🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.85K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 53

2021-03-31 21:22:54 GORSA
▬▬▬▬▬▬
➢ ️Namoonni hubaatoon nagaaf jedhanii dhiifama gochuu hin sodaatan.
➢ Namoonni dadhaboonni garuu hiika nagaa waan hin beekneef dhiifama gochuus hin beekan.

➢ ️Namni waan siin jedhutti hin dhiphatin!
➢ Waan hamaa akka hin gooneef garuu of eeggadhu!

➢ ️Anummaa kee hubachiisuuf baay'ee hin yaaliin!
➢ Namni akka si hubate osoo hin taane ati akka siif gale, akka si gammachiisutti jiraadhu.

➢ ️Eenyummaan kee kan madaalamu tilmaama namoonni siif kennaniin miti.
➢ Eenyummaan kee si keessa qofadha.

➢ Dafnee abdii kutachuu keenya irraa kan ka'e kaayyoo gurguddaa baay'ee karaatti ganne.
➢ Qofaa ta'uu malta.
➢ Namni si bira dhaabatee kallattii si argisiisu dhibuu danda'a.
➢ Deddeebitee mucucaachuun kufaatii sitti fakkaatee abdii kutatte ta'a.
➢ Yeroo dheeraa ati karaa irra turte si gaddisiisuu danda'a.
➢ Waan hin dabarre sitti fakkaatee dhiphaachuu dandeessa.
➢ Gorsan siif qaba. Eeyyee gorsa.
➢ Ittuma fufii yaali!
➢ Yaalii, yaalii, yaali, ammas yaali!
➢ Matumaa matumaa matumaa abdii hin kutatin!

➢ Jireenyi Gara-bal'ina si gaafatti.
➢ Garaa bal'attee irra deddeebitee hin yaaltu taanaan na amani galma kee hin geessu.

➢ Gatii osoo itti hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru.
➢ Yoom iyyuu kaayyoon kee gatii baasuu akka si gaafatu dursii beeki.

➢ Kufuun jira; ammas kufuun jira; amma illee kufuun jira.
➢ Kufaatii hedduu booda immoo mo'achuun ni jira. Eeyyee ni jira.

➢ Si'a tokko kuftee abdii kuttee dhiistee deemta taanaan yoom iyyuu hin mo'attu. Kun immoo adeemsuma uumamaati.

Abrahaam Linken Maal Jedhe:-
⁃ Kaayyoo keetti cichi!
⁃ Har'a hin milkoofne jechuun bor hin milkooftu jechuu miti!
⁃ Har'a yoo hin taane bor ni ta'a!
⁃ Har'a yoo hin mijanne bor ni mijata!
⁃ Har'a yoo kufte bor ni mo'atta!
⁃ Har'a waan barbaaddu argachuu yoo baatte bor ni argatta.
⁃ Bor guyyaa birooti.
⁃ Waan inni qabatee siif dhufu hin beektu.

➦ Eeyyee eeyyee dhugaa hin beektu bor guyyaa birooti.

@milkaainajireenyaa

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
2.0K viewsGetu Abera✟, 18:22
Open / Comment
2021-03-30 08:46:10 ERGAA KAKA'UUMSAA GAGGEESSUMMAA (MOTIVATIONAL LEADERSHIP MESSAGE)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namni kamuu, dhaabbatni kamuu, biyyi kamuu qofaa isaa  guddachuu hin danda'u. Yeroo kamiyyuu caalaa jaarraa 21ffaa keessatti jiraachuudhaaf, dhiibbaa gaarii uumuuf, guddachuudhaaf, tokkummaan murteessaadha.

● Tokkummaa jechuun tokko ta'uu jechuu osoo hin taane waliin ta'uu jechuudha, mul'ataa fi galma waliiniitiif waliin hojjachuu jechuudha.

● Namni tokko akka coba tokkooti, tokkummaan garuu akka galaanaa fi garbaa akka taanu nu godha. Qubni tokko fuula hin dhiqu kan jedhamus kanumaafi, tokkummaan garuu humna guddaadha.

● Jirbiin wal gargaartee arba hiiti akkuma jedhamu, waliin taanee, wal gargaarree rakkinni nuti hin furre, tabbi/gaarri nuti hin yaabne, guddinni nuti bira gahuu hin dandeenye hin jiru.

● Hundumti keenyaa bakka jirrutti, wal gargaaruuf, waliin hojjachuuf, waliin guddachuuf tokkummaa uumuun barbaachisaadha qofa osoo hin taane murteessaadha.

● Jijjiiramnii fi guddinni akka jiraatuuf hundumtuu ni hawwa, jijjiiramaa fi guddina sana immoo fiduudhaaf kan tarkaanfii fudhatu garuu muraasa.

● Mee ammumaa haa murteeffannu, haala amma biyyi keenya keessa jirtu kana keessatti jijjiirama fiduudhaaf, ceenee ceesisuudhaaf hamma humnaa fi hubannaa keenyaatti tarkaanfii haa fudhannuu.

WALIIN WALIIF HAA JIRAANNUU!

Waaqayyo Gooftaan Hafuura tokkummaa fi jaalalaatiin nu haa eebbisu! Ameen!

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
3.1K viewsGetu Abera✟, 05:46
Open / Comment
2021-03-28 22:44:12 Walitti qabama chaanaloota barbaachisoo isiniif qabanne dhufne! Itti dhiyaadha. Nutti dabalama.

Faarfannaa haaraa akkuma gadhiifameen
Faarfannoota dur durii
Muuziqaa fi kilaasikaloota garagaraaf
Oduu fi odeeffannoo haaraa
Hubannoo Macaafa Qulqulluu argachuuf
Beekumsa waliigalaaf
Kitaabilee digitaala garagaraa PDF'n
Qo'annaa Macaafa Qulqulluuf
Gorsoota milkaa'ina

Hundaa iddoo tokkotti qabanne dhiyaannerra. Nutti dabalamuun jireenya dansaa jiraadha!
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
█▓▒►JOIN ►▒▓█
279 views🅶︎ ︎🅼︎🅸︎🆈︎🅴︎ , 19:44
Open / Comment
2021-03-28 09:32:03 NAMNI AKKA OF EEGGATTUUF SI GORSU INNI NAMA SI JAALATU!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Yeroo jalqaba Koroonaan (COVID-19) biyyattii seenu hundumtuu gar-malee rifate, alkoolii/saanitaayizarii bitachuutti fiige, maaskiidhaan of haguuge... kadhannaan bakka hundumaattuu, miidiyaa gara garaatti cimee itti fufe.

➲ Haala nama gaddisiisuun garuu dhukkubichi akka addunyaatti namoota miiliyoonota dhibbootaan lakkaawwaman faalee miiliyoonotaan kan lakkaawwaman immoo ajjeeseera, akka biyya keenyaattis kumoota dhibbootaan kan lakkaawwamu faalee kumootaan nurraa ajjeeseera. 

➲ Wanti nama gaddisiisu baay'een ta'ee darbeera, nuti garuu araarri Waaqayyoo nuuf baay'atee har'a geenyee jirra. 

➲ Afaan ogeessotaatiin 'Second Wave' kan jedhamu, faffaca'iinsi dhukkuba koronaa bifa haaraadhaan kunoo amma babal'achaa jira; akkuma guyyaa guyyaadhaan miidiyaa irraa (MoH) dhageenyu lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii garmalee dabalaa jira, avereejiidhaan nama 3 keessaa namni tokko dhukkubichaan akka qabamuu fi akka qabamuu danda'u dubbachaa jiru; kana jechuun uummata miiliyoona 110 keessaa naannoo miiliyoona 30+ qabamuu danda'a akka jechuuti,... tilmaamni kana dura yeroo COVID-19 dhufe tilmaamames akkas jedha ture. Isa isaan nuuf jechaa jiran kana immoo qabatamaan argaa jirra. Nama qabamu qofa osoo hin taane namni dhukkuba koroonaan du'u lakkoofsisaa garmalee dabalaa jira. Waaqayyotu nu gargaare malee dhukkubicha akka biyyoota USA, Biraaziil fi kan kana fakkaatan rukute osoo ta'ee gaaga'ama guddaatu ta'a ture.(Guyyaatti namni kuma 3-4 yoo du'u ilaaligaa...)

➲ Ammayyuu kan isaanii kun akka nutti hin dhufneef WAAQA isaaniifis, ofii keenyaafis kadhachaa, gorsa ogeessotaa fudhachuun hojiirra oolchaa of eeggannoo keenya haa cimsinuu.

■ Kanaafuu fira kiyya, hamma sirra gahu, hamma balbala kee rukutu, hamma mana kee seenu hin eegin!
⁃ Ogeessa ta'i!,
⁃ Dursii of eeggadhu!

HUBADHUGAA:
➛ Oksijinii barbaacha meeqaan argamuun booda harganuurra maaskii kaawatanii harganuu wayya!
➛ Dhukkubsattee hospitaala ciisuurra fayyaa gaariin mana keetti dabarsuu wayya!
➛ Booda dhukkubsattee nama of biraa dhabuurra, maatii fi fira irraa fagaachuurra, amma fageenya eeggachuu wayya!
➛ Booda dafqa dhukkubichaatiin dhiqamuurra, har'a bishaanii fi saamunaan (saanitayizaraan) yeroo yeroon harka dhiqachuu wayya!
➛ Booda RIP (Rest In Peace) jechuurra, jireenyatti wal-gorsuu fi of eeggachuu wayya!
➛ Gorsa didduun du'a hin diddu akkuma jedhamu akka hin taane, osoo hamtuun hin dhufin dursanii of eeggachuu wayya;
➲ Jireenya Wayya!

➦ Ati gorsa siif kennamu fudhachuudhaan gahee kee bahi!
➦ Dhalootaafis fakkeenya ta'i!
EEGUMSI WAAQAYYO GOOFTAA DACHAAN SIIF HAA BAAY'ATUU !

@wondmagegnudessa

Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
209 viewsGetu Abera✟, 06:32
Open / Comment
2021-03-27 18:54:31 GAMMACHUU KEE HAALOTAAF HIN KENNIIN!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Qabeenyi gammachuuf, dhabiinsi immoo gaddaaf wabii miti. Gammachuun waan kanaan olii, filannoodha! Yoo feete kunoo, yoo hin feene immoo kuunnooti.

◉ Filannoo keeti! Eeyyeen, gammachuun qabeenyaan osoo hin taane, matumti isaayyuu qabeenya.

◉ Qabeenya eenyu namaaf kennuu fi nama irraa mulquu hin dandeenye kan dhuunfaa ofiiti. Abbaan qabeenyaa qabeenya isaan gammachuu jijjiirratee gammadaa hin ta'u. Inni harka qal'eessis waan ittiin bitatu dhabee gaddaa hin jiraatu. Jara lamaaniifuu, kun sirreeffama sammuu isaaniiti. Bu'aa ilaalcha isaanii! Eeyyeen, gammaduun dhuga-baatuu fayyaalessummaa jireenyaati malee, agarsiistuu tuulama qabeenyaa miti. "Kan qabu hundi gammadaa, kan hin qabne baay'eenis of jibbaadha," jedhanii timaamuun tilmaama ofii haqa irraa fageessuudha. Fakkeenyi dubbii tolcha mitiiree? Eeyyeen...

❏ Namicha tokkotu ajaa'ibsiifannaa isaa namoota iddoo tokkotti walitti qabanii jiranitti osoo himuu dhaga'ama. Akkanaan; "Ani yeroon waa'ee warra dureessotaa, dureessota keessaa immoo warreen akka biyyaa fi ardiilee hundaatti (addunyaatti) beekamtii qabanii yaadu wanti jalqaba irratti sammuutti na dhufu, siree isaaniiti. Siree isaanii!"
Yeroo inni akkas jedhu, namoonni achi jiran hunduu yaadaan gara siree dureessotaa deemuun mil'uu eegaluu hin hafne. Anis, atis osoo achi jiraannee akkanuma ta'uu hin hafnu.
Namoonni sun, siree warqee irraa hojjetamee haala addaan nama hawwatu irraa dureessota namichi jedhe sana ciibsaa, waan inni jedhu irraa dhagahuutti dharraan isaanii ol ka'e. Namichi ammas irra deebi'ee, "Sireen dureessotaa baay'ee na ajaa'iba!" jedhe. "Maal isaatu na ajaa'iba seetani? Sirichi qoraattii irraa ijaaramuu isaati! Irra gad hirkatu, garuu hirriibni ija isaaniitti hin dhufu. Asii fi achi, olii fi gadi osoo gangalatanii irraan bari'a. Eeyyeen, sireen isaanii qoree irraa ijaarame na ajaa'iba!" yeroo ittiin jedhu, hunduu akka tilmaaman ta'uu waan dideef, gara afaan qabachuutti dacha'anii jedhama.

❏ Amma tilaamuun hin rakkisu, jarri hirriiba malee bulanii guyyaas bututaa oolan kun, gaddamoo gammachuu akka ofitti aanfatan. Osoo akka qabeenyaatii, jara kanatu akka malee gammada ture.

❏ Qabeenyi madda gammachuu miti, dhabuunis gaddaaf karaa miti.

❏ Asirratti, kan qabaate gammadaa hin ta'u hin jenne. Abbaa qabeenyaa ta'uu fi abbaa gammachuu ta'uun adda adda jechaa jira. Kana ta'uu edda wal hubannee, maddi gammachuus ta'ee kan gaddaa yeroo baay'ee filannoo abbbaati. Filannoo! Gammachuu filannoo kee godhu. Akkas kunoo!

Gammachuu kee haalotaaf hin kenniin!

Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN
790 viewsGetu Abera✟, 15:54
Open / Comment
2021-03-26 12:15:16 AMALOOTA JAALALA FAYYA QABEESSA FIDAN KUDHAN【➓】
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
【➊】Jechoota kana sadan
➶ "Sin jaalladha!"
➶ "Galatoomi!"
➶ "Dhiifama!"
Bakka isaan barbaachisan hundaatti utuu of hin qabiin fayyadamuu.
【➋】Yoo balleessaa walirratti argan, hiriyyaa biraa, facebook fi namoota birootti haasa'uu dhiisanii kallattumaan walitti haasa'uu.
【➌】Jireenya dhuunfaa qabaachuu jaalaleewwan lameenii. Jireenya waliinii akkuma qaban, jireenya dhuunfaa isaaniifis kabajaaf bakka qabaachuu qabu. Jireenyi isaanii 100% kan waliinii ta'uu hin qabu.
【➍】Jaalalli isaanii jaalala waan ammaa irratti hundaa'e ta'uu qaba. Fuulduratti ni jijjiiramna jedhanii yookiin ni guddanna abdii jedhu qofarratti waljaalachuun jaalala hundee dhabeessa taasisa.
【➎】Amanamummaa, iftoomina, walhubachuu fi waliin haasa'uun dirqama. Iccitiin dhoksaa hedduun jiraachuu hin qabu.
【➏】Jaalalleewwan lamaan yoo kan waliin qunnamtii saalaa raawwatan ta'eef, lameen isaaniiyyuu gammachiisuu qaba. Ta'uu baannaan jaalalli isaan lameen gidduu jiru dhugaa ta'uun isaa hin amansiisu.
【➐】Yeroo qaamaan wal arganis ta'ee yeroo bilbilaan walitti haasa'an haasaan isaa/ishee, jaalallee isaa/ishee kolfisiisuu fi gammachiisuu qaba. Waliin hin kolfan, waliin hin gammadan taanaan haasaan isaanii waljibbisiisaa deema.
【➑】Jaalalleewwan lamaan maatii fi hiriyyoota walii waliif kabajuu fi jaalachuu qabu.
【➒】Garaa garummaa walii hubatanii, waliif kabajanii, waliif danda'anii jiraatu.
【➓】Waldhabdeen jireenya isaanii keessatti yeroo tokko tokko jiraachuu qaba. Waldhabdeen tasuma hin jiru taanaan gadi fageenyi jaalala isaanii shakkisiisaadha.

Dr. Gurmeessaa

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN
2.2K viewsGetu Abera✟, 09:15
Open / Comment
2021-03-25 20:46:11 AKKA DUUTU YAADDEE BEEKTAA?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➛ Jiraachuuf jettee sobda.
➛ Nyaachuuf jettee hatta.
➛ Gammachuudhaaf jettee ejjita.
➛ Boonaa ta'uudhaaf fiigda.
➛ Sooressa ta'uuf dhagaan ati gara hin galchine hin jiru.
➛ Keessan jiraadha jettee mana ijaarratta.
➛ Beekumsan argadha jettee ni baratta.
➛ Mucaan godhadha jettee fuuta; naaf hin taane jettee hiikta.
➛ Miillaan hin deemu jettee konkolaataa bitatta.
➛ Haadha manaa osoo qabduu kan biraa hawwita.
➛ Mucaa tokko yoo qabaatte lammaffaa yaadda.
➛ Dippiloomaa yoo qabaatte digiriidhaaf dhiphatta.
➛ Digirii yoo qabaatte Maastersii yaadda.
➛ Maastersii yoo qabaatte PhD yaadda.
➛ Mana tokko yoo qabaatte lammaffaaf dhiphatta.
➛ Konkolaataa tokko osoo qabduu kan biraa yaadda.
➛ Baadiyyaa yoo jiraatte magaalaa naannoo kee galuu hawwita.
➛ Magaala naannoo kee yoo galtu Finfinnee galuu hawwita.
➛ Finfinnee yoo galte immoo Awurooppaa, Ameerikaa hawwita.
➛ Ameerikaa yoo deemtu immoo pilaaneeti biraa arguuf wargamta.
➛ Aangoo xiqqoo yoo qabaatte guddaatti darbuuf yaadda.
➛ Bulchaa gandaa yoo taate bulchaa aanaa ta'uuf dhiphatta.
➛ Bulchaa aanaa yoo taate bulchaa godinaa ta'uuf dhiphatta.
➛ Bulchaa godinaa yoo taate pireezidaantii ta'uuf yaadda.
➛ Pireezidaantii yoo taate Ministeera muummee ta'uuf yaadda.
.
.
.
Obboleessa (Obboleettii koo)
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
➬ Guyyaa duutu yaaddee beektaa?
➬ Yooman du'a jettee of gaafattee beektaa?

Ati nama har'aati waan bor ta'u hin beektu garuu waa'ee boriif garmalee dhiphatta. Kanaaf yeroo hundumaa dhimma borii qofa yaaduu osoo hin taane yoon har'a du'e qoodni koo mootummaa waaqayyoo keessatti maal ta'a? kan jedhu yaadaa deemuutu nurra jiraata. Yoom akka duunu waan hin beekneef akka itti deemnu beekuu qabna. Macaafni akkas jedha

"Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa! Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!"
(Efesoon 5:15)

➬ Yoom akka gooftaan nutti dhufu hin beekneef yeroo hunda qophaa'oo ta'uu qabna.
Akkas jedha macaafni qulqulluun Maatewos 24:42 "Kanaafis gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa! Abbaan manaa halkan keessaa yeroo hattuun itti dhuftu utuu beekee in dammaqa, mana isaas hin qochisiisu ture; kanas immoo yaadadhaa! Kanaaf isinis immoo qophaa'oo ta'aa! Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa" jedhe.

➦ Kanaaf Obboloota koo akka duunu itti yaadnee waan gaarii haa hojjennuun dhaamsa kooti!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN
3.5K viewsGetu Abera✟, 17:46
Open / Comment
2021-03-25 09:16:07 ✧ "Failure is so important. We speak about success all the time but, it is the ability to resist or use failure that often leads to greater success."
— J. K. Rowling

✧ Yeroo hundumaa waa'ee milkaa'inaa dubbanna. Kufaatiinis barbaachisaadha. Akka kufanitti hafuun fafa.

✧ Hanqina yookiin qisaasa'ina si mudate irraa waan hedduu baratta. Dandeettiin keenya kan ittiin mirkanaa'ee sadarkaa milkaa'ina olaanaa irra gahu kufaatii mudate irraa ka'eeti. Kufanii ka'uun cimina dabala.

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN
2.9K viewsGetu Abera✟, 06:16
Open / Comment
2021-03-22 19:05:53 MILKAA’INA JIREENYAA FI GAMMACHUU AKKAMITTI ARGANNA?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ Barbaadanii Of Argachuu 

➠ Eenyummaa keef bakka guddaa kenni!
➠ Hamma of beektu caalaatti ati nama guddaadha.
➠ Humna qabdu hundumaan socho’i!

■ Sodaa fi Dhiphina Of Keessaa Balleessuu!

➠ Yeroo tokkotti tarkaanfii tokko qofa tarkaanfadhu!
➠ Rakkoolee waan guddaatti hin lakkaa’in!
➠ Rakkoolee irratti mari'adhaa!
➠ Balbala cufuu bari!
➠ Sodaawwan sababa qabatamoo irraa dhufan maal gochuu qabna.

■ Jiraachuuf Yeroo Fudhachuu!

➠ Dhiibbaa fi muddama ofirraa addaan baasi!
➠ Hiriyoota gaggaarii qabaadhu!
➠ Jireenya dhandhamadhu!

■ Sodaa Kee Irratti Tarkaanfii Fudhadhu!

➠ Sodaan jabina sabummaa ni dadhabsiisa.
➠ Sodaa keessan saaxilaa (ifatti baasaa)!
➠ Sodaa waliin wal’ansoo qabaa!
➠ Sodaa keessan madaalaa!
Tasgabbaa’uudhaan yaadaa!
➠ Hiriyyummaa cimaa uummadhaa!
➠ Amantii cimaa qabaadhaa!
➠ Nageenyi isinitti dhaga’amuu qaba.
➠ Du’a hin sodaatinaa!

■ MADDA GAMMACHUU

➬ Gammachuu jechuun kolfuudha malee kofalchiisuun miti.
➬ Gammachuun fiixee fedhiiti. 
➬ Maddoota gammachuu horadhu!
➬ Jireenya jiraachuuf of qopheessi!
➬ Wanta kennuu qabdu kenni!
➬ Madaa kee suphadhu!
Dandeettii kee bu’uura isaa irraa hubadhu!
➬ Nageenya sammuu qabaadhu!

■ Ilaalchi Gaariin Daandii Milkoominaati.

➛ Haalonni bakka ni buufamu.
Kufaatiitti hin amanin!
Wanta hin danda’amne gara wanta danda’amuutti jijjiiri! 
➛ Sammuu Kee Milkoominaaf Qopheessi! Kufaatii Irraa Walaba Ta’i!
➛ Yaali! – Ammas jabaadhuu yaali!
➛ Yaadi! – Ammas itti yaadi!
➛ Qormaata namatti dhufuuf hin jilbeenfatin!
➛ Amala nama jaallatamaa sitaasisu horadhu!
➛ Dadhabina kee gara ciminaatti jijjiiruu ni dandeessa. 
Abdii Ab

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN
2.6K viewsGetu Abera✟, edited  16:05
Open / Comment
2021-03-21 09:05:05 DAANDII GARA MILKAA'INAATTI GEESSU.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Dhimmoota hedduu, milkaa'uu fi milkii dhabuu, fuulduratti tarkaanfachuu fi bakka yaadan hanqachuu kan murteessan keessaa inni tokko, fagoo hin deeminaa, amala yookiin aadaa keenya. Milkaa'ina argachuun amalaa fi aadaa daandii milkii irra nama dhaabu qabaachuu irraa kan eegalu ta’uu isaati hayyoonni kan gorsan.

➲ Namni wal’aansoo jireenyaa moo’achuu, qabsoo dadhabsiisaa booda abbaa mirgaa ta’ee dirree irratti mul’achuu hin hawwine hin jiru. Hawwii yeroo hedduu hundi keenya hawwina. Hedduun keenya garuu hawwiidhuma qofaan daangeffamnee jiraanna; buddeenuma abjuu nyaanna.

➲ Namoonni milkaa'anis hedduutu jira. Milkaa'ina isaaniitiif sababni maal ta’inna laata? Sababa hedduu tarreessuun ni danda’ama. Kunniin sababoota ijoo amalaa fi aadaa jireenya namoota milkaa'aniin walitti hidhata qabaniidha. Milkaa'ina isaaniitiifis daandii kan saaqan amalootuma kanniin.

NAMOONNI JIREENYATTI MILKAA'AN:

➊. Yeroo hundaa waan haarawa yoo baran mul’atu.
Muuxxannoo haaraa baruu fi yeroo hunda waa dubbisuun nama guddisa, dirree hiree fi milkaa'ina namaaf bal'isa.

➋. Hir’inaa fi cimina isaanii addaan baafatu yookiin bareechanii beeku.
Namoota jireenyatti milkaa'anii sadarkaa guddaa irra gahan kan isaan biroon adda taasisu qabxiin tokko yoo jiraate, namoonni kunniin ciminaa fi dadhabina isaanii qajeelchanii beekuu isaaniiti. Waakkachuu irra, namoonni kunniin, hir’ina qaban hubatu yoo itti himames gammachuudhaan simatu.

➌. Dhimmoota kamiif dursi akka laatamuu qabu hubatu
Jireenya bu'aa bahiin itti heddummate kana keessatti, wanti hojjatamuu qabu yookiin rakkoon furamuu qabu hedduu dha. Dhugaan jiru garuu, hangamuu cimaa taanu, rakkoo nama mudatu hundaaf yeroo tokkotti deebii kennuun tasa waan hin danda’amneedha. Isa hunda irra xiyyeeffannaan guddaan kan barbaachisuuf dursi laatamuu qaba.

➲ Namoonni ciccimoon jireenya isaanii keessatti milkaayina guddaa galmeessisan kan godhan kanuma. Hedduun keenya garuu, waan cufa al tokko raawwachuuf carraaqna; akkas gochuu keenyaan dhoqqee keessaa hin baaneen qabamna. Al tokko waan dursi laatamuuf tokko!

➍. Maallaqa isaaniitti sirnaan fayyadamu.
Waa’ee mallaqaan walqabatee dhugaan yeroo hunda ka’u tokko hanga argattu qofa osoo hin taane waan argattu akka itti qabattuudha kan si duroomsu. Hangamuu haa baay’atuu, maallaqa argattu faffacaasta, bubbeef kennita taanaan ati yoomuu rakkataa fi liqii kadhataadha.

➎. Yeroodhaan hirribaa ka’u
Amalli namoonni barnootaan, daldalaanis ta’ee waan biraatiin cimina yookiin milkii guddaa argisiisan ittiin beekaman tokko yoo jiraate simbira ganamaa ta’uu isaaniiti.

➏. Kaayyoo fi Galmi isaanii Ifa
Maaliidhaaf jiraatta? Essa ga'uudhaaf tiratta jettanii yoo gaafattan namoota kanniin irraa kan argattan deebii gabaabaa fi ifa ta’e tokko. Maaliidhaaf akka hojjatan, eessa ga'uudhaaf akka tarkaanfatan yoo gaafataman bifa wal hin dhoofneen deebii isaanii lafa kaa'u.

➐. Hawaasaa fi hiriyyoota wajjin hariiroo cimaa uummatu.
Milkaa'inni, kallattii kamiinuu ta’uu danda’a, jireenya hawaasummaatiin hedduu walitti hidhata qaba. Kophaatti ba'anii jiraachuunis ta’ee milkiin kophaatti galmeessisan waan hin yaadamne ta’uu waan beekaniif hawaasummaa fi hariiroo gaariidhaaf iddoo guddaa laatu.

➑. Amala gaariidhaan ummata biratti mul’atu.
Ummata biraa jibbaa fi tuffii horachuun gufuu imala gara milkiitti godhamu gatantarsan keessaa isa tokko.

➲ Hawwuu qofa miti jireenyi. Kanniin milkaa'an irraa barachuudhaan nutis waan hawwinu harkatti galfachuu ni dandeenya. Gufuuleen hawwii keenya bira akka hin geenyeef danqaa ta’an hedduutu jira. Gufuun guddaan garuu nuti ofii keenyaa amalaa fi aadaa milkiitti nu geessu dhabuu keenya. Ammumaa amalaa fi aadaa gara milkaa'inaatti nu geessu simachuudhaan hawwii milkaa'inaaf qabnu haa dhugoomsinu.

Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN
1.2K viewsGetu Abera✟, 06:05
Open / Comment