Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.88K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 44

2021-06-16 16:40:02 Jireenya keessa jirtu jaaladhu yookiin jireenya jaalattuuf hojjadhu!
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
❍ Waan lama waliin jaalachuun hin ta'u. "Jiruu gaariis nan jaaladha; harka maradhee taa'uus nan jaaladha" jechuun waan hin malle dha.

❍ Dheebuu bahuuf bishaan dheebuu si baasu barbaadi! Hawwii qofaan dheebuun baha utuu jettuu dheebuun hin du'in!

➨ Jireenyi ati har'a keessa jirtu waan hedduuf kan siif hin mijanne ta'uu danda'a. Waan hedduutu sitti gufuu ta'ee jira ta'a; rakkoon kun tarii maatiin wal qabata ta'a. Maatii harka qal'eeyyii; maatii dhabaa irraa waan dhalatteef ta'uu mala.

➨ Homaa miti yeroo qabda carraaqi! Dafqa buufadhu! Wanti gaariin ilmaan sirraa argamaniif akka darbu taasisi!

➨ Abadan abadan rakkoon sirra ture ilmaan keetti ce'uu hin qabu. Harka marattee teessee hawwuu qofaan wanti siif darbu hin jiru. Waan amma keessa jirtu kana seenaa gootee odeessitaatii imala keef tarkaanfii jalqabi!

■ Nama dhaabbatu nama deemutu bira dabra
"Na boodaa dhufee na dura darbaa?" Jettee komachuun fafa. "Maaliifan dhaabbadhe? Anatu carraa kootti dabarse namni ana hin geenye na darbe" jettee matuma kee komachuutu fala.

■ Haalli kamiyyuu haaluma kanaan adeemama. Nama taa'u, laafaa illee ta'u namuma deemutu bira darba. Kanaaf kaleessa irra har'a, yoo lubbuun jiraatte har'arras boru of fooyyessuuf qophaa'i!

■ Akkas yoo goote nama si hin geenyeen caalamteeti yeellofta osoo hin taane; nama si caalu darbiteetu gammaduuf jiraatta.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

:¨·.·¨:
 `·.sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
1.7K viewsGetu Abera✟, 13:40
Open / Comment
2021-06-15 12:53:13 SEENAA NAMA BARSIISU
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ ️Barsiisaa tokkotu waa'ee marsaa jireenya kanniisaa utuu barsiisuu barattoota isaa gochaan (practical) dhaan isaan hubachiisuu barbaade.

❍ Kanniisa fidee kutaa dhufee, fuuldura barattoota isaa kaa'ee, akkas jedheen barattoota isaatiin "hamma marsaan isaa kun jiisaa irra ga'eera gara ga'eessatti jijjiiramuuf turtii sa'aatii 2 itti fudhata waan ta'eef namni kamiyyuu akka itti hin buune"Jedhe.

Sana booda utuma barattoonni daree keessaa ilaalaa jiranii kanniisni sunis qodaa (qola) keessa jiru cabsuuf yaalii gochuu eegale.

❍ Utuma yaalus yeroo dheeraa itti fudhatee ture. Barattoonnis baay'ee gadduufii irraan kan ka'e gargaaruu yoo barbaadaniyyuu ajaja barsiisaa isaanii cabsuu hin barbaadne ture.

❍ Haa ta'u malee gara dhumaa irratti barattoota sana keessaa tokko dhiphinni kanniisa sanaa baay'ee waan garaa isa nyaatef gargaaruuf murteessee; ka'ees gargaaree qola (qodaa) inni keessa jiru sana keessaa baase.

Haa ta'u malee utuma baay'ee hin turin kanniisni sun ni du'e.

MAALIF DU'EE ️

❏ Yaaliin inni taasisaa ture sun yaalii jireenya isaaf baay'ee barbaachisu ture.

❏ ️Achi keessaa ofiin Cabsee (Wala'aansoo qabee) ba'uun isaa:

➀. Cimina qaaama isaaf faayidaa qaba ture.
➁. Cimina baallee isaaf faayidaa qaba ture.

❏ Amma garuu gargaarsa namaatiin achi keessaa waan ba'eef faayidaa kana hunda ni dhabe ofiifis ni du'e.

ERGAA KOO:
● Rakkinni (challenge) jireenya kee keessatti sitti dhufu kamiyyuu bu'aa fi faayidaa mataa isaatii qaba.

Hubadhu: Gargaarsi namaa laga si hin ceesisu ittumaayyuu dandeettii dhokataa (potential) keessa kee jiru baaftee akka ati irratti hin hojjenne si godha.

❍ Rakkina sitti dhufe sana keessatti harki namaa waan si gargaareef cimina kee (eenyummaa) ofii keetii dhabda.

❍ Challenge (rakkoo) bor booda dhufuu maluuf irra deebidhaan harka namaa akka eegdu si taasisa.

Walumaa galatti harka namaa hin eeggatin!

➛ Haala keessa jirtu jijjiiruu barbaaddaa?
➛ Rakkoo si mudate injifachuu barbaaddaa?

➤ Yoos qorichi yookiin falli ati barbaaddu kan biraan akkasumas namni ati eegdu kan biraan tasa hin jiru.
➤ Na amani! falli yookiin furmaatni isaa siifi si qofa.
➤ Ati jechuudha; innumti barreeffama kana dubbisaa jirtu kun #SUMADHA
Barbaadii of argadhuu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


:¨·.·¨:
 `·.sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
652 viewsGetu Abera✟, edited  09:53
Open / Comment
2021-06-15 12:19:29 HIRIYYAA DHUGAA
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Dargaggeessa abbaan isaa isa qofa qabuu fi baay'ee wal jaallatan tokkotu ture. Abbaan isaa yeroo hundumaa fakkeenyaan waa isa barsiisa ture. Dargaggeesichis hojii isaatti nama milka'aa fi ko'ommataa ture.

Osoma hojiin isa mudduu bar tokko akka fuudhuu barbaadu abbaa isaatti himate. Abbaan isaas baay'ee gammade. Dargaggeessichis michuu baay'ee jaallatu akka qabuu fi yeroo murtaa'een boodas haadha manaa isaa godhachuu akka qabu itti himate. Yaaddoon isaa garuu waan tokko ture. Innis, yeroo waan hin qabneef akkamiin akka qophii cidha isaa sana xumurratuu dha. Yaaddoo isaas abbaa isaa isa ogeessatti himate.

■ Abbaan isaas waan hundumaa salphaatti akka isaaf xumuruu fi yeroo hundumaa akka isaa wajjin jiru itti hime. Dargaggeessichis baay'ee gammade. Dhuma irrattis guyyaa cidha isaatii sana hiriyyoota isaa akka isaan irraa hafan hin barbaannee fi baay'ee jaallatu akka qabu abbaa isaatti himate. Akka abbaan isaa isaan waamuufis maqaa fi lakkoofsa bilbilaa isaanii toora galchee kan namoota shantamaa itti kenne.

■ Qopheen hundumtuu dhumee guyyaan cidha isaas ga'e. Hiriyyoota isaa waliin seenaa dheeraa qaban, wajjin nyaatanii wajjin dhugan, karaa dheeraa waliin deemanii fi gatii baay'ee waliif baasaa turan, warra waadaa baay'ee waliif seenuun irbuu qaban eeguun ittuma fufe. Namni galma guddaa cidhaaf qophaa'e keessatti argame garuu namoota shantama keessaa kudha saddet qofa turan. Dargaggeessichis abbaa isaa bira deemee, "Abbaa koo hiriyyoota koo naaf waamteetta? jedheen. Abbaan isaas, "Eeyyeen ilma koo siif waameera" jedheen. Gurbaanis, "Ani akka ati isaan waamtuuf maqaa fi bilbila hiriyyoota koo shantamaan sitti kenne. Kan dhufe garuu nama kudha saddeet qofa. Akkamitti hiriyyoonni koo waamamanii cidha koo irraa hafuu?" jedheen.

■ Abbaan isaas, "Ani nama shantaman siif waame. Kanan isaan waame garuu cidhatu jira jedhee osoo hin taane, rakkoo hamaa keessa seenee jira. Isiniin ala nama waammatu akka hin qabne natti himate. Rakkoo hamaa isa mudate kana keessatti immoo gargaarsa keessan barbaadaa qaqabadhaa jedheetan waamee. Kanaaf hiriyyoonni kee warri dhugaan warra rakkina kee keessatti si qaqabachuu dhufe kanadha waan ta'eef hundumti isaanii as jiru. Warra kaan immoo ati bilbiliifii cidhan qaba, nyaataa fi dhugaatiin qopheessee jira. Kanaaf kottaa waliin nyaannee dhugnee gammannaa jedhiiti waami ni dhufuu!" jedhee deebiseef!

➨ Obboloota koo nuti bara jiraannu hundumaa keessatti hiriyyoota baay'ee horanneerra. Daa'imummaatti warra wajjin taphanne, Mana barumsaa sadarkaa gadiitti kan wajjin baranne, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti kan wajjin wal barre, qophaa'insatti kan wajjiniin waan baay'ee keessa darbine, kolleejjiitti kan wajjin karaa dheeraa deemnee rakkoof dhiphuu baay'ee dhandhamne, kan wajjin daldallee fi wajjin waajjira tokko keessa hojjenne danuu qabna.

➨ Baay'een isaanii nu dhiisanii sokkaniiru. Baay'een isaanii nu irraanfataniiru. Isaan kaan kan wajjin kolfinu. Isaan kaan immoo kan wajjin nyaannee dhugnu turan. Amma ammaatti kan nu wajjin jiran, rakkannee waamnee nu cinaatti argamuu kan danda'an warra nuti hiriyyaadha jennee horanne sana hundumaa miti.

➢ Hiriyyaa dhugaan yoo jiraate kan guyyaa gammachuu qofa osoo hin taane kan guyyaa gaddaatis.
➢ Kan guyyaa bal'inaa qofa osoo hin taane kan guyyaa rakkinaatis.
➢ Kan guyyaa dhabuu fi argachuuti.
➢ Eeyyeen, hiriyyaa dhugaan kan yeroo hundumaa ti. Waaqayyo kuma afeerraa keenya dhufee rakkoo keenya baqatu irra, tokkicha yeroo hundumaa nuuf argamu nuuf haa kennu. Waaqayyo ofii isaatii abbaa amanamaa isa yeroo hundumaa nuuf argamu waan ta'eef, hiriyyaa nuuf argamuu danda'us ofii isaatii nuuf haa kennu! Ameen!

Gatiin Namaa Guddaadha!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


:¨·.·¨:
 `·.sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
687 viewsGetu Abera✟, 09:19
Open / Comment
2021-06-15 12:12:56 GAARUMMAA
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Kaffaltii mana barumsa isaa kaffaluuf mucaan harka qal'eessi tokko mi'a adda addaa mana irraa manatti naanna'ee gurgura ture.

➲ Guyyaa tokko garuu mucaan kun baay'ee beela'e, garuu nyaata bitatee akka beela hin baaneef maallaqa tokko iyyuu hin qabu. Waan godhu wallaale, mana namaa gaafatee yoo argate nyaachuufis murteesse.

➲ Akkuma akeekkate dhaqee balbala mana namaa deemee rurrukutuu eegale, gaafa balbala tokko lama dhabee darbee sadaffaa rukutu mucaa bareedduu haalaan baay'ee kan nama hawwattu balbala bantee, "maal si gargaaru jetteen! aa aaa aa jedhee nagaa gaafatee, miirri qaama isaa hundinuu bareedina ishee dhaan hatamee beela’uu isaa iyyuu dagatee bishaan dheebodhee bishaan naaf kenni jedheen. Isheenis tole jettee gara manaa ol seentee.

■ Bishaan dhiistee aannan fiddeef, innis gammachuudhaan dhugee beela isaaf dheebuu wal duuka itti ba'e. Isaan boodas akkas jedhee ishee gaafate sagalee cirachaa,... "meeqa kaffaltiin ana irraa qabdu"? jedhee ishee gaafate isheenis kolfitee "haati koo yommuu gorsaan na soortu jechuun koos akka na guddiftetti namaaf gaarii godhii garuu gatii fudhachuu nama irraa hin eegin naan jetti" ittiin jetteen.

■ Innis gammachuudhaan ishee galateffatee nagaa itti dhaamee deeme. Ajaa'iba waan cimaan bare jechaa ofirra ilaalaa qaari'e. Silaa yeroon hin taa'u, yeroo xixiqqoon walitti daddabalamanii waggoota hedduu dabarsu. Akkuma amala isaatii of gargaaraa barnootaanis guddachaa deeme. Waggoota dheeraa boodas doktorii fayyummaa namaa eeguu fi nama guddaa baay'ee kabajamuu fi itti gaafatamummaa guddaa qabu ta’e.

➲ Yeroo tokko akka tasaa mucaan tokko akka dhukkubsachaa jirtu narsii hospitaala tokkoo keessaa tokko itti himte, akka baay'ee dhukkubsattee fi dhukkubni ishee immoo baay'ee akka ishee irratti cimaa deeme dhaga'e. Innis maqaan ishee eenyuu akka ta’eef bakka isheen jiraattu narsii sana gaafate. Narsiin sunis waa'een nama sanaa baay'ee waan itti dhaga'ameef odeefannoo ishee dhukkubsattee fiddeef. Gaafa kana ilaalus namni kun nama yeroo dheeraa dura beela isa baaftedha. Amma garuu isheen bultii ijaarrattee jirti garuu guyyaa keessa dhukkubni gadi ciibse. Kana irratti naasuudhaan mana yaalaa sana keessa narsoonni jiraniif doctoroonni jiran dhihoodhaan akka isheetti siqanii wal’aananif ajaja dabarse, deemees ilaale. Guyyaa dhaa guyyaatti itti fooyya'ee mana yaalaa sana keessaa ba'uu geesse. Haa ta’u iyyuu malee sababii yeroo dheeraa mana yaalaa keessa ciifteef yaaddoon ishee qabe, yaaddoon ishees, "kaffaltii mana yaalaa ittiin ciiste kana akkamitti kaffaluu danda’a?" jettee dhiphatti turte, Innis erga isheen fayyitee of bartee bira deemee gammadeefii, "Na yaadattaa?" ittiin jedhe isheenis mmmmm lakki isin hin yaadadhu jetteen.

➲ Ani isa waggoota dheeraa dura of gargaaree barachaa waanan tureef baay'ee waanan beela'eefis mana namaarra deemee osoon nyaata kadhadhuu mana keessan rurrukutee jennaan ati aannan naaf buuftedha ittiin jedhe.

Isheenis boo'icha gammachuu imimmaan lakkuu roobsite garaatu ishee ciises. Innis amma kanaaf kaffaltii yaaddoftu hin qabdu ani har'a jecha ati yeroo dheeraa dura gaarummaa kaffaltii osoo nama irraa hin eegin godhi jette sanaan har'a kaffaltii kee nan baasa. Nagaan maatii keetti gali ittiin jedhe.

➦ "Gaarummaa gochuun ofiif, lafarrattis, du'a garasittis wabiidha" Ameen.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


:¨·.·¨:
 `·.sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
731 viewsGetu Abera✟, 09:12
Open / Comment
2021-06-14 20:58:21 OBSI MIILA NAGAATI!
▬▬▬▬▬▬▬▬
■ Nagaan addunyaa kana irratti isa barbaachisaa fi murteessaa dha. Nagaan furtuu jiruu fi jireenya dhala namaati. Nagaadhaan jiraatu. Nagaa malee jireenyi gaaffiidha. Jireenyi gaaffii immoo jireenya ta’uuf ulaagaa hin guutu. Nagaan jireenya ulaagaa guuchisa.

■ Jireenya jireenya kan jechisiisu qarshii, fira, beekumsa miti. Nagaadha malee. Eyyeen nagaa! Nagaa malee jiraachuun, deemuun, rafuun, ka’uun hin danda’amu. Nagaan akkuma maqaa isaa nagaadha. Namni kamiyyuu yeroo hundumaa nagaa barbaada. Nagaan jiraachuu! Nagaan jiraannaan wantootni biroo itti aananii dhufu. Nagaan hin jiru taanaan immoo homtuu hin jiru. Nagaa dursanii waan biraa yaaduun hin danda’amu. Nagaan dursaa waan hundaati.
Nagaan boqonnaa lubbuu fi foon dhala namaati. Nagaan irratti boqotu, gammadu.

■ Nagaan gaafa dhibu aarii, jibba, lolatu jira. Lolli, aarii fi jibbi immoo obsa dhabuu irraa dhufa. Namni gaafa aaru hin obsu taanaan nagaan isaa ni hir’ata, ni jeeqama, ni bada. Nagaan badnaan hunduu bade.
➬ Obsi nagaa namaa harkisa. Nagaa dhabuun har’aa, obsuun jiraannaan nagaa borii fida.
➬ Obsi dhibnaan immoo nagaa har’aas kan boriis dhabu.
➬ Obsi waan hundumtuu yeroo booda akka darbu, jijjiiramu, dhabamu beekanii, obsaan isa caalutti ce’uudha.
➬ Obsuun boqonnaa tokko irraa boqonnaa biraatti ce’uuf riqicha. Riqicha obsaan deemanii boqonnaa haaraa eegalu. Boqonnaa haaraa keessa nagaatu jira. Nagaa fi obsi wal utubu jechuudha.
➛ Obsi nagaa dhala.
➛ Nagaan jiruu gaarii dhala.
➛ Obsi balaa hambisa.
➛ Obsi du’a hambisa.
➛ Obsa keessa immoo baratanii darbu.
➛ Obsi mana barnootaas ta’a jechuudha.
Daqiiqaa muraasa obsuu dadhabanii namootni hedduun yeroo isaan gaabbii umurii guutuu seenan argina. Obsi xiqoon balaa guddaa hambisa. Obsa dhabuun xiqqoon ishees balaa guddaa fida. Obsa booda waan gaariitu jira. Obsuutu furmaata! Inni obse obsee gatii obsa isaa nyaata. Inni obsuu dadhabe immoo obsa dhabuudhaan gatii obsa dhabuu isaa nyaata. Gatiin obsa dhabuu miidhama. Aarii yeroo muraasaatiin miidhamuu fi nama miidhuudha. Inni obsee obseeti nagaa nyaata. Inni obsuu dadhabe immoo jarjaree balaa nyaata. Obsuun kaayyoo namaa dheeressa. Obsa dhabuun immoo kaayyoo namaa gabaabsa.

Namni obse fagoo deemee, fagoo dhaala. Inni obsa dhabe immoo fagoo dhiisii asiyyuu ni dhaba. Aarii daqiiqaa muraasaaf, obsa dhabanii fiiguun gaabbii bara guutuu fida. Obsanii dhaaluu osoo qabanii, Obsa dhabanii dhabu.
Nama obsetu waan haaraa arga. Waan haaraan immoo nagaa qaba. Nagaan immoo akkuma maqaa isaa nagaadha.
Waan dhufe hundumaa tasgabbii fi obsaan ilaaluun bayeessa. Hamaa fakkaatee gaarii ta’uu mala. Gaarii fakkaatees hamaa ta’uu mala. Suuta obsanii keessa isaa ilaalanii gaarii taanaan fudhatu. Hamaa taanaan gadi gatu.

Obsaan hundumaa madaalaa malee, obsa dhabdanii hundumaan hin madaalaminaa!!
Nagaa hin dhabiinaa! Manni nagaa, alli nagaa, biyyi nagaa!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


:¨·.·¨:
 `·.sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
1.3K viewsGetu Abera✟, 17:58
Open / Comment
2021-06-14 14:32:33 WANTI KEESSA KEE JIRU DHANDHAMA AKKAMII QABA?
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Namootni baraa fi bakka jiraatanitti, sadarkaa adda addaa waliif kennu. Sadarkaan kunis sadarkaa haalawaati malee dhaabbataa miti. Ni jijjiirama.

❏ Haa ta’u iyyuu malee namootni immoo yeroo hundumaa sadarkaa kanatti irra deddeebi’anii fayyadamu.
Kana irraa ka’uunis,
⁃ Inni tokko sooressa, inni biraa immoo hiyyeessa,
⁃ Inni tokko beekaa inni tokko wallaalaa,
⁃ Inni tokko beekamaa inni tokko kan hin beekamne,
⁃ Inni tokko kabajamaa inni tokko salphaa,
⁃ Inni tokko fira inni tokko orma,
⁃ Inni tokko deeggaraa inni tokko mormaa,
⁃ Inni tokko mootummaa, inni tokko Uummata jedhanii sadarkaadhaan walwaamu.

➲ Garuu namootni sadarkaa adda addaa irra jiran kan ittiin walfakkaatan qabu. Fakkeenyaaf namni hunduu ni dhalata, ni guddatas, ni du’as. Namni hunduu ni nyaata ni dhugas.

➲ Namni hunduu haa nyaatu, haa dhugu malee gosti nyaataa mana tokko lagatee mana biroo immoo seenuu hin dhabamu. Kan walqixaan mana nama hundaa seenus jira.
Gosa nyaataa keessaa kan mana nama hundumaatti yeroo hundumaa argamu soogiddadha. Soogiddi mana nama hundumaatti walqixxummaadhaan argamti. Nama hundumaan walqixa barbaadamti. Sooressis, hiyyeessis, beekanis, wallaalaanis namni kamiyyuu Soogidda barbaachaaf bakka soogiddi itti argamu deemuun isaa hin oolu.

➲ Soogidda akka isheen mana nama hundumaa seentu kan taasise eenyummaa isheeti. Eenyummaan soogiddaa dhandhama nyaatni kennuun beekama. Warri dabalataan itti naqaman soogidda malee hiika hin qaban.

➲ Nyaatni tokko Soogidda qaba taanaan, fuula ifaadhaan raajeffatanii nyaata itti fufu. Hin qabu taanaan garuu Afaan bira hin darbu. ‘Camcaraq’ hin jedhu yookiin ‘Bishaan bishaan’ jedha jedhanii tuffatu.

➲ Akkuma kana namootni hedduun akka jaallataman, warri kaan immoo akka jibbaman, warri kaan akka barbaadaman, warri kaan immoo akka balfaman kan godhu eenyummaa isaaniti.

➲ Eenyummaa isaanii irratti hundaa’ee namni isaan simata yookiin immoo isaan balfa.

❏ Atis, wanti keessa kee jiru nama ijaara taanaan hunduu mana kee dhufee ijaaramuuf walsaama. Garuu kan keessa kee jiru nama diiga yookiin immoo ‘camcaraq’ hin jedhu taaanaan namni hunduu kiloomeetira hedduu sirraa fagaachuuf dirqama. Karaa ati irra deemtu irraa baqata.
Kanaaf, ati ofiif caalaa warra kaaniif maali laata? Ijaaraa moo diigaadha…? Ni mi’oofta moo ni bishoofta? Madaa namaa suphita moo ittuu caalchifta? Namootaaf furmaata taata moo? Namootni furmaataaf si bira dhufanii cabanii galu laata?
Wanti keessa keetii bahu dhandhama akkamii qaba…?

Osoo galaa dhalootaaf hin kaa’iin dura dhandhama galaa kee sirriitti adda baafadhu kormee koo! Galatoomaa!

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


:¨·.·¨:
 `·.sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
562 viewsGetu Abera✟, 11:32
Open / Comment
2021-06-14 14:30:02 Waan Dubbattu Yoo hin Qabaanne Homaa hin Dubbatin!


➨ Arrabni daawwitii (mirror) sammuuti. Yaada ifaa jecha qajeelaadhaan dubbata. Yaadolee hammeenyaafis, haasa'a ifa hin taane maddisiisa.

➨ Jireenyi walxaxaadha; kanaafis waan tokko guutumaa guututti hubachuuf dubbii sagalee Waaqayyoo baay'isanii qayyabachuu (xinxaluu) barbaachisa.
➨ Hamma sadarkaa kana irra geessutti calliftee yoo dhaggeeffatte gaariidha.


:¨·.·¨:
 `·.sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
548 viewsGetu Abera✟, edited  11:30
Open / Comment
2021-06-14 11:10:20 #Tajaajila_Haaraa

HOPE PROMOTION
Beeksisa Youtube
Channel


Hope Promotion Tajaajila dabalataa qabatee as baheera.

Namoonni Youtube keessan beeksifachuu barbaaddan kaffaltii madaalawaan beeksifachuu dandeessu.

Kunis "view" irratti hundaa'uudhaan yoo ta'u, link isiniif affeerru baay'ina namoota daawwataniin kaffalama. Tajaajila si'ataa kana fedhii maammiltoota isaa "Youtube Owners" ta'an guutuuf jedheeti.

1,000 view — 50 birr
2,000 view — 100 birr
3,000 view — 150 birr
4,000 view — 200 birr
5,000 view — 250 birr
6,000 view — 300 birr
.
.
.
HOPE PROMOTION!!
:¨·.·¨:
 `·. @Getpostbot
@Getu_Abera
@Channels_promo
930 viewsGetu Abera✟, 08:10
Open / Comment
2021-06-14 09:25:26 BAGA GAMMADDAN
NEW SERVICE

HOPE PROMOTION Tajaajila Haaraa Eegalee Jira.

Beeksisa Youtube
Channel

Youtube Promotion
Gatii Madaalawaan Hojjechuu jalqabuu keenya yommuu isin beeksifnu Gammachuu guddaadhaani!
Dhuguma hojii keenyatti baay'ee itti gammaddu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1,000 view — 50 birr
2,000 view — 100 birr
3,000 view — 150 birr
4,000 view — 200 birr
5,000 view — 250 birr
6,000 view — 300 birr
.
.
.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Odeeffannoo Dabalataaf:
Karaa @Getu_Abera (Getu Abera) yookiin Spam kan taataniif: @getpostbot nu quunnamuun yeroo gabaabaa keessatti subscribers Youtube keessanii guddifachuu dandeessu.

HOPE PROMOTION!!
:¨·.·¨: ❀
 `·. @Channels_promo
@Channels_promo
1.1K viewsGetu Abera✟, 06:25
Open / Comment
2021-06-12 16:33:14 Jireenyi Imala malee Ga'uumsa miti.
⁃ Life is Journey, not Destination

▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Qotee bulaa tokkotu ture. Maqaan isaas Haafiz jedhama. Innis qabaataadha waan gammadaa ta'eef, gammadaadha waan qabaataa ta'eef. Ooyruu qonnaa tokkoo fi sa'a tokko qabaatus takkaa gaddee hin beeku gammadaadha, kanaaf qabaataa ta'e. Garuu guyyaa tokko Hayyichi tokko itti dhufee akkana jedheen "ilaa ati osoo warqii hamma qeensa koo kana argattee abbaa qabeenyaa taata, osoo kan quba koo kana gahu argattee immoo biyya kana bulchuu ni dandeessa" jedheen. Galgala sana irraa kaasee qotee bulaan kun ani dhabaadha sooressa ta'uun qaba ofiin jedhe.

Kanaafis guyyaa irraa itti yaaduu eegale. Akkamitti akka warqii hamma sana argatutti sammuun isaa boqonnaa dhabe. Ni yaadda'e, gammachuu dhabe. Dhabaa ta'ee, waan gaddaa ta'eef, gaddaa ta'ee waan dhabaa ta'eef.

❍ Gaafa kana ka'ee lafaa fi mana qabu nama ollaa isaatti gurguree deemee warqicha barbaaduuf murteesse. Gurgurees maallaqa hanga tokko maatii isaatiif kennee manichuma keessa nama kana bira akka jiraatan godhee warqicha barbaada sokke. Deemee warqii kana ardii Afrikaa qaxxaamuree Awurooppaa guutuus barbaadee dhabee maallaqa lafa gurgurees fixee qaamaanis miidhamee waan jiruuf maatitti yoo gales maalitti akka galu dhabee utuu of jibbee deemuu galaana Meeditaraaniyaatti of ajjeese.

❍ Namtichi lafa isaa irraa bite kun qabaataadha waan gammadaa ta'eef. Takkaa ani hiyyeessa jedhee hin beeku, obsa waan qabuuf, jireenya keessa wanti marti jira jedhee waan yaaduuf, nama gargaaruun isaaf bashannana.

Namtichi kun guyyaa tokko utuma laga ooyruu isaa jala yaa'u afaan sa'a isaa tikfatuu dhagaa bareedu wayii argatee manatti galche - itti bareeddee jirti. Guyyaa biraa hayyichi ni dhufe. Akkuma olseeneen "Haafiz ni dhufee" jedhee gaafate. Namtichi gammadaan kunis "maaliif jette" jedheen.

Hayyichis "warqii kana barbaaduu deeme, isatu argee dhufe jedheeti" jedheen. Namtichi Haafiz akka hin dhufin itti himee dhagicha gaafa qoratan Warqii qulqulluudha. Garuu kan nama dhibu ooyruun kunis guutuun dhagaa kanaan akka guutamte argan - gaafa qoratan jechuudha"

❏ Ilaali! Inni yeruma tokkotti duroomuun akka milkaa'ina jireenyaatti ilaale ni du'e. Jireenya isaatti gadduun warqii xiqqoo barbaacha lafa warqiin guutamte dhabee ofis dhabe.

❏ Ga'uumsi jireenyaa du'a ta'uu nu argisiise. Garuu inni jireenya jiraatutti gammadaa ta'ee jiraate, jireenya isaa gammachuun dabarse. Haala irra jiraatu irratti gammadaa ta'e.

❏ Kanaafuu JIREENYI imala nuti jireenya keenya keessatti gammachuudhaan jiraannudha.
#life_is_journey_not_destination.

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
355 viewsGetu Abera✟, 13:33
Open / Comment