Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.88K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 46

2021-06-06 15:16:58
1.2K viewsGetu Abera✟, 12:16
Open / Comment
2021-06-06 06:26:45 GUYYAA KEE BAREECHUUDHAAF GANAMA YEROO HUNDUMAA WAAN 3 GOCHUU QABDA.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➦ Ilaalchi gaariinii fi dubbiin gaariin milkaa'ina guyyaa keetiif murteessoodha. Jireenya kee, yaada sammuu kee fi hafuura kee irratti dhiibbaa qabu. Kanaafuu, dubbii hin taane ganamaan ofirratti dubbattee ilaalcha kee fi guyyaa kee dukkaneessuu irra, qabxiilee 3 kanneen mee of irratti dubbadhuutii hojii keetti bahi! Oolmaa kee siif bareechuuf guddaa si gargaaru!

➊. Har'i Guyyaa Haaraadha, Guyyaa Dansaadha/Gaariidha!

➦ Kaleessi darbeera, har'i immoo akka kennaatti siif kennameera. Kennaa haaraa kanammoo gammachuudhaan simadhuu itti fayyadami.

Far. 118:24 "Guyyaan  Waaqayyo dhaabe isa kana, kottaa isatti gammannaa, itti gammaduu keenyas dhageessifnaa!"

➋. Guyyaa Haaraa Kanaaf Sin Galateeffadha!

➦ Waan hin qabne irratti xiyyeeffatta taanaan nama gumgumu taata, eebba qabdu lakkoofta taanaan immoo galateeffachuun guutamta. Kanaafuu, eebba Waaqayyo siif kenne yaadaa galateeffadhu! guyyaa addaa, guyyaa haaraa siif kenname kanaafis galateeffadhu!

Far. 69:30 "Weedduudhaan  maqaa Waaqayyoo nan jajadha, galataanis guddina Isaa nan hima."

➌. Mul'ata Kiyya Milkeessuu Nan Danda'a!

➦ Guyyaan har'aa akka ani mul'ata kiyyarratti hojjadhee milkaa'uuf kennaa naaf kennameedha.
◎ Nan hojjadha,
◎ Nan milkaa'as!

Filiphisiyus, "humna/jabina Gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a."
— Filp. 4:13

➾ Guyyaa dansaa fi bu'a-qabeessa, gammachiisaa siif haa ta'u! Nuuf haa ta'u!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
792 viewsGetu Abera✟, 03:26
Open / Comment
2021-06-05 23:59:03 ➱ Obboleessα kee, hiriyαα kee hin tuffαtin! Amαlli isαα gααriis hαα tα'u hαα dhiisus. Yααdα gααrummααtiin ofitti qαbii gorsi! Kophαα fiiguun tαrii milkαα'inα dhihootti birα gahuu dαndeessu αchi fαgeessα.

➱ Guddinni wαliinii sαffisα qαbα.

➱ Obboleessi (obboleettiin koo) yookiin hiriyααn koo hαnqinα kαnα qαbα jettee irrαα fαgααchuu dhiiftee qoodα kαnαα immoo yoo mααl wαliin hojjenne wαliin guddαnnα? jettee itti yααdudhααn jireenyα ofirrα dαrbee cαrrαα namootα biroof fαkkeenya ta'u irrα gahuu dαndeessα.

➱ Wαntα αkkα siif tα'u bαrbααddu, αkkαsumα nαmααfis godhi!

➱ Inni tokko humnαα fι gαα¢нαиα isα kαn birααti. Hir'inα wαlii guutuudhααn milkαα'inα guutuu gαlmα bαreedαα qαbu gαhi!

Getu Aberα
@Getu_Official


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
909 viewsGetu Abera✟, 20:59
Open / Comment
2021-06-05 17:13:06 EGEREE SIRRIIN WAANUMA SIRRII IRRAA MADDA!
▬▬▬▬▬▬▬▬
Waan sirrii jabeeffachuu fi kan sirrii hin taane sirreeffachuu malee walitti qabanii harka reebuufiin nama hinsiiqsu. Nama waan dogoggoraatti akka sirriitti hamilee namaaf kenne caalaa namni nama miidhe jira natti hin fakkaatu. Namni akkanaa akka hin barre nama godha; dogoggoras hundeen dagaagsa. Sirriin sirrii jedhee, dogoggorattis quba qabee kan namatti himu qajeelchaadha. Kanatu nu barbaachisas.

➛ Waan amaleeffanne tokko qabna. Nama sirrummaa keenya nutti himu olkaafna; kan nu jajes ni jajna! Nama mudaa keenya nutti agarsiisu immoo ni balaaleffanna.

➛ Sababa malee olkaasuu fi gadi buusuu! Kana sammuutti qabanneetu yaada barbaachaaf waa qabannee gara nama biraa deemna. Ajaa'iba! Durayyuu sirrummaa keenya qofaa dhagahuu feenaa maaliif gara nama biraa deemnee nama biraa qorra? Ani beekaa!

➛ Dhumni shaakala akkanaa komii fi hamii ta'a. "Abaluun hojii koo gadi buuse. Kana immoo sababa malee hin jenne, ana irraa dhimma dhuunfaa qaba. Maal narraa qabaa? Maaltu keessa isa galche? Na goomateetu... gufuu natti ta'uufi... Muu!" Jechaa gara komii fi maqaa balleessiitti deemna.

➛ Namuma silaa gargaarsaaf itti dhiyaanneen maaltu isa galche jennee komanna. Ofuma keenyaa yaada gaafannee yaada balfina, ofuma keenyaa nama tuqnee nan tuqame jenna. Kana summichi! Summii guddina keenyaa!

➛ Wantin jechuu barbaade ifaadha! Sirriidhaan sirrii, dogoggoraanis dogoggora jechuun fala. Hamma kana hin taanetti, kan dabe hin sirratu, muuxannoon barbaachisus hin argamu. Kanaaf falli, waan sirrachuu qabu sirreessuudha. Madaala sirrii fi kan dogoggoraa adda baasuutu furmaata. Gochaan kun, dogoggoraa fi sirrii adda baasee fudhatamummaa isa sirrii ol kaasa. Kanaafuu sirrachuufis ta'e sirreessuuf qophaa'aa haa taanu. Walitti qabnee jajuu fi dimshaashumatti gadi buusuu irraa of eeguu haa barru. Waan goonu hundumaa keessatti hubannaan haa mul'atu. Akkanaan egeree keenya, egeree dhalootaa haa faayannu. Egeree sirriin waanuma sirrii irraa madda!

Abdiisaa Ejjetaa

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
1.6K viewsGetbot, 14:13
Open / Comment
2021-06-05 17:10:18 Bara keenya kana yommuun yaadu jecha hayyuun xinsammuu beekamaan 'Robert Collier' jedhamu tokko kataben yaadadha. Beekaan kun akkas jedheera:
➱ "Addunyaan irroo keenyaa kun fakkaattii calaqqee addunyaa keessoo keenyaatiin uumamedha"

Mee sadarkaa waldhahaa fi hundee dhabeessa nuun irra geenyee jirru mil'adhaa!

Yaa 'post-modernism' kanuma hojii kee nyaadhu! Garuu ati maal goote innumti si fide haa nyaatu kan hojii isaa malee!

Takkaa dhaabannee mee waa haa xiinxallu:
→ Uffati ciccitaa bara kana nuyi dargaggoonni akka bareedinaatti uffannu kun fakkaattii calaqqee yaada moofa'aa fi hundee dhabaa keessa keenyaan uumamedhaa laata?
→ Bolaalee (surree) dhiphaa nuyi uffannu kunii fi qamisiin mudhiirratti uffannu kun fakkaattiilee calaqqee yaada dhiphaa fi gabaabduu keessa keenyaan uumamee laata?

→ Qalamni diimaa nuyi hidhiirratti baannu, bicinciraan rifeensaa nuyi mataatti feenee deemnuu fi guutummatti ashankatii sobaa nuyi baannee deemaa oollu marti fakkaattiilee calaqqee sirna dhabuu addunyaa keessa keenyaan uumamanii laata???

Bishaantu afaan na jiraaf malee jette qurxummiin!
'Si tufe yaa raafuu nama si guure wajjin'

Jecha ajaa'ibsiisaa mootuun Sheebaa yeroo Iyerusaaleem dhaqxee mooticha Solomoon waliin wal arguuf murteessitetti dubbatte kana maaloo naaf hubadhaa:

"Firoottan koo! Dubbii koo naaf dhaggeeffadhaa, ani ogummaa nan barbaada. Lapheen koos beekumsa in feeti. Jaalala ogummaadhaan iddameera. Wadaroo isheedhaanis qabameera...
Akka haadhattin ishee jaaladha. Isheenis akka mucaatti na hammatti...
Ani faana ishee duukaan bu'a, Isheenis simboo naaf taati!"

➬ Addunyaa kanaan bocamuuf kan uumame hin jiru addunyaa kana bocuuf malee!
➬ Of ta'uun madda simboo dhugaadha!
➬ Ogummaan simboo namarraa fuuti miti ayyaana qabeessa nama gooti malee.

"Ilaallachaa haa sirbinu warri kan keenyaa" jette hantuuti.

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
1.5K viewsGetu Abera✟, edited  14:10
Open / Comment
2021-06-05 08:29:11 UTUU OF HIN ARGATIN HIN DU'IN!
Ariifadhu!
Barbaadii of argadhu!

Dubbisa 2ffaa...
▬▬▬▬▬▬▬▬
Wayita M. Jackson obbaafate (Waxabajjii 25, 2009 sa'aatii 3:15:09' PM) tti marsaan hawaasaa Wekipedia'n, Twitter'n, Messenger'n hojii dhaabe. Namootni miliyoonatti tilmaamaman si'a walfakkaataatti M. Jackson niin Google irra barbaadani.

➛ Jackson du'aan wal'aansoo qabuuf qophii waan xumure fakkaatullee, utuu of hin argatin duuti isa mo'atte...
➛ Jackson fuudhee mana godhatee maatii isaa wajjin gammadee hin jiraanne.

➛ Waggoota 4f qofa gaa'elaan jiraate. Waggoota 4 (1994-1999)tti dubartoota 2 fuudhe. Bara 1994 Lisa Marie Presley fuudhe. Bara 1996 ni hiike. Baruma kana dubartii biraa Debbie Rowe jedhamtu fuudhe. Bara 1999 ishees ni hiike.

➛ Namni kun Jireenya hiika qabu jiraachuuf abjuu hin qabu. Waggoota baay'ee jiraachuuf garuu abjuu qaba. Maal fayyada?

➛ Mee itti yaadi! Maal hojjechaa jirta? Kaayyoo uumamuu kee beektaa?
Yoo hin beektu ta'e ati of hin arganne jedhama.

❏ Waaqayyo Doktoroota hin caalu turee? Oksijiniin Waaqayyo tola nuuf kenne salphaadhaa? Isa kanaaf galateeffattee beektaa?
Jackson garuu waan hojjete hundumaa ulfina mataa isaatiif godhate.

Hiriyaa koo
❏ Waaqayyo yoo nama eeguu baate duuti fagoo miti. Har'a Jireenya sadarkaa isaa eeggate hin qabdu ta'a, wantootni kunniin hunduu jireenyaaf wabii miti. Silaa Jackson ni milkaa'a ture.

❏ Addunyaan kun Addunyaa wantootaati (This world is the world of materials). Namootni hedduun akkuma Jackson wantootaan too'atamu malee wantoota hin too'atani.
Baay'een keenya galii guyyaa guyyaatti argannu qabna, gariin keenya hin qabnusi qabnas, kaan hin qabnu, gariin keenya immoo nurraa hafee hanga of dagannutti nu geesseera. Addunyaadha!

❏ Jireenyi keenya guutummaan gatii qaba. Maaliif wantootaan too'atamna? Guyyaan tokko ni dhufa. Guyyichi guyyaa nuti Addunyaa wantootaa kana irraa sokkinudha. Lafa kana irra bara baraan jiraachuun nuuf hin kennamne. Abbaa konkolaataa fi gamoo gurguddaas yoo taate, homaallee kan hin qabne yoo taates, ati waan guddaa sitti kenname tokko qabda innis jireenya kee kanadha.

➲ Jireenya keenya stadium seexanaa gochuu hin qabnu. ➲ Dirree cubbuu yookiin jal'inaas maalif ta'aa?
➲ Kaayyoo waaqayyo itti nu uumeef dhiisnee waan biraaf ergisuun keenya dhuguma kufaatiidha.
➲ Guyyaan gaabbii fi yeelloo utuu hin dhufin har'a Waaqayyotti kooluu galla.
➲ Nagaa dhabuu fi goolii jireenyaatiin hammacamtee umurii kee hin gabaabsin!
➲ Gammachuun jireenya kee Gooftaa Yesuusiin beekuu fi isatti kooluu galuu keetiin ammuma siif haa deebi'u!

Kadhannaa kana waliin haa kadhannu "Yaa Waaqayyo abbaa Jaalalaa fi Araaraa, Jireenya koo isa gowwummaa biyya lafaa fi wanta dhimma naaf hin baafnetti hidhamee na jalaa bade, nagaa koo isa booji'ames waan deebiftuuf ulfaadhu!

Barri koo hafe kan keeti. Ani si amaneera. Ulfinaa fi akeeka keef na taasifadhu! Cubbuu koo hundumaa naaf dhiisi!" Maqaa gooftaa yesuusiin
Ameen!
God be with You!

Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
2.0K viewsGetbot, 05:29
Open / Comment
2021-06-05 08:27:43 UTUU OF HIN ARGATIN HIN DU'IN!
Ariifadhu!
Barbaadii of argadhu!

Dubbisa 1ffaa...
▬▬▬▬▬▬▬▬
Michael J. Jackson jedhama. Addunyaa kana irraa namoota utuu of hin argatin du'an keessaa isa tokkodha.

Kutaa biyya America Gary Indiana tti dhalate. Umurii isaa naannoo waggaa 8tti dirree muuziqaa seene. Erga dinagdee fi beekamtiidhaan fagaatee booda akka nama waan hunda gochuu danda'uutti of ilaaluudhaan du'aan wal'aansoo qabuuf qoosaa jalqabe.

Jackson Waggaa 150 jiraachuu akka qabu karoorfate. Waggoota kana akka jiraatuufis; Doktoroota guyyaadhaa guyyaatti fayyummaa isaa rifeensaa hanga qeensa miillaatti hordofan nama 12 qacarateera.

➛ Nyaatni inni nyaatu guyyaa hundumaa Laboratory tti qoratamee dhiyaataafi.
➛ Namoota Spoortii danda'an 15 guyyaa guyyaatti sochii qaamaa (Physical workout) kan isaaf godhan qacarateera.
➛ Bakki ciisicha yookiin Sireen isaa technology dhaan kan deeggarame mala Oksijinii ofii isaatiin regulate godhuudha.
➛ Yoo qaama isaa keessaa bakki tokko miidhame namoota qaama isaanii kennaniif (donate) hedduu qacarateera. Isaaniifis kunuunsa addaatu godhamaaf.

➛ Kun hundumtuu mijatee, Jackson, abjuu waggaa 150 jiraachuu yoo qabaatellee hin milkoofne. Waxabajjii 25, bara 2009 umurii isaa waggaa 50 tti onneen isaa dalagaa dhaabde (His heart stopped functioning). Ifaajeen namoota abjuu isaa milkeessuuf carraaqaniis hin dhugoomne. Doktorootni hedduun isa gargaaruuf Losangeles, California dhaa wal gahanis Onneen duute hin fayyine.

Namichi waggoota 50n dabarse keessa gargaarsa nama tokkoo malee, Oksijinii uumaan isaaf kenne tola fayyadamaa, nagaan jiraachaa ture, har'a waggoota 150 gargaarsa Doktorootaatiin jiraachuuf yaalus hin dandeenye.

➛ Jackson qorichoota isa si'eessan fudhachaa akka ture seenaan ni dubbata. Deemsa keessa qorichi Propofol jedhamu kan si'aayinaa fi sodaa dhabamsiisuuf isa gargaaru overdose itti ta'uudhaan dhaabbannaa onnee (Cardiac arrest)f isa saaxile.

➛ Sirna awwaalcha isaa irratti namoota miliyoona 2.5 oltu Live hirmaate. Kun ni jajamaafi...
.
.
.
Kan Itti Fufee Jiru Dubbisi!...

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
1.9K viewsGetbot, 05:27
Open / Comment
2021-06-05 08:27:33 Hojiin gaariin dhaloota dadammaksuu fi hubachiisuu jalqabame kuni caaladhumatti jabaatee itti fufa malee duubatti hin harkifatu.

Namoonni yaada jajjabinaa naaf kennaa turtan hundinuu ergaan keessan baay'ee kan natti tolee fi na boonsisee dha.

Yeroo hundumaa kaka'uumsi hojiif ani qabu akkuma itti fufetti tura.

Galatoomaa

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.7K viewsGetu Abera✟, 05:27
Open / Comment
2021-06-04 18:18:05 Kaayyoo Uumama Namaa...
║The Aim of Being Human║

@Getu_Abera
━━━━━━✦✿✦━━━━━━
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
➊. Nama jechuun akka bifa waaqayyootti kan uumame, uumama addaati. Waaqaa gaditti aangoo waan hundumaa hogganuu qaba.
➋. Nama ta'uun akkasumaan miti. Namni maaliif lafa kana irra jiraata?
➛ Albuuda hin argamin abuuruuf.
➛ Dogoggora oolee dogoggora sirreessuuf.
➛ Addunyaa kana misoomsuuf.
.
.
.
➌. Kaayyoo uumama isaatti amanee akka ta'utti yoo jiraatee, namni kamiyyuu milkaa'aa dha.
➍. Namni tokko nama ta'ee uumamuu isaatti yeroo hundumaa gammachuu yoo qabaate,
➝ Kaayyoo uumameef akka ta'uu qabutti fiixan baasa.
➝ Ni milkaa'a.
➝ Guddina biyyaaf karaa bana.
➝ Faayidaa jireenya isaa irraa argatutti ni quufa.
➎. Qabeenyi addunyaan qabdu inni olaanaan nama dha.
➏. Akkuma kufaatiin jiru milkaa'inni jira. Kufaatii irraa waa baru.

Getu Abera
@Getu_Abera

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
2.5K viewsGetu Abera✟, 15:18
Open / Comment
2021-06-04 13:05:14 JECHOOTA HAYYOOTAA
▬▬▬▬▬▬▬▬
"Beekumsi kennaa uumamaa si jalaa hin hatamneedha."
— Albart Staayin

"Hiyyummaan hiyyuuma caalu hiyyummaa sammuuti."
— Sooqiraxas

"Hanga lubbuun jirtutti waan gaarii hojjedhu!"
— Abrahaam Linkan

"Yeroo dabarsuurra guyyaa beellamaa dabarsuu wayya!"
— Abrahaam Linkan

"Beekaa jedhamuuf barumsa keessa darbuu osoo hin taane baruumsi si keessa darbuu qaba."
— Abrahaam Linkan

"Sammuun qullaa ta'uu irra kiisiin qullaa ta'uu wayya."
— Sheekispiir

"Boru kaleessaaf karoorfachuu hin dandeessu."
— Edmand Bark

"Yeroo hunda tarkaanfii tokko yoo yaaddu qormaanni gufuun miilla kee irratti ni mul'ata."
— Antoon Cheevak

"Nama irra yaaduf yaali! Garuu namarra beekadha ofiin hin jedhin!"
— Wiiliyaam Jaamsi

"Horii kee waan barbaaddetti jijjiiruu dandeessa! Biyya kee garuu hin dandeessu."
— Joon F. Keneediin

"Bareedinni sammuudhaa umurii wajjiin dabalaa yoo adeemu kan bifaa immoo hir'achaa deema."
— Joon F. Keneediin

"Humna agarsiiftuu ol qabaadhu! Hamma beektu dubbadhu!"
— W. Sheekispiir

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
2.7K viewsGetu Abera✟, 10:05
Open / Comment