Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.88K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 47

2021-06-04 12:56:42 LET DECIDE YOUR WAY!
▬▬▬▬▬▬▬▬
• ️Let your faith be bigger than your fears.
• We all make choices, but in the end our choices make us.
• ️If you judge people, you have no time to love them.
• ️If you can't be kind be quiet.

— "A goal without a plan is just a wish."
— The weak can never forgive. Forgiveness is the attribute of the strong.
— ️In order to gain something you have to loose something!
— Weak people revenge. Strong people forgive. Intelligent people ignore.

➛ ️Smile is the best way to face every problem.
➛ Don’t treat people as bad as they are, Treat them as good as you are.
➛ ️Action is the real measure of intelligence.


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
2.6K viewsGetu Abera✟, 09:56
Open / Comment
2021-06-03 16:45:37 NAMOOTA NAMOOTATTI FAYYADAMAN!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➱ Namootni kun xiyyeeffannaan isaanii maluma
kamiinuu namarra aanuu fi faayidaa dhuunfaa isaanii adamsuu dha.
➱ Namootni kunis waan adamsan kana argachuuf (adda baasuuf) bakka dadhabina namaa arguu qabu.
➱ Of-jaallattota kana irraa of eeguun barbaachisaa dha. Wajjin hojjechuun illee dirqama yoo ta'e utuu walitti dhufeenya hojii ofii hin balleessin meeshaa namoota kanaa utuu hin ta'in itti fufuuf qabxiileen armaan gadii kun nama gargaaru.
→→→→↓↓↓↓↓
➛ Hariiroo nama sanaa wajjin qaban keessaa isa kamtu akka barbaachisaa ta'e sirriitti itti yaaduu fi beekuu. Sana booda hariiroo 'barbaachisaa ta'e sana qofa irratti xiyyeeffachuu dha.

➛ Walitti dhufeenya nama sana waliiniitti daangaa fi sarara barbaachisaa itti godhuu fi
daangaa sana walitti fufiinsaan kabachiisuu dha.

➛ Mirga ofii sirriitti beekuu fi hojii irra oolchuu, mirga tole yookiin lakki jechuu utuu hin sharafin raawwachuu dha. Akkasumas, qoosaa nama
xiqqeessu gaafa namatti darbatamu dhaabsisuu
(akka dhaabu ifaan itti himuu) danda'uu.

➛ Gaabbii hir'isuu - mala isaan ittiin waan namni hin feene ittiin nama gochisiisan keessaa tokko aarii yookiin muffii sobaatiin gaabbii namatti uumuu dha. Kanaaf aariii yookiin muffii nama sanaa "badii kooti" jedhanii ofitti fudhachuu dhiisuun fala.
Hanga miidhaa irraan hin ga'initti, miira nama tokkoof kan biraan gaafatamuu hin danda'u. Akkasumas, maal naan jedhuu baay'isuu irraa
of qusachuunis barbaachisa. Wanta namni siin jedhu ati bocuu hin dandeessu waan ta'eef.

➛ Gaafa waa murteessuuf gaafatamtu yeroo ga'aan akka siif laatamu gaafadhu! Sarduun
murtii dabaa si murteessisuun mala isaanii keessaa tokko waan ta'eef.

➛ Al tokko tokko sitti fayyadamuuf yaalaa jiraachuu isaanii irratti baruu kee malaan itti himuun illee barbaachisaa dha.

FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU.

Dr. Dawit (Psychiatrist)

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
3.5K viewsGetu Abera✟, 13:45
Open / Comment
2021-06-02 23:13:16 Walitti qabama chaanaloota barbaachisoo isiniif qabanne dhufne! Itti dhiyaadha. Nutti dabalama.

Faarfannaa haaraa akkuma gadhiifameen
Faarfannoota dur durii
Muuziqaa fi kilaasikaloota garagaraaf
Oduu fi odeeffannoo haaraa
Hubannoo Macaafa Qulqulluu argachuuf
Beekumsa waliigalaaf
Kitaabilee digitaala garagaraa PDF'n
Qo'annaa Macaafa Qulqulluuf
Gorsoota milkaa'ina

Hundaa iddoo tokkotti qabanne dhiyaannerra. Nutti dabalamuun jireenya dansaa jiraadha!
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
250 views🅶︎ ︎🅼︎🅸︎🆈︎🅴︎ , 20:13
Open / Comment
2021-06-02 20:26:19 "YOON QAL'ADHEYYUU HIN CITU!"
▬▬▬▬▬▬▬▬
Mootii biyya tokkootu hojjattoota isaa shaniif Gaala tokko walitti kenneefii ofirraa gaggeessa. Hojjattoonni kunnenis:
⁃ Abidda
⁃ Shimala
⁃ Bishaan
⁃ Dhugaa fi
⁃ Soba jedhamu.
Gaala kana erga fudhatanii booda soba gaggeessaa isaanii godhatanii lafa itti gaala kana addaan hiratan barbaachaf imala eegalan.
Utuma imala irra jiranuu Abiddi sobaan mee altokko sin barbaada jedhee duubatti hambifatee" Yaada tokkon qaba Gaala kana afur taanee akka addaan hirannuuf maafan shimala kana hin gubu" jedheen. Sobnis hojiin jal'inaa amala waan ta'eef, "tole haalan siif mijeessa nurraa guggubi!" jedheen. Abiddis haala mijataa barbaaddatee shimala sana guggube.

■ Ammas utuma arfan isaanii imalarra jiranuu bishaan sobaan "erga akkas ta'ee animmoo maafan Abidda kana dhaamsee balleessee gaala kana 3 taanee addaan hin hirannuu?"Jedheen. Sobnis yaada isaa kanatti baay'ee gammadee, "Tole kunimmoo yaada bareedadha nu biraa
dhaamsi hambisi!" jedheen. Bishaanis abiddicha dhaamsee barbadeesse.

■ Sana booda sadi ta'anii lafa itti gaala kana hiratan murteessudhaaf walga'ii taa'an. Sobni jal'ina tokko yaadee yaada tokko dhiyeesse."

Gaara gama sana jiru irratti deemnee addaan hirachuu qabna" jedhe. Dhugaan yaada isaa kanatti walii gale. Bishaan garuu yaada isaanii kana mormus caalmaa sagaleetin moo'amee karaa isaanii itti fufan.

■ Xiqqoo akkuma deemaniin gaara sana bira ga'an. Bishaan garuu gaaricha ba'uu waan hin
dandeenyef abdii kutatee jara lamaan biraa hafe.

Amma Gaalicha addaan hirachuudhaaf kan walitti hafe Sobaa fi dhugaadha. Isaanis erga gaaricha irratti ba'anii booda akkamitti akka addaan hirachuu qaban walga'ii godhatan.

■ Akkuma beekamu sobni jarjaraa fi jal'ina yaadudhaan waan beekamuuf" Gaalli kun qalamuu hin qabu lubbuudhumaan akkuma jirutti akka fudhachuu dandeenyutti miila isaa isa fuulduraa irrattii fi duubatti funyoo hiinee atis ni
harkista ani nan harkisa, namni dhumarratti moo'ate gaalicha fadhata" jedheen.

Sobni kan inni yaada kana dhiyeesseef foon isaa baay'ee furdaa fi dheerinni isaas guddaadha. Dhugaan garuu baay'ee qalloo tokkodha. Gaafa ilaalan waan qilleensaan kufu fakkaata. Sobnis dhugaadhan
haamilee isaa buusuf jedhee" Yaa dhugaa nana maalif amma kana qal'atta si dhukubamoo
maalidha? Nyaatahoo maaf hin nyaattu? Akka kanatti waan abdii qabdu miti" jedheen.

■ Yeroo kana dhugaan deebisee, "Yoon Qal'adheyyuu Hin Citu" jedheen. Sana booda yaada sobaa kanatti walii galee waldorgamuuf murteesse. Sobni funyoo isa duubaa qabate, dhugaan immoo funyoo isa fuulduraa qabatee harkisuu eegalan. Utuma harkisanuu sobni furdinaan dhugaa waan caaluf gaala sana gara ofiitti harkisee of biraan ga'e. Garuu gaalli nama itti madaqxe malee namni biraa gaafa itti bubu'u miilan nama dhidhiitti. Sana boodaka sobni gaafa gaala kana humnaan harkisee dhugaa harkaa baafatee of biraan ga'u gaalli karaa duubaa miila ishee olfuutee dhiitichoodhan soba macheessite.

Erga inni kufee booddees dhidhiittee
◉ Soba hamma sana ga'u sana,
◉ Soba shira meeqa xaxaa ture sana,
◉ Soba foon isaatti abdatee dhugaa waan moo'atu itti fakkaate sana lubbuu keessa
baastee du'e.

Akkasitti dhugaan qal'oon gaafa ilaalan gatii hin qabne fakkaattu sun haqa isheetti abdattee moo'ichan galte jedhama.

■ Kanaafikaa kan Dhugaan hin qallatti malee hin cittu jedhamuuf. Gaarri sobaan tuulame takka turee jiga.
Dirreen dhugaan irra jiraatummoo sana booda
mul'ata. Hundeen sobaa bubbulee goga. Umuriin
isaas gabaabdudha. Dhugaan garuu xiqqoo isheetu guddatee qal'oo isheetu furdatee
daddaraaree fagoo irraa mul'ata.

■ Kanaaf mandara sobaa ijaarratanii warri keessa jiraatan bor isumatu irratti jijjigee badduu baasa. Mandarri warra sobdootaa ho'aa fakkatuyyuu si hin dinqin! Akka fixeensatti takka turee diilallaa'a.

➛ Dhugaan Moo'ataadha.
➛ Dhugaadhaf jiraadhu!
➛ Dhugaadhaaf du'i!
➛ Dhugaan bilisa si baasa!

[Kanan dubbiserraa]

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
1.1K viewsGetu Abera✟, edited  17:26
Open / Comment
2021-06-02 11:22:47 Yaadaaf Yeroo kamiyyuu @Getu_Abera Kallattiin qunnamuu dandeessu!

Galatoomaa
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.0K viewsGetu Abera✟, 08:22
Open / Comment
2021-06-02 09:09:58
"Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata."
— Far. 37:5

"መንገድህን ለእግዚአብሔር አደራ ስጥ፥ በእርሱም ታመን፥ እርሱም ያደርግልሃል።"
— መዝሙር 37:5

@Gaggeessummaa
45 viewsGetu Abera✟, 06:09
Open / Comment
2021-06-01 22:04:26 HOPE PROMOTION - 01
WELCOME
MAAL BARBAADDU

Hundumtuu akka armaan gadiitti isiniif dhihaateera. Ammuma gadi tuquudhaan nutti dabalamaa!

❏️ Qophiilee Bashannansiisoo
❏️ Odeeffannoo Haaraa
❏️ Oro Dinqisiisoo
❏️ Gorsaa fi Xinsammuu
❏ Haalduree Milkaa'inaa
❏️ Kitaabilee bifa PDF
❏ Beekumsa Waliigalaa
❏ Classical fi muuziqaa faaruu
❏ Oro Comedy fi Fiilmii

Dhugumatti itti bohaaraa irraa ni barattu. Hunduma Bakka tokkotti argachuuf join kan jedhutti bu'aa!


JOIN ALL CHANNEL HERE!
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███

❏ Enjoy & Stay Connected!
252 viewsGetu Abera✟, 19:04
Open / Comment
2021-05-30 21:27:38 Walitti qabama chaanaloota barbaachisoo isiniif qabanne dhufne! Itti dhiyaadha. Nutti dabalama.

Faarfannaa haaraa akkuma gadhiifameen
Faarfannoota dur durii
Muuziqaa fi kilaasikaloota garagaraaf
Oduu fi odeeffannoo haaraa
Hubannoo Macaafa Qulqulluu argachuuf
Beekumsa waliigalaaf
Kitaabilee digitaala garagaraa PDF'n
Qo'annaa Macaafa Qulqulluuf
Gorsoota milkaa'ina

Hundaa iddoo tokkotti qabanne dhiyaannerra. Nutti dabalamuun jireenya dansaa jiraadha!
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
566 views🅶︎ ︎🅼︎🅸︎🆈︎🅴︎ , 18:27
Open / Comment
2021-05-30 17:43:52 "Namni tokko beekaa ta'ee dhalata. Tokko immoo itti dadhabuudhaan beekamtii argata. Kaan immoo yeroo isaa eeggatee ofumaan beekamtiin isaan marsa."
— Shekisper


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
1.3K viewsGetu Abera✟, 14:43
Open / Comment
2021-05-30 07:10:05 Of Jijjiiruuf Kallattiilee Bu’uuraa ➓:
▬▬▬▬▬▬▬▬
➛ Ati nama guddachuuf of qopheessuu jaalatuu dhaa? Karaa kamiiniyyuu of jijjiiruuf kallattii barbaadaa jirtaa?

➛ Yeroo kamiyyuu kallattiin ittiin jireenya keenya jijjiiruu dandeenyu malli ni jira.

➛ Dandeettiin nama keessa jiru daangeffamaa miti. Kanaafuu dhuma milkaa’insaa irra gaheera kan jedhu hin jiru. Tuqaan milkaa’insa isa dhumaas hin jiru.
Yommuu of xinxallu nuti nama gaariidha, gahoodhas.

➛ Kallattiin milkaa’inaa kennamu itti fufiinsaan of jijjiiruuf akka ta’uu fi yeroo hundumaa tarkaanfiin guddaan irratti dammaquu qabnu akka jirudha. Tarkaanfileen milkaa’insaa tokko tokko karaa salphaadhaan kan adeemsisu yoo ta’u, kan deeggarsa barbaachisus jiru.

➊. Yeroo Hundumaa Dubbisi! (Read Every Day):
⁃ Maddi ogummaa jireenyaa kitaaba dubbisuun ni argama. Hanguma baay’ina kitaaba dubbistu ogummaan horattus caalmaatti dabalamaa adeema. Guyyaa hundumaa kitaaba yommuu dubbistu sammuun kee beekumsa soorata.

➋. Afaan Haaraa Baradhu! (Learn New Language):
⁃ Afaan dabalataa baruun dandeettii fi beekumsa dabalataa akka argattu si gargaara. Sammuu banamaan afaanii fi aadaa kanneen biroo barachuun muuxannoo jireenyaa gabbisa.

➌. Fedha Haaraa of Keessatti Uumi! (Pick up a New Hobby):
⁃ Fedha kee cinaatti fedha kanneen biroo fakkeenyaaf jabeenya qaamaa, walaloo barreessuu, horachuun yommuu hojii xumurtu shaakaluun dandeettii kee alaan, keessaan, yaadaadhaan ni guddifatta.

➍. Barnoota Haaraa Fudhadhu! (Pick up a New Course):
⁃ Barnoonni karaa ittiin beekumsa haaraa argatanii fi dandeettii ittiin of jijjiiranii dha.

➎. Kutaa Dadammaqiinsaa Uumi! (Create an Ispirational Room):
⁃ Naannoon ati jirtu kaka’uumsa waan haaraa uumuf ati qabdu cimsuuf gahee qaba. Kan jirtu naannoo dadammaqiinsaaf si gargaaru yoo ta’e, yeroo hundumaa keessa kee haaressita. Kutaan mana kee keessa jiru duwwaa akkasumas toora kan hin qabne yoo ta’e, kutaa dadammaqiinsaa gochuuf wantoota dammaqiinsaf si gargaaran, jechoota barreessuun yookin fakkii kaasuun itti maxxansi!

➏. Sodaa Kee Moo’adhu! (Overcome Your Fears):
⁃ Dandeettii dubbii irratti, sagalee dhageessifachuu irratti sodaa qabda taanan, sodaan kee sadarkaa jijjiiramaa tokko irra akka turtuu fi of jijjiiruu irraa si dhoorka. Naannoo itti sodaa kee moo’achuu dandeessu uumuun irratti hojjedhu!

➐. Sadarkaa Kee Ol Guddisi! (Level up Your Skills):
⁃ Hojii kee irratti muuxannoo fudhachuun isa caalutti ol guddifachuu dha.

➑. Ganamaan Ka’i! (Wake up Early!):
⁃ Obboroon ka’uun bu’aa hojii fi of jijjiiruu irratti gahee olaanaa qaba. Ganamaan yoo kaatu yeroo gahaa itti of qopheessitu namoota kan biroo caalaa qabaatta.

➒. Sochii Qaamaa fi jabeenyaa Torbanii (Weekly Exercise):
⁃ Qindaa’insaa fi bareedina akkasumas fayyina qaamaaf sosochiin qaamaa murteessaa dha.

➓. Kitaaba Jireenya Kee Eegali! (Start Your Life Handbook):
⁃ Kitaabni jireenyaa of keessaa akkaataa jiruu fi jireenya kee itti jiraattu qaba. Fuula tokkoon tokkoon isaa irratti of qopheessuun, kaayyoo kee, bu’aa argattuu fi galma geessu madaalaa adeemta.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
146 viewsGetu Abera✟, 04:10
Open / Comment