Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.90K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 50

2021-04-18 21:20:11 Dubbiilee Dadammaqiinsaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Jijjiirama fiduudhaaf nama jalqabaa ta'i!
➲ Rakkina dhufu simachuudhaafis nama jalqabaa ta'i! Rakkina hin baqatin!
➲ Rakkina moo'achuufis nama jalqabaa ta'i! Sababni isaa nama milkaa'e ta'uudhaaf carraan jiru tokkichi rakkina sitti dhufu moo'attee darbuu fi dhiibbaa uumuuf dandeettii ati qabdu irratti hundaa'a.
➲ Yeroo hundumaa waan gaarii uumuuf keessa kee qopheessi!
➲ Itti amani!
➲ Gonkumaa abdii hin kutin!

ADDUNYAAN KUNI CARRAA MILKAA'INAAN GUUTUDHA!

➬ Addunyaan kuni, har'a rakkinaa fi milkaa'inaan guutudha.
➬ Warri rakkina moo'atan gara milkaa'inaatti ce'u. Namoonni baay'een dhiibbaa uumuu sodaachuudhaan sadarkaa isaaniif malu kan hin gahin hafanis danuu dha.
➬ Carraan milkaa'insaa baay'een qisaasa'ina baay'ee keessa darbuun dhufa.
➬ Hojii guddaan itti gaafatamummaa guddaa gaafata.

➦ Ati kan uumamteef jireenya jiraattutti gammaduuf, wanta gaarii lafichi qabu irraa dhamdhamachuu fi fayyaatti jiraachuuf.
➦ Kanaaf yeroo hundumaa Gammadi!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
539 viewsGetu Abera✟, 18:20
Open / Comment
2021-04-18 21:19:27 Motivational Speech!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
▷ Be the first to change,
▷ Be the first to take the challenge,
▷ Be the first one to overcome the difficulties, because to be the best person - there's only one Olympic champion. I don't think i'm lucky enough to be that. But, I can try new things, and don't give up, believe it because you are so unique.
▷ Everybody is unique. Being yourself is always the key.

THE WORLD IS FULL OF OPPORTUNITY

➛ This world, today, is full of challenges and opportunities.
There's always... It depends on how you look at it.
➛ Somebody looks at this challenges as an opportunity.
➛ Opportunity always lies in the challenges. If you can solve the challenge, you will be successful.
➛ The bigger the challenge you solve, the bigger the opportunity you have.
You come to this world to enjoy life, to be happier and healthier."

Jack Man Motivational Speech


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
556 viewsGetu Abera✟, edited  18:19
Open / Comment
2021-04-18 10:47:25 Addunyaa kana irraa namoonni bu'aa gurguddaa buusan gosa lamatu jira.

Isaanis

➀. Namoota yaada (qalbii) tasgabba'aa ta'e qabanii fi
➁. Kanneen galata galchuu beekanidha.

➶ Namoonni yaada tasgabbaa'aa qaban waan yaadan qajeeltotti hubatu.
➶ Karoora isaanii ni beeku.
➶ Ogummaadhaan socho'u.

➬ Namoonni waan isaaniif ta'e hundumaaf galateeffatan balbala milkaa'insaa isa itti aanutti darbuuf akeeku. Isaan warra gammadaniidha. Gammachuun isaanii kaka'uumsa hojiif bu'uura.
➬ Wanti itti gammadaa hojjetan yoo dadhabanillee nama hin nuffisiisu.
➬ Namni fedha yoo dhabe malee waan tokko fiixan baasuu hin dadhabu.


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
1.6K viewsGetu Abera✟, 07:47
Open / Comment
2021-04-17 18:31:49 Gorsa!!!
▬▬▬▬▬
➊. Iddoo Hundumaatti gaarummaa hojjedhu! Yoos maqaan kee bakka gaaritti waamama.
➋. Eenyummaan kee inni qajeelaan bakka oolteen utuu hin taane, hojii bakkichatti hojjetteen madaalama.
➌. Amma dandeessu namoota onnachiisi! Nama tuffachuu hundumtuu gochuu danda'a waan ta'eef.
➍. Gammachuu argachuu kan dandeessu gaafa kaayyoo keetiif jiraattudha.
➎. Yeroo keetti fayyadami! (Use time wisely)


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
2.3K viewsGetu Abera✟, 15:31
Open / Comment
2021-04-17 14:49:09 JECHA HAYYOOTAA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Abrahaam Liinken
— Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
— Waan feete ta'i; garuu itti cimi!
— Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
— Kufaatii keef dhimma hin qabu; kanan dhimmu ka'uu keef!

➋. Beenjaamiin Firaankiliin
— Namni obsa qabaachuu danda’u waan barbaadu argachuu danda’a.
— Qophaa 'uu yoo dadhabde kufaatiif qophoofta.
— Yookiin waan dubbifamuuf malu barreessi!
— Yookiin waan barreeffamuuf malu hojjedhu!
— Investimentiin beekumsa irratti ta'u dhala hunda caalu namaaf kaffala.
— Foddaan mana kee fuullee yoo qabaate, ollaa keetti dhagaa hin darbatin!

➌. Guutamaa Budihaa
— Kan nuti taanee jirru bu'aa wanta nuti yaadneeti.
— Namni ogummaadhaan jiraatu du'ayyuu hin sodaatu.
— Yoo waa dubbachuu feete yeroo hundumaa dubbiin sun dhugaa, barbaachisaa fi gaarii ta'uu of gaafadhu!
— Okkoteen copha cophaan guutti!
— Gammachuun keessa keetii dhufa, alaa hin eegiin!
— Rakkoon kee maali seete? Yeroo qaba jettee yaadda.

➍. Maatamaa Gaandii
— Namni dadhabaan dhiifama hin godhu. Dhiifama gochuun amala nama jabaati.
— Gammachuun yeroo waan ati yaaddu, waan ati dubbattuu fi waan ati hojjettu tokko ta'aniidha.
— Namni gaariin michuu uumama hundumaati.
— Namni bu'aa yaadota isaati, waan yaadu ta'a.

➎. Maartiin Luuter Kiing
— Umurii qofaa lakkaa'uu dhaan dheerina yeroon namaa nyaatame caalaa kan nama gaddisiisu hin jiru.
— Humni diina ofi irratti jijjiiruu danda’u tokkichi jaalaladha.
— Namni dhiifama gochuuf humna dhabe, jaalachuuf humna hin qabu.
— Urjoota arguu kan dandeessu dukkana keessatti qofaadha.
— Fincilli sagalee warra hin dhaga'amneeti.

➏. Maazar Tereezaa
— Namootatti kan murteessitu yoo ta'e, isaan jaalachuuf yeroo hin qabaattu.
— Jechoonni gaggaariin gabaaboo fi salphoo ta'uu danda’u, sagaleen isaanii garuu dhuma hin qabu.
— Namoota dhibba nyaachisuu yoo dadhabde tokko qofa nyaachisi!
— Hojiin jaalala hin qabne garbummaadha.
— Jireenyi namoota kaaniif hin jiraatamin jireenya miti.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
2.7K viewsGetu Abera✟, 11:49
Open / Comment
2021-04-16 05:30:22 SAMMUU KEENYATTI HAMMAM FAYYADAMAA JIRRAA?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Dandeettiin sammuu namaa dhokataadha. Yommuu ittiin hojjetan ba'ee mul'ata. Ittiin hin
hojjene taanaan garuu sammuun dadhabaa fakkaata.

➲ Sammuu ofii hojjechiisuun dandeettii horachiisuu utuu hin taane, dandeettii sammuu
sanaa hojiitti hiiksisuudha.

▷ Saayintistiin guddichi dhalootaan Yihuudii,
lammummaan isaa Ameerikaa ta'e Albeert Enistaayin utuu addunyaan hamma sana sammuu isaa ajaa'ibsiifattuu akkana jedhe, "Dandeettii sammuu kootti harka dhibba
keessaa harka digdamii shan (25%) qofaan waanan fayyadame natti fakkaata!" Jedhe.

▷ Hayyuun Wiiliyaam Jeems jedhamu immoo giddu galeessaan ilmaan namootaa 10%-12% qofaa sammuu isaaniitti akka fayyadamanii darban ibseera. Kana jechuun sammuun ilmaan namaa heddumminaan hojii isaa utuu hin hojjetin akkuma waliin dhalatetti waliin du'a jechuudha. Biyyeen albuuda guddaa hammana ga'u kuufachaa jirti.

➲ Addunyaa kana caalaatti dandeettii sammuu namaa qabeenya isaa kan godhate biyyeedha jechuudha.

➲ Akka ta'utti sammuu kee hojjechiisuu shaakali!
⁃ Karoorsi!
⁃ Hojjedhu!
⁃ Waan hojjettu madaali!
⁃ Bu'a - qabeessa ta'i!
⁃ Addunyaan dirree waldorgommiiti, ammuma ka'ii gara dirreetti makami!

Milkaa'inni fagoo miti, barruu harka kee keessa jira.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
3.9K viewsGetu Abera✟, edited  02:30
Open / Comment
2021-04-14 21:38:52 WANTOOTA HOJII IRRATTI DHIIBBAA UUMAN
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ NAMAAN DORGOMUU?
➶ Hojii hojjettus ta’ee waan irratti bobbaatee jirtu irratti namaan dorgomuuf osoo hin taane ofii keen dorgomaa hojjechuutu irra filatamaadha. Akka ilaalcha kootti ofii keen dorgomuu yeroon jedhu si isa kaleessaa caalaa si isa har’aa hojjechiisuu jechuudha.

➪ Fakkeenyaaf kaleessa waan hojjette tokkotti dhibbantaa digdamii shan taanan si isa har’aa immoo shantama
hojjechiisuu yaaluudha. Karaa biraan namaan dorgomuun kee rakkoo inni sitti uumuu danda’u muraasan sii kaasa.

➪ Namaan dorgomuun kee wantoota wanta ati qabattee jirtu irratti gufuu ta’aniif si saaxiluu danda’a. Innis hinaaffaa, jibba nama sana
cabsuuf karaa barbaaduu, kunimmoo gufuu kan inni sitti ta’uu danda’u silaa ati qooda hojii kee sammuu kee qulqulluun irratti xiyyeeffattu. wanta toora tokko ol si butuu hin dandeenye wantoota armaan olii keessatti kufta
jechuudha. Karaa biraan immoo waan humna keen olii akka ati hojjettuufis si saaxila. Fakkeenyaaf namni ati dorgomtuun sun dandeettii muka yaabuu qaba haa jennu. Yeroo inni muka yaabu atis muka yoo yaabde, yeroo inni bu’u immoo irraa kuftee
caccabuu dandeessa. Muka yaabuun isaaf dandeettiidha yookiin kennaadha. Siif garuu
miti. Nama taatee waan dhalatteef namni biraan waan godhu hundumaa gochuu dandeessaa miti. Akkasuma wanta ati gochuu dandeessu
garuu inni gochuu hin dandeenyes ni jira. Kun immoo dandeettii garaagaraa qabaachuun keenya utuu iddoo biraa hin dhaqin bifa garaa garaa, hojjaa garaa garaa qabaachuun keenyayyuu fakkeenya dandeettii garaa garaa qabaachuu keenya isa hangafaati. kanaaf dorommiin kee isa dandeettii si fakkaatu qabu akkasuma bifa si fakkaatu qabu suma waliin
ta’uu qaba.

■ HAMMA HOJJETTUU GADI HOJJECHUU
➶ Kun kan inni irraa madda jedhee yaadu, Inni angafaa dhibaa’ummaa yeroo ta’u inni itti aanu immoo wanta har’a hojjettu boriif kaawwachuudha jedheen yaada.

➪ Maalif dhiboofta? Hojii hojjettu sana tarii humnaan itti galtee? Fakkeenyaaf dhiibbaa maatiin moo namummaatu hojjetee milkaa’eef atis seente.
Deebiin isaa kana lamaan keessaa tokko ta’uu mala. Silaa hojii ati hojjechuu qabdu hojii
eenyummaa kee isa dhugaa ta’ee fi dandeettii kee madaalu ta’uu qaba ture. Kana wallaaluun kee immoo isaan armaan oliif si saaxiluu mala. Silaa hojiin eenyummaa kee isa
dhugaa ta’e kan gammachuu siif kennu kan ati akka bashannanaatti ilaaltudha. Malee kan ati itti dhibooftu ta’uu hin qabu. Itti dhiboofta taanaan hojii eenyummaa kee ilaallatu mitii dhiisii waan si
ilaallatu hojjedhu! Namoonni baay'een dhaabbilee garaa garaa keessa hojjetan kan isaan baay'inaan hojii isaaniitti dhibaa’oo ta'aniif akka ilaalcha kootti wantoota armaan oliiti jedheen yaada. Horii yookiin qarshii ilaalee dhaqe yookiin
hojiinumti nan darbinii dhaqerraan ala waan isa
ilaallatu miti ta’uu mala.

➪ Namni kamuu immoo akkuman dura kaase dandeettii garaa garaa qaba. Dandeettii isaa wallaaluu isaatu akkana isa godhen jedha. Kanaaf dandeettii hojii hojjennuu haa barruun dhaamsa kooti.

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
4.5K viewsGetu Abera✟, 18:38
Open / Comment
2021-04-13 11:47:40 Yoo Joobirri Tole Jedhe Lukkuun Gaggeessaa Joobiraa Ta'uuf Hin Saalfattu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➬ Hima kana baay'een jaaladha. Dhugaa dubbachuuf Joobiirri tole jennaan Lukkuun ni gaggeessiti. Bakka oolmaa joobiraa osoo hin taanee bakka oolmaa ishee oolchiti. Hojii
joobirri beeku osoo hin taanee hojii beektu hojjechiisti! Hojii joobirri hojjatu lukkuun
karoora keessaa hin qabdu eessaa fiddee hojjechiisti? Nyaata inni nyaatu isheen
dhandhamtee hin beektu. Oolmaan ishee kosii irra, nyaanni ishee raammodha.

➲ Joobiirri lukkuun gaggeeffamu galma joobiraa osoo hin taanee galma lukkuuti ga'uumsi isaa.

➲ Kanaaf tole jechuu hin qabu malee tole jennaan lukkuun gaggeessuu hin saalfattu. Beekaa taatee osoo jirtuu beekaa ta'uu kee hin beektu
taanaan ati homaayyuu miti. Sababni isaa beekaan akka beekaa ta'ee hin beekne goota
rafedha. Gootni rafe immoo dammaquu yoo baate dabeessatu itti taphata bakka inni ciisutti. Wallaalaa akka siin hin jenneef wallaalaan isa ganaa baratuudha.

➲ Ati gaggeessaa akka gaggeessaa ta'e hin beekne yoo taate yoom illee gaggeeffamaa taatee jiraatta; akka goota rafee kanaati.

➲ Dammaquu si barbaachisa dammaqi! Namoonni dandeettii yookiin kennaa isaanii isa
dhugaa hin beekne gaafa hundumaa bakka amma jiran garasitti waan haaraa arguu hin danda'an. Fageessitee ilaaluu keetu bor deemtee bakka ati geessuuf akeektuudha.

Maddi: Kitaaba Seenaa Moo Seera Sodaannu jedhu kan Waadaa Bultiin barreeffame.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
930 viewsGetu Abera✟, 08:47
Open / Comment
2021-04-13 11:47:40 ILAALCHA KEEF MOO KAN NAMAAF IDDOO KENNITAA?
▬▬▬▬▬
▬▬▬▬
❏ Yeroo tokko haadha manaa fi abbaa manaatu baadiyyaa tokko keessa waliin jiraatu turan. Jarreen kun farda tokko qabu. Egaa guyyaa tokko iddoo ta'e deemuuf jedhanii farda isaanii yaabbatanii deemsa eegalan.

❏ Yeroo isaan lama ta'anii farda tokko yaabbatanii deeman namoonni isaan argan akka isaan beeyladaaf garaa hin laafnetti yaaduun itti aaruun hammeessuu eegalan. Yeroo kana abbaan manaa farda irra taa'un haati manaa immoo akka lafa deemtuuf murtessaan.

❏ Ammas Namoonni biroo isaan argan maal abbaan manaa ofittoo fi kan haadha manaa isaaf kabaja hin laanne jechuun isa arrabsuu eegalan.

❏ Namichi kunis dubbii namoota kanaa baqachuuf jecha ofii isaa farda irraa bu'uun haadha manaa isaa farda yaabsisuun ofii isaa immoo lafoo deemsa eegale. Yeroo kana immoo namoonni isaan argan abbaa manaa kanatti kolfuu eegalan. Akka inni gowwaa ta'eetti fudhachuunis hedduu itti qoosan.

❏ Dhuma irratti jarri lachuu lafoo isaanii deemuuf murteessan. Farda isaaniis harkisuun deemsa eegalan. Yeroo kana namoonni isaan argan hedduu raajeffamanii akkas jedhan
"Maal maatii gowwaa fi homaa hin beekne kun kan farda qullaa dhiisanii lafoo deeman!" jechuun isaan arrabsan jedhama.

Egaa obbolee koo meeqan keenyatu akka sammuun keenya nu ajaju dhiifnee gaggeessummaa nama biraan jiraataa jira?

✧ Hedduun keenya jireenya jiraannu akka waan namaaf jiraannuu, akka ebelu ta'eef, hafee malee jechuun kan kaayyoof karoora keenya dhiisne lakkoofsa hin qabnuum.

✧ Waan hiriyyaan isaa itti qooseef/ittiin mormeef qofa kan ajandaa karoora isaa jijjiiru meeqaf meeqatuu jiraam!

✧ Jireenyi kan jiraatamu akka nuuf mijatee fi haala keessa jirru waliin walbira qabuun malee ilaalcha namoonni nuuf qabaniin har'aa bor kan jijjiiraa oollu miti.

✧ Kanaaf kaayyoo itti amante sana hanga galmaan geessutti jecha namaa fi arraba namaa isa akka eboo nama waraanuuf bakka hin qabaatin! Deemsa kee itti fufii milkaa'i!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
952 viewsGetu Abera✟, 08:47
Open / Comment
2021-04-12 13:28:06 EENYUN GOWWOOMSE JENNA?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➢ Namichatu loon baay'ee jaallata jedhama. Guyyaa tokko sangoonni isaa sadan furdifamanii baay'ee nama hawwatan jalaa badan. Utuma inni barbaaduu dukkanaa'e. Bineensi na jalaa nyaataaf dhiphina hamaatti gale.

➢ Bosona keessa jooree utuma barbaaduu gaafa falli dhibu bakkuma jiru jilbeenfatee, "Yaa Waaqayyo Sangoota koo kana yoo naaf galchite sadan isaanii keessaa tokko siifan kenna" jedhee kadhate. Kadhatee utuu inni afaanii hin fixin sangaan mar'ate.

➢ Booda bakka jilbeenfatee ol ka'ee "Dhiisi isan amma jedhe dhufaniiru" jedhe jedhama.

Meeqan keenyatu iddoo dubbii dubbanne dhaabbannee jirra laata?

❏ Hunduu jireenya fakkeessaa, jireenya na argaa, jireenya anatu caala malee kan dubbii fi haala isaa waliin deemu qabatee adeemuu raawwatee arguu irra "gaala lilmoo keessa bahuun" itti salphatu erga taanee bubbullee jira.

Kanaaf obboloota koo
→ Haala keenya,
→ Dubbii keenya,
→ Deemsa keenyaa,
→ Jireenya keenya,
→ Namummaa keenya waliin tokko haa goonuu! Of argaa fi na argaa irraa immoo haa fagaannuu.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
623 viewsGetu Abera✟, 10:28
Open / Comment