Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 23.17K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 8

2023-01-27 14:18:20 ERGAA BARATTOOTA KUTAA 12FFAAF
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
— Ergaa kana akkuma dubbiftee xumurteen #share godhi!

➛ Firiin/qabxiin barattoota kutaa 12ffaa akka gadhiifamee jiru waan yaadatamuu dha. Barattoonnis firii isaanii ilaaluu irratti argamu.

✧ Amma garuu wanti ani siif barreessuu barbaadu firii argattetti gammaduu akka qabdu dha. Firiin kee gaarii yoo ta’es, gadi bu’aa yoo ta’es itti gammaddee jireenya kee si fuuldura jiru itti yaaduu qabda.

✧ Qabxiin koo gadi bu’aa ta’e jettee hin gaddin! Sammuu kees hin dhiphisin! Milkaa’ina karaa tokko qofa yaaduun gufuu jireenyaa akka ta’ee fi nama mul’ataa fi kaayyoo guddinaa qabu irraa akka hin eegamne seenaa Toomas A. Edisan irraa barachuu ni dandeenya. Amma ati ilaalcha kee jijjiirtee ilaalcha dhalootaayyuu jijjiiruun si irra jiraata malee yeroon kuni yeroo mala wallaaltee jajjabaachuun si barbaachisu miti. Nama cimaa akka taatee fi kennaan addaa tokko si keessa akka jiru nan beeka; natti mul’atas.

✧ Toomaas A. Edsan barsiisaan isaa xalayaa harmee isaatti gaafa barreessu, “mucaan kee barnootatti baay’ee dadhabaadha; kanaafuu mana barnoota kana akka hin dhufne, mana keetti isa barsiisi!” yommuu jedhuun, harmeen isaa immoo akkas jettee mucaa isheetti himte, “mucaa koo sammuun kee baay’ee guddaa waan ta’eef barnoota addaa si barbaachisa. Har’aa kaaftee mana barnootaa sanatti barachuun siif hin malu” jechuun kitaaba adda addaa bitteefii, ogummaa mataa isaatiin akka hojjetu taasisuun ampuulii ifa kennu yeroo jalqabaatiif addunyaaf gumaachuu danda’eera.

➛ Eeyyeen ati nama cimaa dha. Abdiin hin dhabin! Jechoota namaatiin humni kee hin laafin! Milkaa’inni harka kee keessa jira. Ni dandeessa. Akka dandeessu amani! Karooraa fi mul’ata keetti milkaa’uu akka dandeessu garaa guutuu yoo amante waan haaraa hojjechuu dandeessa! Baay'een isin jaaladha. Ergaa kana waliif dabarsaa! Galatoomaa!
Getu Abera

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
4.5K viewsGetu Abera✟, edited  11:18
Open / Comment
2023-01-26 22:16:30 Milkaa'insa Jireenyaaf Dadammaqiinsa Qabaachuu Qabdu:

-------------◆◆◆-------------
"Hundumaa dursitee gaaffilee armaan gadii kanaan yaada kee akka madaaltu sin gorsa!"
-------------◆◆◆-------------

➾ Jireenya kee milkeessuuf maal hojjetaa jirta?
➾ Wanti humna kee itti fixaa jirtu fiixaan ba'iinsaa fi milkii jireenya keetiif si gargaaraa?
➾ Har'a maal hojjette?
➾ Jireenyi kee fuulduratti taakkuu tokko akka tarkaanfatu gootee jirtaa?
➾ Yeroo hundumaa hojii hojjechaa ooltu madaallii irra keessee ni miijantaa?
➾ Hojii kee isa kamtu gaarummaa fi milkaa'inaaf karaa bana?
➾ Hojii kee isa kamtu gufuu sitti ta'uu mala?
➾ Yaada kee keessatti yeroo hundumaa kan sitti hasaasu tattaaffii ati galma miidhagaa kee bira gahuuf gochuu qabdu moo waanuma har'aaf argamee boruuf si hin fayyadne dha?
➾ Karoora kee waan miidhuu danda'uu fi si milkeessuu danda'u adda baafattee jirtaa?
➾ Hojii hojjettuuf yeroo hundumaa gaabbiin sitti dhaga'amaa?
➾ Maal utuu fooyyessitee si gammachiisa?
➾ Utuu maal siif ta'ee jaalattaa?
➾ Tattaaffiin kee hoo maal fakkaata?
➾ Utuu maal gootee hawwitaa? Wantichi immoo hammam si gargaara?
➾ Kaayyoo fi mul'ata kee waliin ni adeemaa?
...
Of gaafadhu! Deebii isaa barreessii olkaa'adhu!...

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
5.0K viewsGetu Abera✟, 19:16
Open / Comment
2023-01-26 08:23:18 GAAFFILEE AKEEKA JIREENYAA BEEKUUF NAMA GARGAARAN• Akeekni jireenyaa jireenya dhuunfaa ofii ilaaluu irratti xiyyeeffata. Namatti quba qabuu irra ofitti quba akka qaban nama taasisa.
║• Gaaffilee kanneen itti fufiinsaan yoo of gaafannee deebii yoo itti laanne: (1) Akeeka jireenyaa akka beeknuuf nu gargaara. (2) Kaayyoo fi karoora qabnutti milkaa'uuf gargaara.

▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Gaaffileen akeeka jireenyaa beekuuf nama gargaaranii fi jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaa’ina hawwu tokkoof baay’ee murteessoo dha.
⁃ ANI EENYU ?
⁃ Maalifan Uumame?
⁃ Ergamni koo maali?
⁃ Karoorri koo maali?
⁃ Mul'anni koo maali?
⁃ Kaayyoon koo maali?

√ Eessaan dhufe?
√ Eessan Jira?
√ Eessan Deema?

➦ Har'a maalin hojjadhe?
➦ Maal hojjechuun qaba?
➦ Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira?

❏ Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi!

√ Your Future is on your hand!
√ Success is behind you!

❏ Ganama obboroo yommuu hirriiba irraa kaatu wanta guyyaa hojjettu karooratti qabadhuu ka'i! Galgala yommuu raftu immoo waan raawwatte miijani! kunis ciminaa fi dandeettii kee fuulduratti itti adeemtuuf ragaa siif ta’a.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
5.4K viewsGetu Abera✟, edited  05:23
Open / Comment
2023-01-25 14:31:19 QAJEELFAMOOTA GAGGEESSUMMAA 6 JOOBIRA IRRAA BARACHUU QABNU
┃⁃ Akkaataan jireenya joobiraa jireenya nama mul'ataa waliin walfakkaata.
┃⁃ Ati waa’ee joobiraa baay'ee dhageessee ni beektaa?

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Joobirri seenaa ajaa’ibsiisaa baay'ee ni qaba. Kanneen keessaa amaloota 6 waliin haa ilaallu:

#1ffaa:
Joobirri kophaa isaa olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a.

Joobirri simbirroota xixiqqoo kan akka ‘sparrows’ yookiin gosa biroo kamiyyuu waliin hin balali’u. Kophaa isaa fi olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a.

⁃ Kuni kan nu hubachiisu namoota sammuu dhiphoo qaban irraa fagaachuu akka qabnuu fi hiriyaa filachuu dha. Namni dhaabbata inni qabateen beekama. Yeroo hunda mo’attoota waliin taa’i! Bakka si madaalutti argami!

#2ffaa:
Joobirri mul’ata guddaa fi sirrii ta’e qaba.

Joobirri dandeettii ijaan arguu guddaa qaba, waan samii irraa hanga 5km fagaatu irratti xiyyeeffachuu danda’a. Kallattii cufame waan qabaniif adamsa irratti xiyyeeffatu.

⁃ Kuni wanti nu hubachiisu yeroo hunda jireenya keessatti xiyyeeffannoo ifa ta’ee fi mul’ata itti kaayyeffattu qabaachuu akka qabduudha. Jireenyi gufuu hedduu qabdi. Ergama kee irraa abdii hin kutin.

#3ffaa:
Joobirri lafee haaraa fi foon haaraa malee waan du’aa hin nyaatu.

⁃ Kuni wanti nu barsiisu, waan darbe dhiisudhaan qajeelfama haaraa, karaa haaraa mo’achuu danda'an qorachuu itti fufuu akka barbaachisu dha.

#4ffaa:
Joobirri qilleensa bubbeen makate jaallata.

Qilleensi bubbeen makate joobira ni kakaasa, erga olka’iinsa murtaa’e tokko irra gahee booda, baallee isaa irratti siiqanii boqotu.

⁃ Kun wanti nutti argisiisu, tuqaawwan gara fuulduraatti ittiin socho’an walitti hidhuu, qormaata jiru fudhachuun akka ta'udha. Qormaanni nama jabeessuu qofaaf akka ta’e amanuu dha. Obomboleettii jireenyaa fayyadamuun gara olka’iinsa guddaatti ol ka’uudha malee mataa buusanii taa'uu miti. Shaampiyoononni qormaata gonkumaa sodaachuu hin qaban.

#5ffaa:
Joobirri leenjidhaaf qophaa'a.

Ijoolleen isaa akkaataa koonyaa keessaa ba’anii balali’an baratu.

⁃ Kuni kan argisiisu zoonii mijataa keessa jirtu akka dhiiftuu fi guddinni achi akka hin jirre akka bartudha. Qormaata tokko tokko irratti hirmaadhu.

#6ffaa:
Joobirri Gaafa Dulloomu Humna Isaa Haaromsuuf Bakka Fagootti Soorama Baha.

Joobirri yeroo dulloomu rifeensi isaa ni ulfaata, funyaan isaa ni qaxxaamura. Jiraachuudhaaf jecha gara fiixee gaaraa deemee hamma inni bahutti funyaan isaa dhagaa tokkotti rukuta. Of haaressa.

⁃ Kana irraa kan nuti barachuu dandeenyu amalli durii darbee darbee hammam rakkisaa ta’us, wantootni ba’aa nutti ta’an yookin jireenya keenyatti gatii hin daballe of biraa hambisuun akka nurra jiraatuu fi akka of haaressinuu dha.

Jireenya kee keessatti akka JOOBIRAA ta'i!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
6.3K viewsGetu Abera✟, edited  11:31
Open / Comment
2023-01-24 14:41:48 BEEKUMSA DABALADHU!
┃๛ Namni channel kana keessa jiru carra qabeessa...
┃๛ Namni waa dubbisuu jaalatu beekumsa dabalata!
┃๛ Namni yeroo isaa nu waliin dabarsu ogummaa gonfata!
┃๛ Maatii channel keenyaa ta'aa! Nu waliin turaa!!!
┃๛ Yaadolee fi maxxansa nama gargaaran
Qusɑnnɑɑ Tokko mɑlee Isiniif Mɑxxɑnsinɑ!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Yeroo mijaa'aa hin eeggatin yeruma kana furadhuu mijeeffadhu!

➋. Nama si amanu gonkumaa hin sobin; nama si sobu gonkumaa hin amanin!

➌. Waan darbe irraanfadhu garuu irraa bari!

➍. Wanti of duuba si deebisu ilaalcha mataa keetiiti!

➎. Miira kee to'adhu malee hin garboominiif!

➏. Jiruun kun akka bishaan garbaati; inni yoomillee hin tasgabbaa'u sumatu akkaataa itti daakan barachuu qaba.

➐. Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba.

➑. Namni tokko yoo hin dandeessu siin jedhe, hamma isaa sitti agarsiise malee kan kee miti. God bless you!

➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
6.1K viewsGetu Abera✟, 11:41
Open / Comment
2023-01-24 08:48:17 EENYUMMAA OFII JAALACHUU┃⁃ Ofitti gammaduun abdii jireenyaaf qabdu guddisa.
⁃ Of jaalachuun dandeettii keessa kee baaftee akka itti hojjettu si taasisa!
⁃ Ofitti amanamummaa qabaachuun ija jabina siif kenna.

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Jiruu fi jireenya keessatti eenyummaa hin raafamne qabaachuun waan qaban irratti shakkii malee, amanamummaa cimaa horachuudha. Itti milkaa'uudha.

❍ Ejjennoo hin raafamne qabaachuun, ilaalchota dadhaboo naannoo keenya jiraniif fakkeenya gaarii ta'uudha. Ejjennoo ofiirratti cichoomanii argamuun kabaja, guddummaadha; bilchina!

❍ Ati waan itti amantee itti jirtu irratti kutannoo jabaa kan haalaan, jechaan, dhabaaf qabaachuun hin mamsine; kan jibbiif jaalalli hin shaarre qabda taanaan, qaroo yookiin namoota ejjennoo keef bakka kennuu jalqaban hedduu horatta.

❍ Jalqaba bifa keetiin namootaaf, haalota naannoo kee jiran biratti fudhatama argachuuf ati ofii waliin jiraadhu! Mudaa, hir'inaaf dadhabina qabdu qofa yaadaa hin jiraatin!

❍ Ati qixa namummaatti, qixa guutuu ta'uu keetti, qixa wanti hundi uumamaan siif kennamuu isaa yaaduu hin dandeenyetti, hiikni ati eenyummaa kee dhugaa waliin qabdu tasuma siif hin galin jira jechuudha.

❍ Bifti ati qabdu, ogummaa, hubannaa, jaalala, kabaja, beekumsa, dhugaa irraa fagoo jira taanaan gatiin kee ammallee xiqqoodha. Bakka ta'etti si gatee akka hin kaanetti si kuffisa. Ilaalchi kees akkasuma. Waan kamiinuu dorgomaa kan si taasisu sammuu keeti. Atiif eenyummaan kee dhugaa waliigaltee qabdu taanaan, humna, bareeda, simboo nama kamuu hawwatu, ofitti harkisu qabda.

❍ Waan namoota hedduu irraa adda nu taasisutti yeroo hunda gammaduun waan haaraa hojjechuu akka dandeenyu nu taasisa. Ofii keenya waliin gaafa tokko ta'uu jalqabnu waan qabnuuf, waan namoota hedduu irraa adda nu taasisu maraanuu of mararuu jalqabna. Ofitti gammanna.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
5.8K viewsGetu Abera✟, 05:48
Open / Comment
2023-01-23 15:56:06 Jiruu fi Jireenyɑ

┃⁃ Abdii guutuu qabaadhu!
┃⁃ Of kakaasi!
┃⁃ Mul'ata keetif JIRAADHU!

▬▬▬▬▬▬▬▬▬

Nɑmootɑ tokko tokkotti hɑɑlli jiruu fi jireenyɑɑ mijɑchuu dhɑbuun wɑɑ'ee isɑɑniitiif ɑbdii kutɑnnɑɑ keessɑ jirɑɑtu.

Abdii jirɑɑchuu ofitti dukkɑneessuun mɑɑli? Kɑ'uumsi ɑbdii dhɑbuu mɑɑli dhɑ?

➝ Ati ofiif hojjechuu bɑɑnnɑɑn kɑrɑɑn hundinuu cufɑɑ tɑ'ee sitti mul'ɑtɑ.

➝ Hojii yommuu jɑlqɑbdu kɑrɑɑn cufɑmee ture bɑnɑmɑɑ ɑkkɑ tɑ'e ɑrgitɑ.

➝ Yoo ɑti ol of hin qɑbne nɑmni wɑɑ'ee kee olkɑɑsu hin jiru.

➝ Addunyɑɑn kuni nɑmɑ tɑɑ'u teessee ilɑɑlti! Nɑmɑ hojjetuuf immoo ni hojjetti!

➝ Wɑɑn hundumɑɑf keessɑ kee qopheessinɑɑn jiruu fi jireenyɑ kee keessɑtti moo'ichɑɑn jirɑɑchuu eegɑltɑ.

Mul'ɑnni kee si wɑɑmɑɑ jirɑ.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
6.0K viewsGetbot, 12:56
Open / Comment
2023-01-19 11:21:09 GORSA GAGGAARII ║ Milkaa'ina Jireenyaaf
@Gaggeessummaa
▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Lafa kana irratti namni tasa yookiin akkasumaan uumame hin jiru.
➋. Namni kophaa ofii jiraachuu danda’u hin jiru.
➌. Jecha ofiif kennitu ilaalladhu!
➍. Ilaalcha ati ittiin of miite caalatti kan si miidhu hin jiru.
➎. Jireenya keetiif eeggannoo cimaa godhi!
➏. Wantootatti of hin madaalin!
➐. Jecha namaaf utuu hin ta’in hojii keetiif iddoo kenni!
➑. Yeroo qabdu utuu hin dabarsin itti dhimma ba’i!
➒. Milkaa’inni fagoo miti, dhiyoo dha.
➓. Wanta dandeessu hojjechuuf of hin qabin!

❍ Waan hojjechuu dandeessu hojjechuuf gatii si baasisu sodaattee fiixaan ba’uumsa irraa duubatti hin deebi’in! Wanti gatii guddaa qabu tola hin argamu.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.2K viewsGetu Abera✟, 08:21
Open / Comment
2023-01-18 17:09:50 YEROO┃A TIME
• Gatii Yeroo •
• Times VALUE •

▬▬▬▬▬▬▬▬
Yeroon qabeenya qabeenyaan oliiti!!! Namni yeroo isaaf kennametti fayyadamu nama hubataadha.
❍ Yerootti fayyadamuun dandeettii xiyyeeffannoo namaa guddisa.
❍ Xiyyeeffannoon fiixaan bahuumsa karoora keenyaaf humna jalqabaati.

Namoonni GATII YEROO (times value) beekan yommuu dubbatan:

❍ "Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kana irra hin jiru." jedhu. "Yeroon kan akeekaati, akeeknis kan yerooti."

❍ Ogeeyyiin fayyaa maaliif "time is life" yookiin yeroon jireenya jedhu beektaa?? Sababni isaa lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe du’a oolchu waan ta’eef.

❍ Atileetiin yookiin warri fiigan "Time is gold" yookiin yeroon warqiidha maaliif jedhu itti yaaddee jirtaa? Sababni isaa yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii maayikiroo sekondiidhaan dursanii mo'achuun warqii argatu waan ta’eef.

QAJEELFAMOOTA YEROO (PRINCIPLE OF TIME)

➊. Yeroon ni darba:
❍ Yeroo har’aaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu. Boru waan haaraa baatee dhufa.

➋. Yeroon akeekaaf namaaf kennama:
❍ Karooraan yoo itti fayyadamne waan haaraa hojjachuu dandeessisa.

➌. Yeroon siif gaddee dhaabatee si hin eegu:
❍ Wanti har’a utuu hin xumuramin hafe, yeroo itti aanutti darba. Wanta har’a hojjachuu dandeessu har’uma xumuri malee boriif hin olkaa’in!

❏ Moo'attoonni hojii boru hojjetan ar'a hojjetu!
❏ Giddu-galeessonni hojii har'a hojjetan har'uma hojjetu!
❏ Namoonni kufan hojii kaleessaa har'a hojjetu!

➲ Kanaafuu, yeroo hundumaa MOO'ATAA ta'i!!!

➍. Yerootti fayyadamuuf ogummaa cimaa gaafata.
❍ Uumamni xixiqqoon kan akka mixii yoo ilaalle halkanii fi guyyaa; wanta guddaa hojjatu.


"Until you value yourself, you won't value your time!
Until you value your time, you will not fit anything with it"
(M. Scott Pek)

"Hanga bu'aa jireenyaa kee hubattutti bu'aa yeroo hin hubattu, hanga bu'aa yeroo hubattutti waan tokkollee hojjechuu hin dandeessu" jedha.

❍ Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa.
Yeroo qusachuun nama hundatti ulfaachuu ni danda'a. Garuu ammoo hamma danda'ameen yeroo qusachuun gaariidha. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yeroo qusachuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yeroo qusachuun jireenya keenya gaggeessuuf murtoo jalqabaati.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
951 viewsGetu Abera✟, 14:09
Open / Comment
2023-01-17 21:50:34 AFFEERRAA CHANNEL
HOPE PROMOTION


Channel guyyaa guyyaadhaan oolmaa keessan milkiin akka xumurrataniif malaa fi tooftaa isin barsiisaa oolu kana qabduu laata??

Click & Join Now!

⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
┏━━━━━━━━━━┓
Gorsaa fi Barnoota
┗━━━━━━━━━━┛

┏━━━━━━━━━━┓
Seenaa Barsiisoo
┗━━━━━━━━━━┛

┏━━━━━━━━━━┓
Xinsammuu
┗━━━━━━━━━━┛

┏━━━━━━━━━━┓
Kallattii Milkaa'inaa
┗━━━━━━━━━━┛

┏━━━━━━━━━━┓
Dubbii Hayyootaa
┗━━━━━━━━━━┛

❏ Dhugumatti ani waan baay'ee irraa barataan jira. Isinis baradhaa hiriyoota keessanis affeeraa! Galatoomaa
273 viewsGetu Abera✟, 18:50
Open / Comment