Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.90K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 13

2022-12-02 20:38:50 John Maxwell DAILY PRACTICES
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Everyday I VALUE People - If I don't value people, I'll never add value to people.

2. Everyday I think of ways to add VALUE to People.

3. Everyday I look for ways to add VALUE to People.

4. Everyday I Do things that Add VALUE people Practice: Everyday I take Inventory for 10 minutes: Who did I add Value to today? Who did I serve today?

5. Everyday I encourage others to Add VALUE to People.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
619 viewsGetu Abera✟, 17:38
Open / Comment
2022-11-30 18:43:42 HUBADHU!
▬▬▬▬▬▬▬▬
◉ ‍Nama cimaa ta'i jechuun hin kufin jechuu miti; kuftee ka'uu danda'uu qabda.

◉ Gammadaa ta'i jechuun hunda qabaadhu jechuu miti; waan qabdutti gammadi jechuu dha malee.

◉ Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaarii dha jechuu miti; jibba caalaa jaalalli hunda caala jechuu dha malee.

◉ Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti; Garaa keessatti haaloo kaawwachuun rakkina biraa waan qabuuf malee.

◉ Hojii jaaladhu jechuun hojiin ati amma hojjetaa jirtu gaarii dha jechuu miti; Boru akka hojiin gaariin si eeggatu hojii har’a hojjataa jirtu jaaladhu jechuu dha malee.

◉ Callisi jechuun hin dubbatin jechuu miti; kan biraas dhaggeeffachuuf gurra kenni jechuu dha malee.

◉ Abbaa garaa hin ta'in jechuun hin nyaatin jechuu miti; Haqa nama biraa hin nyaatin jechuu dha malee.

◉ Hin dallanin jechuun ati miira hin qabdu jechuu miti; dallansuu kee irraa dafii deebi'i jechuudha malee.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
3.0K viewsGetu Abera✟, 15:43
Open / Comment
2022-11-30 18:43:36 𝟎𝟕 𝐋𝐢𝐟𝐞-𝐜𝐡𝐚𝐧𝐠𝐢𝐧𝐠 𝐥𝐞𝐬𝐬𝐨𝐧𝐬 𝐟𝐫𝐨𝐦 𝐭𝐡𝐞 𝐛𝐨𝐨𝐤 "𝐌𝐚𝐧'𝐬 𝐒𝐞𝐚𝐫𝐜𝐡 𝐅𝐨𝐫 𝐌𝐞𝐚𝐧𝐢𝐧𝐠"

𝟏. 𝐀𝐜𝐜𝐞𝐩𝐭 𝐰𝐡𝐚𝐭 𝐲𝐨𝐮 𝐜𝐚𝐧’𝐭 𝐜𝐨𝐧𝐭𝐫𝐨𝐥

We cannot always control what happens to us, but we can control how we respond.

Accept this. Do not fight it.

Accepting you can only control how you respond gives you more control than trying to control everything.

𝟐. 𝐒𝐮𝐜𝐜𝐞𝐬𝐬 𝐢𝐬 𝐚 𝐛𝐲-𝐩𝐫𝐨𝐝𝐮𝐜𝐭 𝐨𝐟 𝐯𝐢𝐬𝐢𝐨𝐧

Instead of putting all of your time and energy into becoming successful,

Put all of your time and energy into creating value, into something bigger than yourself, and success will come.

𝟑. 𝐓𝐡𝐞𝐫𝐞 𝐢𝐬 𝐦𝐞𝐚𝐧𝐢𝐧𝐠 𝐢𝐧 𝐬𝐮𝐟𝐟𝐞𝐫𝐢𝐧𝐠

Frankl explains that suffering is a part of life - it is unavoidable

Hence, if there is meaning in life, there is meaning in suffering.

“Without suffering and death, human life is incomplete”

𝟒. 𝐒𝐮𝐟𝐟𝐞𝐫𝐢𝐧𝐠 𝐝𝐨𝐞𝐬𝐧’𝐭 𝐥𝐚𝐬𝐭 𝐟𝐨𝐫𝐞𝐯𝐞𝐫

As much as suffering is unavoidable - it is not constant.

There will come a time of liberation, a time where the suffering ceases.

That time is generally when you find or create the meaning behind your particular suffering.

𝟓. 𝐒𝐞𝐥𝐟-𝐚𝐜𝐭𝐮𝐚𝐥𝐢𝐬𝐚𝐭𝐢𝐨𝐧 𝐢𝐬 𝐚 𝐛𝐲-𝐩𝐫𝐨𝐝𝐮𝐜𝐭 𝐨𝐟 𝐬𝐞𝐥𝐟-𝐭𝐫𝐚𝐧𝐬𝐜𝐞𝐧𝐝𝐞𝐧𝐜𝐞

Man must give himself completely to another cause, to his purpose

When he does this man will become more human than he could imagine and the more human he is the more he actualises himself and releases his potential.

𝟔. 𝐏𝐮𝐫𝐩𝐨𝐬𝐞 𝐤𝐞𝐞𝐩𝐬 𝐮𝐬 𝐚𝐥𝐢𝐯𝐞

Frankl documents how those in Auschwitz who had given up hope, that had not created their purpose, would soon pass

But those who knew they had something or someone waiting for them after liberation would carry on surviving through the hell they were in

𝟕. 𝐌𝐚𝐧 𝐜𝐫𝐞𝐚𝐭𝐞𝐬 𝐡𝐢𝐬 𝐩𝐮𝐫𝐩𝐨𝐬𝐞

“Man should not ask what the meaning of his life is, but rather recognise it is he who is asked”

Life questions us, it challenges us, and it is up to us to answer the question, rise to the challenge and give meaning to our lives.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.4K viewsGetu Abera✟, 15:43
Open / Comment
2022-11-30 07:49:03 DUBBIILEE DADAMMAQIINSAA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Jijjiirama fiduudhaaf nama jalqabaa ta'i!
➲ Rakkina dhufu simachuudhaafis nama jalqabaa ta'i! Rakkina hin baqatin!
➲ Rakkina moo'achuufis nama jalqabaa ta'i! Sababni isaa nama milkaa'e ta'uudhaaf carraan jiru tokkichi rakkina sitti dhufu moo'attee darbuu fi dhiibbaa uumuuf dandeettii ati qabdu irratti hundaa'a.
➲ Yeroo hundumaa waan gaarii uumuuf keessa kee qopheessi!
➲ Itti amani!
➲ Gonkumaa abdii hin kutin!

ADDUNYAAN KUNI CARRAA MILKAA'INAAN GUUTUDHA!

➬ Addunyaan kuni, har'a rakkinaa fi milkaa'inaan guutudha.
➬ Warri rakkina moo'atan gara milkaa'inaatti ce'u. Namoonni baay'een dhiibbaa uumuu sodaachuudhaan sadarkaa isaaniif malu kan hin gahin hafanis danuu dha.
➬ Carraan milkaa'insaa baay'een qisaasa'ina baay'ee keessa darbuun dhufa.
➬ Hojii guddaan itti gaafatamummaa guddaa gaafata.

➦ Ati kan uumamteef jireenya jiraattutti gammaduuf, wanta gaarii lafichi qabu irraa dhamdhamachuu fi fayyaatti jiraachuuf.
➦ Kanaaf yeroo hundumaa Gammadi!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
970 viewsGetu Abera✟, 04:49
Open / Comment
2022-11-30 07:48:58 DAMMAQAA TA'I!┃Be Inspired!
▬▬▬▬▬▬
▬▬▬
❏ Ati yoo of hin kakaafne homtuu garagalee si hin ilaalu!"
❏ Kan siif jiruu fi jiraatu suma!
❏ Akka ati of qabdutti eenyullee si qabuu hin danda'u!

Maarree maaliif of hin kakaaftu, maaliif of hin dadammaqsitu?
✪️ Dammaqaa ta'uun hojii tokko dandeettii guutuu ta'een hojjechuuf si gargaara.
✪️ Humna uumamaatti fayyadamuuf cimina siif laata.
✪️ Dadammaqinni sababa uumamuu yookiin kalaqa waan tokkootiif ka'uumsa dha.
✪️ Namni dammaqe rakkina isaa irratti dhiibbaa uumuuf qophiidha.

❏ QAJEELFAMOOTA DADAMMAQIINSA JIREENYA ILMA NAMAATIIN WALQABATAN:

➊. Kaayyoo ofiitiif bitamuu!
➋. Xiyyeeffannoo qabaachuu!
➌. Galma ofii beekuu!
➍. Ejjennoo qabaachuu!
➎. Jalqaba haaraan eegaluu
➏. Karaa salphaa adeemuu
➐. Mul'ata qabaachuu
➑. Waan addaa uumuu
➒. Beekumsa ofiitti fayyadamuu
➓. Ofitti amanamummaa qabaachuu

❏ Ati yoo of hin kakaafne homtuu si hin kakaasu!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
961 viewsGetu Abera✟, 04:48
Open / Comment
2022-11-28 18:36:25 Bu'uuraalee Rakkina Gara Carraa Guddinaatti Jijjiiruuf Gargaaran┃Methods to change challenge to Opportunity
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Haala kamiyyuu keessatti ilaalcha kee sirressi malee namoota wajjin ofii kee hin madaalin! Namoonni ciccimoon waan kamiifiyyuu harka hin kennan. Rakkoo gara carraa guddinaatti jijjiiruuf (Change challenge to opportunity) Namoonni hubatoon madaallii armaan gadii kennu:

EENYUYYUU EENYUUN GADI MITI!

★ ️Inni tokko hospitaalaa gaarii fi sadarkaa isaa eeggate keessatti dhalate. ️Inni tokko immoo manatti yookiin afaa (siree) irratti dhalate.
⁃ Garuu lamaan isaanii gara addunyaa tokkoo dhufani!

★ ️Inni tokko siree gaariif bareedaa irra rafe. Tokko immoo lafa iddoo hin mijanne rafe.
⁃ Garuu lamaan isaaniyyuu hirriiba argatanii rafanii bulani!

★ ️Inni tokko uffata gatii guddaa (brand) ta'e uffata. Tokko immoo uffatuma gadi bu'aa uffata.
⁃ Garuu lamaan isaanii qullaa (qaama duwwaa) deemaa hin jirani!

★ ️Inni tokko konkolaataa gatiin isaa cimaa fakkeenyaf BUGATTI, Lamborghini, Lexus fi kan kana fakkaatan oofa. Tokko immoo konkolaataa uummataa konkolaachisa.
⁃ Garuu lamaan isaaniyyuu bakka ga'uu barbaadan sana inuma ga'u!

★ ️Tokko waan beela'eef laaqana (launch) gatii guddaa nyaate. Inni kan biraa immoo laaqana haftee (bullee) nyaate.
⁃ Garuu lamaan isaanii beeluma ba'ani!

★️ Tokko maatii baay'ee sooressa irraa dhalate. Inni kan biraa immoo maatii hiyyeessa gidduudhaa dhalate.
⁃ Garuu lamaan isaanii abbaaf haadha isaanii irraa chromosome 23 qixa fudhatani!

★️ Tokko magaala bareedduu fakkeenyaf Norway, Paris, Canada fi kan kana fakkaatan keessa jiraata. Inni kan biraa immoo baadiyyaa ifaan iyyuu keessa hin jirre keessa jiraata.
⁃ Garuu lamaan isaanii du'a hin oolani!

❏ Gammachuun waan ati qabdu (material) irraa madda miti! Gammachuun keessoo keetii kan maddudha. Kunis walitti fufiinsaan rakkoo si mudate wal'aansoo qabdee injifachuu irraa madda.

❏ Happiness doesn't come from having everything, but making the best out of what we have, it's' all about how we see ourselves..!!

❏ Happiness is not having what we like. Happiness is liking what we have and learning to make the most of it by giving it!

❏ Happiness is a state of mind!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.4K viewsGetu Abera✟, 15:36
Open / Comment
2022-11-27 18:49:06 ❏ Nuti karoora hin qabnu taanaan namoota karoora qabanitu nu irratti hojjata.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬

๛ MUL'ATA MATAA KEE,
๛ KAROORA MATAA KEE,
๛ KAAYYOO MATAA KEE QABAADHU!

❍ Namni karoora cimaa karoorsee karoora isaa sana hojii irra hin oolchinee fi namni karoora hin qabne tokkuma.

❍ Karoorsuun qofti immoo bu'aa hin qabu. Karoora karoorsaniif amanamaa ta'uun, waan nama irraa barbaachisu hundumaaf aarsaa kanfaluun hojiirra oolchuu barbaachisa.

Kana gochuu baannaan garuu umurii harka namaa eeggachuu hin qabnetti harka namaa eeggachuu, yeroo ergachuu qabanitti ergamuu, yeroo hogganuu qabanitti hogganamuu, iddoo kabajamuu qabanitti xiqqeeffamuu namatti fiduu danda'a.

❍ Utuu akka namaa gaarii uffatanii, nyaatanii, dhuganii gammaduu hawwanuu, hamilee qofaan darbuu, utuu humna ofiitti fayyadamuun hin dhugoomsin, utuma kan namaa ilaalanii hawwanii jireenya ofii gadi qabuun, addunyaa irraa darbuu Waaqni nama haa baasu!

Karoorsanii karoora ofiis hojiin miidhaksuudha. Nama tahuu barbaannaan akkasumas galma gahuu barbaadaniif hojjechuuf karoora ofiitiif amanamaa tahuun hunda caalatti nama milkeessa!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
188 viewsGetu Abera✟, 15:49
Open / Comment
2022-11-26 19:40:58 #5.3 ULFAATINA QAAMAA (FURDINA) HUMNAA OLII
AKKAMIIN HIR’ISNAA?

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Bishaan dhuguudhaan.
Ganama akkuma hirribaa
kaaneen bishaan yoo
danda’ame loomii itti naqnee dhuguu qabna. Kana qofaan hin dhiifamu; nyaata nyaannu hundumaa waliin bishaan ga’aa sirriitti dhuguu qabna.
2. Shayii (keessumaa shayii magariisa (green tea) sirriitti dhuguun ni gargaara.
3. Nyaata sa’aa 1:00 boodaa (galgala) irraa of qusachuu qabna.
4. Nyaata miyaa’aa ta’an akka kuukisii, chiipsii, keekii mimi’aawoo irraa of
qusachuu.
5. Nyaata kuduraaf muduraa sirriitti nyaachuu qabna.
6. Nyaata zayitaa isa fayya
qabeessa akka olive oil, fish oil fi kan kana fakkaatan soorachuu!
7. Hirriiba ga’aa sa’aa saddeet argachuu qabna.
8. Torbanitti guyyaa sadii
yookaan afur sochii qaamaa daqiiqaa 30 hanga sa’aa tokkoo ta’u taasisuu.
9. Wantoota sammuun nu dhiphisan irraa of fageessuu
10. Buna osoo sukkaara yookiin mi’eessituu itti hin dabaliin dhuguu.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa

#5.4 Gosoota nyaataa kan
Mataa dhukkubbii, kaansarii, dhukkuba laphee, kan ittisanii fi fooyyessan jedhamanii doktoraan kan ajajaman kanneen armaan gadiiti:


━━━━━⊱✿⊰━━━━━

1. Hundee Diimaa (ቀይ ስር):
➛ Nitric Acid kan jedhamu of keessaa kan qabu yoo ta'u, dhukkuba kansarii ittisuuf akkasumas, hiddi dhiigaa dammaqinaan dhiiga akka raabsu taasisa.

2. Qaama Burtukaanii (የብርቱካን ልጣጭ):
Burtukaanni Vitaaminii C dhaan kan badhaadhe ta'uun isaa beekamaa dha.

➛ Qaamni yookiin gogaan Burtukaanii (Orange Pith) inni keessaa bifa adii qabu, fayyummaadhaaf baay'ee barbaachisaa waan ta'eef hamma danda'ame soorachuun ni gorfama. Akkasumas antioxide of keessaa waan qabuuf Kolestirolin dhiigaa wajjin akka walitti hin dabalamne godha.

3. Killee (Buuphaa) (እንቁላል):
➛ Killeen nyaata prootiinii dhaan badhaadhedha. Albuudni killee keessatti argamu rifeensa fi qeensa bareeda akka qabaannu taasisa.

4. Saliixa
5. Sanaafica
6. Foon Jabbii (የጠቦት ሥጋ)
➛ Foon Diimaa hundumaa irra foon jabbii caalatti faayidaa kan qabu dha.
7. Birokolii baay'ee qorre
➛ Keemikaalli Salforafooniin (Sulforaphone) gosa nyaataa kana keessatti argamu, sombii fi hiddi dhiigaa rakkoo nama gubuu akka hin uumne hambisa.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.3K viewsGetu Abera✟, 16:40
Open / Comment
2022-11-26 19:35:42 Daa'imman Haala Gaariin Guddisuuf Maaltu Godhamuu Qaba?

❍ Kutaa ─ 5ffaa

┃•Akkaataa Soorataa•┃
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Gaggeessummaa

#5.1 Furdina Qaama Ijoollee To'achuuf:

Furdinni qaama ijoollee garmalee kan dabalu yookiin hir'atuuf inni guddaan soorata irratti hundaa'a. Sababni guddaan yeroo baay'ee furdinni daa'imman mudatuuf, akka qorattoonni jedhanitti,
➛ Nyaanni rakasaa fi nama furdisan salphumatti argamuu isaaniiti.

➛ Namoonni nyaata madaalawaa sa'aatii sirriitti nyaachuu hin dandeenye qaamni isaanii
humna halkan balleessaa bule bakka buufachuu waan qabaatuuf, nyaata biraa nyaatan illee guyyaa guutuu miirri quufuu itti hin dhaga'amu.
Kanaafuu nyaata baay'ee nyaachuuf dirqamu. Kunis furdinaaf saaxila.
@Gaggeessummaa

#5.2 Qorichoota (Gosoota nyaata) naannoo keenyatti
argaman keessaa kan yeroo ammaa kanatti hedduu nu fayyadan. Ittisa qaamni keenya
dhukkuboota irratti qabu ol kaasuuf:

#Loomii
#Burtukaana
#Qullubbii Adii
#Ginjibila
#Raafuu
#Qaaraa /Qaccee
#Ittittuu
#Shaayee_Magariisa
#Paappayaa
#Qurxummii

➛ Dabalataan nyaata mi'eessituun itti baay'atu
soorachuu dhiisuu. Isaan kanneenii fi kan biroo nyaataa fi dhugaatii keenya guyyaa guyyaa keessatti dabaluun yoo fayyadamne ittisni qaamni keenya dhukkuba irratti godhu ni dabala.

HUB. Nyaatonni kanneen warreen vitamni 'C'
baay'inaan of keessaa qabanii fi humna ittisa dhibee qaama namaa kan dabalanidha.
(Immunity enhancers).

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.2K viewsGetu Abera✟, 16:35
Open / Comment
2022-11-25 19:37:56 Akeektuu Ogummaa (6):
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Kophaa yommuu jirtu,
√ Yaada kee hubadhu!
➋. Hiriyaa waliin yommuu jirtu,
√ Arraba kee eeggadhu!
➌. Yommuu aartu,
√ Miira kee to'adhu!
➍. Gareedhaan yommuu jirtu,
√ Amala kee ilaalladhu!
➎. Yommuu danqamtu,
√ Ilaalcha kee madaali!
➏. Waaqayyo yommuu si eebbisu,
√ Durii kee yaadadhu!
#Share taasisaa!!!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
110 viewsGetu Abera✟, 16:37
Open / Comment