Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.90K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 55

2021-03-16 09:16:34 Amalli Namoota Ciccimoo Garuu Akkas Miti.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namootni ciccimoon kaayyoo sirrii ta'een gaggeeffamu. Kaayyoo isaanii kanaafis bulu. Gochi isaan guyyaa guyyaatti hojjetan, dubbii isaan dubbatanii fi barreessan hedduun isaa qaama kaayyoo isaanii kanadha. Sammuu isaanii fi hubannaadhaan gaggeeffamu malee oduu namaan hin bulan. Namoota akkasii irrattis ta'ee biratti yoo odeeffamu, isaaniin hin ajaa'ibu. Wanti ta'aa jiru hedduun isaa wanta isaan duraan yaadaniidha. Maal akka yaadan, maal gochuu akka qaban, rakkoo tokkoof maddi isaas falli isaas maal akka ta'e buusanii baasanii yaadu. Namoota furmaataati malee rakkoo-uumtota miti.

❏ Namoonni ciccimoon, wanti hojjetamuu fi odeeffamu kam iyyuu fedhii isaanii malee akka dhiibbaa hin taane irratti hin godhanneef of eeggatu. Maal akka dhaggeeffatan, maal akka dubbisan, maal akka dubbatan, maal akka raawwatanis bareechisanii beeku.

❏ Amaloota namoota bebbeekoo keessaa inni biraan tokko immoo, yeroo hundumaa sammuun isaanii banaadha. Beekumsa dabalachuuf, ogummaa fi dandeettii dabalachuuf, gabbifachuuf yeroo hundumaa banaadha. Wanta gaarii irraas, wanta hamaa irraas wanta baratan qabu. Maal akka godhanis irraa hubatu malee ittiin hin miidhamani.

❏ Cimina isaanii namoota duratti mirkaneessuufis hin dhiphatani. Namootni yoo isaan hubatanis hubachuu baatanis, isaan, irra caalaa waanuma gochuu qaban godhu malee haalaa fi oduudhaan hin jeeqamani.

❏ Of hin tuulani. Siluma iyyuu cimoo waan ta'aniif, ofii isaanii fakkaatu malee, akka nama cimaa hin taanee nama cimaa fakkaachuuf yaaluuf of hin tuulani. Amalli hamma ofiin alatti of tuuluus, amala nama cimaa hin taanee akka ta'e bareechanii beeku.

❏ "Of hin jajanis." Hojiin isaanii inni gaggaariin akka isaan boonsu waan beekaniif, ofiin of leellisuuf hagas mara hin dadhabani.

❏ Amalootni namoota ciccimoo fi ciccimoo hin taanee illee hedduudha, ammaaf garuu kanuman tuquu barbaade. Mee isin immoo maal jettu? Yaada kana keessatti of ilaaltaniittuu? Madaaltaniittuu?

Abdii Ab

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN
3.9K viewsGetu Abera✟, 06:16
Open / Comment
2021-03-10 15:50:08 BAKKA YAADDE NI GEESSA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ Eeyyen bakka yaadde sana ni geessa.
⁃ Gaarii yaadi!
⁃ Gaarii hojjedhu!
⁃ Hirriiba hin jaalatin! Eeyyee hojjedhuu milkaa'i!
⁃ Barreessi!
⁃ Dubbisi!
⁃ Of qaroomsi!
⁃ Waanuma dandeessu godhi!
⁃ Waanuma gatii qabus hojjedhu!
⁃ Waanuma qajeelaa ta'e yaaduun milkaa'ina namaaf gumaacha.
⁃ Wanta faayida qabeessummaa isaa hin beekne duukaa hin luucca'in!
⁃ Isa gaarii jabeessii qabadhu! Yoos wanti gaariinis si barbaacha gara kee dhufa.

■ Yeroo baay'ee namoonni ofitti amanamummaa hin qabne "Milkaa'uu yoon baadhes nan yaala" jedhu. Yaadni akkasii shakkii waan of keessaa qabuuf kufaatii fida.

■ Ofitti amanamummaadhaan "Eeyyee nan danda'a" jedhanii yaaduun, humna guutuudhaan hojjetanii akka milkaa'an nama taasisa.

Egaa Ofitti Amanamummaan:
Tooftaa fi sagantaalee barbaachisoo ta'an baasudhaan fuulduratti tarkaanfachuudha.
Hanqina ofii ilaaluu dhiisanii cimina lakkaawwachuu dha.
Yeroo hundumaa galma galma gahiinsaaf itti yaadu dha.
️ Hawwii utuu hin taane, hojjetanii bu'aa isaa qabatamaan fiduu dha.

■ ️Waan tokko gochuuf gaafa itti amantu battala sanatti malli raawwii isaas siif dhufa.

Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN
2.0K viewsGetu Abera✟, 12:50
Open / Comment
2021-03-09 20:02:27 KUFAATIIN DAANDII MILKAA'INAA TI.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ Namni wangeelaaf hojjechaa ture tokko akkas jedha:

"Rakkattee osoo hin milkaa'in hafte yoo ta'e, kan si booda milkaa'u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta'e garuu si dura nama rakkatetu ture." jedha.

■ Dubbiin namicha kanaa 100% dhugaa dha.
• Maalifan milkaa'uu dhabee?
• Maalif milkaa'inni ana irraa fagaatee?
• Maalif kufaatiin natti baay'atee? Jettee Komii ofii kee irratti nama irrattii fi waaqayyo irratti hin kaasin!

• Yoo ofii kee rakkattee, dadhabdee milkaa'uu baatte, rakkina kee kanatti ilmi kee, dhaloonni si boodaa milkaa'uu danda'a.

Fakkeenya tokkon siif fudhadha.

■ Seenaa Dr. Maartiin Luuter King Juuniyeer waan beektu natti fakkaata. Inni bara isaa waggaa 38 jiraate keessatti mirga walqixxummaa gurraachotaaf falmu hoogganaa ture. Sababa kanaaf yeroo baay'ee mana hidhaatti darbatamaa akka ture rakkinni gurguddaan isa irra gahaa akka ture beekamaa dha. Haa ta'u malee mirgi gurraachotaa kabajamee, warri adii fi gurraachonni mirga walqixaa qabaatanii akka jiraatan osoo hin argin lubbuun isaa addunyaa kana irraa namoota badiin dabarte. Garuu inni ofii isaa rakkachaa turee milkaa'ina rakkoo isaa osoo hin argin du'u iyyuu, har'a ilmaan isaa bu'aa rakkina isaatii dhamdhamaa jiru.

■ Ilaali rakkina kee har'aa kana ilaaltee abdii hin kutin!

Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.

Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.

■ Hammuma kufaatiin sitti baay'atu milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!

■ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha.

■ Imala gara milkaa'inaatti deemuu kee, karaa milkaa'inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.

■ Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta'e, jabaadhu ati karaa milkaa'naa irra jirtaati. Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta'e ati milkaa'ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha.

■ Namni osoo hin kufin milkaa'e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa'e dha.

■ Kufaatiin hammuma si mudachaa deemu; ofitti amanamummaa kee cimsaa, waan darbe irraa barachaa, karaa kaleessa irratti kufte irra akka hin deddeebine hubachaa, karaan biraa akka jiru xiinxalaa akka deemtu si gargaara.

■ Kanaaf kufaatii hin jibbiin kufaatiin daandii milkaa'inaa ti.

• Jireenya kee jijjiruuf sammuu jijjiiramaan har'a jijjiirama eegali!

Hirphaa Fayyisaa, 2020

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN
2.3K viewsGetbot, 17:02
Open / Comment
2021-03-03 17:29:10 GORSA...
▬▬▬▬▬▬
➊. Yeroo mijaa'aa hin eeggatin yeruma kana furadhuu mijeeffadhu!

➋. Nama si amanu gonkumaa hin sobin; nama si sobu gonkumaa hin amanin!

➌. Waan darbe irraanfadhu garuu irraa bari!

➍. Wanti of duuba si deebisu ilaalcha mataa keetiiti!

➎. Miira kee too'adhu malee hin garboominiif!

➏. Jiruun kun akka bishaan garbaati; inni yoomillee hin tasgabbaa'u sumatu akkaataa itti daakan barachuu qaba.

➐. Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba.

➑. Namni tokko yoo hin dandeessu siin jedhe, hamma isaa sitti agarsiise malee kan kee miti. God bless you!

➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
4.9K viewsGetu Abera✟, 14:29
Open / Comment
2021-03-01 14:27:52 ARAADA JAALATAMAA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Araada tokkoon wal haa barru. Araada baay'een ittiin rakkatu irraa adda. Araada aara hin qabne, araada jaalatamaa! Araada kanaan qabamuun carroomuudha. Namni araada kanaan qabame sadarkaa itti aanutti darbuuf tattaafata malee dhiisuuf yaalii hin godhu.

➛ Araada jaalatamaa! Abbaa irraa ilmatti, hangafaa quxisuutti, kan duraa irraa kan dhufutti osoo darbee daandii mil'uu gara kaleessaa, sakatta'iinsa isa har'aa fi mul'ata boruu ta'uun dhalootaaf miidhagina hiixata.

➛ Eeyyeen! Nama irraa namatti yoo darbe dhiibbaan isaa ba'aa osoo hin taane bu'aa buusa, qara baasa, daba sirreessa, dhangaa nyaataa fi dhugaatii ta'uun dheebuu fi beela bakkaa kaasa. Araadichi araada jaalatamaadha!

➛ Nama araada kanaan qabamee fi hin qabamne jidduu garaagarummaa mul'ataatu jira. Araada jaalatamadha... kanaafi! Bu'aan araada kanaa arraba gabaabsa, afaan dhiphisa, sammuu immoo daran bal'isa.

➛ Eeyyeen wallaalaa beekaa godha, beekaa immoo ittuma qara. Keessa namaa haaressuun fakkaattii alaa jijjiira. Quba namatti qabbii hir'isuun, of beekuu fi sakatta'iinsa keessa namatti dhiyeessa. Of nama barsiisa! Kan of bare immoo, ofiifis ta'ee hawaasa keessa jiraatuuf jal'isii ta'ee kan goge jiisaa, kan jiidhe immoo lalisiisa malee, lolaa ta'ee kan jiru balleesssuun abdii namaa hin golgoleessu.
Araada jaalatamaa!
➢ Araada dubbisuu sana.
➢ Araada dubbisaa!


➛ Namni dubbisus isa hin dubbifne irraa adda. Dubbisaan dubbii tola; hammi dubbatus faara tolaan namaa liqimfama. Dubbiin isaas akka damma daamuuti; dhaggeeffataan 'dhaggeeffadhuu' malee dhaggeeffachuuf dirqamama. Dubbisaan waan dubbatu beeka, waan beeku dubbachuufis sodaan hin moo'atamu. Hayyee, araada dubbisaa haa horannu!

Haa dubbifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
5.0K viewsGetu Abera✟, 11:27
Open / Comment
2021-03-01 13:32:00 Mindaa Ofitti Amanamummaa Dhabuu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Ofitti amanamummaa dhabuun waan qabatanii jiran nama harkatti fokkisiisuu irra darbee gatii hin malleen of nama sharafsiisa. Isa kan keetti dugda si gachisiisee kan ormaaf harka si kennisiisa. Harka hin kenniin! Kana yaadatti qabachaama, fakkeenya tokko waliin haa ilaallu.

■ Bara durii namoota sadiitu adamoof manaa bahan. Guyyaa guutuu olii gadi fiigaa turanii homaa tokkoyyuu hin arganne. Dadhabbii fi beela hammana hin jedhamneen waan hubamaniif fala osoma dhahaa jiranii, namicha gosaan warra guddaa kan hoolaa salgii isaatti baatee deemu tokko halaalatti argani. Isaan sadan keessaa tokko, "Namicha kana irraa humnaan hoolaa fudhannee qalannee nyaachuu qabna malee hin duunaa?" ittiin jechuun yaada dhiyeesseef. Yaada kanatti mataa isaa olii fi gadi sochoosuun gammachuun walii galuu isaa ibse inni tokko. Inni hafe immoo, "Hoolaa kana fudhannee akka nyaannu fedha nan qaba, garuu akkamittiin akka irraa fudhannuuf falli jira" jechaa fala sana isaaniif dhiyeesse.

■ Akkuma walii galtee isaanii gochuuf ka'ani. Karaa namichi irra darbu irra, fageenya murtaa'aan walirraa fagaatanii dhaabbatani. Inni jalqaba irra dhaabbatu namicha hoolaa baatee deemu sanaan, "Maali namichoo! Ati gosa warra guddaa taatee saree salgiitti baattee deemtaa? Namni biraan si argee osoo nama kolfaa si hin godhiin ofirraa darbi saree kana!" ittiin jedhe. Namichi inni hoolaa baatee deemu sunis, "Namichoo! Hoolaa fi saree adda baafatteeyyuu hin beektuu? Maraataa! Kan ani baadhee jiru hoolaa malee saree miti. Ana osoo hin taane situ saree baatee jira" jechuun bira darbee deeme.

■ Hoolaa isaa baatee osooma deemaa jiruu, bakka namicha lammataa gahe. Namichi karaarra dhaabbatee jirus hin callisne. Dabaree isaa, "Har'ammoo saree salgiitti baachuutu eegalamee,...safuu! Oollee bullee, waan hedduu arginee dhageenya. Maal taatee jirta namana?" yeroo jedhuunii, kan hoolaa baatee jiru sun akka duraa ija jabaatee ifachuu hin dandeenye. Ifachuu dhiisuurra darbee iyyuu nahee jira. Miira sodaa makateen, harka isaan qaqqabachaa hoolaa ofirratti ilaalaa, "Hoolaa mitimoo kanan baachaa jiru? Hoolaa! Sareen kana hin fakkaattu" jedhee bira darbee deeme.

■ Shakkiin baay'ee humna isaa irratti godhatee jira. Hoolaa fi saree ta'uu adda baafachuuf ofitti odeessaa deema. Isaa akkanaan jirutu nama sadaffaa bira gahe. Kan sadaffaan sunis, "Maaliif maqaa warra kee warra guddaa nyaatta? Saree baattaa? Isayyuu salgiitti! Osoo namni biraan sin argin lafa buusii badi!" jedheen. Kana dhaga'ee qilleensa jidduu hin galchine kan inni hoolaa lafa buusee fiigichaan qajeele. Akkanaan hoolaa isaanii fudhatanii galani.

▷ Barbaachisummaa waan baatee jiruu dhabuun isaa hoolaa isa dhabsiise. Hoolaa ta'uu isa wallaalchisee salphina sareen saalfachiise. Kun miindaa waan qabatee jiru wallaaluu, miindaa ofitti amanamummaa dhabuu isaati.

▷ Akka hin daganne! Hiree kee sumatu ofiif murteeffata. Eeyyeen sumatu! Gatiin kees madaala keen murtaa'a. Ofitti amanamummaa hir'attee caarataa ofirratti hin baasiin. Gatii salphaan kan si sharafuuf qophaa'ee jiru hedduu ta'uu mala. Isa manaa baateef duubatti hin deebi'in! Isa harkatti qabattee jirtus sirriitti beeki! Ofitti amanamummaa dhabdee warqee harka keerra jiru hin darbatiin! Ofitti amanamummaa kee cimsadhu!

Harka hin kenniin!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
4.2K viewsGetu Abera✟, 10:32
Open / Comment
2021-02-28 18:28:26 DUBARTOOTA ARFAN
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➤ Bar tokko mootii qabeenya guddaa qabu tokkotu ture. Innis haadha manoota afur qaba. Mootiin kun haadha manoota isaa wal caalchisee jaallata.

➛ Isaan keessaa ishee 4ffaa hunda caalaa jaallata ture. Uffata mimmiidhagaa fi waan gaggaarii jedhamu maras isheedhaaf godha.

➛ Ishee 3ffaas ni jaallata, fudhatee bashannanaafis deddeema. Naanna’ees jireenya ollaa isaanii daawwachiisa ture. Isheenis baay'ee bareedduu waan turteef namni ana irraa fudhataa laata jedhees ni sodaata ture.

➛ Akkasuma haadha manaa isaa ishee 2ffaas garraamii fi yaada qabeettii ta'uu isheef ni jaallata ture.

➛ Ishee 1ffaa garuu jiraachuudhuma isheeyyuu dagatee ture. Waa’ee ishees kaasuu hin fedhu. Isheen garuu 3n isaanii caalattii laphee qulqulluudhaan isa jaallatti turte.

➤ Osuma Kanaan jiranii mootiin kun dhukkubsate. Dhukkuba cimaa kanaanis du’aaf akka ga’e of bare. Yoo du’u garuu qofaa ta’uu isaa yaadee baay'ee sodaatee dhiphate. Kanaaf dubartootaa isaa 4n keessaa tokkoon isaanii isa waliin akka ta'an yaade. Gaaffii kanas tokko tokkoo isaanii gaafate.

➛ Ishee 4ffaadhan, akkas jedhe baay'ee baay'ee akkan si jaalladhu beekta, yoon du’e qofaa koo jiraachuun waan na sodaachiseef na waliin ta'uu dandeessaa? Jedhee gaafate. Isheenis, "TASUMALLEE" deebii jedhu qofaa kenniteefii biraa sokkite. Baay'ee aaree,

➛ Ishee 3ffaas akkas jedhee gaafate, "jireenya koo guutuu siif kennee akkan si jaalladhu beekta. Si irraa fagaadhee hin jiraadhu, kanaafuu yoon du'eef ana waliin du’uu dandeessaa?" jedhee gaafate. Isheenis, "LAKKI, jireenyi baay'ee gaariidhaam, yoo ati duutes deemeen nama biraatti heeruma ittiin jetteenii biraa sokkite.

➛ Ishee 2ffaa immoo akkas jedhee gaafate, "ati yeroo hunda gorsaaf na barbaachifta, jireenya koo keessaa si dhabuu hin fedhu! Yeroon du’utti na hordoftaa? Ana waliin taataa jedhee gaafate. Isheenis, "DHIIFAMA, amma si gargaaruu hin danda’u, garuu guyyaa awwaala kee haalan miidhagsee boo’ee sin gaggeessa" Ittiin jette.

➛ Kana gidduutti sagaleen ol-ka’ee "EESSAYYUU YOO TA'E SI WALIINAN DEEMA! SIN HORDOFAS!" jedhu dhaga’e.
Haadha manaa isaa ishee 1ffaa ta’uu gaafa hubatu mootichi baay’ee gadde. Isa isheedhaaf waan gaggaarii, nyaatas ta’ee uffata homaatuu godheefii hin beekne yaadatee gaabbiidhaan quba of nyaachuu jalqabe. "Baay'een gadda, Kanaan booda carraan argadhe kamiinuu si kunuunsuuf waadaan siif gala" jedhe. Ofitti ishee qabee hammatee dhungate jedhama.

➤ Hiikan dubartoota arfan kanaa fi Dhugaan jiruuf jireenya nama kami keessayyuu jiru kan armaan gadii ta'a. Namni hunduu jireenya isaa keessatti haadha manaa afur qaba.

➛ Isheen 4ffaa, FOON keenya. Baay’ee buunee baaneefii jirra. Kulkulleerras. Inni garuu du’a keenyatti kan badudha.

➛ Isheen 3ffaan, QABEENYA. Qabeenyi gaafa nuyi duunu kan nama biraati. Har’a ofumaaf sassannee namni biroon na jalaa fudhata jennee sodaanna malee nu waliin hin awwaalamu. Harkuma qullaas keessaa deemna.

➛ Isheen 2ffaan, MAATII, FIRAAF, HIRIYAA keenya. Tokkoon ishaaniiyyuu nu waliin gara bool’a du’aa hin seenani. Baay’ina hangamii qabaatanillee waaree nu dhiisanii wal urursaa, wal jajjabeessaa qofaatti isa du’e gatanii galu. Eegduun qacaramuufis hin jiru.

➛ Isheen 1ffaan, kan xiyyeeffannoo hin qabne, yoo nuyi dhiifnellee nu malee nama biraa kan hin qabne, LUBBUU
(SAMMUU) (our mindstream) keenya. Hanga foon keenyaaf dhamaanu lubbuu keenyaaf dhama'uu baannullee lubbuun keenya nu malee hin qabdu. Nu irraa adda baatees jiraachuu hin dandeessu.

➦ Kanaafuu haala kam keessattuu lubbuu keenyaaf, Sammuu keenyaaf xiyyeeffannoo haa laannu, haa kunuunsinu.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
4.3K viewsGetu Abera✟, 15:28
Open / Comment
2021-02-27 00:29:14 GORSA!
▬▬▬▬▬
➲ Gaafa karaa tokko siif guutu karaa biraa akka sitti hir’atu beeki! Hir’uun namaa daangaa hin qabu waan ta’eef.
➲ Namni baay’een yeroo si jaallatu baay’een akka si
jibbu! Beeki hundi gaarummaa namaa hin yaaduutii.
➲ Nama ofii isaa sitti boonsu irraa fagaadhu! Keessa isaa tuffii jiraatii.
➲ Korojoon kee guyyaa tokko guutee gaafa biraa duwwaa yoo ta’e of hin dhiphisin! Qarshiin ulaagaa sin guuchisuuti.
➲ Namoota siif gadii kabaji! Atis borii kee hin beektuutii rakkinas ta’ee baldhina imaanaa hin dagatin nama galfata nyaate jedhamtaatii!
➲ Hamma dandeettii kee carraaqi! Nama dhalootaaf waa kaa’e taataati.
➲ Umurii yartuu jiraattuuf nama hin hammeessin! Seenaan si abaaraatii.
➲ Arraba keef eeggannoo godhi! Kan ati qoosaaf
dubbatte nama gaddisiisuu danda’aatii.
➲ Kaayyoo kee bira hanga geessutti nan dadhabe hin
jedhin! Nama karaatti hafe taataatii.
➲ Har’aa keetti rakkinni yoo baay’ate gadda hin baay’isin! Borii keetu gammachuudhaatii!
➲ Gaafa qabdu si jaallatanii gaafa dhabdu kan si jibbaniif iccitii kee hin qoodin! Keessa isaanii ilkee cimaatu jiraati.
➲ Warra si dubbachiisanii afaan kee irraa dubbii funaanan baqadhu! Si waliin karaa dheeraa deemuu hin danda’aniitii.
➲ Carraatti utuu hin taane hojii waaqaatti amani! Amantiin jalqaba milkaa’uutii!!!

Channel kana irratti nu hordofuu hin dagatinaa! Waan hedduu irraa argattu.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
4.5K viewsGetu Abera✟, 21:29
Open / Comment
2021-02-26 12:06:01 YAA ARRABAA!
▬▬▬▬▬▬▬▬
Ati lafee hin qabdu garuu lafee cabsita
Ilkaanuma soddomii lama gidduu teessee
haqaaf dhugaa dabsita.

┈┈┈••❖••┈┈┈

Qaamni miiraa hundinuu
aarii keetiin finiinee
Maal fidda laata? utuu ilkaan soddomii
lamaan sun wolii galee si ciniinee!

┈┈┈••❖••┈┈┈

Gadi fuutee salphifta beekaa
namaa fi hayyuu
Madaan ati madeessite bara
baraan hin fayyu.

┈┈┈••❖••┈┈┈

Yoo feete ol fuutee faarsita hattuu fi gantuu namaa
Ati tokkittiidha yaadnii fi bifti kee lama.

┈┈┈••❖••┈┈┈

Ijji, gurrii fi funyaan sababa kee yakkama
Qaama namaa guutuuyyuu
situ taasisa shakkamaa!

┈┈┈••❖••┈┈┈

Keessi kee summiidha
gubbaan kee fooniin haguugame
Sababa keetiin nama meeqatu
lafarraa daguugame!

┈┈┈••❖••┈┈┈

Si too’achuu dadhabee
gad si dhiise namatu
Qaama miiraa keessaa
si’i kan nama hamatu.

┈┈┈••❖••┈┈┈

Isa kaanitti damma biiftee
faaruu sobaatiin sirbisiifta
Obbolaa wal jaalatan ilmaan
haadha tokkoo wal jibbisiifta.

┈┈┈••❖••┈┈┈

Badiin ati qabdu baay’eedha
yooman danda’ee barreessa
Akka hojii keef silaa mureen
of keessaa si balleessa.

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
4.8K viewsGetbot, 09:06
Open / Comment
2021-02-25 12:32:46 Hinaaffaa
▬▬▬▬▬▬
➢ Abbaa manaatu haadha manaa isaa mana gurgurtaa fudhatee deemuun "Harmee kootiif kennaa bitee kennuu waanin barbaaduuf mee kennaa isa baay'ee miidhagaa ta'e naaf fili." jedheen.

◈ Haati manaa isaas waan hinaaffaa cimaan qabamteef kennaa isa gatiin salphaa ta'ee fi fokkisaa dha jettee itti amantu akka bitu itti agarsiiste.

◈ Innis kennicha bitee meeshaa kennaa itti kennaniin marsiisee haadha manaa isaa galateeffatee deeme.

◈ Galgala kennaa sana qabatee gara mana isaatti galee haadha manaa isaaf kenne. Ishiinis "Harmeedhaafin bita naan hin jennee?" jettee gaafatte.

◈ Innis "Surprise si gochuu barbaadeen waan keessi kee jaalatu baruuf tooftaa kanattin fayyadame malee kennicha siifin bite." jechuun deebiseef.
Bu'aan hinaaffaa kanuma.

Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
4.6K viewsGetu Abera✟, 09:32
Open / Comment