ni danda'a jettee yaaddaa? Anaan garuu natti hin fakkaatu.
❏ Mul'anni gaggeessaa gara karoora qindataatti (SMART) ol guddachuu qaba.
SMART:
➾ S - Specific (Murtaawaa)
➾ M - Measurable (Safaramaa)
➾ A - Acheavable (Kan Bira gahamu)
➾ R - Reliable (Dhugoomuu)
➾ T - Time bounded (Daangaa Yeroo)


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
3.9K viewsGetu Abera✟, 19:00
Open / Comment