Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.90K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 11

2022-12-27 08:52:39 BUSINESS AKKAMIIN HOJJETAMAA!
❍ Irra deebiin kan dhihaatedha. Barreeffama baay'ee nama gargaarudha. Kutaa lamatti qoodee isiniif dhiheesseera! Itti dhihaadhaa!!!
... Getu Abera

Кυтαα 1ffαα
▬▬▬▬▬▬▬▬
➦ Qarshii qabaachuuf hojjachuun dirqama, hojjachuuf ammoo dandeettiif tooftaan barbachisaadha.

➦ 'Business' tokko hojjechuuf tooftaalee 【10】:

→→→→↓↓↓↓↓

【1】Iccitii itti namaa waliin hojjettu malee iccitii hojii keetii gonkumaa namaaf hin himin!

【2】Waan sii harka hin geenye abdattee hin gammaddin, yoo dhabdee ni miidhamta

【3】Hojii gosa tokko qofa hojjechuun bakka yaadde hin geessu, waan dandeessu hundaa hojjedhuu!

【4】Waan xiqqoo hojjatteen mul'achuuf hin ariifatin, hojiin kee iyyu sii mul'isaati.

【5】 Amma dura hojiin kee yoo siif hin milkoofne san yaaddee of hin jeeqin sababa kufaatii keetii san irraa baradhu malee!

【6】Yoo dandeesse nama gargaari malee maallaqa liqeessuu hin heddummeessin, maallaqa kees dhabdee nama sanas dhabdaati.

Waan hojjattu hunda irratti nama fakkeenya godhattu qabaadhu! akka isaa/ishee ta'uuf osoo hin taane isa/ishee caaluuf hojjadhu!

【7】 Waan guddaa bor hojjattu ilaaltee xiqqoo har'aa hin tuffatin yookiin hin balleesin! maaliif seete, xiqqoon kun guddaa san bira gahuuf riqicha ce'uumsaati.

【8】 Waan hojjechuuf yaadde dursitee hin odeessin! Namni qabeenyaan si caalu suma irraa dhaga'ee si dursuu danda'aati.

【9】 Yoo dandeesse abbaa ogummaa waan tokkoo ta'uuf yaali! Maaliif seete? Ogummaan akka qarshii miti, argattee kaatee hin dhabdu.

【10】 Kaayyoon kee yoo galma siif gahe of qofaaf hin jiraatin! Lammii keetiif waan gochuu dandeessu hunda godhi maaliif seete:

●️ Dandeettii osoo qabuu kan carraa dhabetu jira, karaa itti argisiisi!
●️ Maallaqa osoo qabuu kan nama (hiriyaa) dhabetu jira, amanamiif!
●️ Waan hunda hojjechuu osoo danda'uu kan roorroon itti heddummatetu jira waan ta'eef siif jira jedhii aantummaa kee mul'isiif!

Kutaa 2ffaan itti fufa...

Yoo sitti tole hiriyyoota keetiif share godhi! linki kanaa gaditti caqafame cuqaasuun join gochuudhaan hordofaa!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.2K viewsGetu Abera✟, 05:52
Open / Comment
2022-12-25 16:10:15 JIREENYA QAJEELTOO JIRAACHUUF
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Gatii Barbaachisu Baasuu:
Jireenya qajeeltoo jiraachuu ni jaalanna. Garuu mul'aticha bira gahuuf gatii baasuu baay'een keenya hin barbaannu. Wanti gatiidhaan argame baay'ee namatti tola. Kunuunsaniis qabatu.

❏ Dhiibbaa Uumuu: Jireenyi dhiibbaa uumuu gaafata. Dhiibbaa hin uumtu taanan dhalachuun kee maal fayyada.

❏ Dheekkamuu: Yeroo tokko tokko wantoonni hundi akka yaadame ta'uu dhiisuu danda'u. Hin dubbattu taanan warra hin jirre irraa maaliin adda taata?

❏ Hiriyaa Gaarii Qabaachuu: Namni karoora jireenya qajeeltoo jiraachuu qabu nama hundumaan fira miti. Warra isa waliin hin hiriirre waliin tarree hin taa'u.

❏ Humnaa ol yaaduu dhiisuu:
Humnaa ol yaaduu fi dhiphachuun sammuun akka jeeqamu godha. Kunimmoo dandeettii waan haaraa uumuu ni hir'isa.

❏ Karoora jireenyaa qajeeltoo namni qabu kaayyoo isaatiif malee miira isaatiif hin bitamu.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.6K viewsGetu Abera✟, 13:10
Open / Comment
2022-12-23 18:48:57 GORSA
▬▬▬▬▬
:¨·.·¨:
 ·. @Gaggeessummaa

❏ Wɑntɑ tokko Gochuu ɑkkɑ Dɑndeessu yoo ɑmɑnte, Ni Dɑndeessɑ.

๛ ɑkkɑ wɑɑn injifɑtɑmtuutti yoo yɑɑdde ni injifɑtɑmtɑ.

๛ Wɑɑn bɑrbɑɑddu ɑrgɑchuu ɑkkɑ hin dɑndeenyetti yɑɑddɑ tɑɑnɑɑn hin ɑrgɑttu.

ღ Injifɑchuu ni bɑrbɑɑddɑ gɑruu immoo ɑkkɑ wɑɑn injifɑchuu hin dɑndeenyeetti yɑɑddɑ tɑɑnɑɑn hin injifɑtɑmtɑ.

⁂ ɑkkɑ wɑɑn kufɑɑtiif sɑɑxilɑmtuutti yɑɑddɑ tɑɑnɑɑn ni kuftɑ,

░ Jireenyi nɑmootɑ ɑddunyɑɑ kɑnɑ irrɑtti milkɑɑ'inɑ Olɑɑnɑɑ gonfɑtɑnii ɑkkɑ mirkɑneessutti Milkɑɑ'inni Dhɑrrɑɑ irrɑɑ eegɑlɑ.

❏️ Sɑdɑrkɑɑ guddɑɑ irrɑ ɑkkɑ geessu ni ɑmɑntɑ tɑɑnɑɑn, ɑmɑntiin kee kunimmoo sɑdɑrkɑɑ ol ɑɑnɑɑ irrɑ gɑ'uuf ɑkkɑ hojjɑttuuf Si Onnɑchiisɑ.

❏ injifɑnnoo gonfɑttee bɑdhɑɑsɑ ɑrgɑchuudhɑɑf jɑlqɑbɑ injifɑchuu ɑkkɑ dɑndeessu mɑtɑɑ kee irrɑtti ɑmɑntii qɑbɑɑchuu qɑbdɑ,

D̑̈ȗ̈b̑̈b̑̈ȋ̈s̑̈ȗ̈ȗ̈ k̑̈ȇ̈ȇ̈s̑̈s̑̈ɑ̑̈n̑̈ȋ̈ȋ̈f̑̈ g̑̈ɑ̑̈l̑̈ɑ̑̈t̑̈ȏ̈ȏ̈m̑̈ɑ̑̈ɑ̑̈ G̑̈ȏ̈ȓ̈s̑̈ȋ̈ ȋ̈t̑̈t̑̈ȋ̈ f̑̈ȗ̈f̑̈ɑ̑̈ !
♡ @Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.3K viewsGetu Abera✟, 15:48
Open / Comment
2022-12-21 19:07:15 Beellama itti hin kennin!
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Yeroo tokko tokko waan jireenya keenya miidhuu danda'u osoo arginuu irra darbina. Waan dhorkamuu qabu dhorkuuf beellama itti kennina. Rakkoo akka hin qabneetti irra darbinee gaafa rakkoo mul'atu nutti fidu yaaddoo fi sodaa jala galla. Waanuma dura haala salphaan sirreessuun danda'amutu dhibee yookiin rakkoo jabaataa ta'ee nutti dhufa. "Har'an sirreessa,... borun hojjedha...., rakkoo hin qabu,.... kun salphaadha,...." jechaa waan nuyi beellama hin taane itti kenninee darbinu aarsaa hin taane nu kaffalchiisa. Aarsaa bakkaa fi yeroo isaa hin eegganne nurraa fudhatee darba. Maal kana qofaa dhibaa'ummaan nu fudhateeyyuu darbuu danda'a.

❏ Waan jireenya keenya irraa adda baasuun irra jiraatu waan foyyessuun nu irraa eegamu irratti hojjechuuf yeroon filatamaa fi nutti dhiyoo ta'e ammuma. Waan jireenya keenya irratti gufuu ta'u hundeen buqqisuun nu irra jiraata. Kana gochuuf immoo beellama itti kennuu haa dhiifnu. Beellama itti hin kennin!

❏ Yeroon jijjiiramaa inni sirriin ammuma!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.4K viewsGetu Abera✟, 16:07
Open / Comment
2022-12-20 20:07:15 KUTANNOO
▬▬▬▬▬▬▬
➲ Kutannoo jechuun waan itti amantu tokko irratti ejjannoo fi murtoo amansiisaa qabaachuu jechuudha.

➲ Kutannoo jechuun waan hojjechuu qabdu nan hojjedha jetta taanaan ni hojjetta jechuudha. Wanta hojjechuu hin barbaadu jettee murteeffatte immoo ejjennoo guutuudhaan ofirraa kuffisuu danda'uu kee argisiisa.

➲ Waan itti amantu tokko hojjechuu irratti kutannoo hin qabdu taanan hin injifattu.

➲ Waan siif hin malle tokko kutannoon dhiisuu danda'uu dhabuun muuxannoo injifannoof ati qabdu guddaa sirraa hir'isa.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.8K viewsGetu Abera✟, 17:07
Open / Comment
2022-12-20 20:07:15 ❏ "Gaggeessaa gaariin waan hojjettu sitti hin himu. Akka itti hojjettu sitti agarsiisa."

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.6K viewsGetu Abera✟, 17:07
Open / Comment
2022-12-17 18:32:07 BU'UURA MILKAA'INAA
┃3K
⁃ Kaayyoo
⁃ Karoora
⁃ Kutannoo

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Gatii baasuu qabdu hundumaa baasii waan hojjechuu dandeessu hojjedhu! Ammuma hojjedhu! Kana dhabeera, sana dhabeera hin jedhin! Wanti gochuu dandeessu baay'een jiru. Of amansiisi! Yeroo keetti fayyadami! Kaayyoon kee guddina waan ta'eef wanta amma hojjechuu qabdu ammuma raawwadhu! Wanta yeroo itti aanu hojjechuuf yaada qabdu immoo karoora addaa qopheessi! Karoora kee gara fiixan bahuumsatti fiduuf kutannoo qabaadhu!

3K QABAADHU:
①. Kaayyoo: Kaayyoon si milkeessiti! Kaayyoo qabaachuun abdiidhaan akka jiraattuu fi obsaan akka turtu humna siif taati!
②. Karoora: Karoora yoo qabaatte waan hojjechuu qabduu fi waan hojjechuu hin qabne adda baafatta.
③. Kutannoo: Milkaa'ina barbaaddee fi guddina hawwitetti seenuuf kutannoo qabaachuun hunda caalatti barbaachisaadha.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
643 viewsGetu Abera✟, 15:32
Open / Comment
2022-12-16 19:07:53 Dhugaa Kana Hubadhu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Wanta jechaan jijjiiruu dandeessu humnaan jijjiiruu hin dandeessu; wanta humnaan jijjiiruu dandeessu jechaan jijjiiruu hin dandeessu.

➋. Mul'ata, karooraa fi qophii sirriidhaan addunyaa kana jijjiiruu dandeessa.

➌. Addunyaa kana irraa namoonni baay'ee barbaadaman namoota rakkinaaf furmaata qajeelaa fidanii dha.

➍. Namooni galma isaanii beekan tasa harka hin kennan.

➎. Sanyii haammachuu barbaaddu akka maasiitti yaada namootaa irra facaasi, Sanyiin hunduu biqilee ija godhachuu baatus sanyii facaafte argachuun kee hin oolu.

➏. Jechi gaariin tokko dhalootaaf galaa gaarii ta'uu danda'a, jecha gaarii olkaa'uu hin dagatin!

➐. Waan dursiteef qofa dursaa ta'uu hin dandeessu, eenyummaa keetu murteessa.

➑. Jireenya keef waan barbaaddu osoo wal irraa hin kutin yaadi! yaada kee qajeelummaadhaan abboomi!

➒. Duuba deebi'uun waan lamaaf nama gargaara, isaanis fagaatanii utaaluu fi seenaa irraa baratanii fuulduree ofii qajeelfachuufi.

➓. Abdii dura dhugaatu dursa, Amantii dura immoo abdiitu dursa.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.2K viewsGetu Abera✟, 16:07
Open / Comment
2022-12-15 18:29:29 DARGAGEESSAA FI GORSA JAARSA TOKKOO!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Dargaggeessa tokkotu ture. Fuudhee akkuma waliin jireenya eegalaniin, jireenyi baay'ee itti ulfaate. Kanaaf sababni, duwwummaa golasaanii ture. Furmaata barbaaduuf mana gadhiisee deemuun dirqama itti ta'e. Manaa fi haadha warraasaa gatee, bakka biraa deemee hojii humnaa hojjetee waa qabatee dhufuuf deeme. Waggaan tokko yeroo dhumu galuuf jedhe, garuu homaayyuu walitti qabatee hinjiru. Galmasaa bara itti aanutti qabate. Bara sanas hinmilkoofne. "Har'a...bor...waggaa har'aa...bara dhufu...." osoo jedhuu waggaa 15 mana irraa fagaatee ture.

Maallaqni inni walitti qabatee jiru qarshiii 3000 qofaadha. Amma galuun hin oolumaaf, kanuma qabatee galuuf qajeele. Namoota muraasa ta'anii osoo daandii dheeraa deemaa jiranii, jaarsa tokkotti dhufani. Haasawaa keessa, dargageessichi haala keessa ture itti haasahuu hindhiifne. Kanaan wal qabsiisee jaarsichi waan tokko jedheenii. "Qarshii qabattee jirtu kana naaf kenni, animmoo gorsan si gorsa. Gorsi ani si gorsu kun, furtuu jireenyakee ta'a" jedheen. Akka godhu dhabe. Kan qabuu kanuma, kanuma kennuuf jira. Kennes! Jaarsis, qarshii 3000 kanaan gorsa sadii kenneef.
"1. Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hin deemiin!
2. Waan si hin ilaallanne keessa hin seeniin!
3. Ariifattee murtoo hin kenniin!" kan jedhu ture.

Dargageessichi gorsa isaa fudhatee harka duwwaa isaa yommuu qajeelu, warreen kaan gorsicha tuffachuun itti qoosaa turani. Akkanumaan osoo deemanii, bakka wayii gahani. Karaa bosona tokko keessa nama baasu deemuuf yeroo qajeelan, dargageessichi gorsa jaarsaa yaadatee deebi'e. "Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hin deemiin!" jedheera jaarsi. Kanaaf warreen kaan dhiisee karaa biraa qabate. Osooma deemuu, karaatti itti dhiyee mana namaatti gore, buluuf. Osoon turiin oduu tokkootu gurra isa bu'e. Saamtonni jarreen bosona keessa bahuuf deeman sana saamanii boodarra akka isaanuu ajeessan, oduu gaddaa dhagahe. Gorsa jaarsaattis baay'ee gammade.

Mooraa mana bulee sana keessatti awwala arge, dargaggeessichi. Maal akka ta'e gaafata. Abbaan manaa akkana jedha; "Manni koo karaarra waan ta'eef, namoonni goranii bulu. Yeroo kana haati manaa koo maaliif akka akkas fokkiftu na gaafatu. Yeroo kana, ani aareen isaan ajjeessa. Ajjeeseen isaan awwaala. Kun awwaala isaaniiti. Ati akkana naan jechuu dhabuu keetiin badhaasa qabda" jedheenii qarshii 10,000 badhaase. Yeroo kana dargageessichi naasuu guddaa keessa taa'ee waa tokko yaadate. "Waan sin galchine keessa hin galiin" jedhee ture jaarsi.

Guyyaa itti aanu gara mana isaa duraa, gara haadha manaa isaa deemuuf imala eegale. Halkan keessaa sa'aa 6tti gahe. Raftee jirti. Hirriba keessaa hin kaasu jechuun, suuta jedhee harka loofatee banatee ol seene. Ajaa'iba arge. Haati warraasaa dargaggeessota lama jidduu rafaa jirti. Aaree waraanuuf jedhee, gorsa jaarsaa yaadate. "Ariifattee hinmurteessiin!" kan jedhutu isa dhorke. Aariima guddaa keessatti of qabeetu, gadi bahee galbii bule. Ganama haati warraasaa yeroo kaatu, isa argitee naatee boo'uu eegalte. Itti marmitees akkana jetteen; "Baga nagaan naaf dhufte. Anis waggaa hedduuf obsaan si eegaan ture. Yeroo ati deemte kan garaatti na hafanii turan, kunoo amma dargaggoota ta'anii si eegani." Jarri isheen jidduu raftu ijoolleemasaa turani. Galgala badii gochuu dhiisuusaaf baay'ee galateeffate. Gorsa jaarsaan akkasitti nama ta'e. Jireenya gammachuus maatiisaa waliin jiraachuu eegale. Qarshii 3000'n waan qarshiin hin bitne argate.

Ergaa koo:
❏ Gorsis ta'e muuxannoon dhala namaaf daandiidha. Jiruufi jireenya guyyuu keessatti galaa ta'uun nama sooru. Ogeessi isa gorsa fudhatuufi hojiirra oolchudha. Fudhachuu dhiisuun garuu, aarsaa hintaane nama kanfalchiisa. Yeroo tokko tokko, waan xiqqo barbaachisuuf jecha isa hundumarra barbaachisutti dugda gannee argamna. Akkanaan dhabaa jiraanna. Kanaaf hubannaatu fala. Yeroo kamuu haa barannu, muuxannoo fi gorsa ofitti haa aanfannu!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
151 viewsGetu Abera✟, 15:29
Open / Comment
2022-12-14 19:14:54 Wantoota Dhala Namaa Milkeessan Sadan
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
..........#C3..............
-------------------------------
❏ Competence (Dandeettii)
❏ Character (Amala)
❏ Chemistry (Keemistirii)

--------------------------------
➛ Namni tokko dirree ogummaa isaatti barbaadamummaa, fudhatamummaa akkasumas nageenyummaa isaa mirkaneessuuf wantoota armaan olitti eeraman sadan walfaana horachuu qaba jedhama.

1. Dandeettii: Dandeettii qabda taanaan bakka hundatti barbaadamta. Furmaata tokkoof situ furtuu waan ta'eef hanga ati bakkicha geessutti namni hunduu balbala furmaataa ta'ee siin eega. Situ dhaqee banee hiika kennaaf.

Dandeettii kee kanaan:
➛ Addunyaatu si mararsiifata;
➛ Kan rakkatetu si iyyaafata;
➛ Halkan hirriibaa si kaafata;
➛ Rakkoo isaaf fala si gaafata;
Eeyyeen, dandeetticha keetu kanaan si gahe.
Qabda taanaan ittumaa jabeeffadhu; hin qabdu taanaan hulaa isaa irra gori! Dandeetticha horadhu!

2. Character/Amala: Amalli kee namoota biratti kabaja akka qabaattu si gargaara. Fudhatamummaa keefis utubaadha. Amala hin qabdu taanaan garuu dandeettii hangamuu qabaattu gateettiin namootaa danda'ee si hin baatu.

3. Chemistry/Keemistirii:
Keemistirii yeroo jennu wal nyaatinsa, yaa'a fi jijjiiramummaa ati naannoo kee waliin taasiftudha. Kunis jijjiirama fudhachuu, ilaalchaa fi ejjennoo ofii irra deebi'anii ilaaluun kan warra kaanii waliin walitti araarsuudha. Kana yeroon jedhu, "bakka hundatti amala gaararraa qabaachuu qabda" jechuu osoo hin taane, yaadaa fi ilaalcha tokko kanuma koo qofatu sirriidha jettee rincicaa ta'uu dhiistee, yaada haaraa fudhachuufis qophaa'oo ta'iidha. Kun yoo hin taane nageenyi kee yaaddessaa dha. Umuriin naannoo sana turuu kees ni xiqqaata.

➛ Walumaa galatti dandeettiin kee barbaadamummaa kee murteessa. Amalli kee fudhatamummaa kee murteessa. Keemistiriin kee nageenya kee murteessa.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
919 viewsGetu Abera✟, 16:14
Open / Comment