Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.88K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 58

2021-02-22 22:30:26 Irraa Baradhuu #Share Godhi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Halkan tokko utuu barattoonni ga'eessonni barataa jiranii ogeessi xinsammuu tokko kutaa seenee, har'a tapha qabna jedhe.

■ Barattoonnis tapha akkamii jedhanii gaafatan. Barsiisaanis
barataan fedhii isaatiin ka'u jennaan barataan dhiiraa tokko ka'e. Barsiisaanis barataa sanaan namoota baay'ee
jaalattu 30 gabatee gurraacha kana irratti barreessi jedheen.

■ Baratichis maatii isaa irraa eegalee, oollaa isaa, fira isaa fi hiriyoota isaa hamma nama 30tti barreesse.
Barsiisan, kana keessaa namoota si hin fayyanne 3
balleessi jedhe. Innis maqaa ollaa isaa balleesse. Ammas maqaa nama 5 balleessi
jennaan baratichi namoota fagoo ta'an fira isaa keessaa balleesse.

■ Akkuma kanaan maqaa barreesse hunda balleessee fixee maqaa haadha, Abbaa, haadha manaa fi ilma isaa
qofatu hafe. Ammas barsiisan maqaa arfan kana keessaa maqaa nama 2 balleessi
jedheen. Barataan sun baay'ee na'ee akka nama dirqamaan balleessisee maqaa haadha isaa fi Abbaa isaa balleesse.

■ Barsiisan dhuma irratti
warra hafan 2 keessaa maqaa nama 1 akka balleessu itti hime. Ammas baratichi sammuun isaa baay'ee jeeqamaa, harki isaa hoollachaa, sodaachaa maqaa ilma isaa keessa balleesse.

■ Barsiisaan gad taa'i ittiin jedheen. Achiin booda daqiiqaa muraasa booda barsiisichi:
➛ "Maaliif maqaa haadha manaa kee hambifte?
➛ Maatiin kee siif nama ati yeroo hunda itti of abdattudha.
➛ Ilmi kee qaama kee nama baay'ee sitti aanudha.
➛ Haadha manaa garuu kan biraa fuudhuu dandeessa.
➛ Maaliif hunda isaaniirra haadha manaa kee caalchifatte?" Jedheen.

■ Barataan sunis suuta jedhee akkas jedheen:
▷ Tarii guyyaa tokko maatiin koo na dura biyya lafaa kana irraa darbuu danda'u.
▷ Ilmi koo immoo gaafa guddate sababa barumsaaf yookiin hojiin na dhiisee deema.
▷ Bara jireenya koo guutuu hamma lubbuun lafa irra jiraadhutti kan na bira jiraachuu danda'u haadha manaa koo qofa jedheen.
Yeroo kan barattoonni kutaa guutuun harka rukutaniif.

➦ #Dhugaadha. Hundi keenya iyyuu maatii keenya hammam yoo jaalanne iyyuu guyyaa tokko dhiisnee deemna. Maaliif yoo jennee haadha manaa yookiin Abbaa manaa fi Ijoolleen keenya hammam yoo nu jaallatan iyyuu nu dhiisanii deemu. Dhuma irratti kan nu biratti hafu haadha manaa keenya yookiin Abbaa manaa Keenya.

■ #Eyyeen obboloota koo.
➦ Haati manaa kennaadha malee filannoo miti.
➦ Haadha manaa fuudhun barbaachisummaan isaa galgala galgala sitti yaadatama yoo ta'e ati fuudhuu barbaadda osoo hin taane nama wajjin
bultu barbaadda.
➦ Haadha manaa fuudhun kan sitti dhaga'amu yeroo uffati kee, manni kee, xuraa'u qofaa yoo ta'e, ilaalchi kee galma murtaa'aa namni hiriyaa gaa'elaa qabaachuuf jiru kamiyyuu irratti yaaduu qabu irraa kan fagaatedha.
➦ Haadha manaa qabaachuun kee ilaalcha jaalalaa, fedhii saalqunnamtii, hiriyyummaa yookiin ijoollee godhachuuf qofa irratti kan hundaa'e ta'uu hin qabu.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
5.2K viewsGetu Abera✟, 19:30
Open / Comment
2021-02-22 19:48:22 EENYUMMAA ISA DHUGAA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Eenyummaan kee inni dhugaan isa yeroo ati qofaa kee jirtu hojjettuudha.

➲ Dhugaadha. Eenyummaan keenya isa yeroo qofaa keenya hojjennudha malee isa uummata biratti qofa hojjennu miti. Nama duratti wanta qajeelaa hojjenna ta'ee, yeroo qofaa keenyaa immoo wanta jal'inaa hojjenna yoo ta'e eenyummaan keenya sun
jal'ina.

√ Yeroo nama biraa dhugaa dubbatta ta'ee, garuu yeroo qofaa kee ni sobda yoo ta'e ati sobduudha.

√ Yoo waltajjii irratti ni faarfatta ta'ee yeroo qofaa keetii immoo ni sirbita yoo ta'e, ati sirbituudha.

Wantoota baay'ee jechuun ni danda'ama, garuu dhaamsi ani isiniif qabu waan dubbattu, waan hojjettu fakkaadhu!

➲ Eenyummaan inni dhugaan olkaasee nama mul'isa.
➲ Eenyummaan inni dhugaan nama kabachiisa.

Kanaaf:
→ Faarfataa,
→ Lallabaa,
→ Raajii,
→ Tiksituu,
→ Wangeelaawwii, akkuma maqaa kee ta'i!

■ Jaalalleewwaan, Abbaa manaa fi haadha manaa, kaadhimamtoota, akkuma maqaa kee ta'i!
■ Barsiisaa/Barsiistuu, Barataa/Barattuu, gaggeessaa, kaabinee, Qaama siyaasaa, akkuma maqaa kee ta'i!

➦ Maqaan, hojii isaa hin fakkaanne salphina.
Baay'een isin jaaladha.
1000 jiraadhaa!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
4.8K viewsGetu Abera✟, edited  16:48
Open / Comment
2021-02-21 18:36:51 NAMA OGEESSA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Ogummaan bakka hundatti gaggeessituu daandii milkaa'inaati.
Namni ogeessi hin kufu. Inni ogummaa harkaa qabu bakka deeme hundatti jireenyi isaaf mijataadha. Ogummaa qabuun simatamee hojjetee of jiraachisa.

● Inni ogummaa sammuu, yaadaa fi haalaa qabu; bakka hundatti dawaa dha. Ogummaan yaada isaa furtuudha, gaggeessituudha, qajeelchituudha, hoggantuudha, Ogummaan Yaada keetii boqonnaa siif kenniti, gammachuu, ofitti amanamummaa siif laatti.

● Carraa hundaan walii galuu, osoo hin sodaatin, osoo ceephoon isa hin mudatin, haala salphaatiin eenyu waliin jiraachuuf ogummaan kee si gargaarti.

Nama Ogeessa

➛ Ogeessi yaadaa waan hunda hubata. Osoo ati hin dubbatin adeemsaaf ilaalcha kee ilaalee si madaala, si beeka. Ogeessi hubatee raawwachuuf malee ilaalee dubbachuuf hin ariifatu.

➛ Kennaan nama hundaa adduma addaan uumamaan waan nuuf laatametu nu waliin guddatee hojiidhaan muldhata. Hundi immoo kennaa isaa kana itti hin fayyadamu. Inni biraan immoo kennaa isaa kana daran bilcheessuf iyyuu hedduu tattaafata.

➛ Namni kamuu waan uumamaan kennameef ni qaba. Addunyaa jijjiiramaa keessa waan jirruuf waan dabalataan argannuu fi kan dhabnuuf kan dagannus jiraachuu mala.

➛ Ogeessi namaa isa uumamaan qabu irrattis dabalatee isa of dagate of yaadachiisa. Ogummaa dhaalchisa. Ogeessi arraba tola fuula ifa, hundaan walii gala. Garuu, yaada guduunfata. Of hooggana. Ofiifis isa cinaa jiruufis of eeggata.

➛ Ogeessi amala tola. Tooftaa ittiin injifatu, tooftaa ittiin waan yaadeef fedhe harkaan ga'atu, tooftaa ittiin galmas gahu cimsee beeka.

➛ Ogeessi namaa hin kufu. Karaattis hin hafu. Wacnii fi ilaalchi namaa isa hin hoogganu. Ogummaa sammuu isaatu isa hooggana.

Waa'ee Ogummaa kana caalaa namoonni dubbatan ni jiru. Ani ammuma kana dubbachuun fedhe. Ogummaa qabdan kunuunfadhaa! Itti fayyadamaa! Of irra darbaatii obboloota keessanis ittiin fayyadaa.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
5.6K viewsGetu Abera✟, edited  15:36
Open / Comment
2021-02-13 17:08:03 ➥ Gaggeessaa ta'uun gatii nama baasisa.
⁃ Gaggeessummaan isa gaggeeffamuuf gadi jedhanii hojjechuudha.
⁃ Kan humna hin qabneef humna ta'uudha.
⁃ Rakkinaaf mirga kennuu dhiisanii alaabaa moo'ichaa argisiisu dha.
⁃ Yaada jireenyaa qabatanii kufaatii ijibbaachisuu dha.

⁃ Gaggeessummaan gonkumaa bu'aa irratti kan hundaa'e ta'uun irra hin jiraatu.
⁃ Fedhii saba guddaa eeguu irratti xiyyeeffata.

Kuni gaggeessummaa isa sirrii fudhatama qabuu dha.


Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
9.0K viewsGetu Abera✟, 14:08
Open / Comment
2021-02-13 17:06:20 Wanta hojjennu hundumaaf itti gaafatamummaa fudhachuun amala nama ogummaa qabuuti.

Wanti hojjennu dudduubni isaa ittiin jiraachuuf, qarshii (business) ittiin argachuuf qofa ta'uu hin qabu.
Wanti ilaalamuu qabu:-
➞ Faayida qabeessummaa (Hammam namoota gargaaruu danda'a?)
➞ Miidhaa fi faayidaa isaa adda baafachuu.


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
7.8K viewsGetu Abera✟, 14:06
Open / Comment
2021-02-13 16:59:52 Ѕαgαитααℓєєи кєєиуα уєяσσ∂нααf α∂∂α ¢ιтυυ ιѕααтιιf ∂нιιfαмα ιѕιи gααfαииα.

ωαитι ιѕιиιιf gα∂нιιfαмυ уσσ ιѕιи fαууα∂є ¢σммєит иυυf кєииυυ fι иυ ʝαʝʝαвєєѕѕυυ кαи вαявαα∂∂αи @gaggeessummaa_bot fαууα∂αмυυ ∂αи∂єєѕѕυ!
Nu waliin turaa!!!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


#STAY_CONNECTED
With @Gaggeessummaa
Because more important content on the way!
7.0K viewsGetu Abera✟, 13:59
Open / Comment
2021-01-23 19:25:08 Qabannaa Jireenya Keetii Beeki!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➛ Namicha hiyyeessa tokkotu sangaa tokko qaba ture jireenyi itti ulfaannan sangaa isaa gabaa geessee gurguratee utuu deebi'uu mana dhugaatiitti goree isa booda dhugee machaa'ee manatti galuuf karaa irra bu'e utuu deemuu waan mana ga'e itti fakkaatee karaa irra ciise. Achitti saamtun itti dhufanii qabeenya isaa hunda harkaa fudhatanii rifeensa isaa irra haadanii
sokkan.

➛ Machiin irraa galee gaafa ka'u qarshiin isaa harka hin jiru. Iyyuuf gaafa mataa qabatu
rifeensi irra hin jiru. Isa booda kun ana miti jedhee deebi'ee rafe!!!

→→→→↓↓↓↓↓

Qabaa jireenya keetii beeki! Akkamitti akka bobbaatee galtuu fi daandiin filannoo keetii gara kamitti akka si geessu hubadhu! Kufaatitti akka si hin geessine eeggadhu jechuudhumaafi.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
17.0K viewsGetu Abera✟, 16:25
Open / Comment
2021-01-22 13:11:10 Gorsa xinnoo kana
HUBADHU!

▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namaaf jettee yeroo kee hin gubin!
➥ Jaallatamuufis ta'ee jaalachuufis jettee hin
rakkatin! Kan eenyummaa kee beeku si jaallata.
➥ Waan gaarii gootu hunda gatii isaa ilma namaa irraa hin eggatin waaqarraa galata argatta.
➥ Nama tokko jaallattee yoo dhabde itti hin gaddin sababni isaa waaqayyo nama sana akka inni siif hin taane waan beekuuf sirraa qabe.

JAALALLI DHUGAA:
▷ Dhoksaa hin qabu.
▷ Gaabbii hin qabu.
▷ Jibba hin qabu.
▷ Wal tuffii hin qabu.
▷ Wal komii hin qabu.
▷ Walitti mufachuun yoo jiraates walirraa fagaachuu hin qabu.
▷ Jaalalli dhugaa onnee qulqulluu qofa barbaada.

HIRIYAAN GANTUUN WAA SADII (3):
➊. Qoree bishaan keessaa
➋. Bofa marga keessaa
➌. Summii midhaan keessaati.

HIRIYAAN DHUGAA WAA SAGAL(9) Garuu salgaan sun bakka sagaltama siif gaha.
➊. Abdii jiruu
➋. Obsaa jiruu
➌. Gorsaa jiruu
➍. Qajeelchaa karaa
➎. Dawaa sammuu
➏. Irkoo guyyaa rakkoo
➐. Galma geessaa kaayyoo keeti.
➑. Jajjabeessaa hojii keeti
➒. Gorfataa karaa guddinaa

➲ Hiriyyaa sobaa mannaa diina dhugaa wayya. Maaliif seete, diina akka diinatti beektee irraa
fagaatta. Garuu hiriyaan gadheen si fakkaatee si
nyaata.

Kaayyoon Hiriyaa Gadhee:
➊. Jireenya kee balleessee namaa gadi si godhuu.
➋. Agartuu kee jamsee ija kee balleessuu.
➌. Miila kee mummuree tarkaanfii si dhorkuu.
➍. Harka kee si hidhee hojii irraa si hambisuu.
➎. Sammuu kee maraachisee baasee si salphisuu.
➏. Jaarsaa fi Jaartii Addaan baasee kophaatti si hambisuu.
➐. Fuudhaa fi heeruma dhorkee manatti si hambisuu.
➑. Uummata keessatti maqaa kee xiqqeessuu dha...

HIRIYYAAN DHUGAA HOO?
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
➊. Karaa hamtuu irraa si gorsee karaa qajeeltuu siif hawwa.
➋. Yoo gaarii hojjatte gammachuu siif qaba.
➌. Yoo ati rakkatte si wajjin cinqama.
➍. Bakka ati hin jirretti toltuu kee haasa'a.
➎. Utubaa siif ta'ee mana siif ijaara.
➏. Olfuudhee si baatee tabarra si dhaaba.
➐. Kabaja siif laatee maqaa kee ol qaba.
➑. Gammachuu kee gammadee, gadditus si wajjin gadda.
➒. Dhibee kee hundumaaf qoricha.

Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
14.6K viewsGetu Abera✟, edited  10:11
Open / Comment
2021-01-21 10:05:22
●❯─ Democracy is not government, democracy is not political party, rather it is all about independent institutions and systems like that fires Trump and gave power to Biden.

●❯─ Deemokraasiin dhaabbataa fi sirna siyaasa irraa of danda'ee siyaasa hoogganu malee kan siyaasan hoogganamu miti!!!
─ Joe Biden

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
9.6K viewsGetu Abera✟, edited  07:05
Open / Comment
2021-01-20 22:27:44 JAALALA
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Jireenya rakkoon itti baay'ate keessatti gufuuwwan mudatan jaalalaan tarkaanfachiisuun ni ulfaata.
Haa ta'u malee dhugaan jaalalaan waliif gallaan gaarri fi barri ati ce'uu hin dandeenye hin jiru.

■ Namoonni wal jaallatan amala armaan gadii qabu:-

彡• Wal kabaju.
彡• Badii dhiifamaan bira darbu.
彡• Yeroo wal yaadan waliif bilbiluu caalaa qaamaan wal arguu filatu.
彡• Rakkoon gidduu isaanii seennaan marii isaan lameen qofaatiin furatu qaama sadaffaa malee.
彡• Akka haati ilmoof rifattuutti rakkoo walii rifatu.
彡• Jecha nama biraa caalaa jecha walii filatu.
彡• Haasaa namaatiif iddoo hin qaban.
彡• Gammachuun isaanii wal argachuu qofa.
彡• Jaalallee guyyaa har'aa haadha manaa yookiin abbaa manaa guyyaa borii jedhanii wal abdatu.
彡• Yeroo hunda jechoota siin jaalladha jedhutti fayyadamu.
彡• Maatii walii isaanii kabaju.
彡• Wal argachuuf jecha tulluu yookiin gaarri isaan gara hin galchine hin jiru.
彡• Yoo walitti dubbatanii fi yoo nama biraatti dubbatan wal adda jechuun kan waliin haasa'an ijaa fi bifa jaalalaati.
彡• Gonkumaa akka adda hin baane irra deddeebiin waliif himu.
彡• Utuma hanga fedhe wal lolanii deemi si hin jaalladhu waliin hin jedhan.
Kanaa fi kan kana fakkaatan ni raawwatu faallaa wantoota amma dubbannee irraa fagaatu

■ Jaalallee akkasii Waaqni isiniif haa kennu.

➦ ωααи ᴅυввιfтαиιιf Gαℓαтσσмαα! #Ѕнαʀє Gσ¢нυυи σввσℓσσтααf qσσ∂αα!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
10.1K viewsGetu Abera✟, edited  19:27
Open / Comment